Coba Yaadaa💧


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Искусство


✍️ Maxxansa, Sagaleewwanii fi barruuwwan nama sissi'eessan, Seenaa barsiisoo fi barruuwwan gaggabaaboo asirraa ni argattu.
✍️ Kan isinitti tole hiriyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Искусство
Статистика
Фильтр публикаций




🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🌿🌼
🌸🌻🌻🌻🌼🌸

🎉🎉🎉🎉

✨😀 Telegram Channels: xinsammuu fi kitaabilee PDF
👇👇👇

____ 📌📌📌

Click join 10K+ Channels

        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥
        █        J O I N          █          
        ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢


1. ADD FOLDER 01
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
____✅✅✅

'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>Beekumsa Dabalataa
             👇👇👇👇
         👉✨banaa✨👈
         👉✨banaa✨👈
               👆👆👆👆

2. 'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>ADD FOLDER 02
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
____📥📥📥

Xinsammuu
💌 Join 💌
💌 Join 💌
💌 Join 💌


3. ADD FOLDER 03
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
____🕊🕊🕊
➍.

«JOIN » JOIN
«JOIN » JOIN
«JOIN » JOIN
«JOIN » JOIN


4. ADD FOLDER 04
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Free Promotion: @Getu_Abera


Dhimmaaf manaa baatee gara iddoo gahuu jettuu sana gahuuf karaa deemuu yeroo jalqabduu hamma iddoo sana geessutti haalli jiru, yeroo gahuuf karoorfattetti akka hin geenye kan si taasisan, jidduu deemsa sanaa wantootni, namoonni, haallonni garagaraa ni hirmaatu.

Fuuldura kee namootni baayyatanii karaa akka hin dabarre, dursa anatu darbaa yeroo wal dhiiban dhiibbaa sana dhiibbaachuu dadhabdee yookiin dursa kennuufiin qaba jettee yeroo dhiistu miilli kee miila namootaa duuba ta'uu jalqaba.

Deemsa sana jidduutti haalonni utuu nuti hin beekiin nutti darbataman kamiyyuu gahuumsa keenya sana irratti dhiibbaa mataa isaanii qabu. Karaa nuuf gabaabsuu yookiin karaa nutti dheeressuu danda'u.

Namni tokko dargaggeessa waan ta'anii humna waan qabaataniif, miila hoo'inee deemuu waan dandeenyuuf, humna qabnuun gufuuwwan fuuldura keenya jiran dura keenyaa kukuffistee akka geenyu kan nu hin dandeessisne ni jiraatu.

Qabeenya qabaattee karaa barbaadde irra akka barbaaddetti deemtee akka hin geenye kan si taasisanis ni jiru.

Manaa qophaa waan baateef kophaa hin deemtu. Hirmaatotni karaa kee irratti wajjin deemtu sanaaf jettee akka dhaabbatu, akka teessu, akka kuftu, akka miidhamtu, dadhabdu ni taata.

Kufuun nama tokkoo sababa nama biraan ta'uu danda'a.


Wantoota jireenya keenya keessatti taasisnu wanta taasisuu dandeenyuuf qofa hin taasisnu.

Haalonni iddoo ol jennee jirruu akka gadi jennuuf nu dirqamsiisan ni jiru.

Adunyaa xinnoon adunyaa nama tokkooti. Namni yeroo baayyee adunyaa namoota baayyee keessa waliin akka jiraatu ni ta'a.


Coba Yaadaa 💧✍️


✍Wanti harka keenya irraa qabnu hundi nu hin fayyadani. Dhugaadha, namni wanta isa hin fayyadne hedduu fi waan isa fayyadan muraasaan marfamee jiraata.

✍Wanti harka keenya irra yeroo dheeradhaaf turu tokko nu hin fayyadu yoo tahe nu miidhaa jira ta'a.

