Musaab Naasir Official


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Telegram


Join Share Naaf godhaa
Lammiin kiyya hundumaa
Waan Na woliin Jirtaniif
Hundumtuu Galatoomaa
DM👉 @Wiirtuu_wolaloo

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций


Yaadachiisa :

✔️Ofiif mul'achuu itti fufi.

✔️Ogummaa keessoo kee
dhaggeeffadhu.

✔️Sadarkaa anniisaa kee hubadhu
& fedhii qaama keetii kabaji.

✔️Ofii carraaquu, barachuu,
guddachuu fi of jaalachuu itti fufi.

✔️Hanga kana ofitti hin jabaatin.

✔️Waan dandeessu hunda
gochuu itti fufi,

waan dandeessu hundi
gaarummaan kee guyyaa guyyaan
adda ta'ee akka mul'atu gargaara.

@Musaab_Naasir @Musaab_Naasir


Namoonni manaa miti,
gonkumaa hin taa'an.
Namoonni Lagadhaa
Kan yeroo hunda ya'an

Namni dhagaa mitii
Kan Bakkuma Taa'u
Harra Tulluu Ta'ee
Boru Hallayyaa ta'u

Namni bakkan Taa'u
Bulee Jijjiiramaa
Arra Asitti Laaltu
Boru Fagoo Deemaa

Sirriitti hubadhaa
Dubbiin Gosa lamaa
Jaallattus Jibbitus
Dubbiin kun dhugumaa

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Gaafa Qabdu Diinni
Fira siif ta'aa
Harkaa Dhabdu
Firri diina Ta'aa

Amma Bifa Kanaan
Jiruun Eessa Ga'aa
Waggootayyuu mitii
Baatii illee eenyu ta'aa

Kanaaf Dachiin irri
Bulee Sosochoo'aa
Yaa Rabbi yaa uumaa
Situ Furmaata Ta'aa

Rabbiin Haa kadhannu
Namuu Bakka Jirruu
Gaafa Rakkoo illee
Wolu Haa Gargaarruu

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Qabeenyaan hin booniin
Hundarra Caalchiftee
Himachuun Baayyisin
Waanuma Hojjattee

Uumamni Dachiidhaa
Gosa Lama Qabdii
Arra Jiraachuudhaaf
Bor Godhadhu Abdii

Woyyoo Adduunyaan
Bu'aa Bahii qabdii!
✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Amala Gaarii ☁️
▬▬▬▬▬▬▬
💡 Amalli gaariin kabaja
siif kenna.
🥇 Amalli gaariin waan si hin
madaalle si tuffachiisa.

🥈 Amalli gaariin gorsee
si deebifata.

🥉 Amalli gaariin
milkaa'ina biraan si gaha.

✉️ Amalli gaariin akka ati
of sirreessitu sitti hima.

➡️ Amalli gaariin Obsa
Qabaachuu si barsiisa.

Amala Gaarii qabaadhaa.
@Musaab_Naasir☔️




Deemuuf Kaatee
Hin Sodaatin karaa
Buluuf Kaatees
Hin Sodaatiin Garaa

Furtuun biyya lafaa
Obsa Harka jiraa
Uumaatu Nuuf laate
Nutti Godhee Firaa

Firiin Akka Obsaa
Meerree eessa jiraa?
Hundaafuun yaada'in
Guyyaan dhufuuf jiraa

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Raajii Koo Tokko

Raakkoon Na mudatee
Abba murtiifin bilbilee
Haasawwa Taasifnes
Wolaloon Dabaalee

Ana(M), A/Murtii(X)
&Gadaa(G)

M: Hello Abba Murtii
Anadha dhageessuu?
Asidha bakki Namni
Itti Wolkasasuu

X:Jaallatamaa maamilaa
Maal Siniif haa murteessuu?
Eeyyee Anumadha
Kan rakkoo sirreessuu

M: Yakka Ta'e Tokkotu
Raawwatamaa jiraa
Bakkisaas Dhiyoodha
Kunooti Na Biraa

X:Yakkichi Maalidha
Naaf Ibsi Adaraa
Haqa Murteessuudha
Hojiin koo Inni Duraa

M: yakka Ta'ee himuuf
Bakkisaa Cimaadha
Garuu Ni Dandeessuu
Dursa Nin Gaafadhaa

X: Maafin Hin Dandeenye
Ani Nam-cimaadhaa
Dafiitii Natti Himii
Gubate Yeroonidhaa

M: yaada Ta'e Woyiitu
Sirriitti Na Jeeqaa
Baadiyyaaf magaalaa
Kamiin woyya Baqqaa?

X: Maa Namichananan
Maaf Na Jeeqxa Sammuu
Magaalaatti Galtee
Barbaaddee Nu Saamuu?

X: Gorsa yoo barbaadde
Waa'ee dhimma keetii
Manna Murtii Gadaa
Gaafadhu Dhaqiitii!

