Oduu sportii


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Sport


ODUU ISPOORTII ⚽️⚽️⚽️
Primier league ⛳️
Laliga ⛳️
Serie A ⛳️
Bundesliga ⛳️
ligue 1 ⛳️
fi oduulee kubbaa miillaa kanneen biroo hunda ni argattuu
Buy ads: https://telega.io/c/odusportii

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Sport
Statistics
Posts filter


✅Tapha amma taphatamee ka'een Arsenal Crystal Palace waliin 2 qixa xumuraniiru. Galchiiwwaan Arsenal Kiwior fi Trossard yommuu galchan kan Palace ammoo Ize fi Mateta galche

🥇Taphni har'aa qixa waan dhumeef Liverpool taphoota hafaniif irraa qaphxii 1 argateennaan Shaampiyoonaa Piriimeer Liigii bara kanaa ta'uusaanii nii mirkaneeffatu.🏆

@odusportii


【DPK-AI Trading】Automatic quantitative system can automatically search for the lowest selling price of digital currencies such as BTC, ETH, USDT, etc. on major exchanges, and quickly purchase them in seconds.

1.DPKAI-quantification, deposits and withdrawals are automatically credited.

2. VIP1-VIP11, quantitative income 20% -35% income.

3. Support multi-currency, smart investment income 25%% up to 40% income.

4. Quantification is reset every 24 hours, and each person can participate in quantitative trading income once a day.

5. Recommend three-level agent invitation rewards, the more invitations, the more rewards, there is no upper limit [A reward 10%, B reward 5%, C reward 3% = 18% reward], send the invitation link to share to your social software, such as: Tiktok, Facebook, Twitter, YouTube, Instagram, WhatsApp group, Telegram group, etc.

【DPK-AI Trading】Registration link:  https://dpk-ai.com/#/register?ref=123298

【DPK-AI Trading】Online customer service: https://chat.ssrchat.com/service/gomw2j


Luqaas 24:34 "Gooftaan dhuguma ka'eera."

Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundumaaf baga ayyaana du’aa ka’uu gooftaa keenyaa fi qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosin nagaan geessan

Ayyaana gaarii! 🎉 .

@odusportii


Goolii eegaa Astoon Viilaa lammii Arjentiina Emiliyaano Martiinez badhaasa goolii eega cima bara 2024 injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


Aleehandro Garnaacho injifateera !

Taphataan Maanchistar Yuunayitid Aleehandro Garnaacho bara dorgommii darbe goolii Evartan irratti lakkoofsiseen badhaasa Puushkaash injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


Fifa best 11 of the year.

Riyaal Maadriid - 5
Maanchistar Siitii - 3
Baarseloona - 1
Astoon Viilaa - 1
Arseenaal - 1

@odusportii @abhcr297


Leenjisaan Riyaal Maadrid Caarlo Ancheelotti leenjisa cima bara 2024 jedhamuun badhafamaniiru.

@odusportii @abhcr297


Vinisiyees injifachu danda'eera !

Taphata Riyaal Maadrid lammi Biraazil Vinisiyees Juuniyeer taphata cima 2024 jedhamuun badhaasa FIFA MENS PLAYER injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


“ Mo'ichi nuuf mala turee " Arteetaa

Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteetaan qabxii tapha Evartan waliin taasisan irratti argatanitti gammachuun akka isanitti hin dhaga'amne dubbataniiru.

" Taphicha injifachu dadhabu keenyatti baayyee areera " kan jedhan Mikeel Arteetan taphicha sirritti injifachu qabna ture jechuun isaanii dhaga'ameera.

" Evartan akka isaanii kubbaa kallattii isaa eegattes ta'ee kallatti hin eeganne akka isaan yaalan hin eyyamneef dabalataniis taphicha to'achuu dandeenyeera " jedhaniiru.

" Deeklan Raayis jijjiramee kan ba'ee mirri gaarii waan itti hin dhaga'amneef dha Maartiin Odeegaard garuu kan jijjiramee kan ba'ee Taaktikaaf dha " jechuun dubbataniiru.

@odusportii @abhcr297


Liivarpuul fi Arseenaal qabxii gataniiru !

Dursaan Priimeer Liigii Ingilaand Liivarpuul dirree isaa irratti Fuulhaamiin keessumeesse 2 fi 2 n taphicha xumuru danda'eera.

Gooliiwan Fuulhaam Perieera fi Muuniz yommuu lakkoofsisan kan Liivarpuul immoo Gaakpoo fi Diyoogo Joota lakkoofsianiiru.

