GAGGEESSUMMAA


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Психология


Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://adsly.me/@gaggeessummaa
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Contact: @Getu_Abera

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Психология
Статистика
Фильтр публикаций


🫴 "Waldorgommii humnatu caalamoo jaalalatu caalaa?... As tuqaa

↪️ See More
See More


📄 "Humni jaalalaa, maalirratti akka hundaa'u?... As tuqaa


Mala Rakkoo - የችግር ዘዴ
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🗣️ Namtichatu mootii biyyaati, bara qaroominni hedduun hin babal’atin. Guyyaa tokko miilaan, kophee malee, garee isaa waliin ta'ee daandii dheeraa deemee deebi’e. Karaa dheeraa deemuu isaa irraan kan ka’e yoo mana galu miilli isaa ni dhiige.

Namtichi kun aangoo guddaa qaba. Rakkoo isa mudate kana hiikuudhaaf tajaajiltoota isaa waamee ajaja tokko dabarse. Ajajni sunis daandiin biyya inni bulchuu hundi itilleedhaan/waan nama hin quuqneen akka afamu/uwwifamu kan ajaju ture. Tole yaa mootii jedhanii waan inni jedhe hojiirra oolchuuf biraa ba'an. 🙏

Isa biraa ba'anii yoo mari’atanii, daandii hunda itillee/waan laafaa nama hin quuqne uffisuun salphaa akka hin taane hubatan. Isaan keessaa namni tokko, mootin kun hanga daandii hunda sirreessuuf yaalu, maalif miila isaa irratti waan isa tiksu/waan akka kophee/hin tolchineef jedhee yaada dhiyeesse. Yaada kana irrattis walii galanii mooticha bira dhaqan. Yaada isaaniis itti himan.

Mootichis yaada sana dhageenyaan ni gammade. Qisaasa qabeenyaa guddaa utuu hin baasin, iddoo hunda geeddaruuf utuu hin yaalin, yeroo gabaabaa keessatti luka isaatiif fala barbaaduun salphaa ta'uu hubatee tole naaf tolchaa jedheen. Akkasitti rakkoon isaa salphaatti furamte.

Al tokko tokko jireenya keenya keessatti akka kana taana. Rakkoo tokko furuudhaaf furmaatni nu cinaa utuu jiruu, yookin immoo utuu numa keessa jiruu iddoo biraa barbaanna. Utuu ofiif ilaalchaa fi sammuu keenya geeddarree fala of cinaatti arguu dandeenyuu isa kan biraa irraa, yookiin fageenya irraa fala barbaanna. Nama sammuun qophii qabuu fi ilaalchi qajeelaa ta'eef rakkoon furmaataa isuma cinaa jira. Kanaafuu, rakkoo si mudatu kamiifuu falli hin dhabamu, fala sana immoo fageenya utuu hin adeemin cinaadhuma kee barbaadi! ✍️

@Gaggeessummaa


🗣️ "Amalli yeroo hundumaa beekumsa caala. Sababni isaas jireenya keessatti bakka baay'eetti yeroo itti beekumsi kufee, amalli garuu ammas deebisuu danda'u baay'eedha."

💡 Amalli kabaja siif kenna. Waan si hin madaalle si tuffachiisa. Gorsee si deebifata. Amalli milkaa'ina biraan si gaha. Akka ati of sirreessitu sitti hima. Amalli Obsa Qabaachuu si barsiisa.

@Gaggeessummaa ☑️


🎄"Baga Guyyaa Yaadannoo Dhaloota Yesus Kristoos Geessan" 🎆

"Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!"

🌐 Telegram: @gaggeessummaa
🌏 Website: gaggeessummaa.com
📱 Facebook: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa


"Early birds wake-up catch worms!"

Amaloota namoota milkaa'anii shanan
   1. Ganamaan ka'u.
  2. Ni galateeffatu.
   3. Waan hojjetan sammuutti yaadu.
   4. Waan yaadan gochaatti jijjiiru.
   5. Gareedhaan hojjetu.

     Oolmaa gaarii qabaadha🤜🌟🤛

@Gaggeessummaa


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
🎚🌟🎚 2⃣0⃣2⃣5⃣ 🏍🏍

✈️✈️✈️✈️✈️✈️✈️✈️

🎆🎆 2️⃣0️⃣2️⃣5️⃣ 🎆🎆

🔠🔠🔠🔠🔠 🔠🔠🔠 🔠🔠🔠🔠

@Gaggeessummaa


Galatoomi Jedhi | Say Thank you! 🙏💔🙏
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Isaan kaleessa si gargaaran,
Isaan kufaatiin mana baruumsaa ta'uu sitti himan,
Isaan kufanii hafuun kufaatii akka tahe si barsiisan,
Isaan ati nama moo'ichaa akka taate sitti himan,
Isaan akka si cinaa jiran sagalee isaanii si dhageessisan,
Isaan ati nama guddaa akka taate sitti himuuf duubatti hin jenneen...

