Yerusaalem Haaraa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Barnoota Dhufaati Goofta Yesus, Dhugaa Wangeelaa, Taate Bara Dhumaa, Qo'annaa Macaafa Qulqulluu, Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha.
Buy ads: https://telega.io/c/Yerusaalem_Haaraa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


~❏ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa?

➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira.

✪ Of Jijjiiruuf Kallattiilee Bu’uuraa ➓:

➛ Dandeettiin nama keessa jiru daangeffamaa miti. Kanaafuu dhuma milkaa’insaa irra gaheera kan jedhu hin jiru. Tuqaan milkaa’insa isa dhumaas hin jiru. Yommuu of xinxallu nuti nama gaariidha, gahoodhas.

➛ Kallattiin milkaa’inaa kennamu itti fufiinsaan of jijjiiruuf akka ta’uu fi yeroo hundumaa tarkaanfiin guddaan irratti dammaquu qabnu akka jirudha. Tarkaanfileen milkaa’insaa tokko tokko karaa salphaadhaan kan adeemsisu yoo ta’u, kan deeggarsa barbaachisus jiru.

➊. Yeroo Hundumaa Dubbisi! (Read Every Day):

⁃ Maddi ogummaa jireenyaa kitaaba dubbisuun ni argama. Hanguma baay’ina kitaaba dubbistu ogummaan horattus caalmaatti dabalamaa adeema. Guyyaa hundumaa kitaaba yommuu dubbistu sammuun kee beekumsa soorata.

➋. Afaan Haaraa Baradhu! (Learn New Language):

⁃ Afaan dabalataa baruun dandeettii fi beekumsa dabalataa akka argattu si gargaara. Sammuu banamaan afaanii fi aadaa kanneen biroo barachuun muuxannoo jireenyaa gabbisa.

➌. Fedha Haaraa of Keessatti Uumi! (Pick up a New Hobby):

⁃ Fedha kee cinaatti fedha kanneen biroo fakkeenyaaf jabeenya qaamaa, walaloo barreessuu, horachuun yommuu hojii xumurtu shaakaluun dandeettii kee alaan, keessaan, yaadaadhaan ni guddifatta.

➍. Barnoota Haaraa Fudhadhu! (Pick up a New Course):

⁃ Barnoonni karaa ittiin beekumsa haaraa argatanii fi dandeettii ittiin of jijjiiranii dha.

➎. Kutaa Dadammaqiinsaa Uumi! (Create an Ispirational Room):

⁃ Naannoon ati jirtu kaka’uumsa waan haaraa uumuf ati qabdu cimsuuf gahee qaba. Kan jirtu naannoo dadammaqiinsaaf si gargaaru yoo ta’e, yeroo hundumaa keessa kee haaressita. Kutaan mana kee keessa jiru duwwaa akkasumas toora kan hin qabne yoo ta’e, kutaa dadammaqiinsaa gochuuf wantoota dammaqiinsaf si gargaaran, jechoota barreessuun yookin fakkii kaasuun itti maxxansi!

➏. Sodaa Kee Moo’adhu! (Overcome Your Fears):

⁃ Dandeettii dubbii irratti, sagalee dhageessifachuu irratti sodaa qabda taanan, sodaan kee sadarkaa jijjiiramaa tokko irra akka turtuu fi of jijjiiruu irraa si dhoorka. Naannoo itti sodaa kee moo’achuu dandeessu uumuun irratti hojjedhu!

➐. Sadarkaa Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills):

⁃ Hojii kee irratti muuxannoo fudhachuun isa caalutti ol guddifachuu dha.

➑. Ganamaan Ka’i! (Wake up Early!):

⁃ Obboroon ka’uun bu’aa hojii fi of jijjiiruu irratti gahee olaanaa qaba. Ganamaan yoo kaatu yeroo gahaa itti of qopheessitu namoota kan biroo caalaa qabaatta.

➒. Sochii Qaamaa fi jabeenyaa Torbanii (Weekly Exercise):

⁃ Qindaa’insaa fi bareedina akkasumas fayyina qaamaaf sosochiin qaamaa murteessaa dha.

➓. Kitaaba Jireenya Kee Eegali! (Start Your Life Handbook):

⁃ Kitaabni jireenyaa of keessaa akkaataa jiruu fi jireenya kee itti jiraattu qaba. Fuula tokkoon tokkoon isaa irratti of qopheessuun, kaayyoo kee, bu’aa argattuu fi galma geessu madaalaa adeemta.

#Waan dubbiftaniif galatoomaa!


Injilii Luqaas 24:44-47 akkana jedha:
“Yommuun isinii wajjin ture waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana” isaaniin jedhe. Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. “Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabaee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. ”
Waaqayyo guyyaa sadaffaatti kanneen du’an keessa Yesusiin kaasuu fi guyyaa afurtamaffaatti gara mataa isaatti ol fudhachuun hojii isaaf ragaa ba’eera (Injilii, Hojii Ergamootaa 1:3, 1Qor 15). Karaa ittiin araara dhugaa argatan kanaan karaa mataa isaanii irraa deebi’uun karaa Waaqayyo isaaniif qopheesse fudhachuuf namoota fedha argisiisan hundumaaf kan qopheeffame ta’uu isaa Seerri Musee, Zaburii fi Injiliin ni dubbatu. Qur’aannis kitaabota kanatti amanuun akka isaaniif malu musliimotatti dubbata (Suuraa 5:46-48).
Gama yaada Waaqayyootiin yommuu ilaalamnu nuti sababa yakkaatiin qullaa kan taanee fi qaanii keessa kan jirruudha. Garuu dhiiga qulqulluu ilma isaatiin nuuf dhangalaafameen qulqullummaa argachuu ni dandeenya. Dubbiin oduu gammachiisaa kun ammoo bara Addaamii eegaluun ibsameera. Karaa Yesuus Masihichaan ammoo hanga dhuma biyya lafaatti ilmaan namootaa hundumaaf qopheeffamuun dhiyaateera. Kanarra kan fooyya’u isa kanaan mulquu kan danda’u wanti kamiyyuu hin jiraatu. Ilmaan namaa hundumaaf ga’aa, amansiisaa fi dhugaa kan ta’e karaa fayyinaa ti.
————–
Yoo haa ta’u jenne iyyuu eebba itti fufanii jiraniin bakka bu’uu kan danda’u karaan kana caalu ni argama?
• Dhiifama cubbuu dhugaa ta’e
• Qaaniirraa gara ulfinaatti deebi’uu
• Sodaa fi ceephoo sammuurraa bilisa ta’uu
• Jireenya guutuu
• Humna Hafuura qulqulluu akka fedhaa fi yaada Waaqayyootti jiraachuu kan dandeessisu
————-
Yesuus jechuun nabiiyoti dursanii kan isaaf raajan fayyisaa addunyaa ti. Kana gochuuf ga’umsa isaa kan qabaatu isa qofaadha (Injilii Maarqoos 2:6, Luqaas 24:44-47, Yohaannis 11:25-26). Ergaan isaa adda dha. Gabaabumatti itti fufee kan jiruun fakkaata: Waaqayyo qulqulluudha, nu jaallata-hundi keenya cubbamoota ta’uu keenyaan isa irraa adda baaneerra-amantaawwan kallattii isaanii irraa dogoggoraniiru; hojiiwwan keenya gaggaariinis nu fayyisuuf ga’aa miti-ga’umsa kan qabaatuu fi rakkina keenyaaf furmaati Yesuus qofa dha! Inni adabbii keenya fudhateera-qalbii jijjiiradhaa-isa duukaa bu’aa! Yaa obboleessa koo jaallatamaa aarsaa kan dhugaa fi qulqulluu ta’e, kan bara baraa fi sagalee Waaqayyo Barachuu fi Odeeffannoo gaafachuufis Keessaan na dubbisaa.

eebbifama.


