Chora - Community Pharmacy DIC 📊💊🩺💉


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский


Our Aim is reaching out Health professionals with updated health related topics

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Статистика
Фильтр публикаций


Taatee dalgee(Side Effect/ADR)
Qoricha #Cotrimoxazole Jedhamuun dhufuu danda'u


Mudannoo
Dhiheeenya kana haati tokko mucaa ishee yaalsisuu BFQ dhuftee..(click arrow to expand)
qorichaaf immoo gara mana qoricha hawaasaa BFQ dhufte...
qoricha ajajameef irratti gorsa kennuu yeroo jalqabu

Haati suni akkas naan jette "mucaan koo shirooppii tokko tokko yeroo fudhatu hin sifaawuufi..jismii isaa hunda madeessee fixa, ija isaa diimessee hooqsisii qgamsiisaafi" naan jette.

sana booda Mee natti garsiisi jedhee muca isheee yeroo ilaalu akka photo irratti argitan kana fakkaata
...
egaa anis wanti kuni alerjikii qoricha #cotrimoxazole jedhamuun isa mudatu fakkaata jedheen shakke.. sana booda bilqaaxii ykn kartoonii isaa akka fiddu godhe

akkuma ani shakke qorichi suni  #cotrimoxqzole ture.

cotrimoxazole alergy fida taanaan allerjikii hamaa hamma lubbuu namaa dabarsuu danda'u geessisa Isa keessa inni tokko Steven johnson synhsome jedhama

.

Ergaa:
⌚️Qoricha #cotri kennuun dura wa'ee allergikii qorichaatiin wal qabatee seenaa allergikii dhukubsataa sanaa fi maatii isaa (family history of drug allergy) qorachuu qabna.
👉 keessattu dhukkubsataan ynk miseensi maatii qorichoota #Sulpha_drugs
jedhamaniif arrergy qaba taanaan


⌚️Alergikiin qoricha #cotri tiin dhufu inni hamaa dha jedhamu akka allergikii qorichoota #penicillin tiin mudatuu, yeroo hunda dafee hin mullatu ta'a.
👉 dhukubsataan tokko qoricha #cotrimoxazole liqimsee guyyoota 4-30 booda mudachuu danda'a.

👇

Kanaaf dhukkubsataas bifa kanaan gorsuutu nurraa eegama


Taatee dalgee (Side effect)
Qoricha #Cotrimoxazole Jedhamuun dhufuu danda'u


The 6 Rights (6-Rs) during Use of Medications

yeroo yaalii kenninu wantoota 6n xiinxluu qqbnu


😐 Qorichi/yaaliin kenninu
Dhukkubsataa sirrii dhaaf kennamuu isaa
🦠Qorichaf dhukkubni wal simuu isaa

🩺 Qorichi Sirrii ta'e/isa barbaachisu kennmuu isaa
💊 Qorichi kenname doosii sirrii qabachuu isaa

⌚️Qorichi kenninu yeroo kennuu barbaachisu ta'uu isaa
ℹ️Qorichi kenaamu Odeeffannoo ga'aa wajji ta'uu isaa




TORBEE HUBANNOO UUMUU QORICHOOTAA YAALII DHIBEE DADDARBOO_[ANTIMICROBIALS AWARENESS WEEK]

Sadaasa 9-15|2017

World Antimicrobial Awareness Week (WAAW)
|November 18-24/2024.
--------------------------
The theme of the 2024 is
"Educate. Advocate. Act now.

The aim of WAAW is
🚦To raise awareness and understanding of antimicrobial resistance (AMR) and
🚦promote best practices among One Health stake holders
👇Eventually to reduce the dev't and spread of drug-resistant infections

Dhaabileen Fayyaa torbee kana arumsa fayyaa (Health education) waa'ee
🚦of eeggannoo ogeessis ta'e dhukkubsataan qorichoota antibiyotikiitif goxhuu qabu
🚦Sodaa adunyaan qabdu- rakkoo walbaruu dhukubaa fi qorichoota antibiyotikiitiin (Antibiotic resistance)
🚦Akkasumas Sodaa kana haala ittin qolachuun danda'amu fknf
Faayidaa qorichoota AB akkataa ajameetien fudhachuu fi yeroo yaalii isaa xumuruu fi kkf irratti barumsa fayyaa maamila tajaajila argachuuf gara isaanii dhufaniif kennuun haa kabajnu


የአለም ፀረ-ተህዋስያን የመቋቋም ግንዛቤ ሳምንት ህዳር 9-15/2017.

World Antimicrobial Awareness Week(WAAW)


November 18-24| 2024.
--------------------------
World Antimicrobial Resistance Awareness Week (WAAW) is held from 18–24 November every year.

