๐’๐€๐†๐€๐‹๐„๐„ ๐…๐€๐€๐‘๐…๐€๐๐๐€๐€ ๐ŸŽท๐ŸŽป๐Ÿ”Š


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Music


Chaanaaliin kun
๐Ÿ‘‰ Sagalee Waaqayyoo
๐Ÿ‘‰ Faarfannaa haaraa, Guyyaa Guyyaan Kan isin biraan ga'udha.
Contact: @Haniko_mom

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Music
Statistics
Posts filter


Wanta guyyaan fidu hin beektu,
kanaafis wanta bor ta'uun
of hin jajin!
๐‘ญ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚ 27:1


Wanti hundinuu sitti dhagaสผamuu dandaสผa, .
garuu Waaqayyoof humna ol hin ta'u.

Baโ€™aa kee Isaaf kenni.


Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?
๐Œ๐š๐š๐ซ๐จ๐ช๐ฌ 8:36


Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.
Yaaqoob 1:3


Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.
Yohannis 1:5


๐๐š๐ ๐š๐š ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐ฒ๐ฒ๐จ ๐ฌ๐ข๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ก๐š๐š ๐›๐š๐š๐ฒ'๐š๐ญ๐ฎ. mee hundumti keessan mata duree har'a waldaatti barachaa turtan comment irratti nuuf barreessaa๐Ÿ—ž๏ธ๐Ÿ“–โ›ช๐Ÿ™


๐…๐š๐š๐ซ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐š 16:5-6

Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha,
ati xoofoo anaaf hiixatamee dha,
ga'aan koos si harkaa in dhufa;
funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf bu'e,
eyyee, ani dhaala guddaa namatti tolu qaba;


Duubee! - Dawit Alemu New 2025
https://t.me/Sagalee Farafaanna


Waaqayyo dhala namaa hamma malee jaallachuurraan kan ka'e, Ilma Isaa tokkicha dabarsee kenne!


Cubbuun dhiifama hin qabne, Yesuusitti amanuu dhiisuudhaโœ


Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas;
๐†๐š๐ฅ๐š๐š๐ญ๐ข๐ฒ๐š๐š 5:22-23


Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha.
@Sagalee_Farafaanna


Eyasu Bayisa - Naaf Kenni 2025 @weedduu

๐ŸŒ„๐Ÿ”œ @Sagalee_Farfannaa ๐ŸŒ


Wangeelli mariis, falmiis miti. Dhugaa Waaqayyooti!


Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.
Roomaa 8:28


โ€œAni lubbuu koo urursee cal jechisiiseera; akkuma mucaan erga harma gu'ee iyyuu haadha isaa yommuu argatu calluma jedhu, lubbuun koos isa argattetti calluma in jetti.โ€
โ€” Far. 131:2


โค๏ธObboleesaa koo obboleetti koo guyyaa lafarra deemtu hin beektu. Garuu guyya tokko ni godaanta kanaaf amma ariifadhu du'a lubbuu jalaa baraarami. Inni siif du'e harkasaa ballisee si wamaa jira. Dhiignisa inni sif lola'e harras ho'aadha. Du'a lama hin du'in.

Kan Gooftaa Yesusitti hin amanne ammayyu itti faradameera. Galgallisas si'olidha. Warri Yesusin amanana garu ammayyuu mootummaa Waaqayyoo dhaalaniiru. Arifadhu bineensicha harkaa ba'i.

" Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe."
(Hojii Ergamootaa 4: 12)

Telegram kiyya kana #Join godhaatii ergaa asirran darbu hordofaa!


@Sagalee_Farafaanna ๐ŸŽน


โฐ๏ธ Yeroo Sirrii โ“

๐Ÿ—ฃ๏ธ Jaalala jalqabuuf yeroo sirrii beekuun baay'ee barbaachisaadha. Hiriyummaan jaalalaa jaalalleewwan gaa'elaaf wal-abdatanii yeroo baay'ee kan addaan cituuf yeroo malee eegaluu isaa irraa kan ka'eenidha.
๐Ÿ”„ Guutummaan mata-duree kanaa fi barnoonni walfakkaatoon biroo bal'inaan karaa weebsitii keenyaa dhiyaatanii waan jiraniif seenuun argachuu dandeessu. Subscribe, Share gochuudhaan nu waliin turaa. Barnoota karaa web keenyaa dhiyaatutti baay'ee ni gammaddu jennee abdanna. Comment illee nuuf barreessuu ni dandeessu. Galatoomaa ๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://gaggeessummaa.com/yeroo-sirrii/




๐ŸŽ Gaa'ela Umurii Guutuuย  (Lifetime Marriage)

