Oromia Times


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Образование


Telegiraam chaanaalii kana irratti oduu fi odeeffannoo Oromiyaa fi addunyaa ni argattu.
Yaada: @fayisa8
Youtube 👉👉
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Образование
Статистика
Фильтр публикаций


#MoE

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa Waxabajjii 2017 fudhachuuf jiran waraqaa eenyummaa(National Id ) baafachuu qabu. - Ministeera Barnootaa

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa WAXABAJJII 2017 fudhachuuf jiran qormaata kana fudhachuuf waraqaa eenyummaa Dijaataa seera qabeessa ta’e (Faayidaa) qabaachuu akka qaban ministeerri barnootaa seekulaarii dhaabbile barnoota Olaanoof ergeen beeksiseera.

Kunis odeeffannoo barattoota bifa seera qabeessa ta’eefi qindaa’aa ta’een walitti qabuufi kuusuuf kan tajaajilu ta’uu ibsa Seekulaariin kun.

Haaluma kanaan barattoonni qormaata fuula dura jiruuf Waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana dhaabbilee kennan adeemuun fudhachuufi of qopheessuun barbaachisaadha.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Репост из: QUBEE ACADEMY
Baga yaadannoo Adawaa 129'ffaa nagaan geessan, geenye.

@Qubeeacademy


“Gaa'ela dhaabbadhaa yookaan hojirraa ari'amtu” Kun qajeelfama rifachiisaa dhaabbanni warshaa biyya Chaayinaa “Shuntiyaa” jedhamu hojjettoota isaaf baase dha.

Dhaabbanni kun hojjettoota isaan, “tokko filachuun dirqamaa” jedheera. gaa'ela dhaabbachuu yoo kana hin taanemmoo hojiirraa gaggeeffamtu. Murtoon kan abbaati ittiin jedheera. Biyya kanattis osoo akkas jedhamee akkam gootu hojii moo gaa'ela filattu? © Bbc🚶


https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#YunivarsitiiFinfinnee

Barattoota damee Fayyaa 197 eebbisise

Yuunivarsiitii Finfinneetti Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Barattoota saayinsii fayyaan barsiisaa ture dhiira 102 fi dubara 95 walumaagalatti barattoota 197 eebbisiseera.

Sirna eebbicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Dookta Saamu’eel Kiflee, Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi qondaaltoonni biroon argamuu ragaan Yuunivarsiiticharra argame ni mul’isa.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Репост из: QUBEE ACADEMY
Biology Grade 11 Unit 4 part 4
Protein synthesis

Wow What an excellent teacher!

Check it now
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw


Oromiyaatti bara kana Barattoonni kumni 200 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ni fudhatu – BBO

Naannoo Oromiyaatti bara Barnootaa 2017 barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.
Naannichatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Haaluma kanaan barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu eeruun, Qormaaticha Waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachiisu taasifamaa jiraachuu himaniiru. Kanneen keessaa % 47 shamarran ta’uus eeraniiru.
Barattoota qormaata fudhachuuf jiran keessa % 59 Saayinsii Umaamaa kan fudhatan yoo ta’uu, % 41 ammoo qormaata Saayinsii Hawaasaaa akka fudhatanis ibsaniiru. Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu 7’n jiran keessaa barattoonni 711 ol yeroo jalqabaaf qormaata kan fudhatan ta’uu himaniiru. Barattoonni kumni 50 ol onlaayiniin akka qoramaniif haalli mijataa jiraachuu kaasaniiru.
Wiirtuuwwan barattoonni qormaata Onlaayiniin itti qoraman adda baafamaa jiraachuus dubbatani, Wiirtuulee kanneenitti haalli mijataa jiraachuu himaniiru, Bara darbe yeroo jalqabaaf onlaayiniin qoruuf sodaan garaagaraa turus bu’aan isaa olaanaa waan ta’eef bara kana muxannoo bara darbeerraa argameen adeemsicha caalmaatti fooyyeessuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Galteewwan qormaatichaaf barbaachisan guutuuf qaamoolee dhimmichi ilaallatu wajjiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Barattoonni Barnoota isaanii idilee xumuruun qormaataaf qophii barbaachiisuu akka taasisan, akkasumas barsiisoonnii fi maatiin gahee isaanii akka bahatan Dooktar Tolaan dhaamaniiru. #FBC

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




"Gurraandhala 24 irraa eegalee namni waraqaa eenyummaa dijitaala Faayidaa hin qabne tikeetii baaburaa Itiyoo-Jibuutii murachuu hin danda'u"- Waldaa Aksiyoona Baabura Itiyoo-Jibuutii

Waldaan Aksiyoona Daandii itiyoo-Jibuutii imaltonni gurraandhala 17/2017 irraa eegalee tikeetii imala argachuuf guutumatti karaa dijitaala akka taasise ibseera.

Adeemsa tikeetii onlaayiniin murachuu guyyaa lama dura kan jalqabsiise yoo ta'u, tajaajilicha argachuuf waraqaa eenyummaa faayidaa dirqama gochuu isaa waldichi ibseera.

