Фильтр публикаций


❤️ "Miira kee sodaa malee yaada qulqulluudhaan ibsachuuf kan si gargaaran tarkaanfilee 5,...➖ See More

👉 See More
See More


🚨 Iftoominni gatii qaalii ta'e qaba,... See More


👋Hi!

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
@kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide
┃_
@timevalue24 🕖
┃_
@BPEMBASSY 📖
┃_
@prophetamo
┃_
@Online_job724 💰
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@students_material ✉️
┃_
How to Learn English
┃_
@Now_speak_English
┃_
@English_Oromo 📕
┃_
@Spoken_English24 🗣
┃_
@OrooNetflix 👊
┃_
Dare Tube 😀
┃_
Jifara Chemeda 🎓
┃_
Success Journey 🥇
┃_
Bible Quotes 📖
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
Beka Sport
┃_
Goal Tv 🔝
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 🛒

Contact: @Getu_Abera


Kaayyoo Waaqayyootiif Dursa Kenni

16, 17. Macaafni Qulqulluun Fakkeenya namoota dandeettii qabanii akkamii qabateera? Isaanoo maaliin yaadatamu?

16 Macaafni Qulqulluun fakkeenyawwan namoota haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraataniifi hin jiraannee qabateera. Barumsi fakkeenyawwan kanarraa argamu namoota umrii, aadaafi haalawwan hunda keessa jiranirratti kan hojjetudha. (Roomaa 15:4; 1 Qorontos 10:6, 11) Naamrud magaalaawwan gurguddaa ijaaruyyuu, kana kan godhe Yihowaa mormuudhaan ture. (Uumama 10:8, 9) Karaa garabiraammoo, namoonni fakkeenya gaarii nuu ta’an baay’een jiru. Fakkeenyaaf, Museen Gibxii keessatti nama aangoo qabuufi beekamaa ta’uu kaayyoo jireenyasaa hin godhanne. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenne, “sooruma Gibxii hundumaa irra, . . . badhaadhummaa isa caalutti lakkaa’ate.” (Ibroota 11:26) Luqaas inni ogeessa fayyaa ture, Phaawulosiifi namoota dhukkubsatan gargaaree ta’uu danda’a. Haata’u malee, Luqaas wangeela lallabuufi Macaafa Qulqulluu barreessuudhaan namootaaf wanta gaarii hundarra caalu raawwachuusaatiin beekama. Phaawulosis kan beekamu ‘warra saba Waaqayyoo hin ta’iniif ergamaafi’ misiyoona ta’ee tajaajiluusaatti malee hayyuu Seeraa ta’uusaatiin miti.​—Roomaa 11:13.

17 Daawitis kan yaadatamu, akka ajajaa waraanaatti, akka faarfataatti ykn faarfannaa qindeessuutti utuu hin ta’in, “nama akka garaa [Waaqayyoo]” ta’ettidha. (1 Saamu’el 13:14) Daani’eliinis kan beeknu akka nama bulchiinsa Baabilon keessatti hojjetutti utuu hin ta’in, raajii Yihowaa isa amanamaa ta’ee tajaajiluuttidha; Asteeris kan yaadatamtu ija jabinaafi amantaasheetiin fakkeenya ta’uusheetiin malee mootii Faares ta’uusheetiin miti; Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannisis kan beekaman namoota qurxummii akka gaariitti qabuu danda’an ta’uusaaniitiin utuu hin ta’in, akka ergamoota Yesus ta’anittidha. Yesus isa hunda caalaa fakkeenya ta’us kan yaadannu ‘muka soofuutti’ ta’uusaatiin utuu hin ta’in ‘Masiihii’ ta’uusaatiinidha. (Maarqos 6:3; Maatewos 16:16) Namoonni kun hundinuu ogummaa, qabeenya ykn aangoo qabaniin, jireenya jiraataniin, hojiisaaniitiin utuu hin ta’in, tajaajila Waaqayyoorratti xiyyeeffachuu akka qaban sirriitti hubataniiru. Kaayyoo guddaan hunda caaluufi nama kiisu, nama waaqayyoon sodaatan ta’anii jiraachuu akka ta’e beeku turan.