@Yerusaale_Haaraa


Qaaniin bu’aa cubbuu ti. Laphee keessatti bakka cubbuun itti yaadamu yoo hin jiraanne qaaniin hin jiru. Kanaa fi, daa’immaan qullaa yoo ta’aniyyuu kan hin qaanofne. Kiristiyaanummaatti dhaala cubbuu jechuun namni amala cubbuu hojjechuu waliin dhalata jechuuf malee otuu of hin beekiin dura cubbuu hojjeteera jechuu miti. Namni hundi uumama isaatiin iyyuu ilma dheekkamsaa ti. Isa kanaaf sababni isaa ammoo cubbuu qabataamaa waliin dhalachuu isaa otuu hin taane amala cubbuu hojjechuu waliin dhalachuu isaa ti (Efesoon. 2:3). Ilmaan namaa hundumaaf bakka bu’aa kan ta’e Addaam cubbuu hojjechuu isaatiin hundi keenyi murtii Waaqayyoo jala jirra (Rom. 5:12). Yommuu dhalanne cubbuu waliin hin dhalanne. Garuu amala cubbuu hojjechuu waliin dhalachuu keenyan dhimmi cubbamoota ta’uu keenyaa gaaffii kan uumu miti. Kanaafuu adabbii Waaqayyoo jalaa ba’uun nuuf hin danda’amu.
Qaa’elii fi Abeel (Qaabilii fi Haabiil)
Waa’een aarsaa Qaa’elii fi Abeel Qur’aana keessatti sirriitti hin dubbatamne (Suuraa 5:27). Seerri Musee fi Ijiliin akkuma nutti dubbatan sanyii lafarraa kan ta’e qalma Qaa’el Waaqayyo kan hin fudhanne yommuu ta’u qalma beeyladootaa kan ta’e aarsaa Abeel garuu fudhateera (Seera Uumamaa 4:3-7). Kana malees Abeel qalma isaa amantiin dhiyeessuu isaatiin fudhatama argachuu isaa dubbatameera (Ibroota 11:4). Abeel aarsaa beeyladaa dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu isaa maaliif amanee ture? Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjechuu isaaniin qaanii irraa akka oolfamaniif gogaa beeyladaa itti uffisuu isaatiin Waaqayyoof galata galchuuf barbaadee ta’a? Seenaa Musee yommuu ilaallu kun caalaatti ifaa ta’a.
Abrahaam (Ibraahim)
Abrahaam ilma isaa akka aarsaa godhuuf erga abboomamee booda bakka ilma isaa kan dhiyaatu hoolaa aarsaa ta’u ofii isaatiin Waaqayyo ni qopheesse Suuraa 37:107, seera Musee Seera Uumamaa 22). Aarsaan beeyladaa kun akka gocha waaqeffannaa salphaa ta’e qofaatti kan ilaalamuu miti. Sababni isaa Qur’aanni barbaachisummaa isaa yommuu ibsu “(Gorra’ama) guddaadhaan isa furre” jedha. Ilmi namaa beeyladarra gatii guddaa ni qabaata. Beeyladichi “guddaa” kan jedhame aarsaa dhugaa kana booda dhufuuf jiru karaa fakkeenya ta’een waan argisiisuufi laata?
Musee (Muussaa)
Museen yakkaa saba Israa’eliif dhiifama akka ta’uuf beeyladoota uumaman akka aarsaa godhu Waaqayyoon (Rabbiin) abboomame Seera Musee (Seera Lakkoobsaa 19:1-10) luqqisiiwwan kanneen biroonis jiru.
Musliimonni kan akka Yoseef Alii fi Mawudidii ta’an Suurat Al-Baqaraa 2:67-74 irratti kan argamu seenaa ajaa’ibsiisaa kana kan yaadachiisu ta’uu isaa dubbatu. Luboonni Yihudii fi manni qulqullummaa Suuraa 17:1-7;5:55 irratti ibsamaniiru. Mana qulqullummaa keessatti dhiifama yakkaatiif kan dhiyeeffaman aarsaan beeyladootaa dhimmoota jalqabaa kan seera Musee ti. Addaamii fi Hewaan wanti isaan itti qaana’an akkuma golgameef akkuma kana ammoo aarsaa dhiigaan malee qaaniin golgamu hin jiraatu. Seera Musee (Seera Leewwotaa) 17:11 irratti akkana jedha:
“Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera”
Yesuus Masiihicha
Aarsaawwan hedduun irra deddeebi’amanii yoo dhyeeffaman iyyuu rakkina cubbuu ilmaan namaaf furmaata itti fufiinsa qabaatu ta’uu hin dandeenye. Rakkinni kun ammoo gatii namummaa ilmaan namaa baasuuf kan gitan ta’uu dhiisuu isaanii ti. Aarsaa gara fuula duraatti dhufu qulqulluu fi cubbuu irraa bilisa ta’een kan argisiisan qofa turan. Akkuma cheekii baankii jechuudha. Cheekiin baankiii qarshii ittiin qabaachuuf ni tajaajila garuu yeroo tokkoof qarshichi harka keessan yoo gale cheekiin kun isin hin barbaachisu.
Aarsaan beeyladaa aarsaa isa guddaa ta’een kan argisiisuudha. Aarsaan kun yeroo tokkoof yoo raawwatame aarsaan beeyladootaa isin hin barbaachisu. Yohannis cuuphaan (Yahiyaa) “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jechuun ture Yesusiin kan waame (Injilii Yohannis 1:29). Yesuus cubbuu, qaanii, sodaa fi ceephoo biyya lafaa balleessuuf bakka ilmaan namaa bu’uun xoofoo du’aa fudhateera (Injilii Mark 10:45).


