𝐍𝐀𝐌𝐀𝐅 ,𝐍𝐀𝐌𝐀シ♡✔✞ꨄ
➻Biyyii lafaa kun yeroo baayyee warra qaccee ofii dheereffachuuf qaccee namaa gabaabsuuf ifaajaa oolaniif toltii malee; warra gaarummaa namaaf yaadee qaccee ofii laaffisee, qaccee namaa jabeessuuf tattaafataa oolaniif toltee hinbeektu!
➻Warruma asirratti jaalalaa fi gaarummaa labsaa oolutu nam-gaarii sitti fakkaatee isaan faarsita ta’a!, garuu gaafa gochasaanii hubattu nama kamuu amanuu lagatta!
➻Warra jechaan gaarummaa fi jaalala lallabaa oolu baayyeesaanii utuu duubasaanii qoratteemmoo gochi isaanii gufuu milkaa’ina namaati! Gufachuu nam gaarii keessaa kan waa baafachaa oolu isaani!
◈Nama jechuun jaalala
◈Nama jechuun jibba
◈kan ittiin ibsamu
eenyummaansaa dhibba!”
➻Nama waliinis jiraachuun, nama malees jiraachuun hin ta’u!
➻Nama akkamii waliin akka jiraattus, nama akkamiif akka jiraattus, nama kamiin akka lagattus; gaafa bu’aabayiin jiruuf jireenya keetii eenyummaa namaa isa sirrii si barsiisu hubatta!
➻Gorsa namaa osoo hintaane bu’aabayii jiruuf jireenya ati keessa darbitutu waan mara sibarsiisa!
➻Gaarummaa namaa ooluu baannullee, hamminaan jireenya namaa hin dukkaneessinu! Garuu kan jireenya keenya dukkaneessuuf ifaajuuf deebii ga’aa hin dhabnu!
➻waan hundaaf iyyuu kan namati hin jijiiramnee isa garummaan guutu kiristoosin qofadha !
Haajiraatu namuu!
@Sona_Official1@Seenaa_Tube