18. Dargaggeessi Kiristiyaana ta’e tokko jireenyasaa akkamitti itti fayyadamuuf murteesse? Wanti inni hubate maalidha?

18 Saang Jiin inni jalqabarratti caqasame yeroo booda dhugaa kana hubateera. Akkas jedha: “Ogummaa yaalii fayyaa, aartii ykn barsiisaa ta’uurratti humnakoo balleessuu mannaa, jireenyakoo waadaa yeroon Waaqayyoof ofmurteesse galee wajjin haala walsimuun itti fayyadamuufan murteesse. Yeroo ammaatti bakka barsiistonni Macaafa Qulqulluu caalaatti barbaachisan dhaqeen namoonni karaa jireenya barabaraa akka argatan gargaaraan jira. Dandeettiikoo tajaajila yeroo guutuurratti guutummaatti itti fayyadamuu waanan danda’u natti hin fakkaatu ture. Namoota aadaa addaddaa qaban barsiisuudhaan deettiikoo guddisuufi amalakoo fooyyeessuuf carraaqqii gochuunkoo, yeroo kamiyyuu caalaatti akkan gammadu nagargaareera. Jireenya dhugaa jiraachuun kan danda’amu kaayyoo Yihowaa kaayyoo ofii godhachuudhaan qofa akka ta’e hubadheera.”

19. Jireenya kaayyoo dhugaa qabu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Kiristiyaanota waan taaneef, beekumsa lubbu baraarsaa ta’eefi abdii fayyinaa beekuudhaan eebbifamneerra. (Yohannis 17:3) Kanaaf, “ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne” ofeeggachuu qabna. (2 Qorontos 6:1) Kanaa mannaa, guyyootaafi waggoota jireenya keenyaa warra gatii guddaa qaban kana Yihowaa jajachuuf itti haafayyadamnu. Beekumsa yeroo ammaatti namootaaf gammachuu dhugaa argamsiisuufi gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraatti geessu haababal’isnu. Akkas yoo goone yaada Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhe dubbate dhugaa ta’uusaa hubanna. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkasumas jireenyaa kaayyoo dhugaa qabu jiraanna."

@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio
@Tv_Lattuu
@Megertu_Dhugasaa
@Singer_Negertu_Official




*KUTAA 3FFAA.*

*➡️5. Bu’aa Tajaajilaa / Gatii/*
1.  Mana amanamaa.  1 Saamu 25/28
          A/ Mana isa Waaqarraa.
           B/ Mana lafaa irraa.
2. Garbicha amanamaa jedhamuu;  Mat.  25;21-23 irratti kan argamu
- Garbicha amanamaa jedhamuuf: amanamummaadhaan tajaajiluu.
*➡️  6. Tajaajilaa amanamaa*
1. Nama Waaqayyoof of kenne dha.
Sababni isaas of kenneera waan ta'eef, waan kiyya jedhee himu hin qabu.     /Hojii Ergamootaa   9:6
Innis, "Gooftaa, maal akkan godhu barbaadda?"  ;  Gal.  2:20 "Egaa sichi Kristoos isa na keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti , jiraanya amma ani foonin jiraadhu immoo, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraa dha."
Mat.  19:21 (6-21) *"Dhaqaatii waan qabdan gurguraa hiyyeessaaf kenni."*
Namichi kun garaa isaa Gooftaaf hin laanne.
Garaa isaa qabeenya isaatiif kenne
Garaan  isaa qabeenya isaa irra jira

