Qoosa


Channel's geo and language: Ethiopia, English


Kolfa qofaan umurii keessan dheereffadhaa! Koottaa miira keessan nu biratti haareffadhaa. Qirqirsinees ta'u inuma sin kofalchiisna. πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚
I blog about marketing and sales
Buy ads: https://telega.io/c/qoosa430

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Statistics
Posts filter


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! πŸ‘‰πŸ»

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚑️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


#Anaa_fi_Marii_GeetaaπŸ‘¨β€πŸ³
Group marii-geetaa ani karaa telegram baqadhee dadhabetu karaa TikTok natti dhufuu jalqabe. Mee waanti kun maaluma jedheen dhaggeeffadhe. Gosti dhukkubaa isaan biratti furmaata hin arganne hin jiruπŸ˜‚ Dhukkuba dawwee, teessisaa, kaachisaa, dadhabina wal qunnamtii saalaa, kaanserii, HIV, busaa, taayifooyidii, garaa kaasaa, dugda kutaa, hafuura kutaa, abdii kutaaπŸ˜‚, rakkoo waa dagachuu...

Hunda keessaa inni dhumaa kun xiqqoo na ilaallata. Darbee darbee rakkoo waa dagachuun nan qaba. Waan kana deemee ilaalamuun qaba jedheen deeme. Achi ga'ee gaafa dabareenkoo ga'u #Marii_geetaan'faa na waamanii "Maal taatee dhufte?" naan jedhan. Maal jedhee itti himuu? Daqiiqaa 5 keessatti maal ta'ee, maal barbaadee akkan deeme nan dagadhe😭 Taa'ee itti yaadee yaadeen dadhabe. "Baqqaa ka'ii gara manaakeetti deemii, gaafa yaadatte koottu" naan jedhan. Tole jedheen bahee deeme. Gara manaa utuun deemuu karaa walakkaa yoon ga'u dhimman deemeef sanan yaadadhe. Rakkoo waa dagachuukoo...😭 Yerooma sana fiigeen ofirra deebi'e. Garuu maal godha? Gaafan achi ga'ummoo deebi'een bakka manichaa dagadhe 😭

@Qoosa430


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 125 kaasee hanga 140tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna


Join waan gootaniif qofa Dollar 3$ kan siniif kaffalu yoo hojjattan ammoo waan gaarii kan irraa argattan airdrop bareedaa kana dafaatii itti bu'aa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu


βœ… Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif

✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu

✍️ Gatii madaalawaan ni bitna


➑️2019
➑️2020
➑️2021
➑️2022

Gatii πŸŸ₯Β  πŸ”‚Gatii group ittiin bitnu

✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr


2023 ji'a jan-may kan baname

βœ”οΈKaffaltiin : Telebirr, CBE

Gurguruu warreen barbaaddanΒ  inbox πŸ‘‰Β  @Kaachuu_YW


⚠️ Hubachiisa❗️

β›” Baayyinni MemberΒ  ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.

βœ…two step verification ta'uu isaa check godhaaΒ Β Β Β Β 
Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β Β 
Β Β Β Β 
πŸ’—πŸ’—πŸ’—Β Β  πŸ’—πŸ’—πŸ’—πŸ’—Β Β 
@kaachuu_YW


Gurbaa tokkootu mana namaa dhaqee... Mana inni dhaqe sanis intalaa bareedduu takkaatu jiraa... Innis akkuma dhaqeen intala sana jaallatee, mala baafate. Abbaan intalaatis maqaa isaa gaafannaan... Maqaankoo "#Ija" Ittiin jedheeni! Intallis yeroo muraasa booda maqaankee eenyu jennaaniin... Gurbichis kan Intalaan maqaankoo "#Paastaa" ittiin jedheeni!