M: Thank you Abba Murtii
Waan Naan dubbataniif
Naaf Galatoomi Atii
Manni Murtii Gadaa
Bakka kabajaatii🎉

G: Woliin Taanee lammii
Haqa Keessan baasaa
Aadaa, Afaan keenyaan
Isin Tajaajilla gorsaa

Congra My person ❤️
✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir ☔️


Jecha toora galcheen
Si waamu barbaadaa
Garuummoo sin argu
Qofaama koon aadaa
~
Abjuun natti dhuftee
Taphattee shubbisaa
Morma kootti kuftee
Seeqxee na dubbisaa
~
Haala keessa jirruu
Na gaafachaa baafte
Kanin beekne firruu
Seena darbe kaaftee...
~
Gumbii beekumsake
Dubbii akka dammaa
Anaaf hin qusannee
Kunoo hanga ammaa
~
Dhufa kan kee eegdii
Qalbiin si dheebottuu

Har'as maaloon hafiin
Abjuudhan naaf kottu!

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Namootaa fi leenca

Namichatu ka'ee
Paarkiidha ijaaree
Akka daawwatamuuf
Daangaa itti sararee

Bineensotaa kuusee
Garee gareen kaa'ee
Namoota beeksisee
Hundumaan haasa'ee

Kanuma keesaanii
Namoonni dhufanii
Homtuu olseenanii
Daawwachuu didanii

Maaltu isaan mudatee
Maaliif sodaatanii
Hin jedhinaa maaloo
Humdumti keesanii

Namichat dubbatee
Dubbii heddumeessee
Waa'ee maalaqaa san
Hedduudha tarreessee

Bineensa daawwachuuf
Dhibba shan as laadhaa
Jennaan homtuu didee
Deeme ummanidhaa

Ammas guyyaa biraa
Irraati xiqqeessee
Dhibba afur godhee
Waamicha taasisee

Homtuu inuma didee
Maal tahee ummanni
Jennaan gadi buusee
Dhibba lamaan seenii

Yoo jedhu namichii
Homtuun seenne namnii
Kanuma gidduudhaan
Qarshii kudhan goonaan
Kaffaluu didanii

Abbaan paarkii kanaas
Baayyeesaa gaddanii
Tola isiniif godhee
Olseenaa ummannii

Jedhee itti himee
Hin dinne ummannii
Daqiiqaa lama gidduutti
Paarkicha guutanii

Hundumtuu olseenuu
Eega mirkaneessee
Ulaasaa cufatee
Leenca itti gadhiisee

Ummanniis rifatee
Fiigicha qabsiisee
Gaafa bahuuf jedhu
Hundaa ajaa'ibsiisee

Namtokko bahuudhaaf
Qarshii Dhibba shanii
Yoo kaffaluu diddan
Bineensan dhumtanii

Jennaan kaffaleetu
Bahe ummaninii
Kun jedhan jedhanii
Of eegadhaa fanii

Waan boodasan beekne
Hundaa ittin seeninii
Jireenya keessatti
Si miidhaadhaa fanii

🔉Musab Nasir
✍️Musab Nasir
join our channel
for more poems
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@musaab_naasir
@musaab_naasir
🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋


Dhaamsa dhalootaa

Kottaa woliif gallaa
Yaa dhaloota arraa
Dhaloota boodaatiif
Waan ta'ee ijaarraa

Seenaa ajaa'ibaa
Kaa'uu qabna arraa
Fakkeenya goototaa
Fudhaa Alii birraa

Gootni lubbuun darbe
Seenaasaa jiraataa
Nutoo Seenaa meeqaa
Keenyee jirra laataa

Meeqan keenyat arraa
Jiraachuudhaaf nyaataa
Meeqan keenyatummoo
Nyaachuudhaaf jiraataa

Maaloo itti jabaadhaa
Guyyaan hin beekamtu
Anumti himu kun
Asii deemuun ooltuu

Seenaa olkaawadhaa
Adduunyaa kanarraa
Sirnaanis qubeessaa
Dhalootaaf adaraa

Waanuma hojjatte
Siif ka'a woraqaan
Ittiin si yaadataa
Dhalootni barataan

🔉Musab Nasir
✍️Musab Nasir
join our channel
for more poems
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@musaab_naasir
@musaab_naasir
🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋


Aayyoo Koo

Ati Baattee miicuuf
Huccuuf Karabaatii
Kaan Uffatee Deema
Hoteela Gubbaatii

Ati Naaf Rakkatta
Nyaachuu dhiiftee
Qoonqoo Gogdee
Gola Ciiftee

Harka Kan keen
Kan madaaluu
Nyaanni Kamuu
Alaa Galuu

Mimmiidhagus
Nattin Toluu
Harmee Tiyya
Siifan gala kooluu

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir


Obboleettii Koo

Daqiiqaa tokkodhaan
Adduunyaa naannofta
Akkanan Si Yaadu
Ati maaf wollaalta

Hirriba Rafuudhaaf
Boraatiin Godhadhuu
Yaada kan Kee Malee
Kan Biraan qabaadhu

Yaaduma keef jedhee
Barii lafaan Ka'aa
Buna Dhuguuf ba'ee
Shaayii waamee ta'aa

Misaa Nyaachuuf ka'een
Harka Koon Dagadhaa
Siistuu Koo Jedheeman
Deebi'ee Yaadadhaa

Eeyyee waa'eema Keef
Kun Hundi Na Dhibuun
Siistuu koo Si Yaade
Waa'een Koo sin dhibuu

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir


Boruu keenya
Rabbi beeka
Guyyaa har'aa
Kolfaa seeqaa!

Jireenyillee
Toluu baatu
Hin Gaddiinnaa
Yetaabbaatuu👊

Akka waaqaaf
Kunoo jirra
Fataa jedha
Sin ofirraa!

Yoo duunellee
Kolfaa duuna
Dukkanoofnees
Maal gadfuuna?

Halkan Gaarii!


Family

F=father
A=and
M=mother
I=i
L=love
Y=you

Or.....👇👆

Family's

F=father
A=and
M=mother
I=i
L=love
Y=you
S=siblings


Qaamaan Fagannullee
Jiraannus Addaanii
Halkanii fi guyyaa
Sini kan Koo yaannii

Hagan Lubbuun jirru
Irra Lafaa Gubbaa
Oromoo Ta'uu koof
Nin gammada gurbaa

Gamaa fi gamanaa
Ni Jirra Qaamaanii
Garuu Hidda Tokko
Ilmaan Oromoonii


Akka hookkoo
Takka cookkoo
Akka sheekkoo
Tasa hinqabdu
Takkaa hiikkoo!

Golli galmaa
Bakki oolmaa
Siin oolamee
Siin bulamaa!

Narra teessa
Narraa buutu
Dhagna kooti
Nattii baatu!

Sirraan hiiqaa
Natti hiiqxa!
Cabbii taates
Natti baqxaa

Na qoraasta
Na Kolaasta
Nan moosistu
Na boossista

Hiree kooti
Hiraarfamni
Hiriyyaadha
Naaf qormaatni!

Yoo hammaates
Guyyaa tokkoo
Nattii hinbaatuu
Dhiphuuf rakkoo??

Danuu D
@wiirtuu_wolaloo


Sitti imeen dadhabee
Gatii Worqeef Meetii
Anootii sitti himee
Beenu Hojii Keetii

Addaan Baasii laalii
Hiikkaa dhugaaf dharaa
Akkas Ta'uu Keetiif
Ani Baayyeen Aaraa

Waadaa Woliif Gallee
Osoo Qabnuu Irbuu
Atoo Waadaa diigdee
Siif Haa dhufu dhibbuu

Yoona nan si Gorsuu
Akka Nama Beekaa
Ati Duruu Baddee
Maal haa godhureegaa?

Wolaloon Koo Kunii
Dhaamsa addaa Qabaa
Mata Duree isaa
Ofiif guutaa darbaa

✍️𝙼𝚞𝚜𝚊𝚊𝚋 𝙽𝚊𝚊𝚜𝚒𝚛
@wiirtuu_wolaloo
@wiirtuu_wolaloo

👍   ❤    🗨️         ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Yaa Nama Koo

Oonlaayinii Gubbaa
Numa deemaa Oollaa
Hagam Keenyatummoo
Osoon Nyaatin Oollaa

Oonlaayinii Taa'uun
Ta'ullee Miidhagaa
Aadaa Daganneerraa
Mee Ilaalaa Argaa

Maanguddoon Haasa'uun
Seenaa Iyyaafachuun
Aadaaf Duudhaa sabaa
Qorannee Barachuun

Hojiiwwan Beekamaaf
Barnoota Amantaa
Daakuudhaafi daaraan
Tokko Mitii Beettaa

Eeyyee Of Yaadadhaa
Dhaamsa Woliif dhaamaa
Oonlaayinii Keessan
Yeroon Fayyadamaa

@wiirtuu_wolaloo
@wiirtuu_wolaloo

👍   ❤    🗨️         ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Suuraa yaadaa kaaseen
Qalbii koon dararama
Karoora jiruu baaseen
Ofii kootti araarama

Garaa koo dadhabeen
Taa'ee kana sii sarara
Kuuluma ija keetu
Laphee koo marara

Yaanni qalbiin duule
Hafee hafus haafa
Bararaa oolli allaattii
Reeffa taanaan lafa

Galaanni inni guute
Utaalus lafa yaa'a
Ati qalbiitti na buute
Kanaafan ala taa'a

Yoo lapheen jaalattu
Teessee dhaabitti duuta
Hixaa yoo sitti fidan
Jaalala filtee fuuta...

Utuu akkakoo ta'ee
Wanta il-qalbii qaru
Garaan ofii danda'ee
Nama haqaan dharu

Lammiin sitti jiguurra
Gaarri sitti jiguu wayya
Kan jaalala dhukkubsate
Jaalala argatu in fayya

@wiirtuu_wolaloo
@wiirtuu_wolaloo

👍   ❤    🗨️         ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

Показано 20 последних публикаций.