Beekuu Beekuu dhabuun abaarsa keessa akka jiraannu nu taasisa.
✍Arraba keenya irra eebbis abaarsis ni jira.
✍Namni tokko abbaa mala waan baayyee ta'uu danda'a. Garuu waa hundaaf mala hin qabu. Nama futmaata ta'uun nama rakkina hundaaf furmaata qaba jechuu miti.
✍Wanta namni nuun jedhu utuu hin taane kan sodaan keenya nuun jedhu moo'achuu danda'uun ni dursa.
✍Humna moo'ichaa keessa gara alaa bahu humna dukkana guddaa ibsuu, waan hin cabne cabsuu danda'u qaba.
Quboota harkaa keenya keessaa haala kam keessattuu kallattii sirrii ta'e argarsiisuu kan danda'u quba waa himtuu dha.

✍Taatewwan kaleessaa kee eenyummaa keenya har'a akka qabaachaa jirru kan nu bocaa jirani dha.
✍Kantaruun taatewwan kaleessaa jireenya har'a itti jiraannu akka nuuf kennanii fi jireenyi boruu dirii kaleessotaa fi har'aa ti.

Coba Yaadaa 💧✍️


Hidhaa/link kana https://ethiocoders.et/ fayyadamuun baruumsa yeroo gabaabaa; torbanoota saddeetiif turu karaa online tola leenjii appilikeeshiinii mobaayilii uumuuf dandeessisu barachuuf kara hidhaa sana galmaa'uun barachuun ni danda'ama.

Coba Yaadaa 💧✍️


Kick out them!

Adunyaa kana irra qophaa isaa irra jiraatee akka irraa dabaruuf namni uumame hin jiru. Jechi "Human being is social animals." jedhu sun hiikaa sirrii jireenya dhala namaa hin ibsine dha. Dachee kana irratti namni hawaasummaa namummaa/namootaa keessa akka jiraatuuf uumame.

Namni hawaasummaa keessaa gara alaa fi alaa gara keessatti itti jiraatu qaba. Namni hawaasummaa yaada dhuunfaa fi hawaasummaa namoota keessa jiraata.

Hawaasummaa namootaa namoota waliin qabaachuuf jennutti yookiin erga hawaasummaan sun uumamee booddee wantoota ta'an haala kamiin simachuu/ keessummeessuu akka qabnu beekuun gaarii ta'a.

Jireenya hawaasummaa qabaannu keessatti yeroo namoota gara jireenya keenyaatti affeerree yookiin utuu hin beekiin kallattiidhaan akkasuma al-kallattiidhaan gara hawaasummaa keenyaatti dhufan hirmaannaan namoota sanaa jireenya nuti jiraachuu hin qabne akka jiraannuuf kallattii faallaatti yeroo nu deemsisu maal taasisuu qabna, tarkaanffii akkamii ofii keenya irrati, namoota sana irratti, haala sana irratti, yeroo sana irratti, yaada keenya irratti fudhachuu qabna? Dabalatee namni hiriyaa dhiyoo kan ta'eef yaada dhuunfaa isaa qaba. Yaadi keenya ol akka baanuuf akkasuma akka kufnuuf sababa hangafaati. Kanaafuu, hirmaattota keessaa fi alaa ta'a kana kan miidhamaaf nu saaxilan ofirraa dhiisuun furmaata isa jalqabaa fi xumuraati.

Maarrree, kan hawaasa taasifannee keessa jiraannu sana akka sababaatti waamuun madda kufaatii/miidhama keenyaa taasifachuutti deema.

✍Sababa nama sanaatiif maatiin koo nagaa dhabe/dhabaa jira
✍Sababa isaatiif/isheetiif/isaanitiif ollaan koo, biyyi koo, adunyaan, maatiin koo, ani raakamaa, nagaa dhabaa, dhukkubsachaa, kufaatii keessa gangalachaa jiraachuu yeroo barru,
✍Sababa yaaddoo kootii sanaaf har'a iddoo kana jira.

Namoota, haalota, yaada, yaaddowwan, yeroo wantoota gara jireenya keenyaa dhufanii miidhamaaf nu saaxilan kamiyyuu jireenya keenya keesaa baasuun/ari'uun dirqama keenya.
Sababa wantoota sanaaf iddoo ooluu hin qabne hin oollu, nama ta'uu hin qabne hin taanu, kuufaatii kufuu hin qabne hin kufnu, raakama raakamuu hin qabne hin raakamnu, iddoo gahuu qabnu bira akka gahuuf hin qolamnu, bilchina malee dheedhummaatti akka hin jiraanneef kick them out of your life!