Kanaafidha Gooftaa duukaa bu’uu kan dadhabe.
2. Filannoon isaa yeroo hundumaa  nama Waaqa ta'uu  dha.
Iayaasuu .  24:15;   Kes.  33:26 "Kan  akka Waaqayyoo hin jiru."
3. Garaa addunyaa fi waan addunyaa kanarra jiru hunda irraa cite qaba.
       Rom.  12:2 "Fakkeenya jireenya bara isa darbu kana duukaa hin bu’inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiira!..."
Yai.  4:4-9 "Biyya lafaa irraa adda ba'aatii gara Waaqayyootti dhiyaadhaa".
Namni : Yeroo garaa isaa biyya lafaaf kennu hunda Waaqayyoo wajjin Wal lola.
Wantoota biyya lafaa garaa keenya keessa yeroo galchinu  hundumaa Waaqayyoo wajjin wal lolaa jirra.
1 Qor.  7:31 "Warri biyya lafaatti  dhimmi ba’an, akka warra itti dhimmi hin ba’inii yaa ta’an! Biyyi lafaa inni amma mul’atu kun in dhidhima.
4. Gooftaa Yesuus kan ilaalu dha.
↪️ Isa qofa  fakkeenya  kan godhatu ;
↪️ Kan isa dhaggeeffatu.  Ibr.  12:2
↪️ Yesusiin ilaaludhaan  amanamaa taʼuun ni dandaʼama.  Nama ilaaluun amanamaa ta'uun hin danda'amu.
Fakkeenyaaf: (Nama dhokachuun cubbuu raawwata ta’a namni ) .
Gara Waaqayyoo ilaaludhaan  amanamaa ta’uun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf: Yooseef
↪️ Aati manaa mootii Phixifaara dhoksaatti akka ishee wajjin cisu yoo gaafatteyyu hinni nama gara waaqayyoo ilaalu waan ta’eef hojii ciggaasisaa kana hin hojjadhuu jedhee didee baqate
Yeroos namni argu hin turre Waaqayyo garuu ni arga.
5. Nama mirgaa fi faayidaa ofii gooftaa isaaf dhiise dha.
                 *Kiristaanummaan mirga qabaa?*
✝️1 Qor.  9:19 "Namoota hundumaa biratti birmaduu ta’ee utuman jiruu, caalaatti namoota buufachuudhaaf hundudumaaf  garba of godheera."
↪️ Hundaaf nan bitama.
↪️ Mirga koo dhiiseen jira, .
↪️ Namoota biroof jedhee kan  of dhiisee, kan of   miidhe.  Filp 2:5-8 Gooftaan gad of deebisee mirga isaa nuuf kenne.
  Miila gooftaa  hordofuu qabna.  Roomaa, 8:29
↪️  Nuti akka isaa ta'uuf dursinee waan murteeffamneef isa fakkaachun nuuf ta’a.
*❖ Yeroo mana waaqayyoo tajaajillu:-* ➡️Waan hundumaatti amanamoo ta'uu qabna.
Mana keessatti, .
Gaa’ela keessatti, .
- Maallaqaan,
- Yeroo fayyadamuu dhaan ,
Itti gaafatamummaa keenya keessatti, .
Waaqayyoof, .
namaaf, .
Waldaa Krstaanaaf,
Biyyaaf  amanamaa ta'uu qabna.

*Kutaa 4ffaan itti fufa....*


@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio
@Megertu_Dhugasaa
@tv_Lattuu


