Bo’ii Bo’ii Naan jedhaHiriyoonni lamaan karaa irratti wal arganii inni tokko “Baay’ee gaddeen jira boo’i boo’i naan jedha” jedhee itti himate.
“Maali maal taate? Maaltu si argate?”
“Torbee lama dura Eessumnikoo tokko birrii 100, 000 naa dhiisee du’e” jedheen.
“Maaliree kun nama gammachiisa malee nama gaddisiisaare?”
“Sirriidha garuu! Torbee kana keessammoo Eessummikoo inni tokko birrii 200, 000 naaf dhiisee du’e”
“Ati maallaqa kana hunda argatte maaltu si mufachiiseree maalif akkana taata ati?” jedhee dinqisiifamee gaafateen.
‘’Eessuma lama qofa qabaachuu koottin gaddeka!” 😂😂😂😁😄
Share ❤️ like
Kottaa Kolfaa 😁