Hojii beeksisaa hojjataa waan turreef, Waraqaa eenyumma faayidaa dirqamadha. Haa ta'u malee torbaan kana haala adda ta'eenii fi namni itti fayyadama irratti hanqinni waan jiruuf tikeetii imala muraa jirra. Ta'us, torbaan dhufu wiixata irraa eegale waraqaa dijitaalaa faayidaa malee tikeetii baaburaa argachuun hin danda'amu jedhaniiru.

Kaffaltiin teelebirriin ta'a, tajaajilicha argachuuf maamiltoota biyya keessaf lakkofsa galmee faayidaa akkasumas imaltoota alaaf paasportii fayyadamuun tikeeti argachuu ni danda'u jedhameera.

Gatii tikeetii imala irratti daballiin akka hin jirres ibsameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Nagaa Akkam Jirtu Maatiiwwan Qubee Academy?

Akkuma beekamu Qubee Academy'n karaa toora 'YouTube Channel' fi 'Telegram Channel' Qubee Academy waggoottan lamaan darbaniif 'Video tutorial', 'note' garagaraa fi gaaffiilee qormaataa qopheessuun barattoota Oromoo guutuu Oromiyaa irra jiraniif tola barnoota kennaa kan turee fi kennaa kan jirudha.

Egaa ammas haala fooyya'aa ta'ee fi qulqullina olaanaan gosa barnootaa hundumaa isiniif qopheessaa kan jirru fi Viidiyoowwan barnootaa harka 100 keessaa harka 90 ol xumurree kan jirru yoo ta'u barattootni Viidiyoowwan kana argachuu barbaaddan qarshii 1000 qofa kaffaluun miseensa 'Qubee Academy Premium' ta'uu dandeessu. Si'a tokko yoo kanfaltan Viidiyoowwan kana waggaa 2f itti fayyadamuu kan dandeessan yoo ta'u Viidiyoowwan kanas karaa toora Telegiraamii 'Qubee Academy Premium' isiniif kan gadhiifamu ta'uu isin beeksisaa, egaa barattoota torbee kana keessa ( 20/06 - 24/06/2017) galma'aniif hir'isa gatii dhibbantaa 20 (20%) gochuun qarshii 800 qofa kanfaluun galma'uu dandeessu.

Gosa barnootaa argattan
1. Math's Grade 11 and 12 (All Unit)
(Plus 2002 -2016 UEE)
2. Physics Grade 11 and 12( All Unit)
3. English Exam Based
4. Aptitude (SAT)
5. Biology Grade 12 (Unit 3 and 4)
6. Chemistry Grade 12 Unit 1&2

Warreen galmaa'uu barbaaddan karaa keessaa nu dubbisaa @fayisa8
Lakkoofsa bilbilaa 0925311351

"Dursitanii galmaa'uun fayyadamaa ta'aa, adeemsa barnootaa keessan milkeessaa."

Galatoomaa!

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


"Mobaayila qabatanii mana amantaa seenuun dhorkaadha" - Mana Lubummaa Finfinnee

Manni Lubummaa Finfinnee tajaajiltoonni yeroo tajaajila hafuuraa geggeessa bilbila harkaa qabatanii mana amantaa akka hin seenne dhorkamuu beeksise.

Manni amantaa kun yeroo sooma guddaatti tajaajilli kun akkamitti akka gaggeeffamuu qabu ilaalchisee bulchitoota, barreessitoota, lallabdoota wangeelaa, fi luboota mana amantii fi waldoota hunda waliin marii taasiseera.

Maricha hordofuun qajeelfamni adda addaa kan ba’e yoo ta’u, waliigalteerra ga’ameera.

Qajeelfama kana keessaa tokko yeroo tajaajila afuuraa geggeeffamu mobaayila gara mana amantaa fiduun cimsee dhorkaa ta’uu isaati.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Magaalaa Jinkaatti haati tokko yeroo tokkotti ijoollee 4 deesse.

Hospitaalli Waliigalaa Jinkaa magaalaa Jinkaatti gurraandhala 18 haati tokko al tokkotti daa'ima afur nagaan da'uu beeksise.

Daa'imman afran keessaa tokko ulfaatina qaamaa gadi aanaa waan qabuuf ICU keessatti hordoffiin akka taasifameef, ijoolleen kaan ammoo fayyaa gaarii akka qaban hospitalichi himeera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Masrii #Itoophiyaa #HidhaHaaromsaa

Masriin biyyoonni yaa’a laga Abbayyaa Hidha Haaromsaa akka hin daawwanne gaafattus fudhatama dhabeera.

Itoophiyaan ministiroonni biyyoota yaa’a laga Abbayyaa Hidha Haaromsaa akka daawwatan dursitee erga beeksiftee booda Masriin ammoo akka hin daawwanne hunda isaanii xalayaadhaan gaafattuus, yaadichi fudhatama akka hin arganne Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Ittafaa himan.