- Haa ta'u malee kun hundumtuu tokko isaan taasisuu hin danda'u. Akkasuma Waanti garaa gara isaa baasu hedduun jiru.
Akkaman Armaan olitti kaasuuf yaale, maqaa Isaa irraa kaasee, Eenyuun?, Eenyuuf?, Maaliif?, Akkamiin?, gaaffilee Kanaaf kan deebii ta'an garaagarummaa ykn adda addummaa isaanii mul'isu.
Marq 7:7.....
Fil 3:7....
Namoonni baay'een maaliif sirbitaa? Jedhamanii yemmuu gaafataman Aadaa kooti jechuun deebisu...
Aadaan Mataa isaa kan danda'e ulaagaa Mataa isaa qaba. Aadaan qabeenya hedduu kan of keessaa qabu kan ta'e Galaana ykn Bosonatti fakkeeffamuu kan danda'u dha. Sirbi qaama aadaa sana keessa Isa tokko dha. Sirba qofaa osoo hin taane faarfannaanis Akkasuma.
👉Aadaa keessaa :-kan faarfannaan ibsu
Afaan, safuu, uffata, shuubbisa, muuziqaa,,, fi . K. K. F. tu jira.
Faarfannaanis aadaa kan balleesse osoo hin taane, Aadaa kan gabbisudha.sababa Kanaaf garuu Sirba waliin akka tokko ta'etti lakkaa'amuu hin qabu.
WALUMAA GALATTI FAARFANNAAN GUDDUMMAA FI  OL AANTUMMAA WAAQAYYOO KAN HIMUU FI MUL'ISU DHA.

Kutaan 3ffaa itti fufa...!


@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Yerusaalem_Haaraa
@Singer_Megertu_Official


    * KUTAA 2FFAA

  👉FAARFANNAA.....
" Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!"
(Efesoon 5: 19)
     . 1.1   FAARFANNAAN MAALII ?
-Faarfannaan,  sagalee Waaqayyooti.
Gooftaan keenya Yesuus Macaafa Faarfannaa keessaa bakka garaagaraatti maqaa dha'uun itti fayyadameera.
Fkn.
Mat 27:46 fi far 22:1
Mat 6:26 fi far 147:9
Yoh 15:25 fi far 68:4
Mat 7:23 fi far 6:8
-Walaloo fi Yeedaloo Akkasuma Muuziqaa waliin ykn muuziqaa malee sagalee kan dhageessisanii fi qooqa  garaa garaatiin bifa dhuunfaas ta'e waliin kan Waaqayyoon ittin galateeffatanii fi ittin kadhatanidha.
-faarfannan kennaa tolaa kan gatiin itti hin ba'iin Woldaa kiristaanaaf kenname dha. Innis Amantoonni gara hafuuraatti akka guddatanifi. 1Qor,14:26
-faarfannan Mul'ata ykn ergaa yeroo fi kan barootaati. 1Sen 25 1-3

