Hariiroo Jaalalaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Economics


🌹Ergaa garaa nama nyaatu
🌹Gorsa Jaalalleef
💓Faarfannaa Jaalalaa
💓 Seenaa Jaalalaa
Quunnamuu: @Efesoon432

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Economics
Statistics
Posts filter


Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.

Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!

Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!

Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa
?


Hariiroo Jaalalaa 💘


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More


Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More


💔 Laafinnii fi Ciminni shamarranii wantoota gurguddoo 10 irratti Akka hundaa'u quba qabduu??.... ↪️ See More

➡️ See More
See More

As tuquudhaan itti fufaa dubbisaa!


✔ Wantoonni gaariin jireenya keessatti salphaatti hin dhufan. Yeroo rakkinaa fi qormaata guddaa keessa darbitu, jireenyikee waan yeroo dheeraaf hin turre utuu hin taane, waan ati bara baraan akka qabeenyaatti ilaaltee itti gammaddu waan siif qabaachuu malu siif qopheessu ta’uu danda’a...
👉 Itti fufaa dubbisaa

🌐 As tuqaa >> See More
As tuqaa >> See More

Welcome 🤗


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
             ✨banaa✨
         .  ✨banaa✨
               👆👆👆👆


🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


👉💜 Jaalalli dhoksaan Shamarran irraa calaqqisuu danda'u karaalee shanan (5)..➡️ See More

💎 See More
See More


👆👇💘

❤️ Jaalalli dhoksaa fiixan ba'uunsa parsantii,..➡️ See More


✅ Jaalallee yookiin haadha manaa baay'ee jaallattu waliin umurii dheeraa turuu yoo barbaadde wantoota 5n kana gochuu hin dagatin,... See More

🎺 See More
See More


💘Maaliif barbaachise,... Itti fufuun dubbisi!


Jabduu koo, Waan qabdu, waan hin qabne, waan qabaachuuf barbaaddu hundaa ofii keetii baachuu dhiisii Waaqatti kennadhu!

Hariiroo Jaalalaa


Kiyyoon kiyyeessanii milkii guutuun/tolaa qabaataan kiyyoo Jaalala dhugaa ti. Jaalalli dhugaa nama kamiyyuu ittiin jaalalatan Waaqan namaaf kennama.

Hariiroo Jaalalaa


Dubartiin uumama baayyisuuf uumamte dha.

• Dubartiitti yoo jecha kennite isheen hima taasistee siif deebisti.

• Yeroo hima itti kennitu immoo keeyyata taasistee siif deebisti.

• Yeroo keeyyata itti kennite immoo kitaaba taasistee siif deebisti.

• Yeroo dubartiidhaaf sanyii tokko kennite isheen immoo sanyii sana baayyistee daa'ima taasistee siif kenniti.

• Yeroo mana ijaartee itti kennite isheen bareechitee jireenyaaf akka simatu taasisti.

• Yeroo midhaan dheedhii itti kennitu nyaata bilchata taasistee siif deebisti.

Akkasuma faallaa kanaas baayyisuuf uumama addaa dha.

'Dubartiin akka 'incubator' dha.' Dr Myles Munroe


"Haati manaa koo anaaf haadha, obboleettidha, akkoo dha." ni jedhama.

Garuu, haati manaa haadha hin taatu, obboleettii kees Siif hin taatu, akkoo kees Siif hin taatu, haati manaa hoogganuu kees miti, haati manaa dubartii kamiyyuu miti isheen haadha manaa keeti.

Dubartii tokko haadhas, obboleettis, haadha manaas, hojjattuus taatee argachuu dandeenya. Dubartummaan waan qoqqooddii tokko dura arginu dha. Haati manummaa ykn haadhummaan yookiin obbolummaan wanta roga tokko qofa jalatti itti hirirani dha.

Abbaan manaa kee siif abbaa miti, obboleessa kees miti. Kanaafuu, qanta hundaa roga roga isaatiin hubachuu fi iddoo isaatii malee fayyadamuu dhiisuun rakkina garagaraa irraa nu hambisa.


