#KARRA ISA DHIPHAA FI KARRA ISA BAL'AA.
✓Mat. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Yesus, "Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal'aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay'eedha.
¹⁴ Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa" jedhe.
#Egaa,akkuma Macaafni Qulqulluun dubbatuuf nu barsiisu waaqayyo utuu waaqniif lafti hin uumamiin dura karoora barabaraa isaa keessatti ilmaan namaa fayyisuuf kristoos qopheessee akka ture macaafni Qulqulluun ni dubbata.
✓Efe. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa'atee ture ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe.
¹⁰ Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.
✓ROM 8:28_30"ttis dubbifadhaa👇
🤝Haa ta'u malee,Karoora waaqayyoo fi wixinee inni waaqarratti qopheesse malee Wixineen namni baay'een gaggeessaa seexanaatiin lafarratti qopheesse kan faallaa karooraaf Yaada waaqayyoo ta'e ammoo kontomaaf kitila kumaatama.
#fkf, Waaqayyo gaafa dubbatu dhuguma dhuguman isiniin jedha jedhee jalqaba,Seexanni ammoo gaafa dubbatu dhuguma sobuman isiniin jedha jedhee jalqaba.🤷
🤝Garaagarummaa guddaatu jechoota kana lamaan gidduu jira.#fkf,Waaqayyo dhuguma dhuguman isiniin jedha jedhee yeroo dubbatu,afaansaa Dhugaan baneetu,dhugaadhumaan xumura,seexanni garuu,dhugaadhaan jalqabeetu,sobaanimmoo xumura.
#Kanaafitu,Karaan Dhugaa fakkaatu,amantiin Dhugaa fakkaatu,jireenyi Dhugaa fakkaatu,fayyinni Dhugaa fakkaatu,milkaa'inni Dhugaa fakkaatu,jannati Dhugaa fakkaatu,waaqeffannaan Dhugaa fakkaatu,faarffannaan Dhugaa fakkaatu,Salaatni(Sagadni) Dhugaa fakkaatu,garuu Soba ta'e addunyaa kanarratti lakkoofsisaa tuuta sonaan baay'eedha,macca sammuu dhalootaa danuu booji'ee jilbeenfachiisee itti tabataa jiruudha.Sababnisaa,immoo Dhuguma sobuman isiniin jedha jechuun jalqabeetu seexanni sobaan ammoo xumuree dhaloota joonjessa,jalqabnisaa dhugaadha,xumurrisaa sobaan goolaba.....jechuun namni kan ilaalu,Qola kitaaba Dhugaa jedhu bakkedhaan dubbiseetu,soba keessa guute dhugee machaa'a.🙆
#Kanaaf karaa Dhugaa tokkicha namni baay'een wallaalee fi karaa sobaa baay'ee namni baay'een duukkaa didichu(girrisutu) Jira.
👉Karaa Boochoon ykn bal'aan karaa kristoosiin ala ta'e,karaa seexanaa Fi daandii seexanaati.
#karaan Amantaa tokko tokkoo baay'eedha..#fkf,Abaluunis in fayyama,isa sanaanis Isa kanaanis ni fayyama,....karaan Fayyina isaanii baayyee dha.
#Amantaan tokko tokkommoo ..#Namuma ta'e tokkotu ergamaa of godhee duuka buutota baayyee horatee ,amantaa babal'isuudhaan addunyaa kanarratti beekamee lafa dhuunfata garuu Dhugaan keessa hin jiru.🤷
#Karaa dhiphaan_karaa tokkicha gara jireenya barabaraatti geessuu fi karaa namoota achirra deemuun waaqayyo abbaa biraa isaaniif eyyamameen alatti deemuun nama biraaf hin danda'amneedha.
✓Yoh. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Yesus ammas "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa!
⁹ Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya; ol in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata.
²⁷ Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u.
✓Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa.”
— Yoh. 6:44
☝️ Kanaafitu,kan karra(balbala DHIPHAA) kristoos yesus kanaan ol galuu fi gadi Ba'u,nama waaqayyo biraa Isaaf eeyyamameefii nama wangeela kristoos dhaga'ee itti amanu qofaadha.
#Waaqayyo Tokkichadha, waaqayyoof nama gidduu dhaabatee riqaan araaraas tokkicha,innis yesus kristoos Isa nama ta'edha,Barsiisaan Dhugaa tokkichis Hafuurri qulqulluun Jira,Amantiinis tokkicha,cuuphaanis tokkicha,waldaan kristaanaa waliigalaa dhagna yesus taates tokkichadha(universal church).👇