Say Thank you! 🙏💔🙏

Isaan qarshiidhaan si gargaaran,
Isaan humna isaaniin si gargaaran,
Isaan beekumsa isaaniin si gargaaran,
Isaan yaadaan si gargaaran,
Isaan fayyuu madaa keetitiif sibira dhaabbatan,
Isaan uffata kee irraa awwaara sirraa rurrukutan,
Isaan "Jabaadhu!" siin jedhan,
Isaan beeluu fi dhebuu si baasan,
Isaan karaa irraa si kaasaan,
Isaan imimmaan ija kee irraa siif haxaa'an.

Say Thank you! 🙏💔🙏

Isaan amma si bira jirra siin jedhan,
Isaan borus sibira jirra siin jedhan,
Isaan yeroo kamiyyuu haala kam keessattuu si waliin jirra siin jedhaniin...

Say Thank you again! 🙏💔🙏

Haalota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Namoota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Fayyaa dhaba kee kaleessaan, Nagaa dhabuu kee kaleessaan,
Dhaba kee kaleessaa hundumaan...

Say Thank you! 🙏💔🙏

Ofii keetiin galatoomi jedhiin.
Waaqa keetiif galata guddaa dhiyeessi.

@Gaggeessummaa


💲Channel gurgurtaa subscribers 9,000 qabu ni jira. Gatii baay'ee xiqqaadhaan namni bitachuu barbaadu #Inbox na dubbisuu danda'a!

Inbox: 😧 •➤  @Getu_Abera

More info:
🔔 @hopepromotion
🛒 @Bittaafigurgurtaachannel

Call Service:
📞 0919872853
📞 0930669982


⏰️ Yeroo Sirrii

Jaalala Jalqabuuf Yeroo Sirrii Beekuun Baay'ee Barbaachisaadha. Guutummaa isaa karaa weebsitii keenyaa seentanii argachuu dandeessu.
👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-sirrii/


⚠️ WARNING ⚠️

⚠️ Namoonni Channel Telegram bituu fi gurguruu barbaaddan hattoota irraa ofeeggadhaa!

💡💡💡💡💡💡💡💡

🔔 • Chaanaalii Subscribers 3K+ ol bitachuu yookiin gurguruu yoo barbaaddan inbox ✉️ nuuf godhaa! Amanamummaadhaan bitannee gurgurra. ✅🤝

🔔 Hanga ammaatti chaanaalii hedduu gabaaf dhiheessinee daldala amanamaa gaggeessineerra.

✅ Kanaaf, namni chaanaalii 3K ol bitachuu yookiin gurguruu barbaadu Telegram @Getu_Abera irratti gochuu ni danda'a

@Getu_Abera Nu waliin haasa'aa 🙌

✉️ Daldala amanamaa ni Taasifna 🙏

Odeeffannoo Dabalataaf:
@BittaafiGurgurtaaChannel
@hopepromotion
@Getu_Abera ✍️


Namni Maaliif Na Hin Jaallatu? 🤔
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🖥 Gaaffii kana titiisatu kanniisa gaafate. Akkas jettee gaafatte. "Ani akka kee ilkee hin qabu. Nama hin hiddu, nama hin waraanu. Jireenya koo qofaan jiraadha. Ati immoo ilkee qabda, nama hiddita, garuu akkuma koo ilbiisadha malee bineensa guddaa miti. Namoonni immoo si jaallatu. Anaan immoo of irraa na darbatu. Ani nyaata isaaniirra yoon taa'e irraa na ari'u, bakka ani qubadhe iyyuu kutanii gatu. Kan kee immoo nyaata ati lafa rakkinaatti qopheessite iyyuu barbaadanii ilkee kee obsanii nyaatu, kun maaliif ta'ee? Garaagarummaan keenya maali?" Jettee titiisni kanniisa gaafatte.

🗣️ Kanniisni akkas jettee gaaffii gaafatte. "Ati eessa eessa oolta?"Jennaan titiisni akkas jettee deebifteef. "Ani lafan waa argadhun oola. Nyaachuuf, taphachuuf, jireenya koo bashannansiisuf jecha, kosii keessa, mana fincaanii fi kan kana fakkaatan naanna'aan oola" jetteen.

🗣️ Kana irratti kanniisni akkas jette. "BAKKA OOLMAA KEE Sirreeffadhu! Ani daraara irra, bakka urgaa'un oola. Kanaaf na jaallatu" jette. Ati hoo eessa oolta?

