OF-IJAARUU


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Psychology


Jireenyi keenya akkuma ijaarsa manaati. ni ijaarama.
1️⃣ Self discovery
2️⃣ Spiritual mind set
3️⃣ we filter out anything we don't want to have show up by Gods word and Focus on what we Desire!
4️⃣ Waan jireenya fooniif Hafuura Ijaarutu dubbatama!

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


Devotional message
Livestream on!
Jimaata
🕜12:25


Abdii Qabdanitti Gammadaa!
Rakkina obsaa!
Waaqayyo kadhachuutti Cimaa!
Kanumatu Deebiidha waan Hundumaaf!

Kanumaadha Furmaatni Jedha Dubbiin Waaqayyoo!!

Rome 12:12

Galgala Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️


“Ani siif amanamee akkan deddeebi'utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!”
— Far. 86:11


Sanyiin Gaafa Facaafamu ykn Dhaabamu Qeenxee,ykn tokko Qofadha malee Kan Inni Godhatu Ija tokko miti! Biqilaa Avokadoo,Burtukaanaa Mooraa Keenya Keessa Dhaabame Jiru! Abbaan Koo Gaafa Dhaabe Ija tokko ,ykn Biqilaa tokko Qofa Ture Har'a ijinni Qabu Garuu Maatii keenya Hundumaa Darbee ollaa Keenya Biraas Gahee Jira!
Namni Biqilaa Gaafa dhaabu Biqilaan Kun Hammam Gahuu akkanni Danda'u Beeka,Bu'aa inni buusuu danda'u Beeka Kanaafuu isa Kunuunsu hin Nuffu! Abbaan Koo Ganama Ganamaan Ka'ee Gaafa Bishaan Itti Naqu, Gaaf Gaaf Gaafan harkaa Fuuchuuf yaadu Biqilaan Akka Ijoolleeti Naan Jedhe Hin kunuunfamu yoo ta'e Gad+Deebi'a Jedha! hammanni Hiddasa Gad-fageeffate jabaatutti!

#Garuu Waanti BEEKUU Qabnu Firee hamminni Godhatus,Hamma inni Dagaagee Guddatus Biyyoof Bishaan Keessa Jiru osoo hin taanee sanyichuma Keessa Jira! ↩️I know toora kana irra Deebi'i dubbisi!
Maatiirra Darbee Mandara tokko quubsuu danda'uunsa Biyyoo Keessaa,Bishaan Keessas,CO2, Keessaas Hin Jiru Keessuma sanyichaa Jira!

Yesuus Waayee Sanyii Mootummmaa Waaqayyootti fakkeessee Bartootatti Dubbatee Ture. sanaafica iji isaa sanyii hundumaa irra xinnayyoo dha, yommuu guddatu garuu biqila hundumaa irra caalee mukas ta'e, simbirroonni dhufanii damee isaa irratti mann'ee in ijaarratu jedhee Isaanitti Dubbate!

Guddinni sanyii hamma Isaa Keessa osoo hin Taane Keessa Isaa Jira hamma inni Gahuu Danda'u!

#Maatiin Keenya Sanyii Olkaa'u Mitiiree? Sanyiin Hin Nyaatamu! Agartan mitiiree Se'anammoo Mootummaanu sanyii Filatamaa Jedhee Raabsaa💁🏿?
Sanyiin Mana Keessa Jiraannan Abdiitu Jira, Sanyiin Mana Keessa Jiraannan Waggaa Dhufus Gombisaa Keessaa Waa hin Dhabamu!

Amma Waayee Biqilaa miti Waayeee Keen Haasa'aa Jira, Sanyiin si Keessa Jiraannan Abdiitu Jira!

#Muka Guddaa Ta'uun Sanyii Sanaa Sanyichuma Keessa Jira! Fireen Nama Baayyee Gahu sun Sanyichuma Keessa Jira!