Oolmaa Nagaa Qabaadhaa!

Coba Yaadaa 💧✍️


Goomannaa/ቅናት

Goomannaan dhukkuba dha. Goomannaan dhukkuba dhoksaa miira akkasuma taatee ta'ee mul'atu dha. Goomannaan gaarummaaf hin goomatamu.

Goomannaa gosa garagaraatu jira. Garuu, hundi isaaniituu dhukkuba dha. Goomannaan hammaan yookiin gosaan wal caalu hin jiru. Goomannaan jibbaaf, sodaa, ofitti amanamummaa dhabuu, nama biraa waliin of madaalaa jiraachuuf, lubbuu ofii akka dabarsaniif/of ajjeechaaf nama saaxiluuf humna guddaa qaba. Maddi goomannaa inni hangafaa sodaa dha. Namoonni goomatan sodaa dhokataa keessa isaanii dhokate waan qabaniif dha. Goomannaan sodaa lubbuu horatee miira ta'ee mul'atu dha.

Namni tokko nama biraatti kan goomatu milkaa'ina isaanii, qabeenya isaanii, bareedina isaanii, beekumsa isaanii, beekamtii isaanii, qulqullummaa/qajeelummaa/ jaalala/arjummaa/ fi guddina qaamaa tokkoo irratti ni goomatama.

Iddoon goomannaa hin jirre iddoo kufaati ti. Hojiin goomannaa inni guddaan balleessu dha. Goomannaan milkii jibbee kufaatii leellisa/jabeessa.

Namni hin goomanne hin jiru. Kana jechuun namni kamiyyuu sodaa keesaa isaatii ni qaba jechuu dha. Ta'us, goomannaan uumamaan waan waliin dhalatan miti. Akkuma wanti sodaan hamma waan sodaannu sanaa gargar ta'u hammi goomannaa fi wanti namni tokko goomatu kan nama biraa irraa garagara dha.

Yeroo baayyee namni akka namni biraa itti goomate/goomatame baayyisee ni dubbata garuu, ofiidhaa akka goomatu ofii isaa/ishee saaxiluu hin barbaadu. Kana irraa kan ka'e akka dhukkuba nama waliin dhalatee fi nama biraa bira qofa jiruutti quba nama biraatti qabaa akka jiraannu nu taasisaa jira.

Saala dhiiraa fi dubartii keessaa kan goomannaadhaan hedduu miidhamuu fi kan hedduu goomatu dubartii dha.

Goomannaa akkamiin balleessuu danda'ama?
✍️Goomannaan hamma dhukkuba ta'etti kadhannaadhaan ni bada.
✍Maaliif akka goomannu ofii keenyaaf deebii sirrii ta'e kennuudhaan.
✍Madda Goomannaa nu keessatti kakaasanii sana keessa keenyaa mancaasudhaan.
✍️Waan sodaa keessa keenyatti lubbuu akka horatu taasisu sana keessa keenyaa buqqisuu.
✍️Miirota miira Goomannaa kana gargaaran kan akka miira jibbaa, ofitti amanamummaa dhabuu, ofii keenya nama biraa waliin of dorgomsiisuu, of tuulummaa keessa ofiitii ajjeessuu.

