🌹
Jaalala Fageenyarraa! ❗️
🖤 Jaalala fageenyarraa warri jalqabdanii wal jaallattaniis jirtan. Waantota gurguddaa armaan gadii yoo raawwattan 90% kan tahu jaalalli keessan itti fufuu danda'a. Na amani waantota ani si gorsu kana yoo haalaan itti fayyadamteef, gaa'ela kee haala bareedaa fi Waaqayyotti toluun ijaaratta.
Isaanis:-
1. Block wal gochuu dhiisuu➡️ Hubadhu! Fageenyarra jirta, karaa ati ittiin wal arguuf carraa bal'aa qabduu fi jaalala kee ijaarrattu, Bilbila kee qofa. Sanumaayyuu walitti aarteemmoo #block wal goota taanan baay'ee wal hubachuu dhiisuutu dhufa. Kunimmoo salphaatti akka walirraa fagaachaa deemaniif carraa bana. Yoo danda'ame rakkoo keessa keessan jiru wal dhaggeffachaa, fala barbaadaa malee tasuma #block wal gochuu irraa fagaadhaa. Kun jaalala keessaniif baay'ee utubaadha.
2. Rakkoo keessan icciitiin of gidduutti qabadhaa!➡️ Akka ofiikoo jettee inni ati hiriyaa keetti himattu sun, boolla ofitti qotaa jiraachuu kee ibsa. Cimsee waanan isin gorsu rakkoo isin lamaan giddutti uumamus ta'ee wanta jaalallee kee waliin haasoftu kam namatti himuu irraa of eegi. Anatu siin jedhe of eegi. Yoo dandahame waantota isin giddutti tahuuf qaama 3ffaa hin barbaadinaa. Caalaatti shammarran as irratti dadhabina baay'ee guddaa qabdu. Irraa of eegaa!
3. Osoo wal hin hubachiisin Online irraa hin badinaa!➡️ Online irraa yeroo baddan, sababa maaliif akka badde dursii jaalallee keetti himi. Kanaan ala jaalala kee dhiphisuu taha. Sababa kana kanaaf Har'a online hin seenuu jedhii dursa itti himi. Jaalallee kees maaliif na jalaa badde/de jedhee dhiphachuu irraa bilisa ta'a/taati
4. Yeroo haasoftan maal gochuu akka qabdan mari'adhaa!➡️ Yeroo kamuu waa'ee jireenya keessan fuulduraa dubachuu filadhaa. Waan har'a darbuun qilleensa wal hin godhinaa. Wal gammachisuufis jecha qoosa hin baayisinaa. Callisanii kolfuu, iyyuu fi maraachuu qofti atubaa jaalala ni jabeessa hin jedhinaa. Waan hundumaa ogummaan dubbachuu yaalaa. Wal hubadhaa. Yeroo waliif kennaa dubbadhaa
5. Video call waliin haasahuu yookiin Suura ofii waliif erguu.➡️ Karaa namatti toluuf ija jabummaa isiniif kennuun carraa isin Fageenyarra teessanii waliin dubbattan videocall ha tahu. Kunis akkuma dubbadhe dhimma keessan ija jabinaan fi amantaa guutuun akka dubbattan isin godha. Yeroo haasoftanis akka nama waaqayyo tokkootti maal akka haasoftan beeka. Ogummaa isa waaqayyo isin irraa barbaduun dhimma keessan bu'ureffadhaa. Photo keessan kan waliif ergitanis ogummaan ha tahu.
6. Suura walii keessanii profile hin godhinaa.➡️ Isa kana sirriitti dubbisi hubadhu!
Inni kun dadhabina namoota baay'ee gaa'elaa isaanii diigeedha. 100% godhee waanan isinitti himu social media (Facebook, telegram, tiktok,...)irratti suura fi video jaalallee kee hin maxxansin. Anatu siin jedhe sababa baay'ee narraa hin eegin. Garuu hin maxxansin. Inni kun yeroo hundumaa jaalallewwan lamaan gudduutti dubbii kaasa. "Suura jaalallee koo maxxanse immoo maaltu gad dhufa?" jettee jennaan itti fufi. Guyyaa tokko garuu waanan amma sitti himu kana yaadatte akka gaabbitu hin dagatin. Ati jaalalle kee akka si amanuuf si jaallatuuf gochuu malta. Garuu jalalleekee Account kan biraa irratti yoo profile si godhate/tte account kan biraan immoo nama kana biraa waliin waliin dubbata/tti mala. Namni tokko tokko account 4 ol qabaachu mala 😁kanaafuu media irratti wal maxxansuun amanamunmaaf sababa hin tahu.
7. Yeroo dhaabbataa waliin haasoftan qabaadhaa.➡️ Yeroo siif mijate qofatti jaalalle keef dawwaluu hin yaadin. Yeroo lamaan keessan free taatan waliif gala waliin Bilbilaa.
8. Maatii walii keessanii wal barsiisaa. ➡️Jaalalli keessan sadarkaa barbaachisurra gaafa gahu, maatii kee hundumaa jaalallekee waliin wal barsiisuu yaali. Kunis maatii irraa gorsa barbaachisaa fi ofitti amanamummaa jaalalaaf akka qabattu si godha.
:¨·.·¨: 💖
`·.
Love Message ✉️
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling✉️✍️
@Gaaelabot