Yeroo tokko tokko shamarri / dubartiin ofitti amanamummaa cimaa qabaachuuf horachuus qabdi jedheen amana. Ofitti amanamummaan ishee dawoo isheeti. Homtuu itti hin roorrisu.

Dur haadha, abbaa, obboleessa ykn immoo fira cimaa of biraa qabdu ilaaltee, abdattee roorrifamuu jalaa bahaa turte ta'a. Amma garuu hirkattummaan sun haga dhumaa ishee waliin deemuu waan hin dandeenyeef of cimsuu qabdi.

Waan hojjettuun, haala jireenyaatiin, dubbii keetin nama ofirra jiru ta'uudha qabda. Shamarri sammuu ishee bilcheeffachuu, keessa ishee of isheerratti ijaaruu, filannoo ishee haalaan beekuu qabdi. Amala ofiishee, fedhiishee, dandeettii ishee, hundarratti of madaaluu qabdi.

Obboleettiikoo! Amma hirkattummaan galmaan si gahu hinjiru. Namni itti gaafatamummaa guddaadhaan si baatus hinjiru. Warri durii amma si heerumsiisutti. Kan ammaa immoo ammati umuriin ol siqxutti. Sanuu yoo ati bara waliin deemuu diddee nama maatii waliin jiraatu taate. Kanarra namni dhimma keef lolamu, arrabfamu, hojjetee dafqu, sammuudhaa dhiphatu hinjiru.

Kana beeki. Ofirratti hojjedhu. Ofirratti of amani. "Namni na baata" jettee of hin gatin. Akka namni si baatuuf ati nama of baatee jiru ta'uu akka qabdu yaadadhu.

Sababootni ati barbaadamtuuf hedduudha. Dubartii waan taateef. Garuu sababaan osoon taane waan barbaadamuu qabduuf akka barbaadamtu of gochuu qabda.

Hojjedhu. Galii argadhu. Nama of jiraachisu ta'i. Yoos hin roorrifamtu. Yeros hunduu harkatti si galfatee akka fedhe siin hin taphatu.

Of kunuunsi. Waan ati ofirratti hojjetutu namoota naannoo kee jiraniif deebii ta'a.

Bakka kabaja kee xiqqeessurraa fagaadhu. Bakki itti argama kee sadarkaakee warra gadi buusuu barbaaduuf ergaa dabarsuu qaba.

Qaama keef kabajni bakka maluuf adda baafadhu. Kunuunsi kee, dubbiinkee, jaalalli kee, gochi kee nama maluuf qofa qoodamuu akka qabu hin dagatin. Atumtuu eenyuuf akka maltu sirritti beeki.

Nama siif malu waliin hariiroo uumi. Kan iccitiikee eegu, kan namummaa kee kabaju, kan waliin jiraattus, dhiiftus dhiibbaa biraa sirraan hin geenye. Kan waan irratti walii galtan simatee isa irratti wal dhabdaniif hin sin gidirsine.

Filannoo toli. Yeroo kamuu maaluu taanaan bakka itti jechaanis, gochaanis gad qabamtu hin ijaajjin. Gahumsa keetti nama amanu ta'i. Seenaa namoota dhuunfaa, warra kufanii ka'anii ija jabinaaf guddina addunyaarratti isaan mul'ise horatani dubbisi.

Beeki baatee mul'attee, dudubbattee of agarsiisuu qofti ofitti amanamummaa miti. Ofitti amanamummaan waan atiif jireenyi kee keessa jirani. Eenyummaakee tasgabbiidhaan of irratti ijaarame.

Yaada tasgabbaa'e, sammuu bilchaate, keessa kee ofirratti ijaarameen jireenya kee gaggeessuu gaafa jalqabdu humni si oolchu kana caalu akka hinjirre siif gala.

