Walaloon Jaalala


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Art


Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Art
Statistics
Posts filter


Gabaa qaamaa

Qaama kee rakasa gootee
Hidhii sagaltama hootee
Hallattee goorroo dhiirotaa
Rakasa maalif of goota?
Jaalala fakkeessaan of hiitee
Miira kee guutuuf of miitee
Iime...
Waamicha hundaaf owwaattee
cobdee dhumtee akka shaamaa...
Of gurguruuf deddeebitee
mi'eeffatte gabaa qaamaa...
Abbaan arge hidhiif qaama saalaa
Maalif akka fedhetti si haama...?

Ihim...
Maalif kabaja kee gad buusta
Xoofoo heexoo maalif kuusta?
Luka kee hundaaf maaf saaqxa?
Galmee kee balfaan maaf laaqxa?
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Yooti ofin eegne waaqnuu sin maaru
Ow...
Mi'a rakasa taatee
Gabaa hundaatti maaf baate?

Nyaata afaan banaa bule
nyaachuu namuu hin dharra'u
Bor balfatti si gatee darba
harki har'a mudhiitti si rarra'u

Ee...
Hin ta'in halaleef raatuu
Akkasitti naman taatu...
Rabbi qalbii siif haa laatu

Ishee jirtuuf gabaa qaamaa
Erga kana qofaan dhaama


© Keenboon


LACHUU NA MARARU!

Akka aannaniif silgaa
Akka ilkaaniif irgaa
Tokkee uumaan lakkuu
Qaroo bitaaf mirgaa,

Agartuukee filtee
Tokko jaamsitaaree?
Guca ifa keetii
Qixxee dhaamsitaaree?

Ani.....
Sagal itti yaadee
Ol qabee gad-qabeen
Lachuu tokko taanaan
Filachuu dadhabeen

“Rabboo cimdiin uumee
Nuuf godhee wal-qixa,
Namni madaalchisee
Maalumaaf wal-fixaa?

Ballaanoo diida laalee
Akka lamaan hubatuu
Rabbiin caala beekamoo
Maaf kan namni gubatu?

Miilli tokko deemee
Gama naaf hin ga'uu,
An-tokko of jaamsinaan~kan hafe balleessuuf
Ormi naaf hin na’uu,
Lachuu qaama kooti
Miidhuun naaf hin ta’uu..

Agartuuwwan kooti
Lachuu na mararu,
Filee tokko miidhee
Nafa koo'n dararu.

Laambaa jireenyakoo
Egeree naaf ibsuu
Wal faanan banadha
Balaq godhee libsuu”
Jedheen murteeffadhe
Qaroowwankoo tiksuu!

✍️ Riyaad Raayyaa




Bultiishee ijaaruuf,
Dahoo aduu gadii,
Dhiigashee lolaastee,
Godoo jaalalaa san
Onneessaa keessatti,
Gad-fageessitee ijaarte....
Innis......
Dhiigashee lola'u,
Mararteen ilaalee
Waadaa jaalalaatiif,
Onneesaa keessatti
Mana dhugaa ijaare!

Eeyyee;
Warri waliin jaaru,
Mana akkasii ijaaru!
___
Gadaa
@Walaloon_Jaalala


"Morma kankee jalaa
Foolii kankee suufee
Gororakee nadhii
Sirnaan unee quufee,
Osoon si hammadhee
Gurraatti si hasaasee
Xuuxee si dhungadhee
Si'iis dheebuu baase,

Silaa natti toleen
Uffee jedhaa laata?
Ana har'as kunoo
Onneen na dhahata!

Morma kankee lookoo
Taakkuu lama ga'u,
Ani dheebuu kankee
Maaliin dharraa ba'u?
Ifa fuulakeetii
Seeqaan basaq gootee
Libsuu ijakeetii
Suuta boloq gootee,

Akka dhala dhabaa
Ana na mararta;
Qooda simboof taphaa
Jiraa na dararta!"

Qal'oo Firri Dagate 💥✍️
@Walaloon_Jaalala


BARRUUN...
Laphee laafu, ciigoon tumsa,
Dabeessayyuu ni gootomsa,
Kalee qeeqee, bor sukkuumaa,
Barruun dafqee, barruu uuma!