Coba Yaadaa 💧✍️


✍Waan xinnoo qabduun nama bira yoo dhaabbatteen waaqayyo immoo isa guddaa dhabdeen si bira dhaabbata.
✍Jireenyi ofii jiraataa namni biraa akka jiraatuuf jiraatan hin jiru hin jiraatus.
✍Jiruun hundi jireenya miti.
✍Dachee kana irratti kan saamu nama kan saamamus nama dha. Saamtotni eenyummaa dhugaa nama tokkoo saamuuf hangafummaan xiyyeeffatan badii dhaloota irratti buusu.
✍Mataan(buqqeen mataa) ol jechuu dursa ilaalcha ol jedhe qabaachuun ni hangafa. Ilaalchi ol jedhe mataa gadi jedhe ol qabuu danda'a.
✍Ija ilaalu lama qabaachuu irra ija argu tokko qofa qabaachuu wayya.
✍Adunyaa kanaaf boca amma qabaachaa jirtu kana akka qabaattu kan taasise jiraachuu rakkinaa dha. Rakkinni waa uuma. Rakkinni waa boca. Boci sun immoo furmaata rakkoo sanaa ta'a. Adunyaan ammaa kun boca rakkoo ti. Boci sun immoo furmaata. Furmaatni hiikoo rakkinaati.
✍Jireenya adunyaa tana irratti jiraannu wanti mi'eessuu jireenya jiraachuuf dhalanne yoo jiraanne dha. Waaqni tokkoon tokkoo namaa hojii/mul'ata guddaa tokko waliin uumee jira. Waan qaalii Uumaan nuuf kenne sana barbaadee/gaafatee argachuun dirqama abbichaa ti.
✍Wanti nama hundaa wixa tokkotti hiriirsisuu fi nama nama taasise waan namni hunduu hin dhabne kan Uumaan nama hundaaf kenne dha. Kennaa Waaqni namaaf kenne kan waa qabuu fi kan dhabe gidduutti qixxee dha.
✍Namni kamiyyuu ofii isaa irratti mirga guutuu qabu hin jiru. Nama tokko irratti mirga guutuu kan qabu Waaqa/Uumaa isaati.
✍Put God first!

Coba Yaadaa 💧✍️


Hojjataan dhaabbata guddaa biyyattii keessatti omisha fe'uumsaa meeshaa daldalaa supermarket keessatti itti fayyadaman omishu sadarkaa duraa irrarargamu keessa hojjatu tokko ture.

Namni kun guyyaa dhaabbatichatti mindeeffamee irraa eegalee eegduu dhaabbatichaa waliin akka nama wal dhabdee walirraa qabanii fakkaatu. Guyyaa hundaa eegduun dhaabbata sanaa nama kana irratti qorannoo addaa kan hojjaatoota biroo irraa adda ta'e yeroo dheeraa isa waliin turuun meeshaa qabatee bahu, giiphii isaa hunda tokko tokkoon ilaalee waan keessa isaatti ilaale/yaade tokko yeroo isa irraa dhabu gadi lakkisa.

Hojjataan sun guyyaa hundaa meeshaa fee'uumsaaf oolu/gaariitti baargaarii walakkaan nyaatame, dhugaatiwwan namni irraa dhugee hir'ise, nyaata caccacabe darbaman gaarii sanatti guutee, giiphiwwan uffata isaa keesaatti immoo saantimoota callaa lakkoofsan xinnoo ta'an, korojoo dugdatti baatu keessa immoo uffata bututee ciciccite qabatee yeroo sahaatiin hojiidhaa bahuun gahutti hojiidhaa bahaa ture. Eegduun sun hojjataan kun waan ta'e hataa akka inni jiru baree jira garuu, maal akka inni hataa jiru hin barre. Waa galeefii jira garuu maal akka tahe hin barre.

✍Yeroo tokko tokko waa akka beeknutti beekna garuu wanti sun maal akka tahe hin beeknu.

Maarree, guyyoota hunda haala malee qoratamuu isaatti hojjataan sun eegdu sanaan "Maaliif nama irraa adda baastee na qorattaa?" Jedhee gaafate. Eegdunis "Gaarii kee irratti nyaata nyaatamanii gataman walitti qabdee baata. Kun hunduu ta'us ati mana kana keessaa waan ta'e akka fuutee baatu beeka garuu, maal akka tahe immoo baruu hin dandeenye" jedheen. "Ati guyyaa hunda giiphiwwan uffata koo, korojoo koo keessa na ilaalaa ture. Ani garuu, guyyaa hundaa gaarii tokko tokkon fudhadhee bahaa ture." Jechuun eegduu sanatti hime.

✍Wantoota xixinnoo irratti xiyyeefachuun wanta guddaa akka dhabnu nu taasisa.
✍ Haalli itti wantoota ilaallu waan arguu qabnuu fi dandeenyu akka hin argine nu dhorku.

Coba Yaadaa 💧✍️




✍Mul'ati Waaqan namaaf kennamu waan nuti jaalannu utuu hin taane waan Waaqni nuuf jaalatuufi dha.
✍Wanti waaqan namaaf kennamu hundi waan gaari dha.

