JECHOOTA GAMNAA


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Образование


Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Образование
Статистика
Фильтр публикаций


📚Amaloota Namoota Milkaa’inni 📚

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa akka ta’anis irratti walii galama.

1️⃣Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuudha qabdu.

Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”

Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

2️⃣Namootni milka’aan kaayyoo qabu. Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa.

Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

3️⃣Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala akamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

4️⃣Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakkayaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii keetidha

@jechoota_gamnaa

2k 0 11 1 36

#Baacoo


Namicha tokkotu baadiyaa irraa Cilee fe'ee magaalaa geessee gurguraa olee yeroo xumuru, harreen jalaa badde. Osoma barbaaduu lafti itti dhiinaan magaala tokkotti gooree buluuf mana siree gaggaafatee argata. Qarshii siree erga kafalee booda ol seenee yeroo siree ilaalu sireen qulqulluu fi baay’ee miidhagaa ture . Yeroo of ilaalu garuu qamni isaa cileen balleesseera. Qulqullina wan hin qabneef siree balleessu irra jedhe siree ol qabee jalaa seenee lafaa rafe. Warri mana siree namicha barbaadanii dhabnaan siree namoota biraatiif kireessu. Namoonni lama kanneen jaalallee walii ta'an dargaggeessi tokkoo fi shamarreen tokko siree namichi jalaa cisuu irra rafuuf ol seenan.
Dargaggeessichi daqiiqaa muraasa booda siree irra cisee jaalalleesaa morma jala seenee hammachuudhaan "Yeroon si ilaalu addunyaa kana guutuutu natti mul’ata!” jedheen.
Achuuman namiichi harreen jalaa baddee sun siree jalaa as bahee “ Erga addunyaan kun hundi sitti mul’ata ta’ee adaraa harree kiyyas keessa naaf barbaadi” jedheen jedhama.

@Jechoota_gamnaa


Nama hanqina sirra barbaaduuf deebii hin kennin isaaf beekkamtii kennuu taati.❤️

@Jechoota_gamnaa


kana beeki!

Nyaata garaa guuttachuun
~Qalbii si goggeysaa
~Qaama si ulfeessa
~Akka daftee waa sin galle sigodha.
kanaaf Likkuma soorachuu si barbaachisa.


Waan harka qabdu gaafa tuffatte khasaarte beeki

@jechoota_gamnaa


"...Gatiin kee kan namni siif murteessee ittiin si gurguruuf kajeelu ykn si bituuf kajeelu miti. Ati gatii fi bakka sanii oli irra jirta."

Dr Mihiratuu Shanqoo

@jechoota_gamnaa


"Dargaggeessa qophaa'eef balballi Addunyaa kanaa banaadha.Garuu Isa hin qophaa'iniif balballi mana isaatuu cufaadha".

Gargaraa profeesaraa Miratuu Shaanqoo.

@jechoota_gamnaa


Waan gaarii yaadii godhi, sababiinsaa waan kamuu yoo dhabdee waan guddaa tokko garuu hin dhabduu. Innis boqonnaa sammuuti. Boqonnaa sammuu yoo qabaattee immoo hunda qabaachuu dandeessa.

@jechoota_gamnaa


#Simbirroon damee mukaa irra teessu
dameen jalaa cabuu gonkumaa hin sodaattu sababni isaas abdiin isii damee irratti osoo
hin taane baallee isii irratti waan ta'eef.

@jechoota_gamnaa


Hawwii koo dhugaa gochuuf
Sobee of sossoobee
Bakka eenyuummaa kootii
Maqaa keen katabee
Bakkan jira se’uu
Barbaadeen of dhabee

@jechoota_gamnaa


Jaalallee hin qabu jettee hin gaddiin kan qabuus Garaachi fayyaa hin qabu.

@jechoota_gamnaa




Beekkamaan beekumsa malee; ummata rakkisa.
Beekaan beekkamtii malee:ummata huqqisa!

@jechoota_gamnaa


https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_983218946 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift


Jireenyii akka qaawa lilmootii sitti dhiphattus ati akka jirbii ta’i keessa looyi darbi

@jechoota_gamnaa


Jireenyi kun qormaata cimaadha.
Namoonni hedduun ni kufu, Sababnis namoota biroo irraa copy godhuu waan mokaraniif,
garuu isaanif hin galle namni hundi waraqaa gaaffii Adda addaa akka harkaa qabu.

@jechoota_gamnaa


Yoo fulduratti hin tarkaanfanne, Yeroo hunda bakkuma takka teessa.

@jechoota_gamnaa


1.waan barbaaddu tokko jala yoo hin deemne, goonkuma hin argattu.

@jechoota_gamnaa


Hiriyoonni dhugaa akka urjiiti,
isaan arguu fi baruu kan dandeeysu
yeroo naannoon kee dukkanaa'e qofa.


@jechoota_gamnaa


Sibiillii hanguma tuman jabaata

@jechoota_gamnaa

Показано 20 последних публикаций.