BARRUUN...
Jiruu ardii, tabbaaf dachaa,
Furuuf abdii jabaa dhalcha,
Boriif kuusuuf dilbii coomaa,
Barruun kobbeetti michooma!

BARRUUN...
Gaabbii darbe yaadachiisaa,
Qalbii gaabbe dhaadachiisaa,
Egereetti, riqaa tolchuuf, barruun dhii•ga,
Yoos guyyaanis, ni sussuka, barruu in fiiga!

BARRUUN ofii kana qofaa?
Lakkii!
Baruuf bultii qofat' hafa!
Guyyaa Sana, ifuuf jira, hiikni marruu,
Hin hafinaa, hin hafamu, cidhi BARRUU!

Eebba kitaaba "BARRUU"
Guyyaa:- 13/04/2017
Yeroo:- Sa'a 7:00
Bakka:- Giddu-gala Aadaa Oromoo!

Aga Guda NL ✍️👏
Sami Graphics 🙏
@Walaloon_Jaalala


Bitcoinin ala gatiin crypto baayyee gadi bu'aa jira namootni gurguruu barbaaddan @Walaloo_bot irraan nu qunnnamaa

@Bittaafi


Forward from: Guca Aartii
Siif mala Galatoomi😍🙏
Kutaa 1ffaa

Ogeessa fiilmiifi tiyaatiraati. Ijoollummaa isaarraa eegalee hojiiwwan aartiitti seene. Gumiiwwan dhabbata adda addaa keessatti ijoollee shaakalsiisuurraa eegalee sadarkaa hanga ammaatti ifaajjii guddaa aartii oromoo keessatti taasisaa tureera. Achiis akkuma nam-tokkoo university seenuun digirii isaa jalqabaa tiyaatiraan xumureera.

Namni kun umrii isaan olitti hojiiwwan aartii oromoo keessatti shoora olaanaa taphateera. Ta’aa (Actor ) qaxaleedha. Tiyaatira “Raawwii “ Jedhamu keessatti gahee hayyu duree taphachuun tiyaatira sa’aatii lamaa dhiyeesseera. Waltajjiiwwan adda addaarratti baacoo, walaloo fi qofdubbii dhiyeesseera.

Baayyeen keenya Qajeelchaa (director) ta’uu isaa qofaan isa beekna. Eeyyeen dhugaadha.
Qajeelchaa qaxalee sirboota Afaan Oromoo sadarkaa kanaan gahan keessaa isa angafaati. Sirboota Jaallatamoo 50 ol Qajeelcheera.

Sirba Leencoo Gammachuu "Muquuxxaa’een “ kan eegale yemmuu ta’u, Wellistoota kanneen akka
- Yoosan Geetaahun,
- Galaanaa Gaaromsaa,
- Guutuu Abarraa,
- Ittiiqaa Tafarii,
- Andualem Goosaa,
- Hawwii T Qananii,
- Dangaa T Qananii fi kkf hojii miidhagaa hojjeteera. Aartii keenyas ol kaaseera.

Wellistoota Afaan Amaaraan wellisan kanneen akka:
- Lij Ma’iki
- Wandimak
- Helen Barhe
- Netsanet Sultaan fi kkf
Wellu isaanii ajaa’ibsiisaa taasiseeraaf.

Egaa Leencoo Fiqiruu jedhama
Yeroo dhiyoo asimmoo mana barnootaa “ Abbaa Lataa Acting Academy “ hundeessuun dhalootaaf bu’aa guddaa buusaa jira. Mana barumsaa kanattis barsiisummaadhaan barattoota marsaa 3ffaaf ogummaasaa kanaan leenjisaa jira. Isa malee hojiiwwan abdii namatti horan hedduu qabate dhufaa jira. Nagaan kottu. Umrii nuuf dheeradhu.

Jabina isaa waan hedduu keessaan waan muraasa jedhe,
Leencoo Fiqiruun lubbuun jira. Jiraatti wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta'u! Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjeteera.

Kanaaf… Lencho Fikru Kenea
Siif mala Galatoomi 😍🙏

✍️ Haftee Baqqalaa
@Fiilmiin




Deemeera...

Miirri koo waggootaaf caamee
Amma ka'ee, qalbii haamee...
Qe'een dur itti nagaa dhaame
Fedhiin ala dhufee, amma nagaa koo saame🫣

Jedheen ture...