✍Uumamaan dubartootni humna waa baayyisuu/multiplying qabu. Dubartiin jaalala ni baayyisti. Dubartiin tokko haasa'a nama jaalachuuf jirtu tokko waliin fuulaan fuulaan haasoftu caalaa haasa'a haasa'ame sana dhuunfaa isheetti baayyisuun jaalala duraa sana ol guddiisuu uumama dandeessu dha.

✍Haalli kun jaalala lamaan isaanii jidduu jiru jabeessuu haa danda'u malee immoo miidhaas ni qaba. Yaada yeroo isaa hin eegganne, dhiphinaaf nama saaxila, qixaasa'uu yaadaa fi yeroo fida, dhukkuboota garagaraaf nama saaxiluu danda'a. 

✍Dhiirri haasa dubartii jaalatu waliin haasa'ee hin baayyistu/multiplying. Haasofni fuulaan fuulaan nama sana waliin haasa'e jaalalli jabaan isa biratti akka hafu taasisa.

✍Ofii kee nama biraatiif ibsuuf hin dadhabin. Namni akka si hubatuuf jettee yeroo dadhabdu ofii kee utuu hin hubatin hafta.

✍Haalluu jireenya kee boruu jijjiiruuf, dubbii namoonni har'a sirratti dubbataa jiran kuttee darbuu danda'uu qabda.

Coba Yaadaa 💧✍️


Obbolaa koo, guyyaan har'aa, sahaatiin ammaa kun sin darbin.

Gargaaruu barbaaddaa?
Gorsaan, qabeenyaan, yaadaan, humnaan, namummaadhaan sibiran jiraan nama jettuun tokko ni qabdaa?
Hin kuftu, dhukkubni kee sin moo'u nama jettuun, dhabni har'a kee jireenya keetti xumura hin fidu, halli sitti ulfaate kun ni darba nama jettuun ni qabdaa?

Nama jaalattee jaalala kee ibsachuuf, kabajjee kabaja kee biraan gahachuudhaaf, gorsa qabaattee gorsuu barbaaddee, galata qabaattefii galateeffachuu kan barbaadduuf yeroo sirriin amma dha.

Dhiifama gaafachuu barbaaddaa? Ofii kee, ollaa kee, maatii kee, hawaasa kee, jireenya kee? Yeroo sirriin dhiifama gaafannee furmaata sirrii yeroo isaa eeggate itti argannuu fi gaafatamnee immoo deebii sirrii deebisnuuf amma dha.

"Dhabdee daaraa jirta, dhabdee beela'aa, dheebochaa, rakkachaa, raakamaa, ofii kee jibbaa, ofii kee abaaraa, ofii kee himachaa jirta kun hunduu garuu, si hin ibsan, si inni/isheen jabaan/jabduun sun haalota kanaan duuba jirta." nama jettuun tokko ni qabdaa. Eeyyeen ni qabda! Nama biraa nama tokko yoo dhabde ofii keetiin nama jettu taata.

Ergaan kee kun nama sanaaf iddoo kufee kan ittiin ka'u, iddoo itti hirkatee kan itti irraa ol jedhuun, beeluu, dheebuu, dadhabbii, rakkina, raakama, dhibama isaa irraa kan itti fayyu ta'a. Kanaafuu, jechuudhaaf beellama hin qabin. Yeroon, guyyoonni ati qabdu baayyee ta'uu malu namni sun garuu, yeroo ammaa tana qofa qabaata ta'a. Kanaafuu, ammuma ergaa kee sana nama sana biraan gahi.

Jireenya keenya boruu keessatti jecha 'Utuu' jedhu yaada riqicha yaada yaabee yaaddoo nutti ta'u keessa akka hin jiraanneef amma waan taasisuu qabnu bifa taasisuu qabnuu fi dandeenyuun taasisuun waan dursu dha.

Nagaa guddaa qabaadhaa!

