Danbalii jaalalaa❤️


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Telegram


WALALOO
JAALALA
channel kana jalatti
argatuu
🥀🥀🥀🥀
🙏🙏🙏🙏🙏
💚💚💚💚💚💚

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций


❤️ Jaalallee keetiif ati filatamteerta, sababiilee filannoodhaaf Shamarran dhiheessan keessaa 10 ... See More

▶️ See More
See More......@Danbalii_jaalala

Maaliif jaalalli miira Namaa Akka to'atu?... See More......@Text_Jaalala


Репост из: LOOKOO JALAALA
Eelaa Simboo

Kutaa 7ffaa.

Simboonis deggersa harmeeshee isa gita hin qabnee fi gorsa hiriyaashee Leensaatiin jajjabaattee jiraachuu itti fufte.

Hiriyoota obbo Kariim keessaa obbo Magarsaan nama kabajamoodha. Shira waaheloonni obbo Kariim xaxaa turan keessaas harka hin qaban. Maatii gaarii fi Oromummaa isaaniin boonan qabu.

Ilmi isaanii hangafaa Kiyyaa jedhamu Simboodhaaf hiriyaashee ijoollummaa ture. Jaalalasheetiin qabamee waggaa hedduuf Osoo isheetti hin himin jiraachaa ture. Isheedhumtuu ni jaallatti turte garuu boodarra walirraa fagaannaan yaadnishee jijjiirame. Ta'us Simboon akkanni jaalalasheetiin qabame sirriitti beekti turte. Innis amala Simboo waan beekuuf afaanii-baasee 'sin jaalladhe' jechuu sodaatee obsaan jiraachaa ture.

Yeroo kun hundumtuu Uumamu maatiin Obbo Magarsaa mooraa obbo Kadir keessa kireeffatanii jiraachaa turan. Ergasiis mana bitatanii iddoo kan-biraatti galan. Kiyyaanis sana booda bilbilaan ishee waliin haasa'aa ture. Isheenis akkanni baay'ee ishee jaallatu yammuu bartetti, akka boonuu taatee " yaada kana keessaa baanee bifa obbolummaatiin itti haa fufnu" jettee booda deebite.

Inni garuu jaalala isheef qabu hir'isuu hin dandeenye. Ergasheen na dhiisi jettee boodayyuu jaalalli inni isheef qabu dabalaa deeme. Harka isaarratti maqaashee tumate. Suuraashee fakkeessee kutaa ciisichaasaa keessatti maxxanfate. Obboleessi isaa Qananiisaanis yeroo sana Simboo waliin kutaa tokko barachaa waan tureef waa'ee Kiyyaa isheetti hime. Simboonis bilbiltee waamtee akkanni hin miidhamneef gorsaa turte. Sun ta'us garuu Kiyyaan akka jaalalasheetiin maraatetti jiraachuu itti fufe.

Obbo Magarsaan guyyaa dilbataa tokko ganama mana obbo Kariimiin dhufanii maatiin akka qophii godhan itti himan. Maaltu ta'e jennaan, "bor ganama Abbaan Simboo bilisaan gadhiifamee isinitti makama jedhanii Sanyii fi Surraatti dubbatan. Surraanis Yerosuma gammachuu irraa kanka'e gara isaaniitti fiigdee haammattee itti maramte. Aadde Suutumeenis gammachuudhaan guutamanii fiigaa ollaatti himachuu deeman.

Obbo Magarsaanis 'dhagaa tokkoon simbira lama' akkuma jedhamu, kophaatti Simboo waamanii dhimma kanbiraas akka qaban isheetti himan. Itti aansaniis haala ilmisaanii Kiyyaan keessa jiru itti himan. " Ati ogeettii waan taateef akkamitti akka dhimma kana sirreessitu nibeekta, adaraa salphina kana keessaa na baasi. Ollaa fi firri natti kolfaa jira. Ilmikoo maraachuuf fiixeerra gaheera. Maaloo gorsi inni hiriyootasaa keessaa si qofa dhaga'a " jedhaniin.