#kana kaasuun kan barbachiseef durumaa kaasee  bara kakuu Moofaa keessatti waan gara fuula duraatti ta'uuf jiru Macaafa Faarfannaa keessaatti bifa faarfannaadhan fubbatamaa akka ture dha. Gooftaan keenyas kana mirkaneessuuf Fakkeenya fudhatee dubbataa tureera.
-Faarfannaan heeraa fi Seera Mataa isaa qaba.
Macaafa qulqulluu keessa bakka tokko tokkotti jechi "sirba" jedhu ni ka'a.
Akka fakkeenyaatti Ba'u 15:20.irratti Waa'ee obbooleetti Aroon Maaryaam saba Israa'el waliin  sirbuun Waaqayyoon galateeffatteetti. Kana jechuun ergaa fi jechoonni  Walaloon isaa ibsan sun murteessodha.
Faarfachuu ishii kan ibsu Ba'u 15:21 irra Isa jirudha.
👉Kan Maariyaam akka hubannoo kootti sochii ishee irraatti kan hundaa'e natti fakkata.
-Bara kenyattis faarfannaan kan itti fedhii keenya ibsannu osoo hin taane, Ergaa Waaqayyoon gidduu galeessa godhate ta'uu qaba.
Iyo 30:31.     Far 30:11.      1sam 18:6.
1Sam 6:14
#Ilaalacha namoota
Sirbanii Waaqayyoon jajatani kan jedhu. Yaada lamatu jira
Kaan kaan kan ulfina Waaqayyoo mul'isedha malee kan ulfina Waaqayyoo hin mul'isne miti jedhu.
Kaan kaan immoo sirba kan jedhu shuubbisa ykn sochii isaan taasisanidha jedhu.
-Lamaanu kan ulfina Waaqayyoo mul'isu yoo ta'e gaariidha. Kana jechuun kan safuu eeggate, kana jechun kan ilaaluu kan gurra namatti fi ija namatti tolu, kan lubbuun namaa itti boqotu, kan nama hin rifaasisne fi nagaa namaa hin goolle ta'uu qaba.
Gal 5: 21
1qor 10:5-8
Ef 5:18
Yaq 5:13
-Aadaa saba isiraa'el keessatti faarfannaan  iddoo guddaa qaba. Mallattoo gaddaa fi gammachuu isaani ittin ibsatanidha. Far 149:1-...,,,     far 150:1.....
Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baay'ee Namoonni haala keessa jirani fi haala Waaqayyoo keessa isaan dabarse faarfannaadhaan ibsachaa turanitu. Akka fakkaanyaatti Daawit yeroo garaagaraatti waan Isa mudate faarfannaa gosa garaagaratiin faarfachaa tureera. Akkasuma shamarreenii fi dhiiroonnis woliin faarfachaa turaniru. IZ 2:65
Namoonni kaanis faarfachaa turaniru.
-Bara keenyas Woldaa kiristaanaa keessatti  waantota baay'eetu Mul'ata jira.
Amantoonni baay'een faarfannaa fi sirba ija tokkoon yerootti ilaalani fi akka waan garaagarummaa hin qabne tti kan fudhatan baay'ee baay'achaa dhufeera.
Akkasuma bafa aadaatin wol qabsiisuun wol fakkaatee akka adeemu tasisuuf yaalii guddaan godhamaa akka jiru Mul'ata jira.
-Faarfannaa fi sirbi tokkos hin turre tokko ta'uus hin danda'u.
👉Faarfannaas ta'e sirbi. Lamaanu aarsaa dha, aarsaan kan qopheessus, kan qophaa'uufis abbaa Mataa isaa qaba.
Tarii bakkatti wol fakkaatu ni qabaata haa ta'uu malee garaagarummaa guddaa qaba. - lamaanuu ergaa Mataa isaanii qabu.
-Lamaanuu walaloo Mataa isaanii qabu   - lamaanuu Yeedaloo qabu.
-lamaanuu muuziqaa waliinis ta'u muuziqaa malee ni deemu.
-lamaanuu gamtaanis ta'e, dhuunfaan ni taphatamu.
-lamaanuu sochii ykn shuubbisa barbaadu.
-lamaanuu sagalee bu'aa ba'ii fi qinda'a ta'e barbaadu.fi K. K. F........ Dha.




*TAJAAJILLI MAALI*
*↪️KUTAA 2ffaa*

*📖3. Tajaajilaan wanti inni  beekuu qabu;*
1. Gooftaa isaa beekuu qaba (2Xim. 1:12);
2. Waamicha/ergama isaa beekuu qaba.
3. Itti gaafatamummaa isaa beekuu qaba.
4. Waan tajaajilaa jiru beekuu qaba.
5. Guddinaa fi ulfina tajaajilaa beekuu qaba.
*↪️4.  Tajaajilaan tajaajila isaa  ta'uu qaba*
1. Jaalalaan ta’uu qaba (Qor. 13:1-3).
2.   Amanamummaadhan  ta’uu qaba.
3.    Obsa qabaachuu qaba.
4.   Amantii qabaachuu qaba;
5.   Ciminaan hojjetamuu qaba.
6.   Dhugaan ta’uu qaba, .
7.  Qulqullummaan  ta'uu qaba.