Coba Yaadaa 💧✍️


✍Bara jireenya kee keessatti balballi yeroo hundaa banaa teessisuu qabdu nama gargaaru dha.
✍Hojiin ati hojjattee bu'aa maleessa fakkaatu garuu bu'aan isaa gammachuu jireenya keetii kan ta'e tola nama gargaaru dha.
✍Namni biraa si fakkaachuu yookii ati nama biraa fakkaachuu dandeessa. Garuu, yoomiyyuu nama si ta'e yookiin namni ati taate hin jiru hin jiraatus. Namni kamiyyuu uumama addaa kan dhuunfaa isaa qabatee dhalatee itti jiraata.
✍Akka 'abaluu' utuu hin taane ati akka keeti. Isaan akka kee utuu hin taane akka ofii isaaniti.
✍Dachee kana irraa qabeenyi gurguddaan tola dhala namaaf kennaman.
✍Sooratni hangafaa dhala namaaf tola kenname qilleensa dha.
✍Adunyaa kana irra adunyaa biroo hedduutu jira. Adunyaa mul'atu kana irra adunyaawwan hin mul'anne hedduutu jira. Akkasuma adunyaa hin mul'anne keessa adunyaa hin mul'anne kan biroo hedduutu jira.

Coba Yaadaa 💧✍️


"Dachee kana irratti wanta hin dulloomne fi kan barri itti hin dabarren arge."

Wanti bifa hin jijjiiramne, kan barootaan humna guddaa fi haaraa ta'een nama waliin/keessa jiraatuuf jaalatu tokko ni jira

Barri deemee fagaatee qaari'uu danda'a garuu kan hin dulloomne, wanti haaraan hedduun darbee moofa'uu danda'a garuu, kan barri itti hin dabarre,

Haalluu hedduun babbareedan jiraachuu danda'u garuu, wanti haalluu addatti bareedu qabu ni jira.

Gaarummaan addaa kan daangaan hin daangessinee fi haalaan olitti darbee kan jiru/jiraatu jaalala dha.

Jaalalli dugugguruu dugdaa namni tokko nama ta'uu isaaf qofa kennameefi dha.

Hiikaan jireenya inni jalqabaa fi xumuraa jaalala dha. Hiikaan jireenya jaalala keessa jira. Jireenya jechuun jaalala jechuu hin ta'u. Jaalala jechuun garuu jireenya dha.

Tokkoon tokko namaa keessa jaalalli ni jira. Jaalalli akka sanyii midhaaniitti waan facaasamu dha. Firiin jaalalaa tokko jireenyaa hundeen isaa jaalala ta'an hedduu uumuu danda'u. Jaalalli humna waa baayyisuu qaba.

Jaalalli guddaan/hangafaa kan Waaqa ti.

Coba Yaadaa 💧✍️


❏ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa?
➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira... See More

            👇👇👇
       👉 Join Us 👈
       👉 Join Us 👈


Hin dandeessu jechuun ati waa danda'uuf hin uumamne jechuu miti.

Ati hin beektu jechuun wallaaladha jechuu miti.

Ati hin dubbattu jechuun afaan dubbatu hin qabdu jechuu miti.

Ni milkoofte jechuun hin kufne jechuu miti.

Olbaate jechuun gadi hin buune jechuu miti.

Beekaa taate jechuun haala kamiyyuu keessatti sirrii turte jechuu miti.

Ofii kee ni jaalatta jechuun nama biraa ni jibbite jechuu miti.

Of ta'i jechuun amma nama biraa taatee jirta jechuu miti; sodaa eenyummaa kee isa sirrii biraa si hambise sana ofirraa facisii jechuu dha.

Har'a iddoo kana jirta jechuun borus idduma sana jirta jechuu miti.

Nama mul'ata kee jiraatu taate jechuun mul'ata kee argachuuf soqaa turte jechuu dha.

Jireenya kee keessatti of gaafatta yoo ta'e deebii gaaffii argachuuf of gaaffatta jechuu dha.

Namoota waan xiqqootti gammadanii fi namoota waan xiqqootti ariifatanii gaddan hin abdatin!

Coba Yaadaa 💧✍️


Bakka Hin Bulle Hin Galgaleeffatin! • @Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Lafa si hin madaalle, jireenya si hin madaalle, ilaalchaa fi karaa si hin madaalle keessa hin galgaleeffatin!