Sanyiin innumti Maatii, mandara,Biyya sooruu Danda'u Kun Garuu Gahumsa hamma kana Gahu baatee Firee tokko Qofa ta'ee Hafuu Danda'a!
Biyyee Gaariin,Bishaanniif Aduun Wantoota Gahumsa Sanyiin Qabu Ifatti Baasanii Wantoota Mul'isaniidha!

#Waaqayyo Hundumaa Keenya Keessa Sanyii Guddatu,Nyaataaf,Gaaddisa Namoota Heedduuf ta'u nu Keessa Kaa'era Gahumsa Sanyiin Kana Ifatti Kan Baasu Nyaata sanyichaa Kan ta'e Bishaan,Aduu,Biyyee Gaarii ,Kunuunsa dha Obboloota Koo!


Kan Nu Keessa Dhaabame sanyii Guddummmaati!


Nama Waan Namootni Keessa Jiran Argee Haasa'u osoo hin Taane Nama Waan Keessa Namoota Jiru Argee Haasa'u Ta'i!
hamma Waan Keessa Namoota Jiru argitee haasa'uu Hin Dandeenyeeti Waan isaan Keessa Jiran ilaalte yoo haasofte Jireenyi Kee Qalbiin ATI ittiin waa Ilaaltu Hammam Akka ta'e Afaanuma keen Namootaaf Ibsite Jechuudha!

Sababiinsa ATI argites Arguu baattes Nama Waan Keessa Isaa Jiru Beekuuf Waanti ATI Dubbbattu Garaagarummaa hin Qabu Garuu Hammi Kee Akka tilmaamu Gootetta!

Akka alaan Ilaalamutti Namoota Beekuuf Akkasumas Fudhachuuf Yaaluun ,akkaataa sanaanis Dubbachuun Boodarra Afaan Namaa Gaabbiin Guuta!

Anaaf si miti Akka alaan Ilaalamutti Yesuusiiiniyyu Fudhachuuf Namootni Rakkachaa Turan!

Kanaafu Eenyuyyu of Define Gochuuf Hin dhama'iin! Namootni Waan Nuti Of-hiiknee waayee KeenYa Hubachiisu yaalleef Nu hubatu miti,yoo Fedhii Beekuu Qabaatan Qofaadha!

Kanaafu Waan Jiraattuuf Dubbachaa ,Waan Dubbattu ammoo Jiraachaa deddeebi'i!
Kanaaf Yesuus Of-ibsuuf hin dhamaane, Namoota Isaa beekuu barbaadaniif ammoo Isanni waan Jiraachaa Jiruuf Dubbaachaa Ture,Waan Dubbachaa Ture ammoo Jiraatetu Yesuusiin Hubachuuf isaaan Gargaare!

yesuus an buddeena Jireenyaati jedhee Kan Natti Amanuu hin Beela'uu hin dheeebotus Jedhe(yohn 6:35) irratti Achumaan yohn 6:1-13 Ammoo Namoota Kuma shan Nyaachise!

yesuus an ifa Biyya lafaati,an ifadha jedha (John 8:12) sana booda Nama Jaamaa sanaaf Agartuu Isaa Deebiseef(John 9:6-8)

Yesuus an Du'aa Kaa'uudha Jireenyas,Kan Natti Amanuu yoo du'eyyu hin Jiraata jedhe sana booda ammoo yohn 11:43 Sagalee Isaa ol-fudhate Alaazar Jedhee Waamee Du'aa Isa Kaase! Jireenya Akka ta'e Mirkaneesse yesuus!!

Kana Duwaa miti Yesuus an tiksee Gaariidha Jedhe Bartoota Isaan tiksee Gaariin Lubbuusaa Dabarsee Hoolotaaf hin Kenna jedhe utuu baayyee hin turiin akkuma Jedhe Jireenya Isaa Dabarsee Kenne!

