MOO'AMEE HINGALU


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Psychology


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)
Hub:-Gaaffii fi yaadaf👉
@meraraf

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


Give and Take!!
***
Namichatu Umuriin isaa sooramaaf geenyaan gara hoogganaa isaa deemee, yeroon kun yeroon itti soorama bahu dha. Turtiin hanga ammaatti isin waliin tureef isinis ta’ee rabbis nan galateeffa dha. Amma garuu xalayaa sooramaa naaf kennaa jechuun hoogganaa isaa gaafata.

Hogganaan isaa hojjetaa cimaa kanaa erga dhaggeeffateen booda tole siifan barreessa, isa dura garuu hojii tokko na gargaari , erga isa xummurteen booda soorama baata jedheen.

Hojjetaan kunis tole hojichi maali jedhee hoogganticha gaafata. Hoogganaan isaa mana baay’ee miidhagaa fi sadarkaa isaa eeggate yeroo gabaabaa keessatti ijaarii xummuriitii soorama kee bahi jedheen.

Hojjetaan kun akkuma ajaja fudhatetti hojiisaa eegale. Mana kana dafee yoo xummure soorama waan bahuuf guyyoota muraasa keessatti mana baay’ee miidhagaa ta’e ijaree xummuruun hoogganaa isaatiin xummureera xalayaa naaf kenni jedhaan.

Manichi irra keessa isaatu bareeda malee gadi fagaatee hin dhaabbanne. Hundeen isaa gadi fagoo miti. Ni miidhaga garuu jabaataa miti. Soorama bahuuf ariitiin ijaare malee manichi maaliif akka ijaaramu of hin gaafanne.

Hoogganaan isaa tole amma xalayaa siifan kenna. Xalayaan siif kennu kan sooramaa dabalatee umurii kee isa si hafe guutuu mana kana keessa jiraatta, Manichi kan keeti jedheen. Manuma kana keessatti umurii si hafe jiraattee dabarsita gaafa jedhuun namtichi hedduu rifate.

Namni waanuma facaase hammata. Jireenya keenya keessatti wantoota nu mudatan kallattii tokko qofaan yoo ilaalle bu’aan isarraa argamu deebi’ee numa mataa keenya miidha.

Waan hojjennu qulqullinaa fi akkuma kan keenyaatti yoo hojjenne rabbis biraas nama biraas eebba arganna. Waan namoota biroof goonu, akkuma waan ofii godhannuutti yoo qajeelummaan ilaalle gaarii dha.






🗣️ Barataa fi Barsiisaa

Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.

Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu.

Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.

📌 Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe.

✉️ Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti!

@meraraf




#Hamma Geessu Kan Beektu Si Qofa.
********
Ga'umsa dhokataa keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee wal irraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirii arguu dhabuu irraan kan ka'e afaan isaanii guutanii, "ati hin dandeessu!" siin jechuu malu. Haa jedhan! Jecha isaanii cinaatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru sana gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffin, hin dadhabinis. Ciniinnadhuu hojjedhu. Lafa karaan hin jirre keessa karaa barbaadi. Yeroo baay'ee wantootni karaa hin fakkaane hedduun karaadha. Kanaafuu, karaan hin jiru jettee of amansiiftee mammarattee hin taa'in. Kutannodhaan hojjettee waan kamuu milkeessuu dandeessa. Mo'ichaaf, milkaa'inaaf, fiixaan ba'umsaaf uumamteetta. Guddinni kee kan safaramu ykn madaalamu haala ati alaan keessa jirtu kanaan miti; ga'umsa dhokataa ati of keessaa qabdu qofaan madaalama. Hamma geessu kan beektu si qofa. Namoonni naannoo kee jiran, maatii fi fironni kee, hiriyoonni sitti dhiyaatan, barsiisonni kee, namoonni ati isaaniif hojjettu, hawaasni naannoo kee ...hunduu eenyummaa kee isa sirrii hin beekan; tilmaamuu qofa danda'u.
Dubbii namoonni tilmaama qofa irraa ka'uun dubbataniif iddoo kennuun kaayyoo kee irraa gara booddeetti si deebisa. Si caalaa kan si beeku hin jiru! Bakka namoonni itti si tilmaaman caalaa fagoo fagoo ga'uu dandeessa.
Maaltu beeka? Waan guddaan si keessa jiru kan ati of keessatti beektu kan namoonni immoo arguu hin danda'in waan addunyaa kana jijjiiru ta'uu mala.
Maaltu beeka? Xiqqoon har'a harka kee irra jirtu kun bor guddattee galaa addunyaa kanaa taati. Maaltu beeka? Har'a xiyyeeffannoo namootaa dhabdus bor guca milkaa'inaa guutummaa addunyaa irraa ifu harkatti qabachuuf jirta. Kanaafuu, abjuu keetti abdii hin kutiin.