Oobdii keetti lamuun dhufu
Gufannaa keen lammeen kufu
Jedhee kakadhee
Haalee lagadhee...

Har'a garuu...
Jiruun laguu, fiixee baqaa
Bakkan sodaadhu, hoofee naan dhaqa!
Yeroo danuu didee dheessee
Fedhii maleen amma of geesse🤔
Qalbii koo'rra dirqiin keesse
Simbirro'ttiin, narra teesse🍫

Baqni nan miliqsine, arreedus guyyaa saafaa
Gaafan achi yaadu, mogoleen na laafa
Filannoo dirqamaa, filachuuf miixadhee
Filannichis tokko, fudhachuufan hiixadhee
Jiruu dirqii miira caalu
Anumtuu yennaan of haalu
Egaa deemeera of awwaaluu
Kan Waaqni jedhe haa caalu...

Ilkeen kaarruu, iji biiftuu
Addunyaa'sheen na haa kiiftu
Maddiin dhooqa, diimpiliidha
Onaa kootu, isheen jiidha
Gaafa yaadan namaaf gamaa
Deemeera nan barbaadinaa jamaa

© Kenbon Abraham


Deebisaatii badhaafamaa. Maatii keenya ta'uun waliin gara fuula duraatti.

https://vm.tiktok.com/ZMkYQ7DF6/




Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Haaraa fi dhimmoota Fiilmii waliin wal qabataniif subscribe godhaa

https://youtube.com/@fiilmiitube?si=-phL9kTW-W9gOhGQ


Kan Afaan Oromoo inni Jalqabaa maal akka ta'e beektuu?

https://vm.tiktok.com/ZMkNV9RtA/


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Namootni rifeensa keessaniif oomisha kana barbaaddan @Egaadhaqi irratti nu qunnamuu dandeessu


Forward from: Finfinnee Post
Amala na dhiisuu dide keessaa tokko konkolaataa keessatti nama irra rafuudha😂 Har'ammoo dabareen na ga'ee namatu narra rafe. Sanuu dhiira🙈 Jalaan siqe, natti siqe. Achin jedhe, natti jedhe... dhumarra narratti jige. Ani hirriba akkasii taaksii irratti mitii, siree irratti rafee hin beeku😁




Iyya kutte. Maali jennaan, goondaatu ciniine. Ofirraa hin fuutuuree jennaan, quba kamiin!

Qeensa dhaabsifatteetti.

'Araadaa'n qeensa bareedaa dhaabsifattu, safara goondaan jiruu maal gooti jennaan, goondaatu safarashee dhaqe. Qaamni lallaafu, goondaadhaaf jannata. Jannata jaalalaaf ciniine.
...
Isheen buna naa danfifte sun,

Qeensa hin dhaabbattu
Qeeqa hin jaallattu!

Issey!

Qeensa maaf jibbite?
... quba isheetu quba
Qeeqa maaf balfite?
... jechi nama huba.

Nami keenya;
Jeequu fii qeequu
Gargar baasee hinbeeku!

Qeeqa jedhee jecha sitti fe'a
Arrabsee laalessuu qeeqa se'a!

Isheen,
madaqoo hin madaksitu,
waa akka qeensaa
arrabsoon sin gaggabsitu,
waa akka qeeqaa
bunnishee bunuma
Qubnishee qubuma
Hundishee dhuguma.
* * *

Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala




Usdt fi airdrop biroos ni bitna.

📣Warraa group old qabdan yeroon gurgurtan ammadha gatiin dabaleera✔️
🚀2017-2019🏷
🚀2020🏷
🚀2021🏷
🚀2022🏷
🚨2023(january to april) 🔺️
✅Inbox na godhaa
❌ location group tahuu hin qabu
❌historyn isaa muldhachuu qaba



🛫Namoota group 10 fi isaa ol qabaniif gatii dabalataan irraa bita 🔥

🔭miseensi 1 gahaadha

Hub:- Hi nama jedhuuf hin deebisnu... Dhimma keessan qofa kallattiin nuuf barreessaa.

Dabalataanis chaanaala bituus ta'ee gurguruu yoo barbaaddan nu qunnamaa.

Karaa kaffaltii ▶️🏦🏦🏦🏦🏦🏦
📨 @Egaadhaqi

20 last posts shown.