Waan Jiraannuuf yoo Dubbanne,Waan Dubbanneef Sanammo Yoo Jiraatne Sadarkaa ittii Namootni Nu Beekuuf fedhi Qaban Nu Beekuu Danda'an irra Geenyeerra Jechuudha!

Iddoo Nagaa oola!
Gooftaan faana Keessan haa Qajeelchu!


Itti gaafatamummaan Akka Jiru beekutu,dhibaa'ummaa irraa Akka Namni of+eeggatu Godha!


Waaqayyo Nama wal-fakkaatu hamma har'aatti Hin uumne,Boris hin uumu!
Yoo Xiqqaate hamma har'aatti Ashaaraa harkaa Walfakkaataa qabaate Namni Dhalate hin Jiru Addunyaanuu Kanaaf Waraqaa Eenyumeessa Namaaf Waan Nama Hundumaa addaa adda Godhu kana fayyadamti!

Waaqayyoon Fuulduratti Akka itti Beekamnu Kan Dhuunfaa Dhuunfaa KeenYa Qabna, Walitti ykn Akka garee Wayiitti osoo hin karaa "unique" Kan mataa mataa Keenya Waaqayyoon Duratti ittiin Beekamnu Qabna!

Akkuma Unique taane uumamne Kanatti Akka Waaqayyoon Fuulduratti Beekamne Jirru sanatti LAFA Kanarraa Jiraachuuf yaada Waaqayyo Karaa Keenya Qofa Xumuramuuf danda'u sana Raawwachiisuun Garuu Waan Namni Hundumtuu itti milkaa'e miti!
Baayyeen isaanii Achievement mataa Isaanitti Warra Quufan Ta'an Waan ta'eef!

Barumsi Keenya adda Nu hin Godhu Doctor 💊 Ta'uun , Engineer Ta'uun KeenYa, Accountant,......waan Feetan Jedha kana Hundumaa Ta'uun adda Nama hin Godhu! Kun Waan sirratti Jalqabe miti,si dura Nama kuma heedduutu ta'e!
Baayyeen Keenya Waan Guyyaa Keessa taaneen,ykn Sadarkaa Guyyoota Jireenya Keenya Keessatti argannuun waan adda ta'uu Dandeenyu Nutti Fakkaata! inni Dhugan Garuu Waan Waaqayyo Dhalachuu Kee Dura Guyyoota Jireenya Kee Keessatti Barreesse sana Jireenya Kee Keessatti Qabatamaa Akka Ta'u Gochuu Danda'uudhaan Achi KEESSAAN Dhiibbaa Waaqayyo Karaa Kee Uumu Barbaade fiduudha!

Waaree Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️


Obbolootni Keenya Mooraa Arba Minch tti Ramadamtan isin Simachuu Dandeenya Hiriyyoota Keessan as Arba Minch University isaan gahes Beektan Yoo qabaattan Nu beeksisuu Dandeessu!

0902530815 ykn 0910548956

Arba Minch Main campus Student Fellowship!


Our todays Devotional Message!
Warra Argamtan Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️!
Warri Hin Argamne Livestream Record kana Dhaggeeffachuu Dandeessu!!

Our todays topic: " Nuyi Warra Dhumni Barichaa irra Gaheef MAAL Gochuutu Nuuf ta'a?"




By sharing the following link You can invite your friends to join us https://t.me/ofijaaruu?livestream=2a6dbdc3af4fc2b755

Devotional Messages!
🕜12:30-1:00
Livestream on Of+IJAARUU

Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️


Nama Gatii Kaffaluu Hin barbaadneef homtinuu isaaf hin Malu!
Nama Waa hin malleef ta'anii Waa argachuurra, Nama Waa maaluuf ta'anii waan Namaaf Malu argachuu Dhabuu Wayya!