*Kutaa 3ffaan itti fufa....*


@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio
@Tv_Lattuu


*↪️TAJAAJILLI MAALI?*
*➡️ KUTAA TOKKO.*

*  Tajaajilli bara kana   namoota hedduu biratti waan itti fakkaatu;-*
↪️1.  Mallattoo beekamtii  akka ta’etti fudhatu.
↪️2.  Karaa aangootti ol bahanidha  jedhanii yaadu.
↪️3.  Karaa ittiin  badhaadhina  argatan jedhanii fudhatu.
↪️4.  Karaa Eenyummaa isaanii ittiin agarsiisan akka ta’etti yaadu.
↪️5.  Karaa kabaja ittin  argatan  jedhanii  yaadu;
↪️6.  Gariin immoo yaada adda addaa qabu.
*↪️  1. Tajaajila dhugaa*
↪️1.  Waamamuu  dha; /Mar 3:13;  1Phe 2:9
↪️2.  Filatamuu  dha;  / 1Phe 2:9/
↪️3.  Adda ba’uu dha   / Lew 20:7-8/
↪️4. Tajaajilli  Muudama dha; / Imaanaa fudhachuu/  jechuu dha.
↪️5. Aangoo hojii waaqayyo biraa kennameef fudhachuu dha.
↪️6. Tajaajilli gocha namoota fayyadu, of miidhuu, Waaqayyoon kabajuu dha.
↪️7. Hojii nama biraatiif gabra ta'uu dha.
↪️8. Gocha ergama tokko raawwachuu fi raawwachiisuu dha .  (Maatewos 2:1-3; Maatewos 10:5-8)
*✝️  2.Tajaajilaan tokko  Tajaajilaan  dura*
➡️1. Gooftaa wajjin jiraachuu qaba ;  Yohaannis  15:27 irratti
Eenyuutu Gooftaa wajjin jiraata?
↪️1.     Nama waamame  dha. Mar, 3:13
    ↪️2.  Nama waan hunda dhiisee gooftaa duukaa bu’e dha. (Lu 5:11)
   ↪️ 3.  Nama kan ofii hin barbaanne dha.  Filp, 2:21
  ↪️4. Nama ajajamuu dha.  Yohaannis  14:23
   ↪️ 5. Nama maalummaa Gooftaa beekudha.
  ↪️ 6. Nama gatii isaa gooftaa biratti herreeggate dha.(Ibroota 11: 26)
➡️2. Tajaajila dura: Gooftaa fuuldura isaa taa’u dha.
➡️3. Tajaajila dura: Dubbii Waaqayyootiin kan guutame dha
➡️4.  Qaama  isaa haarsaa qulqulluu isa jiraataa ta’ee dhiyeessuu dha.
➡️5. Tajaajila dura gooftaa dura dhaabbachuu dha.  (2Sen. 29:1-2)

*Kutaa 2ffaan itti fufa.....*
Barnootta Teology barachuu warii Barbdanimoo👇👇👇Link
@Singer_Megertu_Official


@Tv_Lattuu
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio
@Megertu_Dhugasaa