Arseenaal Imreets irratti Evartan keessumeesse 0 fi 0 n taphicha xumuru danda'eera.

Arseenaal bara dorgommii kana si'a ja'affaa qabxii hirmachuun tapha xumureera.

Tapha biraattiin Niiwkaastil Yunaayitid Leestar Siitii 4 fi 0 n injifachu yommuu danda'uu Ipswiich Taawun Woolvsiin 2 fi 1 n injifateera.


Sadarkaan Liigii isaanii maal fakkaata ?

1️⃣ Liivarpuul :- Qabxii 36
3️⃣ Arseenaal :- Qabxii 30 
9️⃣ Fuulhaam :- Qabxii 24 

Gooliiwan lakkawaman ilaaluuf - https://t.me/+phSM6ZbdgZJlMDE8

Taphootni isaanii itti aanu maal fakkaata ?

Sanbata - Kriistaal Paalaas fi Arseenal

Dilbata - Tootinhaam fi Liivarpuul

@odusportii @abhcr297


Seeneegal leenjisaa haaraa mudteetti !

- Gareen biyyaaleessa Seeneegal ji'oota dura Aliiyo Siisee aangoo irraa kaasuun isa ni yaadatama. Amma immoo leenjisaa haaraa muddu isaanii gareen biyyaaleessaa Seeneegal ifa godheera.

- Gareen biyyaaleessa Seeneegal taphata isaanii dura Paapee Tiyaaw leenjisaa gareecha gochuun muddeera.

- Paapee Tiyaaw aangoo irraa ka'uu Aliiyoo Siisee booda leenjisaa yeroof ta'uun akka dursee turee ni yaadatama.

@odusportii @abhcr297


Arseenaal taphattootni isa dirreetti deebi'uufi !

- Taphataan sarara ittisa Arseenaal lammii Biraazil Gaabreel Maagaales shaakala hojjechu jalqabuun isa ibsameera.

- Haalaa kanaanis Gaabreel Maagaales garee Arseenaal har'a Evartan keessumeessu keessatti makamu danda'a.

- Riikaardo Kaalafiyoori ilaalchisee " Guyyaa Dooktarootti itti hin deebi'a jedhan ni eegna " jechuun Miikeel Arteetaan dubbataniiru.

- Oleeksaandir Ziincheenkoon miidhama isa muddatteen dirree irraa akka fagaatus leenjisaan Kilabiicha Miikel Arteetaan dubbataniiru.

@odusportii @abhcr297


Leenjisaan cima Priimeer Liigii Ingilaand ji'a sadaasa ifa ta'eera !

- Leenjisaan cima Priimeer Liigii Ingilaand bara dorgommii 2024/25 ji'a sadaasa ifa ta'eera.

- Leenjisaan Kilabii guddicha Marsiisayid Arnee Sloot leenjisa cima ji'a sadaasa jedhamuun filatameera.

- Arnee Sloot Liivarpuuliin dursuun taphoota ji'a sadaasatti taasisee sadan injifachu danda'eera.

- Leenjisaan lammii Neezarlaand Arnee Sloot badhaasa isa jalqaba kana fudhachu danda'eera.

@odusportii
@abhcr297


Taphataa cima Priimeer Liigii ji'a kana ifa ta'eera !

- Taphataan cima ji'a sadaasa Priimeer Liigii ifa ta'eera.

- Taphataan sarara fuldura urjii Liivarpuul Moohamad Saalahn taphata cima Priimeer Liigii ji'a sadaasa jedhameera.

- Moohamad Saalahn taphoota Priimeer Liigii ji'a sadaasatti taasiseen Goolii afurii fi kubbaa tokko mijjeessee kennu danda'eera.

- Moohamad Saalaahn si'a ja'affaa dha kan inni taphata cima Priimeer Liigii ji'a injifachu kan danda'ee.

@odusportii
@abhcr297


“ Kaayil Waaker bira ni dhabanna “ Maanchistar Siitii

- Maanchistar Siitiin taphata isaanii toora Sooshaal Midiiya addaa addaattin arabsoo sanyumma isa qaqabba jiru Kaayil Waaker cina akka dhaabatan ibsaniiru.

- Kaayil Waakar tapha Maanchistar Siitiin Juuventuusin 2-0 injifatame booda arabsoo sanyumma isa qaqabba jiraachu isa toora Sooshal Miidiya isaatti ibseera.