Bu'aan bakka hin bulle galgaleeffachuu bineensota halkan yaa'aniin weeraramuu fida! Bu'aan jireenya hin barbaanne keessa jiraachuu; hiyyummaa, rakkoo, abdii kutannaa fi jireenya gaddaa fi gadadoo keessa jooruu namatti fida!

Har'an jijjiirama utuu jettuu, qoosaan ati jireenya kee irratti taphattu, gola abdii kee tarsaasa; kanaaf har'uma jijjiirama dhugaa jijjiiramuuf dammaqi!

༄ Ilaa kunoo; aduun har'a baate yeroo isheetti ni lixxi! Humna ittiin ganama har'aa kana as deebiftus hin qabdu; gaarii hojjettuus, gadhee kun dhimma aduu miti! Aduun kaayyoo uummamteef sirnaan, haala ajaa'iba ta'een ba'achaa jirti; sa'aatii 12 guutuu siif iftee, akka keessatti iftee mul'attuuf siif baateetti, ati keessatti dukkanooftus, micciiramtus, jijjiiramtus dhimma ishee miti!
Kufaatii keefis itti gaafatamummaa hin qabdu! Guyyaa kana keessatti jireenya jiru jiruu urgaa'aa taasiftee hojjechuun gahee keeti! Hojiin aduu/biiftuu siif ifuudha! Kanaaf jireenya jiraachuuf jiraadhu!

» "Namoonni hundinuu ni du'u, namoonni jiraatanii darban garuu muraasa" jedhe hayyuun tokko!

Har'a nuuf darba jennee utuu mul'ata nu hin ilaallanne keessa qaarinuu, barri nuuf dabarsuu dhiisee nuun darbuu danda'a. Kanaaf har'a jireenya Madda gammachuu keenya hin taane keessa galgaleeffachuu dhiisnee, jireenya gammachuu fi fedha keenya dhugaan kuullame jiraachuuf haa qabsoofnu! Utuu mul'ata keef hin jiraatin aduun jireenyaa si duraa hin lixin!  

⌲ Jabaadhu tattaafadhu! Si caala kan jireenya keef fiigu hin jiru! Jireenya si hin madaalle keessa rafuu dhiisi! Michuu jireenya gaarii ta'i! Jireenya si gammachiisu irrayyuu darbee gammachuu namoota biroof sababa ta'u jiraachuuf dhama'i! Hin dhibaa'in! Boru nan jijjiirama jettee har'a hin taa'in; keessatti jijjiiramuuf guyyaa har'aa caalaa kan sitti siqu hin jiru waan ta'eef!

» Eeyyee jireenya sin madaalleef, si hin ilaallanne keessa hin galgaleeffati!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Coba Yaadaa💧✍️


Eessattuu, yoomiyyuu haala kam keessattuu nama guddaa namni xinnoon hin balleessu/ajjeesu.

Adunyaa amantii, siyaasa, hawaasummaa, diinagdee, barnootaa, xiinxalaa/yaadaa keessatti gurguddoonni kan ittiin dhabaman sababa waan isaan xixinnoo tiini.

Namni xinnoon uumama Waaqaa keessa hin jiru garuu, xinnoo of taasisanii jireenya, yaada, ilaalcha xinnummaa keessa jiraachuun eenyummaa xinnoo akka qabaannuu fi hojii xixinnoo akka hojjannu nu taasisu.

Amala badaa xinnoo tokkotu eenyummaa gaarii guddaa qabnu nurraa balleessuu danda'a.

Xinnoo taanee hamma hin uumamnetti xinnummaa jibbuu fi irraa baqannee hamma uumamne keessa jiraachuun keenya jireenyi filannoo akka ta'e nu hubachiisa.

Yaada xixinnoo utuu hin taane ilaalchi xinnummaa gara kufaatiitti nu geessa.
Waan xixinnoo irraa eegaluu utuu hin taane xinnummaa keessa jiraachuun diina ofii keenyaa ofirratti guddisnu dha.

Waan baayyee jibbuu dandeenya garuu, ilaalcha xinnummaa jabeessanii jibbuun guddummaa dha.

Coba Yaadaa💧✍️


Eenyummaa bareedaa uffachuu

❍ Eenyummaa dhugaa ija hin ilaalletu arga. Gurra hin dhageeffanetu dhaga’a, nama hin beeknetu beeka. Haala hin mijannetu mijataaf.