The global campaign aims to raise awareness and understanding of antimicrobial resistance (AMR) and promote best practices among One Health stakeholders to reduce the development and spread of drug-resistant infections
.

The theme of this year’s WAAW is “Educate. Advocate. Act now.


🦟🦟 DHIBEE BUSAA ITTISUU FI TATAMSA'IINSA ISAA TOO'ACHUUF🛌🛌

🚦Hubannoo/Barumsa🦟 Dh. Busaatiin walqabate Hawaasaaf Kennuu Irratti Hojjechuun murteessaa. sagantaan hubannoo kennuu qindoomina WFA,BFQ fi Hosipitaala Cooraatiin harra kenname kan jajjabeeffamuu dha.

🚦Dabalataanis Keellaa Fayyaa irraa kaasee hanga sadarkaa Hospitaalaatti dheessii meeshaalee qorannoo laboraatorii_#lab tests (fknf RDT keellaa fayyaa irratti) fi dhiheessii Qorichoota Dh. Busaa mirkaneessuun Murteessaadha.


Hunda caalaa : Hojjettoonni #Ekisteenshinii fayyaas ta'e #ogeessooni fayyaa dhimmi kuni isin ilaallatu, akkasumas #gaggeessitoonni dhaabbilee fayyaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennaa...
👇

🚦🚦 Sirna Gabaasa #RRF, #IFRR, & #HPMRR hojii irra oolchuun hanqinni dhiheessii akka hin mudanne gochuu keessatti iddoo guddaa akka qaba.

Dhiheesii fedhii keenyaan wal_simu argachuufis gabaasa qulqullina qabu gabaasuu barbaada.

🏗 ka'umsi rakkoo dhiheessii inni tokko qolqullina gbaasaatiin walqabata...waan hojjanne lakkoofnee gabaasuu dhabuu irraa kan ka'e dhiheessii fi fedhiin keenya wal simuu dhabuu danda'a.
⚖(supply< demand)

Kanaaf dhaabbileen fayyaas gabaasa yaalii dhibee busaa (#case_report) & gabaasa itti fayyadama qoricha busaa (#consumption_report) yeroodhaan gabaasuu fi gabaasa gabaasuu isaaniitiin durattis koreedhaan taa'anii #verify godhuun barbaachisaa dha.


🌅👩‍💻 🪢🚚🚑🚛
.


Core Issue
Promote health, Create Public Awareness, Ensure Access to malaria Rx services and Availability of Antimalarials
👉: https://t.me/Pharma_Chora/322


Hojii Fakkeenya Ta'uu danda'u!!

Mee dhaabbileen Fayyaa meeqa keessantu👇👇

Qorichoota yaalii dhibee sammuutiin walqabatanii fi araada fiduu danda'aniif (#Antipyschotic and #narcotropic medicines) ajajuudhaaf waraqaa ajajaa isaaniif malu kan "#Special_prescription"..jedhameee waamamu maxxanfattanii itti fayyadamaa jirtu??..

Jalqabbiin Hospitala cooraa baayyee garii dha.

Dhaabiileen fayyaa haftanis yeroo maxxansiiftan waa 2 osoo #improve gootanii maxxansiiftanii bareeda
...akka yaadaatti.!!...halluu isaa #keelloo gochuun cinaatti

i.Mata duree isaas special prescription ykn prescription for antiPyschotic and narcotropics osoo jettanii.
ii.Serial No "preprinted" osoo ta'ee gaarii dha 

.

Thanks to #Chora #Hospital for showing us what a standard we need to have!!..Follow them!!


Tajaajilli Mana qorichaa Hawaasaa Furtuu sirna dhiheessi qorichaati maaf jenna.

Kutaa 2

Bar 2016 hanga kur 1ffaa 2017 tti.
Manneen qorichaa 500 trjaajila kennniiru

bu'aan mnneen qoricha hawasaa qaban.....

3. MQH itti Quufinsa Maamilaa fi Hojjetaa dabalaniiru
Qorannoo itti quufinsa maamilaa (client satisfaction Survey) gaggeeffameen giddu galeessaan itti quufinsi maamilaa MQH Sadarkaa naannootti 71% ga'eera. ..itti quufinsa hojjataas gara 75% akka ta'eedha kan ragaan amma jiru garsiisu.

4. Qisaasinni Qorichaa  (Wastage rate) Hirrachuu

Kanan dura qisaasinni qorichaa sadarkaa naannootis ta'e biyyatsi jiru 5% + kan ture yeroo ta'u. kunis karoosa biyyi qabtte isa 2% gaditti gadi buusuu jedhuun walfaana qabamee yeroo ilaalamu bayyee guddaa ture.