KARAAN JANNATAA BANAA DHA
________

Musliimonnii fi Kiristiyaanoti ilmaan namaa Uumaa isaaniirraa adda ba’uun badiisaaf saaxilamuu isaaniitti amanu. Bakka jireenya keenya isa dhugaa kan ture gammachuu fi qannoon guutame Jannata keessa yoo ta’e iyyuu, Addaamii fi Hewaan (Adam fi Hawaan) yakka hojjechuu isaaniin Jannataa ari’amuu keenyan lafa rakkinaan guutame irra akka jiraannu murteeffameera. Garuu Uumaan keenyi gara-laafessaa fi gaarii ta’e isa irraa adda ba’uun bara baraan akka balleeffamnu waan hin jaalanneef balbala Jannataa deebisee baneera, karaa ittiin galamus karaa salphaa ta’een nuuf qopheesseera. Quraa’anas yoo ta’e Kitaaba Qulqulluu keessaa seenaawwan argaman yommuu qorannu Uumaan keenyaa nurraa fagachuun qajeelfamoota erguu mannaa gara ilmaan namaatti dhiyaachuun isaa wajjin jiraachuu kan isaan dandeessisu ulaagaawwan isaan irraa eegamu karaa mataa isaatiin qopheesse yommuu ofiin raawwatu argina.
Seenaawwan shanan itti fufanii jiran keessaa arfan Kitaaba Qulqulluu fi Qur’aana keessatti galmeeffamaniiru. Obboleessa koo musliima jaallatamaa! Seenaawwan kun ulaagaa Waaqayyo (Rabbi) sirraa eegu guutuudhaan gara Jannataa si deebisuuf hojii inni hojjete kan argisiisan waan ta’eef maaloo sirriitti dubbifadhu.
Waaqayyo (Rabbi) sababa cubbuu isaaniin qullaa isaanii golguuf uffata Addaamii fi Hewaaniif qopheesse. Waaqayyo karaa aarsaa isa dhugaa Abeelii fi Qaa’eliif qopheesse. Abrahamiif ilma isaa oolchuuf aarsaa guddaa qopheesseef. Musee fi Israa’elotaaf cubbuu muraasa ta’aniif dhiifama kan ta’u seera aarsaa karaa Lubootaa fi mana qulqullummaa Yerusaalemiin hundeesseef. Ilmaan namoota hundumaaf ammoo seera aarsaawwanii gara xummuraatti kan fidu ilma isaa qulqulluu ta’e Yesuus Kiristosiin dabarsee kenne. Aarsaa beeyladoota kanneen darbanii gara fuula duraatti kan ta’u karaa Yesuus Kiristosiin dhiifama cubbuu fi tokkummaa Waaqayyo waliin qabaannu haaressuuf aarsaa nuuf godhame karaa ajaa’ibsiisaa ta’een fakkeenyaan kan argisiisaniidha.
Dhugaa barbaachisaa ta’e kana dagachuun Waaqayyo (Rabbii) itti amanuu, hojiiwwan gaggaarii hojjechuu fi wanta gaarii hawwuun qofa ga’aa akka ta’e namoonni yaadan Waaqayyoo fi karaa inni qopheesseef kabaja kennuu dhiisuu isaaniin milkaa’ummaa irraa hafu. Kanaafuu seenaawwan shanan armaan oliin ibsman maalo sirriitti dubbifadhu.
Addaamii Fi Hewaan (Aadamii fi Hawwaa)
Addaamii fi Hewaan yakka erga hojjetanii booda qullaa isaanii ta’uudhaan sodaa fi qaaniin jireenya isaanii dhuunfate. Uumaa isaanii irratti yakka hojjechuun salphinaaf isaan saaxile. Qullaa isaanii golgachuuf kan yaalan baala mukaan ture. Qaanii fi salphina sababa yakka isaaniin isaan mudate kana jalaa ba’uuf yaaliin isaan godhan ija Waaqayyoo duratti ga’aa hin taane. Muka dhorkaman irraa yoo nyaatan du’a akka du’an dursee itti himee ture. Duuti kun du’a hafuuraa yommuu ta’u kunis sababa Jannataa ari’amuu isaaniin tokkummaa dhuunfaan Waaqayyo waliin qabachaa turan dhabuudhaan isaanitti kan dhufuudha. Duuti qaamaa ammoo kanaan itti fufee kan dhufuudha. Namni tokko adabbii du’aa jala jiraa yoo ta’e abdii hin qabaatu, du’aadha! Kanaafuu Waaqayyo gidduu galuun qullaa isaanii kan ittiin golgatan gogaa beeyladaa isaaniif laate. Kunis balleessaa kan ta’e bu’aa cubbuuf aarsaa dhiyaatu kan argisiisuudha Seera Musee (Seera Uumaa 3:7;21). Qur’aana keessattis uffata qullaa isaanii ittiin golgatan Allaan isaaniif kennuu isaa dubbatameera (Suuraa 7:26).
Seera Musee, Zaburii fi Injiliin “yakka” jecha jedhu dogoggoraan hojii yaraa hojjechuu kan jedhu irra darbee hiika qabaachuu isaa dubbatu. Laphee ilmaan namaa hundumaa keessatti kan argamu ilaalcha hamaa ta’een yaadawwan yaraa yaaduun dabalatee wanta hamaa raawwatamuudha. Waaqayyo dhugaatti qulqulluu ta’uu isaatiin gama ilaalcha isaatiin cubbuun yommuu ilaalamu wanta baay’ee ulfaataadha. Ilmaan namaa hundi cubbamoota ta’uu isaaniin murtiin isaaniif mala (Suuraa 16:1).


1Xim 3:2-7

2 Ilaaltuun hojii waldaa kristiyaanaa, waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatu, nama warra kaan barsiisu danda'us ta'uun isa irra jira;

3 nama garraamii, naga-qaneessas malee, nama machaa'aa, nama lola jaallatus hin ta'in! Nama horii jaallatus hin ta'in! 4 Nama warra mana isaa ba'eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan abboomamuuf kan guddisu ta'uun isa irra jira.

5 Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda'a ree? 6 Of jajuudhaan afuufamee, firdii isa kanaan dura Seexanatti faradametti akka hin kufnetti, nama dhi'oo amane hin ta'in!

7 Maqaan isaa badee kiyyoo Seexanaa keessatti akka hin kufnetti, warra alaa biratti maqaa gaarii qabaachuun isaaf in ta'a.