Mondays are not obstacles; they are opportunities. Small habits, done consistently, create remarkable results. Start today with just one small step toward your goals. Progress compounds over time, and every positive action brings you closer to success. Show up, stay consistent, and let Monday be the foundation of something great.

~~~James Clear~~~

From the book Atomic Habits


🗣️ What is Success (milkaa'inni maali?)
▬▬▬▬▬▬▬▬
✉️ Hojii cimaa, obsa, dadhabbii, carraaqqii, cichoomina, barachuu, qorachuu, qo'achuu fi wareegama mul’anni kee barbaadu kafaluudha. Garuu hunda caalaa jaalala waan hojjettuu yookiin hojjechuuf barbaadaa jirtu qabaachuu dha.
Waan jaalatan hojjechuutti cichuun, gowwummaa osoon taane, boqonnaa sammuu ofiiti. Imala milkaa’ina ofiitis! Waan sammuu keef boqonnaa kennu, waan miira keef kaka'umsa uumu, waan fedhii keessa keetiin wal siif unatu kamuu hojjedhu. Hojii hojjettutti gammadi! Milkaa’inni hojii ofii hojjettu jaalachuudha. Jalqaba sammuu keetu milkaa’inni imala keef mirkana. Miira keetu qajeelchituudha. Waan deddeebitee raawwattu waan itti gammadduuf raawwatta. Siif galma, warra galma kee hin hubanneef immoo, gowwummaa qofaa miti doofummaadha.
...

🗣️ ስኬት ማለት ሱቅ ውስጥ ገብተህ እንደ ማስቲካ ገዝተህ የምትተፋበት ነገር አይደለም!

💬 ጠንክሮ መሥራት, ትዕግስት, ጠንክሮ መሥራት, ጥረት, ጽናት, መማር, ምርምር, ጥናት እና ራዕይ የሚፈልገውን መስዋዕትነት መክፈል. ነገር ግን ከሁሉም በላይ, እርስዎ ለሚያደርጉት ወይም ለማድረግ ለሚፈልጉት ነገር ፍቅር ስለማግኘት ነው. የሚወዱትን ነገር ለማድረግ መገፋፋት ሞኝነት ሳይሆን የአእምሮ ሰላም ነው። እራስን የመቻል ጉዞም ነው! አእምሮዎን የሚያዝናና ማንኛውንም ነገር ያድርጉ, ስሜትዎን የሚያነቃቁ, ውስጣዊ ፍላጎቶችዎን የሚያሟላ ማንኛውንም ነገር ያድርጉ. በሚሰሩት ስራ ይደሰቱ. ስኬት የምትሰራውን ስራ መውደድ ነው። አእምሮህ የጉዞህ ስኬት መጀመሪያ ነው። ስሜትህ መሪ ነው። የምታደርገውን ነገር ስለወደድክ ደጋግመህ ታደርጋለህ። ለእናንተ ግብ ነው፣ ግባችሁን ለማይረዱት ደግሞ ሞኝነት ብቻ ሳይሆን ሞኝነትም ነው።




ስልጠናው ቀጥሏል!

የገጽታ ገንቢዎች ቀን በታላላቅ አሰልጣኞች በሚሰጥ ገንቢ በሆኑ ስልጠናዎች እያለፈ ይገኛል። እንዲሁም ታዳሚዎቻችን ከዚህ ስልጠና የተለያዩ ልምዶችን እና ተሞክሮዎችን በመጋራት ላይ ይገኛሉ።

The journey of growth continues!

IBOs Day is filled with constructive training sessions provided by great trainers. Additionally, our IBOs are sharing various insights and experiences from this training.

=== አልፋ ለስኬትዎ ጉልህ ድርሻ! ===


የገጽታ ገንቢዎች ቀን በይፋ ተጀምሯል!

ታላላቅ አሰልጣኞች የተሳተፉበት እንዲሁም በሁሉም ገጽታ ገንቢዎች ዘንድ በጉጉት ሲጠበቅ የነበረው “የገጽታ ገንቢዎች ቀን” በአቤል ሲኒማ በደማቁ ተጀምሯል!


IBOs Day has officially begun!

The much-awaited IBOs Day at Abel Cinema has kicked off, featuring top trainers.


=== አልፋ ለስኬትዎ ጉልህ ድርሻ! ===




Koloneel Saandars

Ijoollummaa isaatti qormaatni eenyumaanuu injifachuu danda’u isa mudatee ture. Haa ta’uutii, kun hiree kooti jedhee harka maratee hin teenye. Harmeen isaa nuffii malee waan hojjattuuf umrii itti kunuunsiifi jaalalli maatii maluufitti akka nama haadhaa fi abbaa hin qabneetti obboloota isaa kaan tajaajiluun dirqama itti ta’e. Daandii dheeraa, bu’a ba’iin guutuu ta’e keessa darbuu dirqameera.

Haa ta’uutii gootni kun harka hin laatne. Qormaatawwan hedduu waliin wal’aansoo wal qabaa carraa argame maratti fayyadamuurraa hin dhiboofne. Buufatawwan tajaajila hawaasaa marti waltajjii isaa ta'ee, waaddii lukkuu dhamdhama namootaa booji’u tolchuun eegale. Qormaatni jireenya isaarraa hin fagaatne. Abiddi mul’ata isaa jalaa barbadeessus, haleellaan qawwee irratti taasifamus haamileen isaa iddootii hin mixxiqne. Umrii isaa wagga 65tti madda iccitii dhamdhama waaddii lukkuu isaa Keentekii Firaayid Chikin jedhamuun beekamu gurguruun addunyaatti as baase. Wanti mana nyaataa tokkotti eegale gola addunyaa guutuutti tamsa’e. Tuffatamuufi kufaatiin isa mudatan waan wayyu addunyaaf akka gumaachuuf ka’umsa ta’aniif.

Har’aan tana KFC’n aasxaa haamilee guutuun socho’uu fi cimanii dhaabbachuu ta’eera. Manneen nyaataa 22,000 biyyoota 48tti banaman waa’ee Koloneel Saandars iyyanii lallabu- lallabawwan abjuu fi waamichi kamuu galma ga’uuf gaarri hin darbamne fi wanti irra hin aanamne akka hin jirre dubbatan.

Kanaafuu seenaan Koloneel Saandars miciree haamilee ol ba’anii mul’achuuf iddoo hin yaadamne irraa eegaluu akka ta’e isin keessatti facaasa. Yommuu jireenyi qormaataan isin sukkuumu, mul’ataa fi garaa kutannaa Saandars qabaachaa ture yaadaan qabaa!

Maal Irraa baranna...?



15 last posts shown.