Magarsaa Qilxuu


Channel's geo and language: Ethiopia, Amharic
Category: Politics


Hundumtuu guuteet miti
Irra keessa kolfinaa
Kan kaleessaayyu hin qoorre
Madaa keenya hin horfiinaa!
we love Our flag!šŸŸ„šŸŸ©šŸŸ„

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Amharic
Category
Politics
Statistics
Posts filter


Odeessa
Sanyii Naqaarsaa Giddaa Ayyaanaa jirti, wal ga'ii Aanaalee shanani(5)hirmaachisuf jedhe.


Sababa Network'f Odeessa Injifannoo Isinirraa Turee.

Lola gaafa guyyaa 28/02/2025 Aanaa Dagam ganda Qurquraatti lolameen
Injifannoon boonsaa galmaa'en

1.Bireenii (Pkm) 2
2.Qawwee Akm 26
3.Rasaasa Akm 3450
4.Rasaasa pkm 2100
5.Rasaasa dishqaa 1500
6.Reenfa diinaa hanga ammatti argame 65 fi madoo 100
IUOf
WBOn Haa Waaru


Yeroo K/Abiyyi guyyaa harraa qaama lolaaf qophaa'e jiru waliin RIB'n fulaaf fuulatti lole injifannoof qopha'eera jedhuutti.
Pirezedaantiin Masrii Alsisiin ammoo Minisitira dhimma alaa isaa gara Ertiraatti erguun dhagahame jira.
Dabalataan humni waraanaa guddaan Impayeera kanaa torbee kana karaa Affaarin dangaa irraa qubsiifama jiraachunis beekameera.

Impayeerri lola hin quufu wan ta'eef Oromoon Itti Yaadi.
Murtoon harka kee jira.

WBOn Haa Waaru
Oromiyaan Biyya.


#TDF humna Guddaan #Takazerraa gara#Walqayitti imalaa jirti.#Meshoonni Dammaqee Zawudu-----?




~Fiingeen Bilisummaa Oromoo Jaal Elemoon Afuufamte Cichoomina Dhaloota Kaayyoon Gudunfama!

Wadaroon jaallummaa naamusaaf sansakkaan kuulame, miciraan Oromummaa lafee angafootaan utubame, sabboonummaan dhiiga Oromootaan bakkaayyuu mirgise, safartuun gootummaafi tikseen injifannoo qabsoo bilisummaa Oromoo ayyaantummaa qulqulloota kaayyoo wareegamtoota qabsoo keenya kaleessaati. Imaanaa warra kaayyoo hinsharafnee qulqulloota qabsoo kalee nutis utuu hinsharafiin galmaan gahuuf aarsaa qabsoon gaafattu of-qusannaa tokko malee baasuuf falma gubbaa jirra.

Gadaan kun gadaa ilmaan dantaa sabaaf warraaquuti, warra fiingee qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Elemoo Qilxuun afuufamte dhaale, dhaloota sagalee rasaasaa yeroo jalqabaaf qabsoo bilisummaa Oromoof jecha Harargee Xirootti dhukaate fufsiisee qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoon goolabuuf hadheeffateeti.

Gadaa dhaloota waanjoo gabrummaa ganna 160 Oromoof Oromiyaarra bubbule dhiigaan buqqisee Oromiyaa walabaa ijaaruuf baroodee kokkee diina qabaa jirudha. Dhaloonni kun ayyaantummaa qulqulloota kaayyoon tikfamee shakkii tokko malee amna dheertuu dhiigaaf lafeen itti gabbaramte injifannoon irra ni aana. Dhaloonni kun dhaloota didaa gabrummaaf tole hinjenne boorrataa booree baasu, dhaloota rasaasa qabsoo bilisummaa Oromoof dhukaate sanitti xumura tolchudha.

Ayyaantummaan qulqulloota kaayyoo warri kalee dhiigaaf lafeen xurree qabsoo tattaraaree, gatiin dafqa dhiigaa jaallan keenya qaqqaalii qaanqee qabsoo bilisummaa Oromoo qabsiisuuf coccobee sun har'a tiksee fi riqicha injifannoo qabsoo keenyati. Imaanaa hin aloofneefi Irbuu hin ligidoofne gatii dhiigaaf lafee harkaa qabna.

Amna Eegalle Injifannoon Xumurra!

Injifannoon Uummata Oromoof!