Simboon waan ishee mudatee fi haala amma keessa jirtu yaadattee imimmaan buusaa "dhiifama naaf godhaa Abbaa Kiyyaa, an yeroo kanatti ba'aa namni naaf hin arginen baachaa jira. Dhibee eenyullee naaf hin hubannen dhukkubsachaa jira. Jireenyakoo tooratti deebisuuf waanin ta'aa jiru ana qofatu beeka. Yoon isin rakkisuu baadheef yeroo kanatti gaaffii akkasii narraa dhaabaa. Kiyyaan nama hin dhaga'u hamman danda'u gorseera" jettee deebisteef.

Isaanis haala isheen keessa jirtu osoo hin beekin kana gaafachuusaaniif dhiifama gaafatanii mooraa Obbo Kariim keessaa bahanii deeman.

Itti fufa...

@seenaajalaala
@lookoojalaala
#join
#Share
#forward


Gaarummaa qabaachuu

1. Dandeettii fi Muuxannoo: Gaarummaa qabaachuun dandeettii fi muuxannoo cimsuuf gargaara. Namni dandeettii isaa cimsuu fi muuxannoo argachuu, haala gaariin hojii isaa keessatti milkaa'ina argamsiisuu danda'a.

2. Beekumsa: Gaarummaa qabaachuun beekumsa bal'aa qabaachuu fi odeeffannoo haaraa barachuu agarsiisa. Kun immoo namni tokko haala gaariin yaada fi murteewwan sirrii ta'an kennuuf gargaara.

3.Ijaarsa Dandeettii: Gaarummaa qabaachuun ijaarsa dandeettii fi dandeettii ofii cimsuuf gargaara. Kunis namni tokko dandeettii isaa akka cimsuuf carraaqqii gochuu agarsiisa.

4. Kufaatii Irra Aango Argachuu: Gaarummaa qabaachuun kufaatii irraa barachuu fi yaada fooyyeffachuu agarsiisa. Kufaatiin haala gaariin ilaaluun, namni tokko milkaa'ina argamsiisuu danda'a.

5. Hojii Gaggeessuu: Gaarummaa qabaachuun hojii gaggeessuu fi qajeelfama gaarii uumuuf gargaara. Kunis namni tokko hojii isaa keessatti milkaa'ina agarsiisuu danda'as

@Danbalii_jaalala
@Text_Jaalala


Репост из: Seenaa Jaalalaa
Eelaa Simboo

Kutaa 6ffaa

~~~~
~~~~

Simboon yerooma sana mana yaalaatti geeffamtee madaanshee hodhameef. Harmeenshee fi hiriyaanshee Leensaanis akka isheen baay'istee hin dhiphanneef ishee wajjin jiru. Surraan garuu akka manaa gad-hin baaneef Sanyiin balbala itti cufee, mana fuuldura taa'ee dhufaatii maatiisaanii eeguu jalqabe.

Ogeessota fayyaa Simboo yaalaa turan keessaa isheen tokko bakka Aadde Suutumeefaan taa'anii jiranitti siqxee " gaaffii Simboon nuuf dhiyeessite irratti hundaa'uudhaan qorannaa guutuu gooneefii turre. Madaanshees haala gaariidhaan hodhameera. Wanti yaaddoo isinitti ta'u hin jiru. Akka firiin qorannaa agarsiisutti oduu gammachuu tokkos qabadhee dhufeera" jetteen.

Aadde Suutumeenis yeroo kana dhaga'an achumatti jilbeeffatanii Waaqa galateeffatan. "Waan fedhe haatahu wanti guddaan nagaa ta'uu isheeti" jedhanii deebisaniif.

Leensaan immoo "mee oduu gammachuu sana nutti himi" jettee gaafatte. Ogeettiin fayyaas " gara Simboo ilaalaa, fuulashee ibsuudhaan Simboon ulfa ji'a sadiiti. Akka carraashee ta'eemmoo nagaadha wanti nama yaaddessu hin jiru " jetteen.

Harmeen Simboo nahanii diilallaa'an. Haasaatu harkaa bade. Waan deebisaniif wallaalanii ijaan garashee ilaaluu jalqaban. Xiqqoo turanii balbala banatanii gadbahuudhaan " nan salphadhe! mucaankoo Adam gurbaa abaaramaa sanaaaf ulfoofte" jechaa ofirra gad-taa'anii imimmaan roobsan.