@Yerusaalem_Haaraa


🗣️ Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu'aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/dukkana-koo-ibsita/


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 6ffaa

III. Mallattoolee Bara Dhumaa - Muraasa

i) Mallatoolee jalqaba ciniinsuu - Jijjiirama qilleensaa, elliinoo, laaliinoo, kaanseri, HIV, Ziikaa, Kovid 19 (koronaa), nervii, sukkaara, shoroorkeessaa hedduu,
ii) Mallatoolee seenaawwanii - Bara Nohii fi bara Loox (Luq. 17:26-37) - kutaa biraatti ilaalla
iii) Mallatoolee uumama irratti raawwataman - Macca waaqa keessaa irratti (2Phe. 3:10-12)
iv) Mallatoolee gocha daabiloos
a) Kiristoos/Masihii sobaa (Mat. 24:4-5, 23-24)
b) Raajota sobaa (Mat. 24:24; 2Phe. 2:1)
c) Barsiisota sobaa (2Phe. 2:1-3)
d) Gubaa bineensichaa (Mul. 13
e) Mallattoo bineensichaa - 666
f) Jawwicha guddicha (Mul. 12:3-9; 16:13-14)
g) Boficha bara durii (Mul. 20:2)
h) Seexana (2Qor. 11:14)
i) Ergamoota sobaa (2Qor. 11:13)
j) “Jarreen tokko” (Gal. 1:6-7; 5:7-10; HoE. 15:1,24) – dhoksaadhaan hojjetu.
v. Jaalalli waan dilallaa’uuf lolaa fi oduun lolaa dhaga’amuu isaa (Mat. 24:6,12) Kanaafis:
a) Seera malee jiraachuun baay’achuu (12
b) Sabni saba irratti ka’uu (7)
c) Dabarsanii walkennu (10)
d) Beelaa fi dha’icha dhukkuba addaa addaa (7)
e) Socho’a lafaa hedduu (8)
f) Raajonni sobdoonni carraa argatu (11, 23-28)

IV. Deebi'ee Dhufaatii Yesus Kiristoos Dura Dirqama Wantoonni Gurguddoon Maaltu Raawwatamuu Qabu? (2Tas. 2:2-12; Mat. 24:15,32)

1. Dameen muka harbuu/በለስ/ quqquuqee baala biqilchuu; lalisuu.

Harbuun Israa’eliin bakka bu’a. Fakkeenyi kun deebitee walitti ijaaramuu mootummaa Israa'el kan agarsiisu akka ta'e, Komeentaariin Weirsbe ni ifoomsa. Biyyattin kun bara mootummaa Roomaanotaa Kiristoos booda 80-82 kan jiru keessatti akka diigamte seenaan waldaa kiristaanaa ni addeessa. Akkasitti hanga bara mootummaan gamtooman 1948 murtoodhaan akka deebitee biyya mootummaa ijaaramte taatutti akka bittimfamtetti hafte. Kun kan taates Gooftaa Yesuusiin simachuu waan diddeef akka ta'e (Luq. 19:41-44) dubbata. Kanaaf barri deebitee ijaaramuun ishee kun fakkeenya baala harbuu isa yeroo
inni quqquuqutti kaa'amee jira. Egaa kun kan ta'e, har'a waggaa 72 akka lakkoofsise hubachuun ni danda'ama. Kanaaf dirqama kun erga ta'ee, mallattoon raajummaa kanaan taa’e raawwatamee jira.

2. Waaqayyoon Mormanii Isa Irratti ka'uun Ni Mul'ata;

Dhimmi dubbii kanaa kitaaba "Icciitii barumsa sobaa isa ammayyaa" jedhu irratti mata-duree, "Mul'achuu Mormituu Mootummaa Kiristoos" jedhu jalatti ibsamee ni argattu. (yeroo biraa ilaalla) Kitaaba sana keessatti mormaan mootummaa Waaqayyoo adda of baasuuf yeroo isaaf kenname eeggachaa jira malee, mallaattoolee mul'isee of qoqopheessaa jiraachuu isaa ni argina. Garuu ammuma iyyuu mootonni dachee kanaa akkana gochaa akka jiran seenaa keessas, ijaanis argaa jira.

3. Inni hamaan seera malee jiraatu, "ilmi badiisaa" bakkeetti baafama;

Inni kunis kitaabuma sana irratti ibsamee jira. Egaa seera malee jiraachuun sirna waliif galtee idil-addunyaa irratti mirgi daa'immanii haa kabajamu wayita jedhamu, safuu fi duudhaa maatii fi hawaasa keessatti guddatan akka gataniif: “hin gorsinaa, hin adabiina” kan kana fakkaatan jechuudhaan akka feetee ta'uudhaan, seera-maleessummaa akka shaakalanii fi dhaloota gocha abaaramaa fi kan abaarsaa akka ta'anii guddatan heeraa jiraachuun isaani iccitii waltajjii irraati. Isaan yoo guddatan isaanuma keessaa mootii seera malee jiraatu nuuf ka'a isa jedhutti hawwaan eegaa akka jiran raaganii jiru. (Isa kana yeroo biraa "Ergaa Alice Bailey kurnan" hiikame keessatti arganna na hordofaa) 🙏

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


##Duukaa buutummaa.
i. Duuka buutummaan maalii?
1. Fayyina fi jireenya keenya bara baraati.1Tos.2:8
2. Adeemsa fi barsiisa jaalalaati
3. Yesuusiin fakkaachuutti guddachuudha. 2phex. 1:5-8, 2Qor.(amalli, haasaan, hojii keenyan Yesuus fakkaachuu)
4. Adeemsaaf kennamuu dha.

yesusin fakkachuu !


“Nuyi amantiidhaan jiraanna malee,
waan hundumaa ijaan arguudhaan
jiraanna miti.”
— 2Qor. 5:7


NI BAATAMTE MALEE YOOM GATAMTEE?
Waaqayyo nama hin gatu. (Far.77:7)
Dubartii tokkotu turte. Amantii isheetti baay'ee cimti. Ni kadhatti ni deddeebiti turte. Guyyaa biraa amantii isheerraa dadhabdee laafte. Baay'ee utuu gaddituu gaaf tokko rafteetu abjuu abju'atte. Abjuu ishee kanaan miillan lama cirracha gubbaa deemu tokko argite. Miilli tokkichi furdaa fi cimaa yoo ta'u tokko immoo huuqqataa fi laamsha'aa ture. Waaqayyo akkas jedheen "Miilli inni qal'aa fi laamsha'aan si'i inni cimaan immoo ana ati deemmii dadhabnaanan si gargaaraa jira." Jedheetu itti dubbate. Baay'ee gammadde guyyaa kan biraas abjuu abju'atte. Har'a immoo abjuu isheetiin miilli cimaan sun kophaa isaa utuu cirracha gubbaa deemuu argite. Seexanni gidduu kanaan itti siqee "Ilaa ati dadhabnaan Waaqayyoon kee si gateem!" Jedheen. Isheenis boo'icha isheetti kaate Waaqayyo immoo ammas garashii dhufeetu "Yaa mucaa koo! Ani si hin ganne ati hamma duriiyyuu dadhabnaanan ol fuudhee gateettii kootti si baadhe malee." Jedheen. Waaqayyo nama hin gatu jabaadhaa!! Cimina keenya utuu hin taane Waaqayyotu nu hin gatu!

waqayyoo nama hin gatu


Pornogiraafiin Maali?