📱 @Gaggeessummaa


Gatii Nama Hin Dhabsiisin!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🚫 Shiggirreen yookaan haadduun akka malee qaradha, garuu muka muruu hin dandeessu.
🚫 Qottoon akka malee jabaadha garuu
rifeensa muruu hin danda'u. Namnis akkaataa yeroo fi kaayyoo isaatiin barbaachisaadha.
🚫 Gatii namaa waan hin beekneef gatii nama hin dhabsiisin!

✅ Nama jaalattuuf share godhi!

@Gaggeessummaa


💍 Yommuu hiriyaa gaa’elaa filachuu qabdutti wantoota dagatamuu hin qabne yaadota baay’etu jira. Guutummaa isaa dubbisaa!
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hiriyaa-gaaelaa-filachuu/


Dogoggora Kee Irraa Baradhu! 👍
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➡️ Namootni oolmaa isaanii guyyaa guyyaa irraa hin baranne irra deddeebiin dogoggoraa jiraatu. Ilaalcha gaarii qabaannaan dogoggora keenya irraa baranna. Kufaatiin daandii milkaa'inaa irraa kaachuudha malee bara baraan kufanii hafuu miti. Kufaatiin waan hojjechuu qabnu hojjechuu dhabuudha malee, injifatamuu miti.

✍️ Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya qaroomsuu qabna. Sammuun qaroome burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa! Namoonni tokko tokko jireenya isaanii irraa barachaa jiraatu. Namoonni kaan immoo callisaniima akkanumaan jiraatu. Hayyoonni dogoggora isaaniitii fi kan namoota biroo irraallee ni baratu. Jireenya keenya keessatti milkaa'ina gonfachuudhaaf, dogoggora keenya irraa qofa utuu hin ta'in, dogoggora namootaa irraas barachuu qabna.

🔵 Sammuu Kee Qaroomsi!

Addunyaan kun warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin badaddus. Addunyaa hogganuu irra of hogganuutu cimaadha! Of hogganuun of gaggeessuudha! Of gaggeessuudhaaf immoo konkolaataan keenya sammuu keenyadha!

📌 Sammuun keenya guyyaa guyyaan akkuma garaan keenya soorata barbaadu, sammuunis qallaba sooratu jechoota barbaada. Jechootni qallaba yaada sammuu keenyaati. Qallabni gumbii jechoota yaada sammuu gaarii utuu ta'ee caalaa bareedadha. Miira sammuu gaariin malee miira sammuu gadheen guutamuun sammuu iddoo daldala yaada seexanaa gochuudha. Yaadni sammuu keenya hamaa yoo tahe karaa fi karoorri isaa seensa seexanaaf banaadha. Yaadni keenya hamaan hamma hammina keenyaa sammuu keenya booressa. Yaada sammuu boora'aa calaluuf gingilchaan isaa Ofitti deebi'uudha. Ofitti deebi'uun of ilaaluuf of barbaaduudha. Namni of barbaadee of argate yaada sammuu si'ataa (active) qabaata! Yaada yaadamee fi calalametu ija godhata. Yaada keessaa yaada yaadamu calali!

@Gaggeessummaa


Waliif Dhiisaa!!! 💙
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqni balleessaa keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” - Bible


✅ Namni Waaqa irraa araara kan argatu nama biraatiif araara taasisuu yoo danda'e dha. Bu'aa ba'iin jireenya keessa jirru kamiyyuu hammam guddaa ta'us nuti guddina rakkoo sanaa oli dha. Waaqni waan nuti baachuu hin dandeenye nuuf hin kennu. Baduu/kufaatii/du'uu/raafama/rakkina namaatti ni gammadda yoo ta'e ati nama fayyaa fakkaatu garuu, dhibamaa dha. Namni of jaalatu nama biraas jaalachuu qaba. Namni du'uu nama biraaf fiigicha tolu, gufuu badiinsa sosocho'aa namoota dura bu'u ijji namoota hedduu ilaaltuu fi ijji muraasni argitu dha. Hamaa ta'ee namni dhalate kamiyyuu hamma hin jirretti hamaa ta'anii jiraachuuf wanti nama dirqamsiisu hin jiru. Addunyaa/dachee tokko kan taasise Waaqa dha. Iyyi ollaa keenyaa akkuma nu jeequ gammachuun isaaniis nu gammachiisuu qaba. Addunyaan kun namoota mirga isaanii baay'ee beekanii fi dirqama isaanii hedduu dagatan baay'ee baattee jiraatti. Namni kan jiraatu jaalatee qofa utuu hin taane dirqama dha. Jireenyi/jiraachuun dirqama dha.

🌸 Dhiironni waan tokko ibsuuf jechoota muraasa fayyadamu; dubartoonni waan walfakkaataa sana ibsachuuf jechoota hedduu fayyadamu. Namni waan hunda beeku homaa hin beeku. Namni waan hundaa beeku hin jiru! Moo'ichi guddaan moo'amuu duuba jira. Wanti baay'een nama ajjeesuu danda'u garuu, beekumsa dhabuun jiraatti akka duunu nu taasisa.