Ofiin dhaba sababa godhattee, ofiin dubartummaa naafa gootee, ofiin of xiqqeessitee harka namaatti of galchitee, ofiin bakka siif hin mallee dhaabbattee, ofiin filannoo kee adda baafachuu wallaaltee humna si hacuucu, si dararu, si gidirsutti of kennitee jennaan, ajandaa dubbii qofa taatee darbita.

Dangaa kee ofitti amanamummaa keetiin sararadhu.


Nama jalaa dhokachuu dandeenya, dhukkubbii keenya jalaa dhokachuu dandeenya garuu ofii keenyaa fi waan nutti dhagahamu jalaa dhokachuu hin dandeenyu.

Sababni, gidiraa fi kophummaa guddaan miira keenya ukkaamsuu, dhoksuu yookiin baqachuu filachuudha. Namoonni jaalala hin sodaatan, miidhamuu sodaatu.

Garuu akka jaallannu taasifamne: namni hundi jaallatamuu barbaada. Hanga miira jaalalaa namootaaf qabnutti immoo lubbuun jirra .

💌 Hariiroo jaalalaa  ❤
💌 Miira Jaalalaa  ❤

👍      ❤         🗨️         ♂️
𝒍𝒊𝒌𝒆    𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕   𝒄𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕  𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆


Tokkotu,
" Ati jiruu kiyya ☺️, si malee jiraachuun naaf hin toltu. Mee Yoon si dhabe akkamittin hafuura baasee galfadha??" Jedheeti bilbilaan haasa'a. Nan seeqe. Akkana hin turre jechuufi miti kanin seeqe. Gaafan akkana jedhu, wallaala akkamiitu natti jira kan jedhutu na ajaa'ibe. Hiika ☺️ Jaalalaa keessatti soba hin baay'isin. Sobni jaalala diiga.

– Anuma


Faayidaa Dhungoo (Benefits of Kissing)

Saayinsiin Maal Jedha?

Dhungoon keemikaalootaa fi hormoonoota madda gammachuu ta'an maddisiisa. Isaan keessaa Dooppaamiinii (dopamine) tokkoo fi isa hangafadha. Keemikaalli kun kutaa sammuu keessaa kan maddu yoo ta'u miirri gammachuu guddaan akka nutti dhaga'amu taasisa.

Wal dhungachuu malees keemikaalli kun balaa sammuu hadoochan fayyadamuu fi nyaachuunis madduu danda'a. Miira gammachuu kana irraa ka'uun namoonni wal dhungachuu amaleeffatan. Dhungoon jaalalaa fi bultii keessattiis murteessaa dha. Hariiroo namaa irra caalatti walitti guduunfa. Hormoonii Indoorfiin (endorphin) jadhamu maddisiisuun guyya guyyaan gammachuu akka argannu nu taasisa. Haalota qaama keenyaa yerumatti akka sirraa'u taasisa. Namoonni lameen haala wal dhungoo kana irratti kan hirmaatan yoo ta'e qaamni isaanii Indorfiin (endorphin) kana maddisiisuun daran gammadoo ta'anii daran akka walittiis dhihaatan isaan taasisa.

Dabalataaniis, wal dhungachuun hormoonii oksijtoosiin (Oxytocin) jadhamu maddisiisuuniis ni beekama. Hormooniin kun 'hormoonii jaalalaa' jedhamee yaamamuun baratame. Innis jaalalleewwan jidduutti qaanqee jaalalaa bobeessuun akka waliin turan taasisuuf gargaara.

Bara 2009'ti qorannoon waa'ee dhungoo irratti taasifame tokko akka akeekuutti wal dhungachuun dubartoota vaayrasii hancufa namaa keessatti argamu kan 'Cytomegalovirus' jadhamu irraa dandeettii ittisuu kennaaf. Vaayrasichi kun uumamaan kan nama miidhu ta'uu baatullee garuu yeroo ulfaa daa'ima gadameessa keessa jiru ajjeessuu fi rakkoolee sammuutiif saaxiluu ni mala. Haa ta'u garuu vaayrasichi jalqaba irraa dubartii waliin yoo wal bare dandeettii ittisuu (madiinummaa) waan horattuuf ulfa irratti rakkoo tokkollee hin fidu. Wal dhungachuun daqiiqaa tokko keessatti kaaloorii 6 gubuu danda'a. Kana jechuun sa'aa tokkoon yoo herreegne kaaloorii fiigicha sa'aatii tokkootiin gubamu irra caalaa gubaa jechuudha. Haala kanaan ulfaatina qaamaa hir'isuuf nama gargaara. Kanaafuu warri qaamni irra darbe dhungoo jabeessaa ergaa jettu qabaattinnaa laata?