Hiika Pornogiraafii fi Yaada Qorattootaa

1. Amala fedhii saalqunnamtii kakaasu (Suura, video yookiin barreeffama) kan miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame agarsiisu.
2. Meeshaa (Kitaabota) fedhii saalqunnamtii agarsiisuu fi miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame.
3. Gochoota haala miira namaa kakaasuun argisiisuudhaan miira cimaa akka kakaasuuf yaadame. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/pornogiraafiin-maali/


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 5ffaa

4. Guyyaa fi Yeroon Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Kiristos Yoomidha?

Gaaffiin kun dhiphisaadha; salphaadha; walxaxaadhas.
i. Akka hattuuttidha. (2Phe. 2:10; 1Tas.5:1-2,4-5; Luq. 12)
ii. Ciniinsuun akka dubartii ulfaa qabatutti (1Tas. 5:3)
iii. Yeroo hin beekamnetti (Mar. 13:34-35; Luq. 12:45-46)
iv. Yeroo quba hin qabaatiinitti (Mat. 24:44)
v. Akka tasaa/dingata/ (Mar. 13:36)
vi. Akka bakakkaatti mul’ata (Mat. 24:27)
vii. Abbaa qofatu beeka (Mar. 13:32)

5. Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Eeggachuu: Gooftaan Yesus akkamitti eeggatama?

1. Of to'achuudhaan (1Tas. 3:13)
2. Of eeggachuudhaan (Mat. 24:43-44)
3. Obsaan (Mat. 24:13
4. Dammaquudhaan (Luq. 12:35-40)
5. Hawwiidhaan (Qol. 3:1-4)
6. Abdiidhaan (Mat. 24:32-35)
7. Gammachuudhaan (Yoh. 16:21-22)
8. Kadhachuudhaan (Mar. 13:33)
9. Amanamuudhaan (Luq. 12:42)
10. Of qopheessuudhaan (Luq. 12:31-37);
Fakkeenyota of qopheessuu:
(2Xim. 2:3-6; 2Qor. 11:2-3)
a) Raayyaa biyyaa
b) Qonnaan bulaa
c) Dorgomaa
d) Durba kaadhimaa eeggattu
e) Barataa eebbifamu

6. Deebi’ee dhufuu Kiristoosii fi Ga’ee Amantootaa

» Jaalalaa fi Dubbii Waaqayyootti hiddaa fi hundee godhachuu (Efe. 3:17; 1Tas. 3:11-13; 4:10)
» Dammaqanii kadhachuu (Mat. 26:41
» Gara jireenya guutamuutti guddachuu (Efe. 4:12-16
» Deebi’ee akka gooftaan Yesus dhufu yaaduu fi yaadachuu (2Phex. 3:8; Qol. 3:1-4)
» Mudaa malee ta’anii qophaa’anii eeggachuu (Mat. 25:1-13; 1Tas. 3:13)
» Qalbii jijjiirrachuu fi Obsaan deddeebi’uu (2Phe. 3:9; Yaq. 5:7-11)
» Namoota biroo illee yaadachiisuu!

II. Deebi’ee dhufaatiin Kiristoos si’a lama ta’uu isaa

1. Osoo hin mul’atin dhufa. Kun waldaa isaa fudhachuuf (warra qulqulloota ta’an),
yeroo eenyu iyyuu hin beeknee fi quba hin qabaatiinitti yookiin akka hattuutti dhufa (Luq.12:39-40; 21:34-36).

Yeroo kana Kiristoos waldaa isaa (warra obbaafatan du’aa kaasuu fi warra jiran immoo jijjiiruudhaan) qilleensa irratti butata. Kunis kan ta’uuf toloota ofitti sassaabachuuf (Yoh. 14:1-3), gidiraa jalaa oolchuufidha (1Tas. 1:10).

2. Mul’inatti Deebi’ee Dhufuu Isaa.
Samii irratti chidha waggaa torbaa booda toloota waliin ni dhufa. Ulfinaan waan dhufuuf hundinuu isa arguuf jiru.

Kaayyoon Lammaffaa Dhufuun kunis:
a) Waggaa kuma mo’uuf (Mul. 20:4-6)
b) Israa’eliif yeroo fayyinaa akka ta’uuf (Mat. 24:21-22; Rom. 11:26-27)
c) Cubbamoota yookiin hamoota ijaa ba’uuf (Mat. 25:31-48; 2Tas. 1:6-10)
d) Mootummaa Seexanaa fi kan Masihicha sobaa jigsuuf (Mul. 20:1-3)
e) Qulqulloota lafa kana irratti gammachiisuuf (Isa. 11:1-10
Isaan kana iddoo biraatti bal’inaan ilaaluu ni dandeenya.

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


#Ati #Kamiin #Filatta?

Namicha tokkotu du'ee jennaan ergamaan tokko gara gara waaqatti isa geesse jedhan.Waaqnis anaa dhufu erga jedhee booda,"Namni erga du'ee booda iddoo lama keessaa bakka tokko jiraachuuf carraa qaba. Tokko si'olidha,inni kaan Mootummaa koo! Amma ergamaan kun iddoowwan kana si haa daawwachisuu waliin deemi " jedhe.

Ergamichis namicha gara si'olitti geesse. Naanna'anii ilaalan.Artistoota bebbeekamoo warra inni kanaan dura lafa irratti ajaa'ibsifachaa ture hedduutu achi keessa jiru.

Sagalee isaanii mimmiidhagaa sanaan sirbu,meeshaaleen muziqaa guutuudha. Hundinuu ni sirba.Iddoon kun baayyee namichatti tole.itti fufee mootummaa waaqaa akka inni daawwatuuf gara sanatti isa geesse.sirbi hin jiru.

Namoonni lafa irratti beeku hedduun achi hin jiran.Jireenyi isaa baay'ee mijataa ta'us bashannanni garuu hin turre.Hundinuu sagalee isaa ol kaasee waaqa faarfata malee,namoonni miidhagaa qaban muraasi achi ba'anii weellisanii nama hin bohaarsan.

Lachuu keessaa kan barbaade akka filatu itti himnaan,filannoon isaa si'ol akka ta'e beeksise. Bashannana barbaade.Tole jedhee ergamichi geessee deebi'e.

Yeroo 2ffaa yemmuu achi deemu haalli hunduu jijjiramee arge.Bashannanni silaa,muuziqaan silaa,kolfii fi gammachuun silaa amma hin jiran.Hundumtuu ibidda boba'u keessaa iyya.Wanti jiru hundi akka malee nama sodachisa ture.

Suuta jedhee seexana tokko ofitti waamee gaaffii gaafate,"Inni silaa hin jiruu?Bashannanni silaa eessa deeme? Halli amma jiru kan duraa waliin wal hin fakkaatu.Maal rakkinni isaa " jedhe.

Seexanichi deebiseefi "Isa silaa jettee? Inni hin jiru.isa duula na filadhaaf itti fayyadamne.Erga nu filattee carraan kee barabaraan gubachuu qofadha!"jedheen jedhama.

