HUMNA YAADAAFI TARKAANFII
Yaaduun salphaadha. Tarkaanfii fudhachuun ulfaataadha. Waantota sammuu keessatti yaadne qabatamaan hojii irra oolchuun immoo waantota addunyaa kana irra jiran kamiyyuu caalaa baay’ee ulfaataadha.
Yaada namaa akka galaanaa daqiiqaa keessatti addunyaa kana akka huurrii uffisu kun utuu tarkaanfiin deeggaramee addunyaa kana gara lafa onaatti jijjiira.
Yaadoota namni guyyaa guyyaatti maddisiisaa ooluu dhibbantaan 70-80 negatiiva waan ta’eef yaadni nama addunyaa kana buqqisuu irra darbee uumamni hawwaa keessaa iyyuu fageenyaa bara ifaa ol walitti fagaatu turan. Namoonni danuun addunyaa kana balleessanii qofummaadhaan dararamanii waan of ajjeessan fakkaatu.
Namoonni dandeettiifi ogummaan isaanii akka seenaatti addunyaa raajeffachiisaanii darban warra waan yaadan hunda hojiirra oolchan utuu hin taanee warra bu’aa yaada isaanii xiqqoo irratti tarkaanfii sirrii fudhatanidha. Baay’ina burqaa yaadaa irra galma to’annoo keenya keessa jiru qofa irratti yoo xiyyeeffanne malee dambalii yaada to’annoo keenyaan ala bahuun maraatummaaf nu saaxila.
Yeroo hundumaa waan dandaa’amu yaaduufi sadarkaa irra jirutti to’achuufi hojjechuu kan dandeeyu argachuuf carraaquun humna bu’aa yaadaa ofiif jiraachuuf carroomuudha.
Yaadaakee waraqaa adii irratti roobsi waan gochuu dandeessu xiyya abuudduukeen jabeessi qabi.
@sammuukoof