Dhungoon dandeettii dhukkuba ofirraa dhoowwuu qaama keenyaa dabalachuu ni dandeenya. Afaan namaa keessa baakteeriyoonni adda addaa akka argaman beekamaa dha. Kanaan dhibee fiduu ni danda'ama.

Haa ta'u malee, dhibee wal dhungachuun shammadannu caalaa harka wal fuudhuudhaan kan oomishannutu irra hedduu dha. Kanaafuu, qulqullina afaanii gahaa godhuun yoo wal dhunganne rakkoon tokkolleen uumamuu hin danda'u.

☑️ Share & Join ➕
             👇🏾
✨。\|/。🌺
Join
Join
💜。/|\。💎
┄┉┉✽‌»‌💥✿»💥‌✽‌┉┉┄


Jaalalleen/Niitin Kee Nama Biraa
Jaalattee Akka Jirtu Beektaa?

☆☆☆
.
◉ " Ishiin anaaf amanamtuudha, onneedhuma ishiirraa na jaalatti, dhiira kamiyyuu goonkumaa hin yaaddu, intala amantiitti jabduu taatedha, lubbuu ishiiyyuu dabarsitee naaf laatti " jettee mudhii kee jabeeffattee ishiidhaf ragaa ba'uu dandeessa. Intalumti ati akkana godhattuuf tun osoo dhoksaatti jaalallee akka qabdu irraa geessee amanuuf si rakkisa. Akkuma dhiiroonni jaalallee/haadha warraa isaanitiif hin amanamne dubartoonni tokko tokkoos akkuma dhiiraa kan biraa waliin buburraaqun ni mul'ata. Siin ala kan biraa yoo qabaatte mallattoo tokko tokko sitti agarsiisuu dandeessi.
.
➲ Amala jijjiirratti. Yeruma ati jalqaba ishiin wal bartu yookin fuutu walitti dhufeenya dhiirota baay'ee kan qabdu yoo taate rakkoo hin qabu. Garuu dhiyeenya kana hiriyoota dhiiraa yoo baay'iste shakkuu qabda. Oduu yoo dhageesse yookin ishiniyyuu hiriyaa dhiiraa akka qabdu sitti himnaan hordofuun bayeessa.
.
➲ Gargaarsa kee hagas mara hin barbaaddu. Wantoota adda addaa dur si faana kan taasiftu amma garuu kophaa dhuma ishii dalaguu dandeessi. Qofa daandidhuma qaxxaamuruuf sitti rarraati. Amma dhaabuu dandeessi. Yookin nama biraatu bakka kee bu'ee daandii ceesisaa jira ta'a.
.
➲ Aaruu ni dhaabdi. Waan feete yoo balleessite omaa itti hin fakkaatu. Dur yoo ati bilbiluma daftee daftee bilbiluufii baatte ni aarti. Amma garuu alaa yoo bultee galte dhimma ishii miti. Jaalala kee fixatteera jechuudha.
.
➲ Icciitii eeguu baay'isti. Akka qofaa oolmaa ishii baay'ee sitti hin odeessitu. Qofa lafumaa kaatee waan hunda sitti odeessitee si nuffisiistu sun har'a atiyyuu yoo gaafatte deebii quubsaa argachuu dhiisuu dandeessa. Sababni isaas waan ati akka hin barre tokkotu jira yookin tokko faana haasoftee dadhabdeera ta'a. Bilbila ishii sin tuqsiiftu. Sitti kennituyyuu password walxaxaadhan kan cufameedha.
.
➲ Humnaa ol gaarii siif taati. Yoo ati balleessite siin hin loltu. Yoo ati waan ishii miitu dalagdeyyuu kolfiteetuma bira siif dabarti. Garaa si roraasti gaarummaan ishiin siif taasistu. Osuma dubartii biraa biratti si agartee yookin dhageesseyyuu callistee si ilaaluu dandeessi.
.
➲ Jaalalli ishiin siif qabdu ni dabala. Qofa hojii malee waa'ee jaalala siif qabduu sitti kaasuu dhiisuu dandeessi. Amma garuu guyyuma guyyaan sin jaaladha siin jetti. Bilbilaan si cinqiti. Siree irrattis jaalala ishii siif ibsiti.
.
◉ Mallattoo akkanaa omaayyuu waan irratti hin argineef guutummatti amanuun sirra hin jiraatu. Akkasumas mallattoo kana hunda waan agarsiiftef nama biraa jaalattee jirti jettee tokkichaan hin murteessin. Waanuma dhageessef, agarteef waa murteessuf hin ariifatin. Hinaaffaa keettiirraayis madduu danda'a. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis akkasitti hin yaadin.
.
◉ Osumayyuu mallattoo kana hunda sitti agarsiiftee, otuma dhageessee, osuma agartee, osoo jaalallee biraayyuu qabaattee rakkoon keeti malee kan ishii miti. Sababiin isaas waan sirraa dhabde tokkotu jira. Wantoota ishiitti hir'iste hundayyuu gaafadhuu guutif,
dadhabdu sirreessaa deemi. Rakkoo kee garuu ishuma qofatu beeka.