#Dhaamsa

(Luqaas 14 )
------------
15 Warra isaa wajjin maaddiitti taa'an keessaa tokko, kana yommuu dhaga'e Yesusiin, "Maaddii mootummaa Waaqayyootti kan dhi'aatu ayyaantuu dha" jedhe.

16 Yesus garuu, "Namni tokko cidha guddaa isaa godhatee, namoota baay'ees waame.

17 Yeroon nyaataa yommuu ga'e, 'Amma kottaa hundinuu qophaa'eera' jedhee warra waamaman haa yaadachiisuuf hojjetaa isaa itti erge.

18 Warri waamaman garuu hundumti isaanii, 'Akka itti dhufnu hin qabnu' jedhanii hojjetichatti dhimma garaa garaa himachuu jalqaban. Inni duraa, 'Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta'a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' jedheen.

19 Inni lammaffaanis, 'Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo, karaa irran jira, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' jedheen.

20 Inni kaanis 'Dhi'oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu' jedheen.

21 Hojjetichi galee kana gooftaa isaatti hime. Kana irratti abbaan cidhichaa aaree hojjetaa isaatiin,. Ariifadhuu gara karaa gurguddaatii fi karaa qaxxaamuraa mandara keessaa dhaqiitii warra waan nyaatan hin qabneef, warra bu'aan dhagna isaanii hir'ate, warra jaaman, warra naafatanis ol galchi!' jedheen.

22 Yommus hojjetichi 'Yaa gooftaa, akka ati abboomtetti raawwatameera, garuu amma iyyuu iddoon jira!' jedheen.

23 Gooftichi immoo hojjetichaan, 'Gara karaa gurguddaa biyya keessaatti, kelloota duubattis ba'iitii, manni koo hamma guututti ol haa galaniif nuffisiisi!' jedhe.

24 Ani isinittan hima'o, jarreen dura waamamanii didan sana keessaa tokko illee maaddii koo irraa waa afaaniin hin qaban!" jedheen.


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 4ffaa

Dhufaatiin Gooftaa Keenyaa Yesus Kiristoos iddoo lamatti qoodama. Isaanis:

1. Abdii raajotaa fi raawwatamuu dhalachuu isaatii hanga du’ee du’aa ka’ee gara mirga abbaa isaa taa’uu; fi

2. Mootummaa fudhachuuf si’a lammaffaa deebi’ee dhufuu isaati.

Isa jalqaba dhufe irratti hoolaa qalmaaf ta’u, bifa garbaa uffachuu fi nama fooniin du’u ta’ee dhufe. Garuu isa lammaffaatti mootii, abbaa aangoo, hundummaa harka isaa jala galfachuu fi firdii isa dhumaaf dhufa. Bara dhumaa kan jedhamu baratuu dhuma. Egaa barumsi itti aanee jiru kun kan isa lammaaffaa ilaallatu qofa ta’a.

Hiramuu barootaa - Rom. 5:12-14:
A. Addaamii hanga Museetti – bara seera du’aa jedhama.
B. Museetii hanga Yesusitti – bara seeraa jedhama.
C. Bara Dhalachuu Kiristoosii hanga dhumaatti – bara seera jireenya hafuuraati.

Itti fufee kan jiru barri “bara dhumaa” jedhamee waamama. Dhumni waan hundumaa fi barri dhumaa akka jiru hubachuu fi hubachiisuu qabna.

Waaqayyo waan uume hunda humna-qabeessa dubbii isaatiin akka uumee fi dubbichumaanis utubee qabee akka eege, isumaanis deebisee akka balleessu beekuu qabna. Jalqabni erga jiraatee dhumnis jiraachuun hin shakkisiisu. Kanaaf barri keenya “Bara Dhumaa” jedhama waan ta’eef barachuun dirqamadha na hordofuu hin nuffiinaa!

Kaayyoo Barreeffama Kanaa:

• "Waa'ee Dhufaatii Gooftaa keenyaa, fayyisaa keenyaa fi gara isaatti sassaabamuu keenya" ibsuufidha. Kunis Abdii Kaayyoo Gooftaatti amanuu keenyaadha. (2Tas. 2:1)

• Rakkoo baroota keessatti ka'an keessaa isa tokkoof ibsa ga'aa laachuuf "Deebi'ee Dhufaatii Yesus Kiristoos akka turutti yaaduu fi "Hin dhufu" kan jedhu ture. Isa kanaaf immoo deebii gaggabaaboo ta'an qabadhee dhufeera.

I. Deebi'ee Dhufaatiin Gooftaa Raagamuu Isaa:

1. Ragaan kun eenyu fa’aan dubbatame?

A. Daawwit (Far. 50:3-6; 96:13
B. Isaayaas (35:4; 40:10; 62:11; 66:15-16)
C. Zakkaariyaas (Zak.14:5
D. Gooftaa Yesus (Mat. 24:30, 44)
E. Ergamoota waaqaa (HoE. 1:11)
F. Phawuloos (1Tas. 4:16)
G. Phexiroos (2Phe. 3:10)
H. Yaaqob (Yaq. 5:7-9)
I. Yihudaa (Yih. 14-15)
J. Yohannis (Mul. 1:7)

2. Deebi'ee Dhufuu Gooftaa Yesus kan morman jiruu laata?

A) Warra hin amannee fi warra shakkan (Yoh. 21:24-27; Mul. 22:15; Luq. 19:12-14,27)
B) Warra ni tura jedhan (Luq. 12:45-46; 2Phex. 3:9)
C) Ga’iftoota warra ‘ni hafa’ jedhanii yaadan (2Phe. 3:3-4)
D) Warra amala sababiitiin deddeebi’an (Luq. 12:45-48; 14:15-24)
E) Daabilos, Seexana, boficha durii (Yoh. 8:44; Mul. 12:7-9)
F) Sochii barumsoota sobaa - Kiristoos biraa - Hafuura biraa - Wangeela biraa (2Qor. 11:1-4 ) (“….biraa” kan jedhu kana bifa biraatiin bal'inaan ilaalla)

3. Gooftaan Yesus Akkamitti Deebi’ee Dhufa? (Mat. 24:26-28)

A. Ulfina Abbaa fi surraadhaan (Mat. 16:27)
B. Humnaa fi ulfina guddaadhaan (Mat.24:30)
C. Duumessa waaqa irraatiin (Mat.26:64)
D. Ergamoota qulqulloota waliin (Mar.8:38)
E. Utuma ilaalanii dhufa (HoE. 1:9-11)
F. Akka bakakkaa ibsuudhaan (Mat. 24:27)

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


BARUUMSA DEEBI’EE DHUFUU YESUUS KIRISTOOS

#Kutaa - 3ffaa

Baruumsa Deebi’ee Dhufuu Yesuus Kiristosii fi Taateewwan Bara Dhumaa

Yesuus Nuuf Dhufa 🙏

• Jalqaba namni Waaqayyo waliin jiraachaa ture. Garuu, sababii Addaami fi gargaartun isaa cubbuu hojjetaniif iddoo namatti tolu sanaa baanee biyya lafaa ishee rakkinaan, jal'inaan, cubbuudhaan, jibbaan, hammeenyan, fi kan kana fakkaan hedduun guutamte keessa jiraachaa jirra. (Uma. 3)