@Gaggeessummaa


🛫 Maallaqa Akka hin Qusanne Maaltu si Dhorka?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Amala kana Fooyyessuuf Maal Gochuu Qabda?

❌ Amala Maallaqa Hunda Baasuu.
Galma yookiin karoora qajeelaa dhabuudhaan kaappitaala wanta hin malleef oolchuu. Akkaataa faayinaansii kanaan warra mindaa xiqqaaf yookiin guddaaf wanti hafuuf hin jiru.

❌ Kaayyoo Dhabuu.
Galma qulqulluu dhabuun, wantoota yeroof, bashannanaaf, baasii boqonnaaf, suphaa manaa fi kan kana fakkaatan karoora malee baasii taasifamu eeruun ni danda'ama atis kan kee barbaadi!

❌ Liqiin Jiraachuu.
Galii argattu caalaa baasuun itti fayyadama maallaqaa hamaadha. Hanga humna keetiin akkamitti akka jiraattu hin barattu, kaappitaala ijaaruu jalqabuu hin dandeessu.

❌ Bittaa Akkasumaan Raawwatamu.
Galiin gara fuula duraa fi baasii gara fuula duraa lamaan isaanii karoora faayinaansii keessatti hammatamuu qabu. Bittaa kee dursii karoorfadhu. Baasiin ofumaan bahu carraa invastimantii dabalataa fi galii argachuu si dhorka.

❌ Faayidaa Sirrii ta’e Tuffachuu.
Faayidaa sirrii kennuu kan danda'u, wanta haala salphaan gochuun danda'amu gatii dhabsiisuu yookiin tuffachuu.

🎓 Share fi Join

@Gaggeessummaa


Fiixaan ba'umsaaf hojjechuun maallaqaaf hojjechuu caala. Kaayyoon hojii hojjechuudha malee mallaqaaf miti!

@Gaggeessummaa


❗️ Wantoota namoonni barachuuf barfatan keessaa gurguddoo kudhan (10) maal akka ta’an guutummaa isaa dubbisuuf link armaan gadii fayyadamaa.

👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/wantoota-namoonni-barachuuf-barfatan/


NAMA 🤔
▬▬▬▬▬▬▬▬
"Namni namaaf dhiisii, ofiisaatiifiyyuu dhokataadha." ❔

❤️ Dachee kana irraa wanti dhaabamuu yookiin dhowwamuu hin danda'amne nama dha. Dhoksaa fagoon keessoo namaati. Uumamaan namni iddoo hiixatamee hin gahamne, ilaalamee hin argamne iddoo dhoksaa tokko qaba. Namni kamiyyuu nama biraaf qofa utuu hin taane ofii isaatiifuu dhokataa dha. Namni Waaqa/Uumaa isaa jalaa qofa dhokachuu hin danda'u. Meeshaan waraanaa inni waa balleessu akkasumas humni waan gaarii qabu dubbii namaa ti. Namni uumama addaa yeroo tokkotti waan hedduu yaaduu danda'u dha. Namni yaada akka hin yaadne irraa dhorkuun hin danda'amu. Sammuun namaa galaana yaadatiin guutamee uumame. Gatiin namaa kan madaalamu gatii Waaqni namaaf kennuuni dha. Nama jechuun waan ijaan ilaalaanii oli dha. Namni uffata miti, dubbiis miti, oolmaa isaas miti. Namni foon/qaamota miiraa shanan, maashaalee qaama keenyaa ijaan ofirratti, namoota naannoo keenya irratti arginu sana miti. Tokkoon tokkoo isaan sanaa meeshaa namummaa nama sanaa kan nama jechisiisu tokko baatanii socho'aniiti. Boci ofirratti arginu kun nama nu hin jechisiisu. Isaan boca dha. Boci sun immoo baattoo namummaa nama tokkooti. Namni waan hin mul'atne garuu, kan argamu tokko qaba. Namummaan namaa namaan, namaafis ifatti hin hubatamu.

❤️ Nagaa guddaa qabaadhaa!

@Gaggeessummaa


#ads

💵Channel telegram gurgurtaaf:
Contact: @Getu_Abera

@bittaafigurgurtaachannel

❇️ Telegram Channel Subscribers 2,100+ ol qabu gatii baay'ee xiqqaa ta'een namni bitu #inbox na dubbisuu danda'a. Dursee kan dhufeef dursi ni kennamaaf!

🟣 Channel: @spiritual_pdf
🟣 Subscribers: 2,100+
🟣 Gatii: Waliigaltee

Inbox: 😧 •➤  @Getu_Abera

Telephone
☎️ •➤  0919872853
☎️ •➤  0943088394

More info
  @bittaafigurgurtaachannel
  @bittaafigurgurtaachannel

Показано 20 последних публикаций.