Ministiroonni biyyoota kana gaaffii Masrii cinaatti dhiisanii daawwannaa taasisuu isaanii kan himan Injinar Habtaamuun, “Masriin dirree Itoophiyaa irratti taphachuu barbaaddee goolii ofitti galchite. Kunis Masriif akka dhukaasa hin barbaachifneen of madeessuutti ilaalama” jedhaniiru. #AS

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Oduu Ammee

WBOn “bulchiinsa mootummaa ce’umsaa jalatti daangaa Oromiyaa akka tiksu” haala mijeessuuf ABO fi KFO amaanaa fudhatan

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalatee jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa marii torban darbe Finfinneetti gaggeesseen rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiru furuuf “Mootummaa Ce’umsaa Waloo Oromiyaa” akka hundaa’u waliigaluu ibsan.

Jilli paartilee siyaasaa lameen dabalatee jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa of keessa hammate kun “rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf” Gurraandhala 19 – 22, 2025 marii bal’aa taasisuu ibsameera.

Walgahii kanarratti paartilee lamaan alatti jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa, jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa, jila Yaa’ii Ganyaa Harooreessaa dabalatee jiloota hawaasa Oromoo 16 irratti hirmaataniiru. 
Hirmaattoonni walgahichaa marii
taasisan booda ibsa baasaniin waraanni Oromiyaa keessa jiru dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennamuu ibsan.

Dabalataan rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jira jedhaniif furmaata kennuuf “ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti” Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate ABO fi KFO’n akka hundeessan waliigalamuu ibsan.

Mootummaa ce’umsaa jedhan kana keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu’iinsarra kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) “itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa ta’e paartileen lamaan akka qindeessan itti gaafatamummaa fudhachuu” eerameera.

Rakkoo magaalaa Finfinnee fi daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee, “magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun, magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan” waliigalamuu ibsan.
Kana malees, dhimma Walloo, Dirree Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee “daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti hafan seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaa’an” taasisuuf itti gaafatamummaa ofitti fudhachuu ibsan.

Gama biraatiin, sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuun “gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasifamu” waliigaluu isaanii himaniiru. 

Marii kana irratti qaamni mootummaa kan hin hirmaanne yoo ta’u, ibsa jila kanaa ilaachisees mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e federaalaa waan jedhan hin jiru. Dabalataanis waliigaltee marii kora waliinii kanarratti maqaan isaa kan caqasame jaarmiyaa hidhattootaa WBO irra deddeebiin marii kana akka hin deeggarre ibsaa tureera.

Gabsaasi kan AS

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




#Alibaba #AliExpress #Birr

Gaazexaan Kaappitaal akka gabaasetti Aliibaabaan guyyaa boruu irraa eegalee Itiyoophiyaatti kaffaltii Birrii fudhachuu ni eegala.

Dhaabbanni daldala elektirooniksii addunyaa Aliibaabaa Wiixata gurraandhala 17, 2017 irraa eegalee kaffaltii Birrii Itiyoophiyaan fudhachuu akka jalqabu beeksise.

Tarkaanfiin kun lammiileen Itoophiyaa AliExpress irratti salphaatti fi maallaqa biyya keessaa isaaniitiin akka daldalan ni taasisa jedhameera.

Aliibaabaan murtee kana kan murteesse fayyadamtoota Afrikaa biratti dhaqqabamaa ta’uu fi hirkattummaa kaardii liqii idil-addunyaa fi maallaqa biyya alaa irratti qabu hir’isuuf akka ta’e himama.

Tarkaanfiin kun sirna kaffaltii idil-addunyaa irraa kan ka’e gufuu guddaa Afrikaanota mudate furuuf kan kaayyeffate ta’uunis ni amanama.

Kana jechuun lammiileen Itoophiyaa amma AliExpress irratti meeshaalee adda addaa yeroo bitatan maallaqa Birrii isaaniitiin kaffaluu ni danda'u jechuudha.

Aliibaabaan kana galmaan ga’uuf dhaabbilee tajaajila kaffaltii dijitaalaa Ityoophiyaa keessa jiran waliin tumsa uumuu isaa beeksisuu isaa Gaazexaan Kaapoitaa gabaaseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Atileet Solomoon Baaraggaa Maaraatoonii Siiviyaa injifate

Atileet Solomoon Baaraggaa Fiigicha Maaraatoonii Siiviyaatti dorgomame injifateera. Atileet Solomoon fiigicha maaraatoonii irratti yeroo jalqabaaf kan dorgome yoo ta’u, dorgommii Siiviiyaa kanas sa’aatii 2 fi daqiiqa 5 fi sekoondii14’n xumuruun injifachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


CALL FOR ESSAYS - STUDENT WRITING CONTEST!

On the occasion of the 120th anniversary of German-Ethiopian modern diplomatic relations, the Embassy of the Federal Republic of Germany in Addis Ababa is pleased to announce its essay competition, open to Ethiopian university students.


https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Показано 20 последних публикаций.