Imimmaan isaanii akka bokkaa arfaasaa dhaabbachuu dide. "Yaa Rabbi barana an maaluman si yakke? maal adabni hammana gahu? Maal yaa Rabbi biyyan itti kabajamee jiraachaa jirutti na salphista? Adaraa gooftaakoo osoon beekuu, osoon hin beekinis isan si yakkeef natti araarami. Salphinni kun na gaha" jechaa imimmaan coccophsan. Namoonni hospitaala keessa turan tasgabeessuuf yaalan. Leensaanis oduu dhageesse kanatti gammaduu baattullee, garuu akka Simboon hin dhiphanneef callistee haasaa jijjiirte.

Adeemsi maqaa obbo Kariimiin galmee yakkaa keessaa dhabamsiisuu Aangawoota Olaanoo fi abboota qabeenyaa hiriyoota obbo Kariimiin eegalame waan milkaa'aa jiru fakkaata. Mana murtii,waajjira poolisii fi manneen hojii mootummaa keessaa waahelotaa fi nama isaaniif hojjetu ni qabu. Dhimma hedduu irratti maallaqaan abbaa fedhe afaan qabachiisuu itti beeku.

Huseeniin yakkamaa taasisuuf shirri isaan xaxaa turanis milkaa'aa jira. Ragaan obbo Kariimiin shakkamaa godhus suuta suuta dhadhaa abidda buute ta'aa jira.

Maatiin obbo Taliilaas yeroo garagaraatti mana murtiitti iyyachaa turanillee, qaamni haqaaf dhaabbatee isaan gargaare hin turre. Obbo Kariimiis gargaarsa hiriyoota isaaniitiin mana hidhaarraa bilisaan gadhiifamuuf fiixeerra gahaniiru...

Itti fufa....

#lookoojalaala
#seenaajaalalaa
#Share
#join


Namni suuraa irratti argitan kun dubartoota 400 ol ta'an irratti yakka raawaate jedhame himatame. Kinus akka ragaan vidiyoo gubbaa irratti argamu agarsiisuti yakka gudeddi ta'un isaa mirkana'eera.

Vidiyoo guutuu isa argachuf gara gadii kan jiru JOIN iddo jedhu tuquun ilaaluu dandeessu 👇👇👇👇👇👇👇


Badhaasa ethiotelecom fi Bank Hojii gamtaa waliin ta'uun qopheessaan irratti hirmaachuuf bakka Ethiotelecom jedhu xuqaa!!

Free Waver 👉 @Mr_waver1


Репост из: Seenaa Jaalalaa
Eelaa Simboo

Kutaa 5ffaa

Adam jaalalleen Simboo kaleessa nama baay'ee ishee jaallatu ture. Har'a garuu miti. Jaalala hinaafsisaa lamaan isaanii gidduu ture, gara jibba hamaatti jijjiire. "Nu warra gumaati" jedhee hamileeshee cabse.

Simboon manaa baatee osoo torbee hin guutin deebitee galte. Galtees mana hin teenye. Kallattiidhaan mana yaalaa deemtee Sanyii gaafatte. Akka isheen sodaatte hin turre. Yaala gaarii argatee gara manaatti geggeeffamaa ture.

Itti fuftee waajjira poolisii kutaa magaalaa Boolee,Aanaa 9 fuuldura jiru deemtee abbaashee gaafatte. Obbo Kariim abdii kutataniiru. Fuulli jijjiiramee, iji isaaniis keessatti xixinnaatteetti. Yeroo Simboo argan garuu fuullisaanii ifee miira gammachuutiin imimmaan buusan.

Hiriyoonnii fi abboonni qabeenyaa waaheloota isaanii ta'an maallaqa kaffaluudhaan obbo Kariimiin mana hidhaatii baasuuf yaalaa jiru. "Jalqaba natti dhukaafamnaanin dhagaadhaan ofirraa ittise" jedhanii jecha sobaa poolisootaaf kennuunsaanii caalaatti qorannoo kanbiraatiif karaa saaqe.