Haa ta'u malee MQH reshio kan gad aanaa akka gaban mullrteera.kunis akka fakkenya ta'an isaan godha.

Giddu galeessaan Qorichi MQH oromiyaa keessatti argaman keessatti Mullate Qarshii Miliyoona 4.2 tti kan shallagamu yeroo ta'u.

kuni kan ibsu qabeenya sadarkaa naannooti horatame (=Miliyooa 470) ta'uun wal bira yeroo qabamee ilaalamu 1.40% ta'a


Waabii: Sagantaa kana yeroo isiniif dhiheessu  gamaaggama #BFO n qopheesse akka waabii tti fayyadameera.

By Sufian M (Pharmacist)
Nov
ember 5th, 2024


📅Onkololessa
📅Sadaasa

JIOOTA ITTISA DH.BUSAA KEESSATTI MURTEESSOO TA'ANII DHA

Yeroon dhibee busaa itti ittisnu amma!!...
Bishaan Ciise haa maqsinu...barumsa fayyaa hawaasaaf haa kenninu

Prevention is better than Cure.


Tajaajilli Mana qorichaa Hawaasaa Furtuu sirna dhiheessi qorichaati maaliif jenna?
🌅🎆
kutaa 1ffaa

Bara 2016 hanga kur 1ffaa 2017 tti.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Gumaaachi MQH yeroo waggaa lama fi sadi hin caalle keessatti jijjirama daran Ol aanaa fiduu isaati dha.
Dhiheessii qorichaa dabaluurraa kaasee hanga qabeenya #Biliyoona-Walakkaa (ykn Miliyoona 500) horachuutti ga'eera)
...ballina isaas bifa armaan gadiitiin isiniif dhiheessine 👇

1.Qaqqabamummaa Tajaajilaa fi Dhiheessii qorichaa dabaluu (ensuring Accessability & Availability)

Yeroo ammaa MQH 500 ta'an tajaajila kennnaaru (sad nannootti)

Bara 2016 keessa Namoonni Miliyoona 4.3 ta'an Tajaajila MQH irraa argachuu danda'aniiru.
👉Kana keessaa tajaajilamtoonni Miliyoona 2.6 ta'an miseensota IFH ti (kunis tajaajala kenname keessaa 60% kan ta'u miseensota IFH ti

Qorichi Miliyoona  400 ta'u maamilaaf dhihaateera.

kana jechuun al tokkotti maamilli tokko tajaajila qarshii 100.09 ta'u MQH irraa ni argata jechuu dha.
🚦kunis tajaajilli MQH tiin kennamu gatii madarlawaa akka qabu muiiliasa (Affordable)

2. Kaappitaalli MQH sochoosan investimantii guddaa ta'eera.
Yeroo ammaa MQH qabeenya #Biliyoona_Walakkaa ta'u horachuu danda'aniiru
MQH 500  ta'aniif Hanga harraatti qarshiin ka'umsaa (seed Money) qarshii Miliyoona-170 ta'u BFO tiin arjoomameera

Qarshii BFO arjoome (170M) kana gaggaragalchanii qoricha bituunii fi Tajaajila kennuun:

🌅MQH oromiyaa keessatti argaman kaappitaala kaumsaa kana ( 170M) olguddisuun walqabatee (Return on investment ) qabeenya isaanii giddugaleessaan dhibbeentaa 43 n (43%) ol guddisuu danda'aniiru.

⚪️  kana jechuun Investimantiin MQH hojii jrlqabsiisuu irratti dhangala'e (170M), yeroo ammaa qabeenya dabalataa qarshii 300M ta'u horachuu danda'aneera..

👉Kanarraa ka'uun yeroo ammaa qabeenyi MQH oromiyaa keessatti argaman harka jiru gara #Biiliyoona_Walakkaa ga'uu danda'eera
= 170M + 300M=  470Million

3. Bu'aa MQH argatan

Hanga kur 1ffaa 2017 tti MQH tajaajila MQH tin kenname irraa bu'aa (#grossprofit) qarshiiMiliyoona_133 horatameera...

kunis qarshii kaappitaala ka'usaa BFOn arjoomee fi  investimentii kanarraa qabeenya horatameef (ROI) yeroo hiramu, Bu'aan MQH tiin horatame gara 28.2% ta'a jechuu dha



✍ By Sufian M (Pharmacist)
📅03, Nov, 2024




Репост из: Biiroo Fayyaa Oromiyaa
#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa

Показано 14 последних публикаций.