• Waaqayyo garuu adeemsa dheeraa booda jireenya keenyaaf jaalala nuuf qabu irraa kan ka'e sababii cubbuu keenyaa kanaaf aarsaa dhiyeessuu barbaadee ilma isaa isa jaalatu aarsaa sababii cubbuu keenyaaf godhee nuuf dhiyeesse. Innis aangoo Waaqummaa utuu qabuu gad of deebisee nuuf dhalatee, aarsaa sababii cubbuu keenyaa nuuf ta'ee cubbuu ilmaan namaa hundumaa baatee fannoo yaabee Waaqayyo abbaa nuuf kadhachuun nuu fi Waaqayyo abbaa walitti araarse. 🙏 INNIS YESUUS KIRISTOOS isa jedhameedha. (Isa. 53) guutummaatti akkamiin akka Yesuus nuuf dhiphate nuuf hima.

Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;
⁶ nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.

• Egaa yaa obboleessa koo Waaqayyo kana hundumaa kan godhe sababii koo fi kee ta'uu isaa hin dagatin! (Mul. 22:14) Maal gochuun akka nuuf ta'uu fi yoo qulqulluu taane maal argachuuf akka jirru tolchee nuuf hima. (Ibr. 3:1) immoo maal gochuun akka nuuf ta'u barreeffameera.

“Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii, Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa!”
— Ibr. 3:1

“Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu.”
— Mul. 22:14

• Egaa obboloota koo Yesuus dhuguma deebi'ee dhufee nu fudhata. Akka nu fudhatu kakuu nuuf galeera. Inni akkuma sababii cubbuu keenyaaf gadi bu'e nu fudhachuuf deebi'ees ni dhufa. Waan inni nuuf qopheesse ijji namaa, gurri namaa, yaadni namaas kan hin hubannedha. Akkam nama gammachiisaa akkam namatti tolas. Garuu, meeqan keenyatu jireenyicha argachuuf jira laata?

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


BARUUMSA DEEBI’EE DHUFUU YESUUS KIRISTOOS

#Kutaa - 2ffaa

Baruumsa Deebi’ee Dhufuu Yesuus Kiristosii fi Taateewwan Bara Dhumaa

Taatewwan Yeroo Yesuus Dhoksaatti Deebi’ee Dhufu Ta’an

⦿ Lafa irratti. Mat 24:40-41
Namoota lama waliin deeman keessa tokko foo’ame fudhatama. Konkolaachisaan amanaa yoo ta’e, warra isa wajjiin konkolaataa yaabbatan keessaa amantootni isa wajjin yoo ol fudhataman konkolaataafi warri hin amanne lafa irratti hafu.

⦿ Waggoota torbaaf rakkooleen gurguddaani fi milikkitootni garaagaraa ni ta’u.

⦿ Waaqa Irratti (In the heaven) (Mul 19:7-9, 1Tas 4:17)
» Amantootni olbutamuun gara cidha hoolichaatti olgalu.
» Cidhicha irratti hoolichaan tajaajilamu.
» Cidhichi waggoota torbaaf ta’a.
» Harka gooftichaatiin amantootaaf akka hojii isaaniitti badhaasni ni kennama. (Mul 22:12)

2. Deebi’ee Dhufuu Yesuus Mul’inatti Ta’u

⦿ Kaayyoon isaa waggaa kuma tokkoof lafa irratti mo’uu fi rakkina waggaa torbaa keessatti warra isatti amanan yookiin hambaa Israa’elootaa fi warroota saba isaa baroota rakkinaa keessatti gargaaran oolchuuf. (Mat. 25:31-46, Ibr. 9:28) Kunis kan ta’u baroota rakkinaa(waggaa torba) booda.

» Dhufaatiin kunis kan ta’u utuu ijji namoota hundaa arguu, warra isa waraananis dabalatee. (HoE. 1:11, Mul. 1:7) Kana jechuunis guyyaa fi yeroo, ji’aa fi waggaa, sa’aatii fi daqiiqaa, sekondii fi mayikirosekondii inni itti dhufu hin beekamu.

» Yommuu inni deebi’ee dhufu nuti isa wajjin ulfinaan mul’achuuf jirra. (Qol. 3:4) Ulfina guddaan duumessaan dhufa. (Luq. 21:27, Mar. 13:26) Bifa garbummaatiin utuu hin ta’iin, mootii moototaa, gooftaa gooftotaa ta’ee dhufa. (Mul. 19:16, Ibr. 9:27-28) Ergamootaa fi qulqulloota (amantoota) isaa wajjin dhufa. (1Qor. 6:2, Mat. 24:31, Yih. 14-15) Arraba ibiddaatiin ergamoota wajjiin mul’ata. (2Tas. 1:8) Dhufaatiin isaas akkuma bakakkaa ba’aa hamma lixa biiftuutti ifa. (Mat. 24:, 27, 17:24) Duummessa wajjin dhufuuf jira. (Mul. 1:7) Duumessa jechuun abboota amantii isa waliin dhufan kan ibsuudha.

Mallattoolee Yesuus Mul’inatti Utuu Hin Dhufiniin Dura Ta’an. (Luq. 21:7-27, Mar. 13:1-27, Mat. 24:3-31)

» Masiin sobaa ni ka’a, dinqii gurguddaas ni agarsiisa. Lolaa fi oduu lolaa. Beelli guddaan lafarratti ni ta’a. Biiftuun ni dukkanoofti. Mar. 13:24 Ji’i ifa ishee ni dhaabdi. Lal. 12:1-2 Socho’a lafaa guddaa. Urjiin waaqarraa ni harcaati. Inni jibbisiisaan iddoo qullaa’aa xureessu sun iddoo isaaf hin malle ni dhaabbata. (Dan. 9:27, 11:31, 12:11 2Tas. 2:6-7)

» Raajonni sobaa ka’uudhaan dinqii gurguddaa ni agarsiisu. Sabni saba irratti, mootummaan, mootummaa irratti ni ka’u. Mallattooleen macaafa raajii yookiin mul’ataa keessaatti barreeffaman ni raawwatamu. Wangeelli mootummaa waaqaa ni lallabama. (Mat. 24:14 Mul. 7:1-14) Hojjettootni Waaqayyoo (namootni 144,000 qomoo Israa’el keessaa) ni mallatteeffamu. Israa’el keessaa dhuga baatotni lama ni ergamu. Kan ergamaniif wangeela mootummichaa lallabuufi dha.