Yeroo obbo Taliilaa irratti ajjeechaan raawwate halkan waan tureef, eenyu akka dhukaase sirriitti namni arge hin turre. Kanaafuu namoota achi turan irratti qorannaan akka godhamuuf poolisiin heyyama mana murtii gaafate.

Manni namoota bakkicha turanii yeroo sakattaa'amu Huseen harkatti shugguxiin seeraan alaa qabame. Rasaasni obbo Taliilaa rukute achi buuteensaa waan dhabameef, shakkiidhaan Huseen to'annaa jala oole. Obbo Kariim garuu guyyaa yakka ajjeechaa obbo Taliilaa irratti raawwatan sana halkan shugguxiisaanii iddoo kanbiraa dhoksaniiru. Qorattootni yakkaa hiriyoota obbo Kariim harkaa mattaa'aa fudhatanis, Huseen irratti qorannaa cimsan.

Surraan erga Simboon manatti deebitee booda, ijaan argaa ishee jibbite. Gaafuma ishee argitu nagaa dhabdi, ni hammacamti.
Simboodhaan "Kun hundumtuu sababakeetiin ta'e. Situ wanbadee sanatti michoomee jireenya keenya jeeqe, si arguu hin barbaadu ijakoo duraa deemi" jetteen.

Maatiinis kadhatanii akka isheen tasgabbooftu taasisuuf yaalan.
Simboonis gadditee afaan qabattee turuu filatte. Deebii tokkollees hin deebisneef. Surraan garuu Simboo akkuma jibbitetti itti fufte.

Osoo haala sanaan jiraatanii ji'a 3 booda, guyyaa tokko galgala garuu wanti hin yaadamne Surraa fi Simboo gidduutti Uumame. Surraan miira aarii fi yaada ijoollummaatiin gowwoomfamtee obboleettiishee goraadeedhaan waraante. Simboon of-wallaaltee kufte. Dhiignishees baay'ee waan dhangala'eef, Aadde Suutumeen iyyanii ollaa birmachiifatan.

Gochaa baay'ee nama gaddisiisu ture. Namni kana arge hundi waan jedhu wallaalee afaan qabate. Maatii fi ollaanis battaluma Simboo mana yaalaatti geessan....

Itti fufa.
#seenaajaalalaa



Join godhaa


❤️ Fedhii fi hawwii qofaan dharra'uu malee aarsaa jaalalli dhugaa barbaadu namni kaffalee keessummeessu lakkoofsaan xiqqaadha....➡️ See More......@Text_Jaalala

Qabxiilee ijoo miira gammachuu fi milkii qabaachuuf gargaaran kudhan (10)...➡️ See More

  🔫 See More
          See More.....@Danbalii_jaalala


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Second 30 booda Nii haqama!

Nama Dursee join godhe 20f badhaasnii kardii mobile qophaa'eera!!

Maal eegduree nama 20 qofa!!


Репост из: LOOKOO JALAALA
"Morma kankee jalaa
Foolii kankee suufee
Gororakee nadhii
Sirnaan unee quufee,
Osoon si hammadhee
Gurraatti si hasaasee
Xuuxee si dhungadhee
Si'iis dheebuu baase,

Silaa natti toleen
Uffee jedhaa laata?
Ana har'as kunoo
Onneen na dhahata!

Morma kankee lookoo
Taakkuu lama ga'u,
Ani dheebuu kankee
Maaliin dharraa ba'u?
Ifa fuulakeetii
Seeqaan basaq gootee
Libsuu ijakeetii
Suuta boloq gootee,

Akka dhala dhabaa
Ana na mararta;
Qooda simboof taphaa
Jiraa na dararta!"

#seenaajaalalaa
#Jaalala_dhugaa
#join
#Share
#lookoojalaala


Na jaalata jedhe yaaduu kootii malee
si jaallachuun koo balleessaa miti.🥰
@Danbalii_jaalala


Репост из: Seenaa Jaalalaa
Ati nama. Nama keessaa garuu adda natti taata. Jechootaa fi gochaan wal simsiistee gaafa ati haalota jiruu toora naaf galuu didan karaa qabsiistee natti haasoftu keessa koottu eyyeen akkasuma jedhee qaamaa qalbiin si dhaggeeffatee dhagaha🥰

Jaalala keessatti immoo qabeenya guddaan wal qabaachudha jettees gaafa ati ejjennoo guutuun onnee natti hortu atumtuu jaalala jedhamu san natti fakkaatta😘

Kanaafan yoon kophaa jirus jechoota kee qalbii koo keessaa baasee dhaggeeffadha. Jireenyaf gammachuu laachuu ni dandeessa. Sin Jaaladha.



