Posts filter


Forward from: ALL TECHNOLOGY 📱
ይሄ ደሞ ጣራ ላይ ዲሽ እያስተካከልኩ እያየ ዲሽ እየሰራክ ነው ይለኛል...
                              ° ° ° °
#አይ  አሁን አጎቴ በ ፕሌን✈️ ስለሚያልፍ ኩኪስ🍟 እና ውሀ 🍶ላቀብለው ነው 😁😁😂😜 ፕች


Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

@Walaloo_Jaalal


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
😂Mucucoo gannaa😂


Barruu laphee koorraa
Akka naaf dubbisuuf,
Asaasa onneekoo,
Sagaleesaa baasee
Akka naaf guddisuuf,

Kan uumame afaanni,
Qooqa dhangi'amee
Jechootaan hudhamee,
Erga gaadi'amee...

Egaa kana booda,
Soora godhadheera
Tasgabbiidhaaf usuu,
Yoo dhaga'ameechi..
Iyyis bu'aa hinbuusu...

Yoo dandeessa ta'eef,
Gaaffiikoo caqasuu
Caqastees deebisuu,

Gurra qalbii keetii,
Lapheekootti hirkisii
Onneerraa caqasi,
Bubbee qara onneekoo,
Gidduudhaa bubbisu...

Kanaachi...dhibeekoo...
Ofumakoo caafee,
Ofumaa hindubbisu!

Gammachuu
@Walaloo_Jaalal


Lookoo giiftii durbaa
Giiftii abdii gurbaa
Ato inumaraftaa yeroo bonni boonu, yeroo gannis gannu
Tarii biyyoo awaala reeffaa sirra firfirsinnuu?
Maaltu si dammaqsu beeka kam gaafannu?
Bunaa qalaa qalluu? Waa sii dhibaafannuu?
Kan ilka siif cabsuu Dhaabaa Wase kaasnuu?
Moo…Galma Abba Gachiitti moora sii ilaalchisnu?
Maalumaa sii mallu? Beeka kam sii dhaqnu
Mana aadde Maammitee…moo mana Haadha Hasanuu?
Beeka kam gaafannu?
Maali hoodi akkanaa?... Ka’uun maa si dida
Abaarsaa tainnaa? Dubbii akka hoodaa
Abaarsaa fi sookkoo kan Kumsaa Morodaa
Dur yeroo bara ’saa, galgala guyyaa hundaa
Nyaataa lafee seene mokotaan of waadaa
Bulee...yeroo barihu
Seeraa biyaa ilaaluuf dhaqee yommuu taa'u
Silaa tokko tokkoo nan sugaayee hin beeku
"Seerrii natti badee...
Dubbiin gototame,” yommu Kumsaa yakku
"Nyaataan dhukubsadha…., galgalaa fi ganama
Mokota laaftootiin of waada buleenii dhageessuu yaa jamaa
Kaniin ka'e dhufe;
Malee... seera dabsuuf miti, matumaa, matumaa
Koon eega hin sugoofnee...
Egaa… isini habuusuree mootii biyya ormaa!"
Jedhee abaare jedhu Kumsaa ilmi Moroda
Si qaqqabe laata sookkoon akka hoodaa?
* * *
Tarii…, hin qabduu laataa, muuziqaa dammaqsu
Kan bifa kee saadee, miidhaga kee faarsu
Kan miira kee qaree irribaa si kaasu
Garuu jira miti…?
Orkeestraan Waachaa Baandiin karaa Koomboo?
Maestro Tamsgeen; kompoosar Ashanaa,
Obbo Ashanaa Booboo
Gaafa Mikaeli, yookaan gafaa Aabboo;
Masqala Mucucoo, masqala Qoraattii
Ajjeesaa gafarsaa fi ateetee dubartii
Dhandha-qabaa gurbaa yookaan intalattii
Yookaan mana deessuu yookaan cidha irratti
Gaafa Huumbaa Waaqaa, gaafa Bismillaahii, …
Yookaan Beqidme zaattii,
Barcuma gooftaafa fi yookaan doombii jaartii
Birraa fi arfaasaa yookaan bonaa fi ganna
Kan naa-gamtee hin beeknee xurumbaa obbo Ashanaa
Bara-baraan kana, qooqi hin geeddaramu tokkuma caraanaa
Tarii…rafee si raffisee yaadalloon fajaje
Raatuu si taasisee akka saawwa baajee
Sinsinni ajjeese, of si dagachiisee…?
Akka waan barri ejjee?!
* * *
Dhiiro…!
Intalli haa dammaqxuu mee harka-harkaan dafaa
Biyya Dhaaba Wasee…,
Biyya Mardaasaa ti dhirrii hin jiruun fafa!
Biyya Abiishee Garbaa, biyya Oliiqaa ti, biyyaa Abdiisaa ti dhiirri hin jruun kolfa!
* * *
Lakkii mee qaanayi
Dammaqii ol ka'i
Mee fuula dhiqadhu
Qullaa kee dhokfadhu
Diinatu si gudeedaa
Maqaa abbakeetu badaa!

