🗣️DEEMEERA....
Miirri koo waggootaaf caamee
Amma ka'ee, qalbii haamee...
Qe'een dur itti nagaa dhaame
Fedhiin ala dhufee, amma nagaa koo saame🫣
Jedheen ture...
Oobdii keetti lamuun dhufu
Gufannaa keen lammeen kufu
Jedhee kakadhee
Haalee lagadhee...
Har'a garuu...
Jiruun laguu, fiixee baqaa
Bakkan sodaadhu, hoofee naan dhaqa!
Yeroo danuu didee dheessee
Fedhii maleen amma of geesse🤔
Qalbii koo'rra dirqiin keesse
Simbirro'ttiin, narra teesse🍫
Baqni nan miliqsine, arreedus guyyaa saafaa
Gaafan achi yaadu, mogoleen na laafa
Filannoo dirqamaa, filachuuf miixadhee
Filannichis tokko, fudhachuufan hiixadhee
Jiruu dirqii miira caalu
Anumtuu yennaan of haalu
Egaa deemeera of awwaaluu
Kan Waaqni jedhe haa caalu...💔
Ilkeen kaarruu, iji biiftuu
Addunyaa'sheen na haa kiiftu
Maddiin dhooqa, diimpiliidha
Onaa kootu, isaaf jiidha
Gaafa yaadan namaaf gamaa
Deemeera nan barbaadinaa jamaa❤️🔥
@Sona_Official1