👉. Kutaa 104.
#Hamma_Abjuu_Keessa_kee_Geessa.
👉Dhalli namaa hamma abjuusaa gaha.
Namoonni abjuu qaban hammuma abjuusaanii gahu,nama abjuu hin qabne yoo taate garuu abbuma fedheef ergamtuu taatee jiraatta.
✍️Keessa kee waan guddaan guutee jira yoo ta'e,haala ittiin maarfamte keessaa baatee addunyaa haaraa abjuu keef mijatu keessa jiraachuuf shaakallii guddaa goota.
✍️Kana jechuun immoo abjuun qabna jennee lafa gatii nuuf hin kennineetti duuna jechuu miti.
Dursa abjuu keessa keenyaa sanaaf yeroo kenninee ilaaluun waan baayyee gaariidha.
Abjuu sirriitu si keessa jira yoo ta'e,isa fakkaachuu fi isaaf jiraachuun dirqama keeti.
✍️Abjuu gatii guddaa qabutu si keessa jira yoo ta'e qajeelfama namni siif kaa'u irra darbitee,waan jiraachuu qabduuf qofa, jiraachuuf murtoo sirrii fudhatta.
✍️Gaafa abjuu keef jiraattu,madaallii namoota baayyee guutuu dadhabdee jireenya imimmaanii jiraachuu dandeessa kun immoo nama gahaa si gochaa adeema.
✍️Bilchina kee fi albuudumaa kee dabala malee gatii si dhowwatu.
✍️Yeroo kana hundumaa taatu kutannoo fi cichoomina kee dabalaa Gaara kaayyoo kee irratti bahuu qabda.
👉Gaafa Gaara kaayyoo kee irra jiraattu namoota baayyeetu si barbaada,karaa ittiin milkoofte si gaafachuuf namoota baayyeetu afaan si gogsa.
👉Waan hadha'aa Gaara kaayyoo kee irratti akka hin baane si godhu obsi.
Dhalli namaa hamma abjuusaa gaha malee,hamma uffatasaa hin gahu .
✍️Namni gowwaan garuu waan har'a mul'atee boru immoo baduu danda'uun si madaaluu mala,inni guddaan garuu ati madaallii sammuu kee jalaa bahuun kaayyoo uumamteef jiraadhu darbi.
🥰Girrisaa irraa deeggarsa otoo eegduu isa ta'uuf dhalatte osoo hin taane akka hin darbineef , Waaqayyo Isa gatii guddaa sitti godhee gara lafa kanaa si fide cimsi kadhadhu .
Ati hamma namni siin jedhe osoo hin taane, hamma abjuu keessa kee geessa🥰
Obboleessa keessan Sisay Yadessa
#Dammaquun immoo furmaata.
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk