Oromia Communications Bureau


Гео и язык канала: Эфиопия, Сомалийский
Категория: Новости и СМИ


This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Сомалийский
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций








Buusaa Gonofaan imala walooma ijaarudha!
= = =
Buusaa Gonofaan balaawwan uumamaafi nam-tolchee yeroo yeroon mudatu irraa humna ofiin damdamachuuf hojiiwwan dandeessisan hojjechuuf hundaae. Uummanni Oromoos duudhaa isaa ganamaatti deebiuun yeroo rakkoon mudatu akka wal bira dhaabachuu dandauuf buuura taee jira. Kunis aadaa walgargaarsaa Oromoon duraan qabu yoo ta'u, sadarkaa Oromiyaatti sirna dhaabbatatti gurmaa'uun seeraan beekamtii argatee hojii hojjechaa jira.

Yeroo ammaas waggoota muraasa keessatti miseensoota miliyoona 20 horachuun qarshii biliyoonaan lakkaaaman walitti qabachuu dandaeera. Magaalota, godinaaleefi aanota hedduu keessatti lafa adda baasuun oomishni qamadii jalqabuun callaan kuntaala hedduu taan walitti qabamaniiru.

Galii miseensota isaa irraa qarshiifi akaakuun argaman ykn callaa oomisha argamu kanaanis kuusaa of eeggannoo balaa yeroo tasaaf taasifamuun cinatti barattoota miliyoonaan lakkaaamaniif manneen barnootaatti nyaata dhiyeesuun barattoonni yaaddoo malee nyaatanii akka baratan taasisaa jira.

Eeggattummaa qaama alaa tokko malee balaa uumamaafi nam-tolchee mudatan uummata ofii gurmeessuun qabeenya walitti qabuuf kuusuun hojii barbaachisaafi dhimma yeroon gaafatu waan taeef duudhaa keenya ganamaatti deebiuun Buusaa Gonofaa hundaae gara dhaabbata cimaatti guddisuun biyyoota biraaf illee kan deeggarsa dhiyeessuu dandau akka tauuf waliin taanee guddisuun nurraa eegama.

































Показано 20 последних публикаций.