Achumaan yeroo dukkanaa'u intala fudhatee deemuu waan barbaadeef... Intala qabee morma qacam godhe. Intallis Paastaan na hudhe jettee iyya keessaa fuute. Abbaan isheetis suuta nyaadhu jedheen.😁

Abbaan yeroo yeroo xiqqo turee intalasaa ilaalu... Intalli isaa achi buutee miila Bakar waaree tahee Abbaan intalaatis achumaan uuuuu... "Ija naaf qabaa" jechaa iyya keessaa fuudhaa fiigaa manaa bahe. "Ollaaf dugdaan lafaa ka'u" jedhu mitii ree? Hoggaa tana kaa ollaanis bahee itti birmatanii isaa ija naaf qabaa jedhu yeroo dhagahan...Ija isaa walitti qabuufii eegalan

πŸ˜‚
@Qoosa430


Niitiin ollaa keenyaa takka tibba kana halkan halkan β€œaa… aaaa… aaaa…” jechaa bulti waan isheen taate rabbi yaa beeku.

πŸ˜‚
@Qoosa430


Namichatu ganamaan mana niitii ollaa deemee balbala rurrukuta. Niitiinis yemmuu balbala bantu...

Namicha:- Qaama saalaa (Bu**shaa) qabdaa?

Niitiin fuula itti guurtee balbala itti gadi cufti. Namichis ni deema. Guyyaa lammaffaas deebi'ee namichi kun balbala rurrukuta. Yemmuu balbala bantu har'a

Namicha:- Qaama saalaa (Bu**shaa) qabdaa?

Aariin balbala cufti. Abbaan manaa galgala yemmuu dhufu waan hundumaa itti himti.

Dhirsa:- Afachu bor hojii hafeen waan inni barbaade ilaala.

Ganama akkuma ka'aniin Namichi ammas balbala rurrukuta. Yeroo kana

Dhirsa:- Ani balbala jalan dhaabbadha yemmuu inni si gaafate Eeyyen jedhiin waan inni jedhu ilaalla.

Niitiin yemmuu balbala bantu namicha.

Namicha:- Qaama saalaa (Bu**shaa) qabdaa?
Niitii:- Eeyyen
Namicha:- Egaa abbaa manaa keetin haadha manaa koo dhiisi jedhiin keetumatti yaa fayyadamu.

πŸ˜‚
@Qoosa430


Obboleettotni durbaa daandii hamma taakkuu dheeratuuf dibaabee ofirra qabdanii inni isin dhaabbattanii taaksii daqiiqaa 20 oliif eegdan tokko naan galu-Keessumaa ammoo warri β€œsingle”. Dibaabee keessan qabadhaatii, miidhagina naannoo keessanii daawwachaa luka hiikkadhaa! Tarii dargaggeessi ijatti tolu amalaan,”obboleetti… dibaabee kana jalatti baqadhuu?”jedhee yoo isin gaafates korojoo keessan sirriitti qabadhaatii,”eeyyee.. koottu waliin jalatti baqanna!”jedhaa.

Harmeen kee bar abbaa kee waliin lagatti wal baran. Dubbichi akkam seete? Bishaan waraabbachuu laga buute, harmeen kee! Abbaan kee ammoo qonna qotaa oolee luka dhiqachuuf laga bu’e. Iji isaanii walirra buute. In seeqxe. In seeqe. Okkotee irra kaa’e. Gammachuutiin utaalaa gale. Yoo mana ga’u miila tokko malee tokko hin dhiqanne. Ofitti kolfe. Guyyaa biraa laga taa’ee eeguu eegale. Dubbii luka hin dhiqatiin galuu isaa itti kaasee waliin kolfan. Tokko jedhanii eegalan.

Animmaa obboleettiiko… okkotee baadhu siin hin jedhu. Dibaabee kee sirkaa fuudhee akka aduun sin gubneef kan sirra qabeef garuu carraa laadhu. Iddootti midhaaniifi bishaan ofii argatan hin beekan.