Daily Devotional Messages On OF+IJAARUU

Ergaan Livestream dhan Darbe Maal Ture?
#waayee Amantii?
Amantii Jireenya Namaa Keessatti MAAL Gochuu Danda'a?
✍🏿Nama Amantii Qofaatu akkanni Jabaate Dhaabbatu Gochuu Danda'a!
Isa 7:12 ".....yoo Amanuudha baattan JABAATTANII Dhaabbachuu hin dandeessan"

Fars 116:10. "Yeroo Ani Guddisee Rakkadheera Jedhettiyyu Ani Amantii Koo Nan Eeggadhe"

Jireenyi Namaa Akka Raafamu ,iddoodha Akka socho'u Kan Godhu Jabina Waanti isatti dhufe qabuun osoo hin taanee, Amantiin Keessa Namaati gad+bu'uudha!

#Amantiin karaa ittiin waanti Waaqayyoon BUKKEE Jiru nu bukkeetti Qabatamaa ittiin ta'uudha!
2mot 7 samariyaan yeroo marfametti , Namni Waaqayyo Elsa'i Bor yowwana Waanta Gaariitu ta'a,boru waanti Hundumtuu hin Jijjiirama jedhee Jennaan Ajajaan loltuu tokko Kun ta'uu hin Danda'u Jedhe. Namni Waaqayyo Kun hin ta'a ATI Garuu hin agartu ittiin Jedhe! Sababii Amantii isaaf Waan Waaqayyo Qopheesse arguu Dadhabe!

#Amantiin Waan Ijaan hin argine Akka Waan arganiitti Jira Jedhanii lakkaa'uudha Jedha! Waayre Amantii isaaniif Namoota Dhugaa ba'ameef tarreessa! ibra 11
#Abeel Amantiidhaan Aarsaa Caalu dhiyeesse
#Nohi Amantiidhaan Bidiruu tolche
#Abrham Amantiidhaan Waaqayyo Dhaga'e bahe
#yaaqob Amantiidhaan biyyichuma Keessa taa'e Dachaa 100 argate
#Museen Amantiidhaan ilma intala fara'oon Jedhamu dude
#Sabni Israa'el Amantiidhaan Akka Nama LAFA gogaa irra adeemutti galaana diimaa Ce'an....................

2Qor 5:7 "Nuyi Amantiidhaan Jiraanna"
ibr11 "Amantii malee Waaqayyo Gammachiisuun hin Danda'amu!

#Egaa har'as Akka Namoota Amantii hin Qabne Jireenya Keenyaan taana taanan Irra deebine of+ilaaluu barbaachisa?
Amantiidhaan fayyine, Amantiidhaan dubbanna, Amantiidhaan deddeebina, Amantiidhaan murteessina, Amantiidhaan Amantiidhaan Amantiidhaan!!
#Kiristoos Amantiidhaan Erga Nu Keess Jiraate Jireenyi nuti Jiraannu Hundumtuu Amantiidhaan ta'uu Qaba!

“Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!”
— Yoh. 14:1

#Kutaa kana irratti Yesuus Garaa Bartoota Keessa Raafama ,Sodaa Jiru Arga Ture! Garaan Isaani Kan raafameef ammoo inni isaan waan Hundumaa Dhiisanii Isa Duukaa bu'an Kun Akka deemuuf Jiru itti Haasa'u waan jalqabeefidha! Kutaama kana13:36 irraa Arguu Dandeenya!
Egaa Gooftaa Yesuus Raafamuu Garaa Bartoota Kana Argee Amanaaa isaaniin Jedhe!!

har'as Waaqayyo Humna Amantii Keessa Keessanitti haa Haaressu✋🏿

Gabaabatti Ergaan Har'a Livestream dhan Ture kana fakkaata!
har'a start Gochuu irratti barfadheera boru Garuu Akkas hin ta'u! obboloota Keessan Invite Godhaa!!!

Boru Ganamas Itti Fufa!

Livestream #Daily Devotional Messages On Of+IJAARUU !