❍ Eenyummaan dhugaa nama tokkoo bareedina guddaa fi isa dhumaa namni sun qabaatu dha. Eenyummaan dhugaa keessaa gara alaatti mul’ataa deema. Eenyummaan dhugaa moo’a dha. Eenyummaan dhugaa yeroo hundaa furmaata barbaada. Eenyummaan dhugaa haguggaan olitti bahee mul’ata. Namni kamiyyuu eenyummaa dhugaa fi isa sirrataa, eenyummaa guddinaa, qajeelummaan, jaalala, araara, nageenya, fayyina, eebba guddaan guutame qabaatee dhalata, qabaatees jiraata. Isaan kun nama kamiifuu qabeenya keessa namaa taa’ee jiru, ofii keenya keessatti guddisuu fi dagaagsuu dandeenyu dha.

✍Maddi eenyummaa dhugaa namni tokko qabaatuu Waaqa/Uuma dha.

✍Bareedinni guddaan namni kamiyyuu uffachuu qabu eenyummaa dhugaa ti.

❍ Eenyummaa bareedaan uffata bareedaa miti. Eenyummaa bareedaa uffanni fokkisaan dhoksuuf humna hin qabu. Eenyummaan dhugaa mallattoo namummaa ti. Namni eenyummaa dhugaatiin bitame tokko qajeelummaa, jaalala, nageenya, araara fi amaloota kanneen kana fakkaatan calaqisiisa. Amaloonni kun fakkaattii utuu hin taane jireenya guyyaa guyyaa nama sanaa keessatti ba’anii mul’atu. Nama sana biratti amaloonni sun maddaa fi iddoo taa’an qabu.
✍Eenyummaa dhugaa keessaa gara alaatti ifaa, guddataa, mul’ataa,fi jiraataa deema!
✍Eenyummaan dhugaa bareedina namni tokko nama ta’uu isaa qofaaf qabaatu dha!
✍Eenyummaan dhugaa iddoo dhokataa keessa turuu hin danda’u.
✍Eenyummaan dhugaa humna dhiibuu guddaa qaba. Humni sun akka iddoo dhokataa keessa hin turre taasisa. Waan kamiyyuu olitti ba’ee akka argamu taasisa.

Coba Yaadaa💧✍️


OG-AARTII BARADHAA!

Gidduu Galli Aadaa Oromoo kana dura marsaa sagaliin n barattoota fedhii fi dandeettii Aartii qaban leenjisee eebbisiisee ture. Haaluma kanaan ganna kanas leenjii marsaa 10ffaa ji’a 3f leenjisuuf qophii xumuree jira.
Namoonni fedhii aartii barachuu qabdan kamuu dameewwan barnoota Og-aartii armaan gadii galmooftanii barachuu dandeessu.

1, Muuziqaa
2, Tiyaatira
3, Ogummaa Fakkii
4, Shubbisa
5, Fiilmii
6, Dubbing Art/Taphiikoo
7, Moodeliingii

✍Ulaagaan: Afaan Oromoo irratti dandeettii Afaanii afran(dubbachuu, dubbisuu, dhaga'uu fi dogoggora qubee Afaan Oromoo eeguun barreesuu) danda'uu dha.
✍Iddoon: Finfinnee Giddu-Gala Aadaa Oromoo
✍Yeroon Barnootaa: ( Ji’oota Gannaa kana sadan)
 Sambata Xiqqaa fi Dilbata
 Wiixataa hamma Jimaataa
✍Kaffaltiin: Namusa gaarii qabaachuu qofa dha.
✍Hubachiisa: Giddu Gala Aadaa Oromootti yoo barattan carraa miidiyaalee garagaraa wajjiin hojjachuu bal’aa qabdu.
✍Galmeedhaaf gara galma Aadaa Oromoo deemuun akkasuma odeeffannoo guutuu argachuu dandeessu.

👉Baruumsi dukkana ibsa!
👉Ogummaan qabeenya nama irraa hin fudhatamne dha!

Nagaa ta'aa!

Показано 20 последних публикаций.