#join
#Jaalala_dhugaa
#seenaajaalalaa
@seenaajalaala


Woowwwwwww🔥🔥🔥🔥

Biyya keenya keessatti 5G free Internet guyyaa har'a guutuu biyyatiti eegaleera.

Birr 0.00 dhan 5G free Internet fayyadamuuf iddoo " 5G" jedhuu tuquun connect godhadhu.


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Second 30 booda Nii haqama!

Nama Dursee join godhe 20f badhaasnii kardii mobile qophaa'eera!!

Maal eegduree nama 20 qofa!!


🌹Har'a amaloota dubara ogeettii waliin ilaalla,... See More

👉 See More
See More.......@Danbalii_jaalala

💍 Amaloota gurguddoo 7,... See more......@Text_Jaalala


...Ol baasii gadi buusii
Deemsa kee ilaalladhu
Akkuma mataa keetti
Obboleessa kee jaaladhu

Jecha gaarii dubbadhu
Yookiin callisuu filadhu
Garaa jibbaa jibbiitii
Garaa jaalalaa horadhu.

@Text_Jaalala
@Danbalii_jaalala


Namni suuraa irratti argitan kun dubartoota 400 ol ta'an irratti yakka raawaate jedhame himatame. Kinus akka ragaan vidiyoo gubbaa irratti argamu agarsiisuti yakka gudeddi ta'un isaa mirkana'eera.

Vidiyoo guutuu isa argachuf gara gadii kan jiru JOIN iddo jedhu tuquun ilaaluu dandeessu 👇👇👇👇👇👇👇


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Second 30 booda Nii haqama!

Nama Dursee join godhe 20f badhaasnii kardii mobile qophaa'eera!!

Maal eegduree nama 20 qofa!!


Репост из: Seenaa Jaalalaa
Eelaa Simboo

Kutaa 4ffaa

Guyyaan guyyaa Dilbataa, halkan keessaa sa'a 4:00 ta'eera. Namnis iddoo hojii oolee manatti galuudhaan, kaan irbaata nyaatee rafeera, kaan immoo taa'ee ijoolleesaa waliin taphachaa jira.

Huseenis "har'a gumaa hin baafadhu taanaan dhiignikoo akka dhiiga obboleessakootii dhangala'ee haa hafu" jechaa ofitti gungumaa fi dhaadachaa mana Simboofaa bira gahe.

Asii fi achi ilaalee mooraa Obbo Kariimitti olseenuuf karaa balbalaa sussuke. Garuu akkanni yaade mijataa hin turre. Manni Simboofaa mooraa poolisii federaalaa cinatti argama. Poolisoonni gariin eegumsarra, kaan immoo mooraan ala ta'anii haasa'u turan. Xiqqoo dhaabbatee nama manaa gadi bahu eeguu jalqabe.

Sochiin tokkollee hin turre. Mana Simboofaatii waan rafan fakkaatu. Konkolaataan obbo Kariimis mooraa keessa hin jiru.

Huseenos yoo baay'ee dhaabbatee ture poolisoonni isa gaafachuu waan danda'aniif, suuta jedhee of-duubatti deebi'e. Shugguxii heyyama hin qabne qabatee waan tureef, iddoo sana gadhiisee deemuuf dirqame.

Wiixata ganama sa'a 4:00 keessa yeroo awwaalli obbo Taliilaa raawwachaa turetti, Huseen immoo obboleessa Simboo adamsee hiriyoota isaa gidduutti waraanee miliqe. Hiriyoonni Sanyiis rifatanii maatii birmachiisuudhaan gara mana yaalaatti geessan.
~~
~~
Simboo fi Adam Dirree-Dawaa gahanii mana konkolaachisaan sun mijeesseef keessa boqotan. Guyyaa sana yeroo jalqabaaf Siree tokkorra waliin ciisan. Bifa kanaan manaa baatee Adamiif wareegama kaffaluu yaaddee hin beektu yoo ta'ellee, dubbiin faallaa taatee kabajnishees halkanuma sana fudhatame.