Uummanni kuni hundi waltajjii ykn sabsabaa jedhan san taa'aa jira isinitti hin fakkaatin mana hidhaatu kana ta'e!

Uummanni Arsii Aanaa Muunessaa yakka tokkoon maletti bifa kanaan hidhamee dararamaa jira.


Intaalli kun meetii terefee jedhamti tika cimtuu finfinnee jiraatti takka takkas amboo illee ni dhufti iddoo hundaa deemti amala sabboonummaa qabdu fakkaattee namatti dhiyaatti sabboontoota hedduu nyaachisaa jirti ,jireenyaa Rabbumaa qarshii guddaa isheerra kuufatee qaba, konkolaataa mataashee qabeenya uummata midaaqeny saamaa turaniin isheetti kennuun akka garaasheetti gara deemtutti nyaachisaa,dhugsiisaa fi mana jireenyaa gantoota kan haala mijeessee ijaarsiisaa ture yartuu kana.
Kanaaf lafaaf bakka isheen jiraattu fi deemtu maratti sochiishee hordoffii godhi qeerroon.




Siyaasa Impaayeraa fi haala yeroo ilaalchisee har'a ajajaa Olaanaa AB0-WB0 Jaal Marroon ibsa ni taasisu. Uummanni Oromoo biyya keessaa fi ala jirtan hundumtuu affeeramtan. Sagantichi Live karaa ONM-ABO darba.

8:00PM Sa'aa Oromiyaatiin nu eegaa!


Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa jilicha ilaalchisee, ''bakka bu'aas achi keessaa hin qabnu, hin gaafatamnes, nu waliinis hin mari'atamne'' jechuun deebisan.

Itti dabaluunis, ''mootummaatu waan gama tokkoon gaafatamu gama biraan yaaluuf yoo tahe malee har'ayyuu humni keenya humnoota mootummaa waliin wal waraanaa jira,'' jechuun walgahii jedhame kana keessatti akka hin hirmaannee himan.

Obbo Jireenyaan, ''WBO qaama Mootummaa Ce'umsaa kanaa tahee ABO fi KFO jalatti haa qabamu'' jechuun dogoggora akka tahe kaasu.

''ABO-WBO jaarmiyaa of danda'ee socho'udha. Kaayyoo siyaasaa fi galma mataasaa qaba,'' jedhan.

Paartileen akka KFO silumaayyuu qabsoo nagaa gaggeessaa turan malee waraana qabaatanii hin beekan kan jedhan Obbo Jireenyaan, ''afaanfaajjii uumanni akkuma Sanyii fa'aa galan sana gochuuf yoo tahe malee waan tahu miti'' jedhan.

''Jaarmiyaa of danda'ee socho'u tokko dhufee ana jalatti waaradiyaa anaaf haa tahu jechuuniyyuu arrabsoodha,'' jedhan.

Kana dura waa'ee mootummaa ce'umsaa ka'u Ministira Mummee Abiy Ahimed 'waan ce'umsa jettan dhiisaa. Kun sirrii miti' jedhee aariidhaan dubbatee ture kan jedhan Obbo Jireenyaan, mootummaaniyyuu ni eeyyamaafii? jechuun gaafatu.

''Paartiin karaa nagaa falmeen aangoo qabadha jedhu waraanni kun nu jalatti haa galu jechuuniyyuu maal jechuudha? Yaadichi wal hin dhahuu?'' jechuun dabalanii gaafatu.

Itti dabaluun jilli kun akka qophaa'uuf mootummaatu deeggare odeeffannoo jedhu qabna jedhan Obbo Jireenyaan.

Ā©ļøMaddii BBC Afaan Oromoo


Hundeen Gaaffii Oromoo Maalii?

Yeroo sagantaan siyaasa ABO wixineeffamu Gaaffiiwwan gurguddaa lamatu warreen bu'ureessan gidduutti ka'e. Innis :-
Gaaffii Gitaa : kan hojjetaa, qotee bulaa fi kkf
Gaaffii sabaati .
Gaaffiin Gitaa irra caalaan namoota garaagarummaa ilaalcha siyaasaa qabaatan kan of keessatti qabatu ta'us rakkoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi Amantii namoota hunda tuqu irratti waloon qabsaa'uu yoo taā€™u.

Gaaffiin sabummaa sabni Oromoo akka sabaatti dhaaba tokko jalatti gurmaa'ee rakkoolee siyaasaa, diinagdee , hawaasummaa fi amantii furuu qaba jedhanii warra amanan keessaa madde.