» Bineensi gaanfa kudhanii fi mataa torba qabu ni mul’ata. Bineensi lakkoofsa 666 qabu ni mul’ata. Mul. 7:18 Namni mallattoo isaa ofirraa hin qabne bituus ta’ee gurguruu akka hin dandeenye harka mirgaa yookiin harka namootaa irratti gubaa gochisiisa (warroota kan isaatiif waraqaa eenyumma) kenna.

Hub: Wangeelli mootummaa Waaqayyoo kan lallabamu namoota waggaa torbaaf lafarra jiraniif yookiin erga waldaan kiristiyaanaa olbutamtee booda warra lafa irratti hafaniifi dha. Yeroo sanatti namni kan fayyuu danda’u, ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii utuu hin taane, hojii gaariidhaan. (Mat. 25:31-46) Warri wangeela mootummaa lallabanis Yihuudota keessaa ka’u. (Mul. 11:1-3)

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


Yeroo Kadhannaa Kristaanotaa

Akkam Jirtu Obboloota Kiristaanaa fi Obboloota Muslimaa: Har'a yeroo kadhannaa kristaanotaa waliin ilaalla, sababni isaas Muslimoonni tokko tokko Kiristaanummaa keessa kadhannaan (pray) kan hin jirre (waan rafan) waan itti fakkaateef. Amantoonni yookiin kiristaanonni yeroo kadhannaa hin raawwatan jechuu miti. Kiristaanonni yeroo kadhannaa (7) kan qaban yoo ta'u, Muslimoonni immoo guyyaatti yeroo (5) kadhannaa raawwatu.
Guutummaa isaa Website keenya irraa argadhaa
👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-kadhannaa-kristaanotaa/




Forward from: Singer Megertu Official
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Yesuus koo 😢🙏


Singer Megertu Official
@Kakuu_Studio


#Kutaa - 1ffaa (Isa jalqabaa)

Baruumsa deebi’ee dhufuu Yesuus Kiristosii fi taateewwan bara dhumaa kanatti fufnee kan ilaallu ta'a!

Dhuguma Jireenyi Bara Baraa Jiraa?

▣ Gaaffiin kun kan namoota baay’ee ti. Warri biyya lafaa gartokkeen isaanii du’aan booda jireenyis, duunis hin jiru jedhu. Garri kaan immoo waa’ee wanta du’aan booda ta’uu hin beeknu jedhu.

Gaaffilee Kana Hundaaf Macaafni Qulqulluun Deebii Qaba.

“Warri jal’oonni gara adaba bara baraatti yommuu gataman, warri qajeelonni gara jireenya bara baraa dhaqu” jedha. (Mat 25:46)

Qajeelota:

▣ Qajeelota jechuun warra maqaa ilma Waaqayyoo Yesuusitti amananii cubbuu isaanitti dhiifama argatan jechuudha.
(HoE 2:38, 10:43, 1Yoh 2:12, 5:13)
Warri qajeelotni du’aa ka’uu isa jalqabaa keessaa qooda qabu, duuni inni lammaffaan humna isaan irratti hin qabu.
(Mul. 20:5, 1Qor 15:55)
Mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu ifu. (Mat. 13:43)

Jal’oota:

▣ Jal’oota jechuun warra Waaqayyoof hin abboomamne jechuu yommuu ta’u, Waaqayyoof abboomamuu dhiisuun immoo Yesuusitti amanuu diduu jechuudha. (Yoh. 3:36, 1Yoh. 3:22, 5:10-12)
Isaan kun bara baraan warra Waaqayyo irraa adda ba’anii jiraataniidha. (Mul 20:15 Mat. 12:41-42, 50)
Du’aa ka’uu isa jalqabaa keessaa qooda hin qaban, duuni inni lammaffaan isaan irratti humna qaba. (Mul. 20:14)

Lammaffaa Deebi’ee Dhufuu Yesuus Kiristoos

Waa’ee lammaffaa dhufaatii Yesuus Kiristoos bakka lamatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya.
1. Dhufaatii Yesuus Kiristos dhoksaatti ta’uu fi
2. Deebi’ee dhufuu Yesuus mul’inatti ta’u.

1. Dhufaati Yesuus Dhoksaatti ta’u

Kaayyoon isaa amantoota ol fudhachuufi dha. (1Tas 4:16-17, Yoh 14 :1-3)
Namootni nagaadha, gabiidha, utuu jedhanii akka hattuutti itti dhufa. (1Tas 5:1-3)
Amantootni garuu guyyaa keessa waan jiraniif isaaniif dhufa malee isaanitti hin dhufu. (1Tas 5:4-5)
Guyyaa fi yeroo hin beekamneetti dha. (Mat 24:36-44) Yesuus mataan isaa iyyuu (namummaa isaatiin) akka hin beekne macaafni qulqulluun ni dubbata. (Mat 24:26, Ibr 4:14-15, HoE 1:6-7)
Akka hattuutti dhufa jechuun hattuun yeroo hattu abbaan qabeenyichaa hin beeku, hatamuu qabeenyichaa qofa argu jechuudha. Kunis gooftaan yeroo waldaa kiristiyaanaa ol butuuf dhufu, biyyi lafaa hin argu fudhatamuu amantootaa qofa akka arguu danda’u agarsiisa.
Amantootni warra amantoota hin ta’in irraa yeroo itti adda ba’anii dha. (Mat 24:40-41, 25:1-10)
Sagalee fiingee fi angafa ergamootaatiin dhufa. (1Tas 4:16-17)

Eenyufaatu olbutama gaaffii jedhuuf warra Yesuus kiristoos akka isaaniif du’ee fi du’aa ka’e amanan hundumaa. (1Tas 4:13-15) Isaan kun warra qaama isaa ta’aniidha. (Efe 5:29-32, 1Qor 12:20, 27)
Olbutamuun kan ta’u hamma libsuu ijaatti.
(1Tas 4:17, Fil 3:21, 1Qor 15:51)

"Amantootni Kiristoositti amananii duraan dursanii du’aan (boqotan) dursa kaafamu."
(Mul 20:6) "Warri ol butaman kun qaama du’aa ka’iinsaa uffachuudhaan, geeddaramanii dha. (1Qor 15:35-55) "Amantooti olbutaman waggaa torbaaf rakkinni guddaan yeroo lafa irratti ta’u, gara cidha hoolichaatti galuudhaan, hoolicha wajjin wal argachuudhaan gammadu." (Mul. 19:7-9) "Waldaan Kiristiyaana lafa irraa gaafa olbutamtu inni hamaan sun gad dhiifama; sababni isaas amma akka inni hin mul’atne kan godhu hafuura qulqulluu amantoota keessa jiruudha." (2Tas. 2:1-7)
Iddoo mataan gale kutaaleen qaamaa warri hafan galuun dirqama. Akkuma kana Yesuus mataa Waldaa Kiristiyaanaa waan ta’eef iddoo Yesuus galetti waldaan kiristiyaanas galuun dirqama. (Efe. 5:24, 29-32)

@Maaranaataa_Yesuus
@Yerusaalem_Haaraa

20 last posts shown.