Caamsaa 30, 2003
Dr. Zalaalam Abarraa
@Walaloo_Jaalal


Faana kaayyoof kaatu
Imala koo dhaabee
Kaleessan barbaadu
Farda seenaa yaabee

Kun dirqama uumamaati
Darbuuf dhufuuf seera
Karaan koo kaleessaa
Qoraattii baaseera

Maaliifan gaabbiidhaan
Sammuu kiyya goola
Maafan otoo jechaa
Quba nyaachaa oola

Ka'een deema malee
Borii koo ilaalaa
Kan kalee darberra
Kan boriitu caala

Maafan har'as taa'ee
Gaabbiin quba nyaadha
Farda abdii yaabeen
Galma boriif kaadha

Isan saamsee gate
Hin nyaadhu garaabaa
Eeyye!
Bishaan darbe dhiiseen
Kan dhufu waraaba!

Imalli itti fufa...🚶



@walaloo_jaalal
#join godhaa!


#Oduu_Ammee

Doonaald Tiraamp Pirezidaantii Ameerikaa ta’uun injifatan!


Garaan qananii na dharra'ee,
Jiruun qoonqootti na rarra'ee,
Qalbii na hateef maleessaa,
Utuun walaloo danda'ee...
Ani waaqaafin barreessa...!

Dhabakoon itti odeessa
Fedhakoon itti addeessa,
Yandookoon itti dheessa
Rakkookoon itti geessa...

Utuun walaloo danda'ee...
Jechoota qimqimeetan
Qubeefaa waliin dha'ee...
Gola cigoof mammaaksaa
Hunkuree waliin ga'ee!

Gidiraan keessa jiru
Ilyaadaan bakka buusee,
Akka arguuf dhagahutti
Jecha taasisee kuusee...
Waaqattin ol ergadha,
Deebiis irraan argadha...

Nan dadhabeefi malee
Toora naqee barreessuu,
Silaa toora naaf gala
Eebbaaf milkiin nan dheessu!

Gammachuu Tsaggaayee
@Walaloo_Jaalal


Kan lafti obsee nu baate
Kan namni dhoksee nu laate
- Hundasaa utuu mil’atuu
Aariin tamboo qabsiifachaa ;
“Ecii- natti ajooytan!” Jechaa;
Mufiin hadhaba nun gatu;
- rifuu liphiifuu hin libsatu!

W A A Q N I 🍃

Inni nu eega;
Nu hin eegnu adii golasaa !
Izgoo- Marabbaaf tolasaa!

G A R U U !🍃

Nama danatee ala yaa’u !
Waaqa tokkoof akka kumaan dhangaggaa’u !
Hoo-qubaa gosa dannaba
Quba akeektuu achi qabaa
Ol of qabaa; kaan qarqabaa!

D H U G U M A 🍃

Iyyi hundi karrasaa in GA’AA?
Waaqni hunda isaanii DHAGA’AA?

Erga birqabaan wal taree !
Jannataa qeenxeen Sararee!

Muraasatu kan Waaqaatii ?
Waaqatu kan Muraasaatii ?
Akka foona karra mootii!


Jedhee utuun gaafadheetii ;
Jedhanii gaafachuunumtuu !
Amantii ta’uu natti himtu!

Egaa akkas akkasittiin-
Sodaa deebii - gaaffii agabna!
Na qoraa ‘laalaa utuu jedhuu-
Wal qorraadhaaf garaa dhabna!

Akka goonuu…!
Akka taanuu….!
Nagaan bulaa …!
🍃

Jarraa Jaaraa
@Walaloo_Jaalal


Toora galchee hanqinakee
Jibbaa keetiif kan ragaduu
Arguu fedhee rakkinakee
Siballeessuuf kan sagaduu

Dhoksees ta'u ifa baasee
Simiidhuuf kan sitti fiiguu
Galma kankee hunda raasee
Godookee kan sitti diiguu

Boolla qotee gad fageessee
Simiidhuudhaaf inni kaatuu
Booda goree kan jabeessee
Hidhii isaa sitti nyaatuu

Hin jiraatu nagaa ta'ee
Shirri isaaf dalagaadhaa
Sijibbinaan lafaa ka'ee
Fira ta'us alagaadhaa

Isaaf kun hamma tooftaatii
Hin milkaa'uufi deemsisaa
Jireenyi harka uumaattii
Gubataa hafa keessisaa

Hin deemin hammeenya baataa
Gaafas raafamtee hin cabduu
Keessa keef nageenya laataa
Waan facaafatte hin dhabduu


Hirriyyaa dhugaa

Hirriyyaan dhugaa
Fakkeenya jiruutii
Hedduu woljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyut adda baasa
Dhufu malee duutii
Hirriyyaan dhugaa
Kan woljaalatuuti

Worqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baayyeetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan wolfaanaa
Hirriyyaa dhugaa malee
Eenyu wolit Aanaa

Dhiiras Ta'ee Dubaraa
Namni Hirriyyaan Tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Wolirraatii Qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hirriyyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa


𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
𝙸𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤   🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


#Eenyutu naf deebisa?🤔

Jalqaba waan hundaa
Addaamin kan uumee
Addunyaa bareeddu
Gannat keessa kuule
Jireenya bareedaa
Akka jiraatuf Turee
Daandi qajeelarra
hamaa irraammoo goree
Addaamis fudhatee
Gammachuun guutame
Jireenya mataasaa
Jiraachuf dirqame
Garuu oole hin bullee
Gammachuun boora'e
Yaada tokko yaadet
Garaansa roora'e
"Ijaan ishee hin argu
Harkaan hin qabadhu
Yeroof bakka hin qabu
Takkaa ishii hin dagadhu
Garaa kootu yaada
Gubbaa koorra darbee
Osoo oole hin buliin
Laphee kootti darbe
Maqaa ishii hin beeku
Eenyu jedhee waamu
Akkamittin Ibsuuf
Jaalala Koo danuu
Jedheeto tarreesse
Yaadota keessa Isaa
Gaffii natti ta'ee
Eenyutu naf deebisa?"
Jedhee itti cimnaan
Boo'icha fudhate
Gammachuu godaantes
Yaaddodhaan guutate
Waaqayyoos hubate
Gaffii garaasa
"Ilma Koo hin dhiphatiin
Anatu siif deebisa"
Jedhee irraa haxa'e
Imimmaan Isa hudhe0
Cinaacha bitaas
Keessa isaati fuudhe
Gammachuu garaasa
HEWAANIN Uume

Kenenisa Ajema


Nama anan feenee
Kan argaa koo jibbu
Nama gadda kootiif
Akka cidhaa sirbuu

Nama na hamachaa
Afaaniin na saaduu
Nama dantaasaatiif
Qofa na barbaaduu
~
Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa!

✍Amena Teferi


Sin jaalladha jechuun afaan duwwaan miti

Na jaallata taanaan fedhako naaf guutii

Mana nan tursinii dafiiti na fuudhi

Jaalala jechuuno anaaf waan guddaadha

An sirra adda baanaan hin jiru du'aadha!


Gaaf gaaf.....

Duratti kan eegdu,
Dudduuba siqata,
Guddaadha kan jettu,
Hundarra xiqqata!

Gaaf gaaf.....

Hantuutaan firooma,
Adurreen manakee,
Diina sitti ta'a,
Guddisni harkakee

Gaaf gaaf......

Harki gabaabbateet,
Hiixachuun sitti cima,
Korojoo hormaatti,
Hawwiinkee dhidhima.

Gaaf gaaf.....


Atumti inni kana dubbisaa jirtu


Jaalala hin beektu👌

Na Amani!


Na jaallatta, anatti aanta.
Naaf obsita, naaf dhossita.
Suuta jettee na gorsita.

Na gargaarta, ofitti qabdee
Iccitii koo diidatti baastee
yoom lallabde!

Jettee fi jechaan, na tuttuqxee
nan waraantu
fuula guurtees na ifattee,
narraa in siiqxu

Jaalataakoo abbaa sirrii,
Hunda caalu
Waa’ela koo, warraa fi firrii,
Sin madaalu!

✍️ walaloo jaalalaa


Na jaallatta, anatti aanta.
Naaf obsita, naaf dhossita.
Suuta jettee na gorsita.

Na gargaarta, ofitti qabdee
Iccitii koo diidatti baastee
yoom lallabde!

Jettee fi jechaan, na tuttuqxee
nan waraantu
fuula guurtees na ifattee,
narraa in siiqxu

Jaalataakoo abbaa sirrii,
Hunda caalu
Waa’ela koo, warraa fi firrii,
Sin madaalu!


Ati haala
mildhuu keetu naf dawwaadha
Dhibee koorra na fooyyeessa
Si argiinaan suusiin ba'a
Si'in dhabnaan na jonjjeessaa
...na raateessa

At na waamnaan nagaan buusa
Nan siihaa waa maraafuu
At callisanaan gooliin kaasa
Harkaa hin laadhu waan baraafu

Dhokachuu kee na maraacha
Naaf boo'icha guyyaan chidhaa
Muldhachuu kee na araada
Susii hamaan kankoo sidhaa.

Ati jiraanan an lafadha
Nama hundaaf nagaa waaraa
Alala irraa gaafa ibsituu
Ilkaan keettan an bohaaraa
... Ati haalaa
... Ati miira


Qoosaan qoosaadha Garuu nama infinity power'n saamame bira teessee waa'ee of ajjeesuu hin haasa'iin!

20 last posts shown.