Ta'us Gaaffiiwwan kana lamaan gargar qoodamee yoo dhaaba ABO bu'ureessine akka sabaatti qaawa uumuu mala jedhameetii ABO'n gaaffiiwwan lamaan kana irratti wixiname.

Gareen Gaaffii gitaatti amanu Oromoon saboota biroo waliin qindaa'ee mirga isaaf falmachuu qaba fi siyaasa federaalizimii & Kaappitaalizimii lixaa warra hordofuu hawwanidha. Gareen gaaffii sabaa immoo siyaasa socialism warra hordofuu fedhanidha. Akkuma Addunyaatti erga lolli Qabbanaawaan ( cold war ) dhumatee gaaffiin guddaan ka'aa ture fi jiru kan sabaati. Kanumaan Garaagarummaan yaadaa warra kana lamaan gidduutti dhalachaa dhufe. Yeroo sanaa hanga ammaa Oromoo fi sirna cunqursaa jidduu falmiin jira. Oromoo fi Oromoo jidduus falmiin jira. Falmiin Oromoo keessaa kun akka hin jirreetti irra dibuun kan cunqursaa qofa irratti xiyyeeffachuun qabsicha jidduutti akka qaawwi uumamu taasisaa ture, harā€™as jira. Kanumaan kaā€™uun lubbuun qabsaa'ota qaalii hedduu akka galaafatame fi ammas itti jira. Akka dhaabaatti garaagarummaan inni jalqabaa kan ifa bahe 1978 yeroo Jaarraa Abbaa Gadaa ABO keessaa bahuun "ADDA BILISUMMAA ISLAAMUMMAA OROMOO " hundeessedha.

Ergasiis Sagantaa dhaabichaa osoo haalaan hin hubatin ykn hin liqimfamneef irraa ka'uun ABO'n bakka hedduutti akka fofottoqu ta'e. Kan namoonni hedduun hanga har'aatti dubbachuu sodaatan ykn qaanfatan sababa wal dhabdee kaayyoo fi hoggansaan ka'een lubbuun jaallan qaalii hedduun badeera. Qabsichi fuulduratti akka saffisa hin godhanne fi lafarra akka butamu Sababni taasise guddaan kanadha. Kanaaf hanga harā€™aattis hafuu dadhabee lubbuu qaalii nyaataa jira.Ā Ā  "Sabni kun abaarsa qabaa laata?" jechuu dhiifnee garaagarummaa jiru irratti akka diinaatti wal ilaaluurra mari'atamee yoo fuulduree qabsoo Oromoof akeeka kaa'an furmaata jedheen yaada.

Kanas ta'ee sana wixinamuun ABO faayidaa gurguddaa lama qaba akka sabaatti . Isaanis :-

Oromoo sabni jedhamu Impaayera itiyoophiyaan liqimfamuu irraa baraareera.Ā  Mirga hiree ofii murteeffannaa laboobsuun alaabaa dhuunfaa , qubee afaan Oromoo , kaartaa Oromiyaa fi sabboonummaa cimaa uummatni kun akka gonfatu taasiseera.
Ammaa kan hafee biyyaa Oromiyaa jedhamtu sammuu dhaloota keessaa jirtu lafa irratti ijaarrudha. Kana gochuuf ammoo tokkummaa saba Oromoo murteessadha. Oromiyaan biyyaa walabaa ni taatii kanumaaf lubbuun qaaliwwaan kumaatamaan itti kitimammee.

Oromiyaan biyyaa!


Ajajootni Waraanaa kunneen Garee ABO fi KFO waliin wal arguuf akka jiran beekamee jira.Kaayyoon isaanii Nagaa waaraa oromoof oromiyaa barbaaduu osoo hin taane yaadanii Lola Eertiraa irratti Duula Waraanaaf Akka qopheessaan yaada jedhu irratti tumsaaf akka tolutti suuraa waliin ka'aanii Ilmaan Iyyeessaa Afaan Fajjessuuf itti yaadameeti oromoon dammaqinsaan waan kana ilaaluu qaban.
1, Jeneral Geetaachoo Guddinaa
2, B/Jeneral Naasir Abbaa Diggaa
3, B/jeneral Tasfaayee Raggaasaa
4, L/Jeneral Shumaa Abdataa
5, B/Jenreal Dirribaa Mokonnin
6, B/Jeneral Kabbadee Raggaasaa
Warruu ilma sabaa
#Warruu #Ilma #Sabaa