😭😭

Mucaan baay'ee jaalata garuu isheen hubachuufii hin dandeenye sababni isaas hin jirree odeessuu fi fakkeessu hin danda'u. Akkasumas jaalala isheef qabu jechootan caalaa gochaan ibsuufii filata. Sababa sanaaf guyyaa tokko kennaa  qopheesseefii ofitti waame. Isheen garuu isas kennaa isaas waan nuffiteef. Har'ii guyyaa dhumaati, kana caalaa hiyyeessa waliin turuu hin danda'u jechuun achumatti isa gattee deemte, onneen isaa garmalee cabee, kennaa sana qabatee achumatti mugee hafe. Sana booda gargar bahaani hafan jireenyi isaanii itti fufe.
Isheen waggaa muraasa booda hojjataa dhaabbata wayii keessa hojjatu heerumtee jireenya eegalte. Guyyaa tokko dhaabbata abbaan mana ishee keessa hojjatu biiroo isaa  deemtee jaalallee ishee isa durii argite, dureessa akkamii akka heerumte itti himuuf yeroo jettu, abbaan manaa ishee dursee akkas jedheen, '' bareedduu too wal baraa isa jechuun abba dhaabata kanaa, itti gaafatamaa kiya. Kana malee dhaabbata 4 qaba. Nama baay'ee garraamessa ta'eedha jedheen. Kana yoo dhageessu Isheen wanta dubbattu dhabde, afaan ishee wal hidhe.

Klaa obboloota koo akkuma dhaadhaan dhiibbameetan mataarra bahe jette isinis dhiibbamuu keessan hin jibbinaa.
Uuman keessan jireenya keessan keessaa waa tokko yoo baasu isin fayyaduuf malee, tasumallee isin miidhuf miti. Wanta jireenya keessan keessatti uummame maraaf uumaa keessan galateeffachuu amaleeffadha.🙏🙏




🚨❌ Control your habits otherwise they will control you... See More
📌(Amala kee yeroodhaadhaan to'achuu yoo baattee isatu deebi'ee si to'ata!)... Itti Fufii Dubbisi!

As tuquun Dabalataan ilaali!
As tuquun dabalataan ilaali!

🖱🖱🖱🖱🖱👍❤️❤️❤️



20 last posts shown.