Fedha Waaqayyo yoo ta'e Adeemsa Waggaa 2ffaa Channel Kun Jalqabuu isaarra Kan Ka'e Kan Waggaa Darbe Keessaa Torbanoota Tokkoof Devotional Message Bifa barreeffamaam isin Biraan Gahaa turre!
Amma ammoo Livestream dhan Ganama sa'aati 12:30-1:00tti Jalqabuuf Karoorfanne Jirra! Dammaquun Live stream join Gochuun Ergaa obbolootni Nuuf Qoodaniin Waaqayyo Jireenya Keessan Akka Jajjabeessuuf Eeyyamoo Akka Ta'uu Qabdan Jaalala Gooftaan isin Yaadachiisa!

Yoo Fedha Gooftaa ta'e Kan Marsaa Jalqaba Boru Ganama Ni Jalqabna!

Gal. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu!
¹⁰ Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!


====Akka an yaadutti nuuti dhaloonni jaarra 21ffaa Kun dhaloota hubataaf gamnna jedhee yaada.
Haa ta'uu garuu waantoota bara kana keessa jiranuun akkasumas waan technology fidu kanaan Akkaataa itti fayyadama isaa hubachuu dhabuun ta kaatee qabeenya dhumataa kan te'e #yeroo Isa qisaasessuun, loneliness ykn qofittumma, low self-esteem, anxiety, depression, misinformation, social life irraa fagaachuudhaan dhaloonni Kun dararamaa jiraachu isaattu natti mul'ata.

Akka statics addunyaa jedhutti baay'inni uummata addunyaa kanaa billion 8 ol akka te'e dubbata. Uummata billion 8 kana keessaa uummati social media fayyadamu gara uummata billion 5.52 kan tilmaamamuudha. Beeke fayyadame moo osoo hin beekin fayyadame moo namni baay'inni Isa haga kana tilmaamamu social media irratti active jechuudha.

Gaafa Gara dhiibba inni fide gaafa laalluu keessattu dhiibba inni dargagoota irratti (#teenager) qabu baay'ee olaanaa ta'e argamee Jira. Keessattu Akkaata fayyadama Isaa hubachuu dhabuun rakkoo cimtuun yeroo isaan qaban irratti dhufaa Jira. Akkasumas social life irraa fagaachuudhaan, real-world irratti waantoota hojataman irratti xiyyeefanna kennuu dhabuudhaan rakkoo cimtuun dhufaa Jira.

Kanaafuu Akka nama tokkootti wonni an jedhu bu'aan isaas baay'ee gudda ta'ee osoo jiruu haala fayyadama isaa hubachuu dhabuun dargagooti baay'een hubamaa jiru. Keessattu Akka ragaalle tokko tokko ibsutti namoonni umuriin isaan 13-19 gidduu kana jiran daraan baay'ee midhamaa jiru.

Kanaafuu yeroo social media fayyadamnnu social life, real-world, yeroo, kanaaf kana fakkaatan xiyyeefanna keessa galchuu qabnnaan dhaamsa kiyya!!!!!
======Horaa Bulaa👏✍️✍️✍️📚....

Inbox: Woticha G.(4th year University student, studying Surveying Engineering @A.M.U)

Fayyaa Ta'i Yaada Kee Waan Nuuf Qooddeef!

adaraa yaada Keessan Link kanaan @a4gbB Na Biraan Gahuurra Of+hin qusatinaa!!

Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


Mee isin Social Media n Akkamitti Qabamuu Qaba Jettanii Yaaddu? Akkamitti miidhasaa xiqqeessaaa Bu'aa Argamuu Danda'u ammoo maximize Gochuu Dandeenya? Qabatamaatti Dhiibbaa akkamii Jireenya hawwaasumnaa Dargaggoota Irratti Argaa Jirtu? Maaltu isinitti dhagaa'ama? adaraa yaada Keessan Link kanaan @a4gbB Na Biraan Gahuurra Of+hin qusatinaa!!

Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


Dhaloota Social Media beeku malee Social Life Beekuu miti!
Social media baayyee Namoota Walitti fidee Jira,Hawwasumaa Cimsaa Jira Jedhama malee Seenaa Addunyaa Keessattiyyu Hawwaasummaan Akka Bara Nuti Keessa Jiraannu kanaa Gaaga'ame Hin beeku! Media tu waan Namootni Walitti Dhiyoo Jiran Fakkeessaa malee Miirri Kophummaa Kan Dagaaguu Jalqabeyyuu Bara Social median Haalan babalchaa Jiru Kanatti dha!

Namatti Kan Baayyee Dhiyaatu Hiriyyummaa inni Social Media irraa Qabuudha malee Dhugaatti Nama Isa BUKKEE Jiru miti! Namni Miiraa Isaa Waan isatti Ulfaatu Gad+baafate Social media irratti Yeroo haasa'aturra Jirra, Sababiinsa Waan Keessa Isaati Bakki inni Itti haasa'uu Danda'u Dhiphateera Namni Bukkeesaa Jiruus Social Mediaatti yoo ta'e malee Social Life irraa Fagoo Jira Waan ta'eef!!!

Keessumaa Haasawwan Dhiyeenyuma Kana Tedx irratti Godhaman Muraasa Fudhannee yoo ilaalle Namootni tokko tokko yeroowwan Gabaabaaf Social Mediaa ofirra hanqisuun garaagarummaa Jireenya irratti Dhufuu Danda'u Ofii isaanii Irratti Ilaaluuf Waan isaan Godhaa Jiran Akka Namni altokko Dhaabbatee of-ilaaluu Nama Godha!

Qorannoowwan instituyutii Gurgaddaan geggeeffamaa Jiran Qabiyyeewwan Social Median Qabaachuun Argamaa Jiru Akkaata Jireenyaa(Life style) Fi Behavior (Amala) Dargaggoota Irratti Dhiibbaa Guddaa akkanni agarsiisaa Jiru Namatti Mul'isa!
Garuu Waanti Danqaa Namatti Fakkaatu miidhaawwaan isaan Qaqqabsiisaa jiran ammarratti waan baayyisee Mul'achuu Danda'u agarsiisuu Dadhabuu Isaadha! Kanaaf Altokko tokko Hubachuuf Nama rakkisa, Namoota waan kana Dubbatanis Qalbii Qulqulluun Hubachuuf Nuti dargaggoonni ni rakkanna!

dhiibbawwan kanas Akka Armaan Gaditti qooduu Dandeenya!
Emotional Impact
Mee meeqan Keessantu Add story Gochuus Haa ta'u Profile Picture Gochu Suuraa fokkisaa ta'e Gochuu barbaada?
no one , Sababiinsa Yeroo itti Suuraa Bareedaa barbaadun upload Gochuun sammuu Keenya Dhiphiisu irra Jirra waan ta'eef?
sana booda Waan Namootni Jedhan Beekuuf Hawwiin Jiru? Namni Comment Gochuu Qaba, Jaallachuu❤️ Qaba, Like Gochuu qaba
So on.......

Qorannoon International Journal of Humanities Education and Social Sciences Jedhu tokko Dargaggoota Keessa harki 35 waayee Suuraa upload Godhanii ni yaadda'u(unattractive ta'uu Danda'aa Gaaffii Jedhu Keessa Isaanitti deebifachuuf Jechuudha)) jedha!

Kana malees Social Media n Dandeetti addiction ta'uu isaati Guddaa ta'uudha! yeroo Hundumaa bakka Hundumaatti Scroll Gochuudhaan Busy ta'aa Ooluu ta'eera Jireenyi Keenya!

Namni Wal+bukke ta'elle Beela Waan Haaraa Social Media irraa Arguu qabu bahuu barbaada! Yoo waan Haaraa social media irraa hin argine Sammuu Namaa Beela'uu Jalqaba Sababiinsa irraa Deddeebiin waan Gochaa turre waan ta'eef Jechuudha!