Maal siin jechuufii… Daandii kiliomeetira 2 hin guutneef taaksii hin eeggatiin. Lukaan deemi. Fayyaa keefis gaariidha. Otoo qaama ijaarattuu bultii ijaarrachuu yaaddeettaa… πŸ˜‚

@Qoosa430


Ganamaan waa’ee Addaamiifi Hewwaan maaliif akkan yaadadhe hin beeku. Maaltu naa gale beektaa?Waaqni Addaamiif hojii kenne; Hewwaanitti ammoo hojii kenne. Kanaafi edaa, dhiirotni gaafa wal arginu nagaa erga wal gaafatnee booda,” Akkam hojiin?”kan waliin jennu. Isa booda kan waa’ee waan biraa wal gaafatnu. Dubartootni ammoo dura,”Akkamimmoo namichi? πŸ™„ ”erga waliin jedhanii booda kan waa’ee waan biraa dubbatan.

πŸ˜‚ 😬
@Qoosa430


Namichatu otuu karaa deemuu dargaggeessa amma arbaa ga'u tokkotti bu'a.
Namicha:- Akkam natti buuta jaal? Lammaffaa natti buutee jennaan eenyummaa koon sitti argisiisa
Dargaggeessa:- (itti bu'ee) maal fidda?
Namicha:- (waraqaa eenyummaa isaa baasee) kunoo

πŸ˜‚
@Qoosa430


Namichatu maraatuu gudeedee mana murtiitti dhiiyaate.

Abbaa murtii:- Sammuu akkamii qabda ati kan maraatuu gudeeddu? Yoo akkam dheebottedha garuu kuni?
Namicha:- Kabajamoo mana murtii sammuudha malee bar udduun hin maaranne

πŸ˜‚
@Qoosa430


Qoosaawwanii fi viidiyoo nama kolfisiisan akka siniif lakkisnu barbaadduu?
Poll
  •   Eeyyen
  •   Lakki
217 votes


"Miindaan kee 5000 turreemmoo siif daballa" jennaan. "Akkas taanan tureen dhufa" jedhe namichi.

@Qoosa430


"'Qarshiif jettee na dhiistee deemte' jedheetu boo'aa jira. Jalqabumayyuu qarshii otuu hin qabaatin maaltu ol utaalchisaan? Bro bara kana qabaachuu qofa otuu hin taane sirritti qabaachuu qabda. Warri durii kan akkaa jedhan lafa gaasha tokko qabaatanii qotiyyoo cimdii tokko qofaan qotuu waan hin dandeenyef namni akkaasii hiyyeessa jedhama ture. Hiyyeessi barasii yoo xinnaate lafa qaba. Atihoo miindaa mana kiraa hin kaffalleen sanuu amma yoo hin hir'ifamin maal abdattee teessi." Jedhaanimmoo hiriyaan isaa biraan.

@Qoosa430


"Hiriyaan koo tokko...

Jaalalleesaa gaafa yaadu nan yaadeeni jedhee natti himee boo'a. "Anatti maaf boossaree dhaqi bilbilii argadhuunii" gaafan jedhuun, "Si biratti boo'ee fixadhee achitti #qofxan jechuufi" naan jedha" jettee natti himte

πŸ˜‚
@Qoosa430


Maatiin mucaa tokko qananii addaan guddisaa otuu jiranii daa'ima lammataa godhatan. Mucaan jalqabaa daa'ima lammataatti inaafuu eegale. Xiyyeeffannoo fi jaalala isa qofaaaf kennamaa ture waan jalaa qooddateef aarii keessa galee waan tokko gochuuf murteesse. Galgala tokko Waan taphatu fakkaatee Harma haadha isaa qoricha hantuutaa dibe. Ganama yemmuu ka'an Abbaan isaa du'eera.

πŸ˜‚
@Qoosa430




Amalli al tokko nama bare nama hin lakkisu. Tokko guard turetu booddeerra itti gaafatamaa waajjira wa'ii ta'e. kunooti maamiltoota hundaa balbala irratti keessummeessaa jira.

πŸ˜‚
@Qoosa430

20 last posts shown.