Lameenuu wal haammatanii 'du'a lubbuu malee wanti gargar nu baasu hin jiru' jedhanii irra deebiin waadaa waliif galan. 'Irree nuuf ta'i yaa rabbi' jechaa gargaarsa Waaqaa abdachaa, takkammoo muuziqaa dhaggeeffachaa halkan bareedaa waliin dabarsan.

Konkolaachisichis nama hojii isaan jalqabsiisu wajjin wal-barsiisee gara Finfinneetti deebi'e.

Simboofaan guyyaa lamaaf bilbilasaanii cufatanii waan turaniif, du'a obbo Taliilaa dafanii hin dhageenye.

Gaafa guyyaa sadaffaa hiriyaan Adam bilbilee waan Uumame itti hime. Innis baay'ee gadde. Battaluma miirri isaa jijjiiramee of abaaruu eegale. "Abbaankoo sababakootiin du'e" jedhee of-yakkuu jalqabe. Ni boo'e, ni caraane, imimmaansaas dhaabbachuu dide.

Manatti ol seenee Simboottis fuulasaa jijjiirrate. 'Maaltu Uumame?' jettee yammuusheen gaafattu, 'si dhiisee Finfinneetti deebi'uukooti, Abbaankee gara jabeessichi abbaakoo galaafateera' jedhee deebiseef.

Isheenis ni boosse, qabaatu dadhabe. Baay'ees waan dhiphatteef 'maaloo na dhiistee hin deemin' jettee kadhatte.

Adam garuu "hamma gumaan abbaakoo bahutti nagaa hin argadhu" jedheen.

Waadaan waliif seenanis turtii sa'a muraasaa gidduutti cabe. Nama kaleessa ofitti-amanamummaadhaan "anaaf jedhii maatiikee dhiisii bahi " jedhee dhaadachaa turetu, har'a nyaara guuree "sii waliin jiraachuun natti ulfaata, gumaa abbaakoo baasuun qaba" jedhee Aariidhaan akka maraatuu godhachaa jira.

Simboon waan baay'ee isa jaallattuuf bifa kanaan jijjiiramuunsaa ishee yaaddesse.
"yoo inni na dhiisee bade akkamin ta'a? An isa dhabuu mannaa jedheen wareegama kaffalaa jira, inni garuu nu warra gumaati jedhee na dhiisee deemuufi" jettee imimmaanshee coccophsaa ofitti haasa'uu jalqabde.

Baay'ee waan dhiphattee turteef, hiriyaashee Leensaatti bilbilte. Akka carraa ta'ee Leensaan immoo harmee Simboo waliin, kiliinika Sanyiin keessatti yaalamaa jiru keessa turte.

Akka Simboon bilbilte kan dursee arge Aadde Suutumee ture. Garuu "sagaleekoo yoo dhageesse cufachuu dandeessi waan ta'eef atumti kaasi" jettee Leensaatti himte.

Leensaanis Bilbila kaastee erga nagaa gaafattee booda, waan Uumame hunda itti himte. Obbo Kariim hidhamuu fi obboleessi ishee Sanyiin immoo, nama Eenyummaansaa hin baramneen waraanamee mana yaalaa jiraachuu itti himte.

Simboon isa duraan rifatte caalaa amma naatee ofirra gad-teesse. Itti fuftee "yoon bor dhufe rakkoo qabaa laata?" jettee Leensaa gaafatte.
Itti fufa.......
#Share
#join
#lookoojalaala
#Jaalala_dhugaa
#seenaajaalalaa


💕 Jaalala simachuu dhabuu fi miira jeequmsaa maaltu namatti fiduu danda'a?,... See More
👇👇

See More
See More.......@Danbalii_jaalala

💓 Gorsi doctorootaa miira walii hubachuu irratti kennan,... See More.....@Text_Jaalala

Показано 20 последних публикаций.