Inbox
Nagaan siif Haa ta'u.
Akka tasaa social media hin fayyadamta mitii jedhanii na gaafatan. Eeyyeen jedheen . Leenjii wayii seeni durgoo gaarii qabaa naan jedhani tole jedheen seene. Yeroo seennu akkas jedhani warri kanaan dura account banattan account keessan hundumaan share ,like fi comment gootanii yaada warri jijjirama nuti finne kana Morman akka dura dhaabattan. Fkn fi ABO fI KFOn motummaan carraa isaaniif Lannaan kora godhatanii mootummaa ce'umsaa jechuu eegalani. Mootummaa kana isintu fide kanaaf post ta'u jala deemaa nuti mootummaa keenya filanneerra. Isin boodatti haftaniittu ofii ce'aa jedhaa comment godhaa. Yoo xinnaate namni tokko account 10n fi isaa ol qba. Uummata biraan ga'i.kun Hojii Mafia PPti


Garbummaa fi waraa-nni wal hin jaallatan, waraa-nni farra garbummaati. Kanaaf warra garbummaa sabarraa waraa-nu jaallanna, hawwina, dheebonna! Garboomuun cubbuu miti, garbummaatti hafuutu cubbuu guddaadha malee. Irree garboomsaa cabsee walabummaa kan lalisiisutu isa. Kanaaf waan hunda moggeessinee isaaf bakka laanne. Inni haa jiraatu!


Dubbii cimaa Biraan Impaayera Maafiyaa PPtti Dhalate
****
Ha
leellaa milishaa naannoo kibba Ityoophiyaa keessatti raawwatameen lammiileen Keeniyaa 20 ol ajjeefamaniiru.

Miidiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti hidhattoonni naannoo kibba Itiyoophiyaa irraa dhufan qarqara haroo Turkaanaa, daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa irratti argamu, qarqara haroo Turkaanaa irratti, daangaa Todonyang irratti haleellaa tasa raawwachuudhaan namoota qurxummii qaban 20 ol ajjeesuu isaanii gabaasaa jiru.


Cibraa Amaanaa Jaal Mo'ii haleellaasaa ittuma fufuun ganama har'aa Gaara abbaa seenaa jalatti Kan argamtu bakka JOOGIR jedhamutti kaampii isheetti itti seenuun ergamtuu sirnichaa fayyaatti lama booji'ee kilaashii,hidhannoo,korojoo waraanaa,rasaasa akkasuma meeshaalee Kan biroo baayyee diinarraa irraa hiikuun gurmuusaaf gumaacheera.

Hanga bilisummaatti falmaan itti fufašŸ¤œšŸ¤›

IUOf


#OduuAmmee
---
1.Eritiraan meeshaa Waraana Azarbajaan irraa mootummaan Abiy bitate doonii sadii galaana diimaa irratti boojitee fudhatte. Itiyoopiyaa waraanuuf qophii xumurtee of qopheessitee jirti.
2. Humnoonni Faannoo kuma 24 tahan Eritrea keessatti leenji'aa turan Waraana kana Eritrea gargaaruuf of qopheessaa jiru.
Walumaa gala Oromoon Waraana Chuchaan Eritrea Waraanna jedhee itti qophaa'aa jiru fashalaaheera. Humni Abiy ammatti Waraana Eritrea loluu hin dandahu. Yoo cinaannatee Waraana kanatti seeneef diinni Oromiyaa keessaa WBO lolu ni xiqqaata. Kiiloon 4 qabadhuun sana booda akka ajaahibatti nuuf salphata.
Kanaaf Uummanni keenya Waraana isa dhumaa WBO'n gaggeessuuf jedhu kana itti daabalamtanii loluun Oromiyaa Walaba gochuuf akka qophooftan dhaamsa kooti!


Oduu Ammee
---
Imbaasiin Itiyoopiyaa Eritrea jiru cufamee jira!


Qabsoon Bilisummaa Oromoo Uummata gadadoon garbummaa saggoo cabs-e garbummaa irraa cabs-anii aangomsuudha malee; ofii uummata garbummaa keessa jiru irratti aangomu miti. Aangoo sirriin uummata aangome keessatti dhugooma!

20 last posts shown.