โœ๏ธ Gaaโ€™elli umurii guutuu turu buโ€™uura jabaa yeroon hin mancaane, hin dhiqamne, qullaa hin taane irratti ijaaramuu qaba. Walitti dhufeenyi gaaสผelaa milkaaสผaa, gammachuu fi buสผaa qabeessa taสผe, seera buสผuuraa yeroodhaaf utuu hin taสผin, seera buสผuuraa dhaabbataa taสผe irratti hundaaสผuu qaba; wantoota badani osoon taane jiraatoo ta'an irraa bocamuu qaba.
โ€Ž
1๏ธโƒฃ โ€ŽHawwatamummaan qaamaa bu'uura jabaa miti.
โ€ŽBareedinni alaa yeroon darbaa deemuun ni bada. Rifeensi ni diimata ykn niย addaata ykn ni caccaba, gogaan qaamaa ni shuntuura, maashaaleen ni lallaafu, sararri mudhii ni guddatu, ilkaan dadhabee ni hurra'a, iji ni dimimisa, dhageetiin ni hirโ€™ata.
Hariiroo gaaโ€™ela keessanii hawwatummaa qaamaa irratti kan ijaartan yoo taโ€™e, amaloonni qaamaa jalqaba walitti isin harkisan yeroo badan maal gootu?
โ€Ž
2๏ธโƒฃ โ€ŽFedhiin foonii bu'uura jabaa miti.
โ€ŽMiirrii fi ilaalchi ni jijjiirama, ni guddata. Umuriin dabalaa dhufuun dandeettiin saalqunnamtii raawwachuu fi fedhiin saalqunnamtii ni hirโ€™ata. Gidduudhaan, fedhiin nyaataa dhibbeentaa 100 fiizikaalaa fi keemikaalaa taโ€™e hariiroo buโ€™uuraa fiย  uumamaan hafuuraa taโ€™e sooruu fi itti fufsiisuuf ofumaan gahaa miti.
โ€Ž
3๏ธโƒฃ โ€ŽQarshiin bu'uura jabaa miti.
โ€ŽSababa kufaatii dinagdee, hojii dhabuu, hirโ€™ina qaamaa, dhukkuba yeroo dheeraa, ykn sababoota biroo hedduu irraa kan kaโ€™e, haalli maallaqaa baayโ€™ee dafee haalaan jijjiiramuu dandaโ€™a. Gaaโ€™elli dhimmoota dinagdee ykn dandeettii galii argachuu qofa irratti hunda'e akka salphaatti kufuu danda'a.
โ€Ž
4๏ธโƒฃ Qabeenyiย  bu'uura jabaa miti.
โ€ŽWantoonni qabeenya hammam dhaabbataa fi qabatamaa taโ€™anii mulโ€™atan, yeroodhaaf qofa waan taโ€™aniif qilleensa ganama waliin balaliโ€™anii baduu dandaโ€™u. Nama ibidda hamaa ykn obomboleettiidhaan akka tasaa qabeenyasaa hunda dhabe gaafadhu. Jireenya keenya ykn gaaโ€™ela keenya kuufama qabeenyaatti giddu galeessa gochuun salphaatti beela dabalataa hin quufamne, hawwii gonkumaa guutuu hin dandeenye nutti uuma.

Maarree, hiriyoonni gaaสผelaa walitti dhufeenya gammachiisaa, tasgabbiifi yeroo dheeraadhaaf turu maal irratti ijaaruu dandaสผu? โ€ŽBuโ€™uura akkamiitu qormaata yeroo akkasumas obomboleettii rakkinaa dandamataa?

โœ… Gaaโ€™ela umurii guutuuf buโ€™uurri/hundee mirkanaaโ€™aan Jaalala Agape {jaalala of kennuu kan maddi fi kaโ€™umsi isaa Waaqayyo qofa keessa ta'e } qofa akka taโ€™e barreeffama kana keessatti ifa godheera jedheen abdadha. Kan Waaqayyo ofii isaa irraa maddu qofatu jiraata; wanti biraa hundinuu kan darbudha.

๐Ÿ”ด Phaawuloos amantoota Qorontos keessa jiraniif yommuu barreessee waaโ€™ee jabina Jaalala Agapee isa waaraa/jiraataa taโ€™ee akkas jedhe: "โ€ŽJaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira. Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa; raawwatamuun isaa yeroo ga'u immoo, inni muraasi kun in hafa.....Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala." [1Qor.13:8-10,13]
โ€Ž
๐Ÿ‘‰ Dhumarratti amantiin, abdiin, jaalalli hafanii jiraatu. Isaan kun hundinuu kaโ€™umsi isaanii Waaqayyo keessaa yoo ta'an iyyuu, jaalalli (Agape) sadan keessaa isa caaludha. Kunis amantii fi abdiin jaalala Waaqayyoo irraa kan kaโ€™ee fi naannoo argamuu isaa qofa keessa jiraachuu kan dandaโ€™u waan taโ€™eef. Waaqayyo Waaqa bara baraa waan taโ€™eef Jaalalli (Agapeen) immoo uumama isaa waan taโ€™eef jaalalli isaa yoomiyyuu baduu hin dandaโ€™u. Raajii dubbachuu, afaan hin beekamneen dubbachuu, fiย  beekumsi wantoonni akkasitti dhaabbataa nutti fakkaatan hundi gaaf tokko ni badu. Wantoonni kunniinis kaโ€™umsi isaanii Waaqayyo biraa yoo taโ€™an iyyuu, garuu dizaayinii isaatiin uumama yeroodhaaf jiraatanidha. Gaafa kaayyoo isaanii raawwatan ni darbu. Jaalala waliin wal adda. Agapeen (Jaalalli) kan bara baraati; yoomiyyuu hin darbu.
โ€Ž
โค AGAPEE'n ( JAALALLI) kan bara baraa dha; yoomiyyuu hin darbu.

โœ…๏ธ Gaa'elli qulqullaa'aan fedha Waaqayyoodha!

@Gaaela_Gaarii โ˜‘
@Marriage_Counseling

โœ๏ธ @Gaaelabot

20 last posts shown.