Joobirri yeroo rakkinni dullumaa isa mudatu maal godha?
🛣 ICCIITII MILKAA'INA JOOBIRAA IRRAA MAAL BARANNA?
Uumamoota Rabbiin addunyaa kana irratti uume naannoo keenya gaafa ilaallu waa'ee jireenya keenyaa yoo nutti himuu baatanillee gaafa xiinxallee laallu nutti Mul'isuu akka danda'an quba qabdaa?
ICCIITII MILKAA'INA JOOBIRAA IRRAA MAAL BARANNA? Gaaffii jedhuuf bifa armaan gadiin gabaabsee ibsuuf yaaleera.
1. OL FAGAATEE BALALI'A :- Allaattota ol fageenya irra balali'an keessaa "JOOBIRRRI" isa duraati.
👉 Haalotaa fi Wantoota keessa jirtuu ol ta'ii jiraadhu.
2. MUL'ATA QABA:- Hanga fageenya KM 5tti haalaan arguu danda'a.
👉 Fagoo deemuu yoo barbaadde fageessii argi. Nama jijjiirama fidu ta'uuf fageessii argi. "EGEREE KEEF IMMOO MUL'ATA QABAADHU"!
3. DU'AA HIN NYAATU:- joobirri Nyaata barbaadus isa jiru fayyadama malee isa du'e hin fayyadamu.
👉 Galma milkaa'ina kee boruuf fuuldura ilaali malee abdii kutannaan gara booddee deebitee guyyaa kaleessaa hin fayyadamin.
4. BUBBEETTI FAYYADAMA:- Joobirri balali'ee iddoo barbaaduu fi akka barbaadutti imaluuf "bubbee" fayyadama.
👉 Rakkina si qunnamu kamuu tooftaa ittiin carraa gaariitti ittiin jijjiirtee fayyadamtu barbaadi malee rakkina si mudateef "RAAWWATTEE KAAYYOO KEE HIN DAANGESSIN"
5. LEENJII CIMAA GAGGEESSA:- Amaloota joobiraa keessaa inni kun karaa inni ittiin cuucota isaa ittiin leenjisu kan ibsuudha. Cuucota (ilmoolee) isaa qabatee gara samiitti balal'uun erga olfageessee qilleensa irratti gadi lakkisa; garuu osoo cuuciin sun lafa hin bu'in qabuun miidhama oolcha.
👉 Namootaaf ilaalcha gaarii qabaadhu; akka isaan moo'ataniifis aarsaa sirraa eegamu kafali. "ATI KOPHAA DHALACHUU DANDEESSA, GARUU KOPHAAF HIN DHALANNE".
6. WALIIN HOJJATA:- Joobirri isheen dhaltuun yommuu cuucota ishee hammattee kunuunsitu, joobirri inni kormaan immoo wantoota bu'uuraa fi iddoo jireenyaa tolchaafi.
👉 Nama kamuu ta'i, waan kamuu qabaadhu, eessayyuu jiraadhu, galma ga'uumsa kaayyoo kee isa dhugaaf nama dhugaa wajjiin hojjadhu.
1.Of haaromsa
2.Warra kaan irraa adda baha.
3.Gara kattaatti baqachuun qofaatti mana ijaarrata!
4.Huruusaa sana utuma dhukkubuu kattaatti rigee( kattaatti rurrukute) of irraa caccabsa.
√Ni madaa'a garuu yeroo muraasa booda biqilaaf!
√Yeroo kana barrisuu waaan hindandeenyeef godoo ( bakka qopheeffate ) tura.
5.Yeroo huuruun isaa biqilu immoo itti fufe qeensa dulloome of irraa bubuqqisa.
6.Yeroo qeensi isaa biqiluuf bakka Fincaa'a( water fall) deemuun jala lixee koochoo dullooma kana bishaaniin laaffisa, dhiqata.
√Kana booda koochoo kana of irraa bubuqqisa
√Koochoon ( Baalleen) haaraan deebi'ee biqilaaf.
✍Akkasitti Joobirri of haaresse,rakkina mo'ate itti fufee jiraata.
Gorsa gabaabaa!
✍Rakkina si qunnamu Osoo hin taane galma kee ilaali.
✍Faallaa kaayyoo keeti namoota adeeman irraa adda bahi.
✍Jireenya keessatti chaalenjiin akka baay'atu hindagatiin!
✍Jijjirama caaluuf of qopheessi( update your self )
✍Gatii kaffalamuu qabu,mullaata keef kaffali!
Namoonni irraa waa barattan like godha!
Seenaa joobiraa kanarraa waan hedduu akka barattan abdiin qaba
@Kakuu_Studio@Yerusaalem_Haaraa@Megertu_Dhugasaa