Har'a Nuti Waan haaraa Addunyaa irraa Jiru Beekuuf Gaggabna malee Haala naannoo Keenya beekuf Fedha hin Qabnu! Eenyumtiyyu Addunyaa Qabatamaa irra jiraachaa Jiru bakka Kennuu hin barbaadu, Addunyaa Dhugaa hin taane isarraa fagoo Jiru, Hiriyyummaa Hiixatee Dhugaatti harkaan Qabaachuu hin Dandeenyeef waan Danda'u Hundumaa Gochuutti Gad+of Dhiisneerra!

Kana malees Social media n Namni Fuulaaf fuulan Walitti haasa'uurra Filannoo Isaa Godhateera!
Face to Face Communication yoo Xiqqaate Addunyaa Namni qabatamaan irra Jiraatu kanaafille Skill Guddaa baayyee barbaachisu ture.

Life styles Social irraa arguun Namni Jireenya Isaa tuffachuu,xiqqessee of ilaaluu Miiraa badaa Baayyee Keessa Namatti dagaagsa Jira!

Sammuun Namaa Dhiphisuun, Dandeetti Xiyyeeffachuu Namaa Akka malee gad+Buusaa Waan Jiruudha! Namni Jireenyuma Isaa Kessattille Waan Isarraa eegamuuf yeroo Gahaa Akka hin kennineef Golgaa Isa haguugaa Jiru ta'eera!

Gama biraatti Bu'aa Addatti internet Qabatee Jirus Explore goonee argachuu dadhabuunu Warra Akka walii galaatti internet irraa hin Gargaaramne nu Godhaa Jira!

Egaa Hamma kana Yoon Jedhe na gaha!


Fak. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁶ Waaqayyo amanannaa kee in ta'a, miilli kee kiyyoodhaan akka hin qabamneef in eega.

Dubbii Waaqayyoo Jalqabaa Guyyaa Keessan!

Iddoo Nagaa Oolaa ❤️


Namatu Walllaalummaa Duwwaan Miidhaa waan Qabu fakkeesse Malee Beekumsis Miidhaa Mataa isaatii Qaba! Namoota Baayyeef Waan Waaqayyo Jaallatu barbaaduu Danda'uuf Danqaa Kan itti ta'e Waanta Isaan Akka Beekumsaatti Mataa Keessa Qabaniidha! Waaqayyoon Beekuunu Beekumsa Mataa Isaa Danda'eedha Waan ta'eef!!

Beekumsi Namni argachaa Adeemu Kamiyyu Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Keessaan Asii ol hin Ijaaramu yoo ta'e Jireenyi Namaa Akka Fiinyaa (Afuuffee🎈 ) ti! Hammuma Afuufamaa Adeemuu Guddachaa Adeema, Baayyee Guddachaara Jettee Gaafati Ilaaltu Garri Dhugaan Fiinyaan ykn Afuuffeen sun itti Adeemaa Jiru Garuu Gara Dho'uutttidha!

Eebbifamaa ❤️


Jabinni Dhugaan Waan Namarra Gahe Baatanii Adeemuu osoo hin Taane Dagachuu Danda'u Jechuudha!


Namni Dhugaatti Jabaate Hariiroo Isaa Waaqayyoon Wajjin Sirreeffata!

Namni Dhugaatti Jabaate Karooora Waaqayyoof Gad of dhiisa!

Namni Dhugaatti Jabaate Guutummaatti Namummaasa Nama Waaqayyoof bite waan ta'eef Haala Kam Keessattu Nagaa Qalbiif Sammuu Isaa Kiristoosiin Keessatti Eegu Qaba!


WEDA BERTAT🏃🏿🏃🏿🏃🏿❤️💪🏿💪🏿

20 last posts shown.