- Taphattichi toora Inistaagirami isa irratti arabsoon isa qaqqaba jiru fudhatama akka hin qabne ibsuun " qaamni wanti kun isa ilaalattu dhaabisu qaba " jedheera.

- Maanchistar Siitiin ibsa gaazexesitootaaf baaseen “ Arabsoowan sanyummaa addaa adda akkasi tasuma fudhatama hin qabu “ jedhaniiru.

@odusportii
@abhcr297


Cheelsiin injifateera !

- Konfireens Liigii Awurooppa tapha 5ffaa Cheelsiin 3-1 Astaana injifachu danda'eera.

- Gooliiwan mo'icha Cheelsii Maark Guehii 2x fi Reenato Viiga lakkoofsisu danda'aniiru.

- Cheelsiin Koonfireens Liigii Awuroppa irratti taphoota 5 taphatte injifachu danda'eera.

- Sadarkaa Koonfireens Liigiitiin meeqafa irra jiru ?

1️⃣ Cheelsii :- Qabxii 15
2️⃣4️⃣ Astaana :- Qabxii 4

@odusportii
@abhcr297


Taphata cima Chaampiyoons Liigii torbee kana !

- Taphataan sarara fuldura Arseenal Bukaayo Saakaan taphata cima Chaampiyoons Liigii torban kana jedhamdhuun filatameera.

- Bukaayo Saakaan tapha Chaampiyoons Liigii torbee kana Moonako waliin taasiseen Goolii 2 fi kubbaa 1 mijjeesse kennuu danda'eera.

- Sadarka isaan ittiin xumuraniis kana fakkaata :-

1ffaa Bukaayoo Saakaan

2ffaa Antuwaan Griizmaan

3ffaa Maayikil Oliise

4ffaa Maarko Bizoot

@odusportii
@abhcr297


Liivarpuul fi Cheelsiin tapha tola-ooltumma ni taphattu !

- Taphattoonni seenaawo Kilabii guddicha Ingilaand Liivarpuul taphatoota seenaawo Kilabii Landan Cheelsii waliin Anfiild Rooditti taphachu yaadu isanii ibsameera.

- Faawundeeshiniin gargaarsa Liivarpuul taphoota akkasii 9ffaa isaa Anfiild Rooditti taasisuuf qopha'uu isaanii ibsameera.

- Galiin taphicha irraa argamu guutuun Faawundeeshini Liivarpuuli fi dhabbatoota gargaarsa Cheelsii jalatti argamaniif akka oolu ibsameera.

- Taphoota 8 kanaan dura godhamaniin Liivarpuul Paawundii Miliyoona 7.5 funaanuun isa ibsameera.

- Taphni Kilaboota laman kana gidduutti taasifamu guyyaa gaafa 13/7/2017 taasifama.

@odusportii
@abhcr297


Kiliyaan Mebaapeen miidhamni akka isa muddate ibsameera !

- Taphataan lammii Faransaay Kiliyaan Mebaapeen miidhamni cinaa isa irratti isa muddachuun isa ibsameera.

- Kiliyaan Mebaapeen tapha Atalaanta irratti miidhama isa muddateen boqonnaa dura jijjirame ba'uun isa ni yaadatama.

- Sababa kanaanis Kiliyaan Mebaapeen guyyoota hin murtoofneef garee isaaf tajaajila laachu akka hin dandeenye ibsameera.

- Sababa kanaanis tapha Laaliga Riyaal Maadrid Raayo Vaayokano waliin taasisu akka isa darbu ibsameera.

@odusportii
@abhcr297


Turtii Alfoonso Deevis Baayer Muunik keessattii ?

- Taphataan Baayeer Muunik lammii Kaanada Alfoonso Deevis waliigaltee inni Kilabicha waliin qabu dhuma bara dorgommii kanaatti hin xumurama.

- Taphattichi hammayyuu waliigaltee isa hin haaromsine turtii isaas shakkii irra jira.

- Kilaboonni Laaliga Riyaal Maadrid fi Baarselonaan taphaticha mallatteesisu ni barbaadu.

- Dabalataanis Maanchistar Yuunayitid fi Liivarpuul taphaticha irratti fedhii agarsiisaniru jechuun Ze Atiletiks gabaasera.

- Baayer Muunik taphattichi akka inni waliigaltee isaa haaromsu ammaniiru , Taphatichis Kilabicha keesaatti gammada dha.

@odusportii
@abhcr297

20 last posts shown.