⚛️BARNÒOTA BARA DHUMAA FI DEEB'EE DHUFATII KRISTOOS
✝️Deebi'ee dhufaatiin kristoos maali❓
✅yesuus kristoos yeroo lafarra tureetti Gara Abbaa akka deemu fi Deebi'ee dhufee gara ofiisaattii akka nu fudhatuu waada nuuf galeera.W/Yoh;14:2-4 .
✅Deebi'ee dhufaatiin kristoos macaafa Qulqulluu keessatti yeroo 300 ol barreeffamee jira.
✅Kakuu Haaraa ,Ergaa phaawulos keessatii qofa iyyuu si'a Shantama(50)Barreeffameera.
✅Guutummaan Ergaa phaawuloos 1ffa fi 2ffa Tasalonqee fi Mul'anni Yohaannis waa'ee isaa kana dubbatu.
✅Guutummaan Boqonnaa isaani Waa'ee Deebi'ee dhufaati Gooftaa keenyaa yesuus kristoos kan dubbatan jiru.Fknf:W/mat;24,25,W/Marq;13FI Luq,21 waa'ee kanaa dhugaa bahuu.
☮️Guyyaan deebi'e Dhufaatii kristoos kun Macaafa Qulqulluu keessatti jechoota hedduu fayyadamamee ibsameera.
🔆Isaan keessa: ↪️1:Bara booddee(isa,2:2;2xim3:1-2;Mik4:1.
↪️2:YEROO Dhumaa(1Yoh2:18-19;Rom 13:11)
↪️3:Guyyaa Dhumaa (HoE 2:16-21;Luq17:22-25)
↪️4:Guyyaa Waaqayyoo (Yoel,2:28-32;Sef1:7,)
✅Garuu kan nuti beeku qabnu dhufaatiin kristoos inni lammataa Guyyaa dhaabata tokko qofa kan bakka bu'u yommu ta'u,Jechoonni kun hundii yeroo tokko bakka bu'u jechu miti.
✅Sababnii isaa Bara dhumaa / Yeroo dhumaa jechuun dhufaati kristoos isa jalqabaa fi isa lammaffaa gidduu kan jiru yeroo fi taateewwaan garagaraa guutummaatti kan ibsudha.(1Yoh2:18)
❇️Guyyaa Waaqayyoo kan jedhuus wantoota heddu bakka bu'uu danda'a, Isaanis:
1️⃣Guyyaa pheenxeeqoosxee(Guyyaa 50ffa)(Hoe2:16-21)
2️⃣Guyyaa dheekamsaa Yerusaalem irratti dhufu (Erm,30:7)
3️⃣Lammaffaa Deebi'ee dhufuu yesuus kristoos (Milk,4:1
☑️Haata'u Malee warri Jalqabaa lamaan Gochoota Raawwatamanii darbaan waan ta'anif Guyyaa Deebi'ee dhufuu kristoosin bakka bu'u hin danda'an ,Garuu akka malatootti tajaajiluu danda'u .
☑️Sababini isaa Guyyaan Gooftaa Inni pheenxeeqoosxee booda barraa'ee (Hoe,3:19-21)
💠Kanaaf Deebi'ee dhufaatiin kristoos nuuf maali❓
1️⃣•1️⃣Kakuudha.
ITTI FUFA TORBEE


@Tv_Lattuu
@Kakuu_Studio




Akka fedha Waaqayyootti kadhachuudhaan kadhanni keenya deebii akka argatuuf (Fak 15:7,28:9, Yoh 15:7)
Waaqayyo fuul duratti dhiqamuu fi qulleeffamuuf (5:26, Yoh 15:3)
Sirnaa fi duudhaa namootaa irraa bilisa ba‘uuf (Mar 7:6 – 13, Mat 15:1 - 14)
Hafuura keenya nyaachisaa hafuuratti guddachuuf (1Phex2:2, Ibr 5:12 - 14)
Jireenya keenya keessatti yeroo rakkinnii fi qorumsi nu muudatu jabaannee dhaabachuu fi kufaatii gadhee akka hin kufneef (Mat 7:24 - 27)
Daabiloosiin loluudhaa fi mo‘uuf (Mat 4:1 – 11, Efe 6:17)
Dogoggora irraa of eeguuf (Mat 22:29)
Dogoggora tajaajiltootaa irraa of eeggachuuf (1Mot 13:1 – 32, 2Sen 18:21)
Waaqayyoon kan tuffatamne akka hin taaneef (1Sam 15:23)
Waaqayyoon kan jibbamne akka hin taanee fi isaan akka jaallatamnuuf (Hos 4:6)
Murtii Waaqayyoo dhufu jalaa ooluuf (2Mot 22:8 – 20, Fak 1: 24 - 32)
Jireenya tasgabbaa‘aa gaggeessuudhaaf (Fak 1:33)
Ayyaana qabeessa jechuunis Waaqayyo duratti galateeffamaa ta‘uuf (Mul 1:3)
Nama nu gaafatu hundaaf deebii sirrii kennuuf (1Phex 3:15, Fak 22:17 - 21) 25.

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


Maalummaa Macaafa Qulqulluu
Maalummaa macaafa qulqulluu yommuu jennu eenyummaa, qabiyyee, amala, dandeettii, humna, fi kkf kan macaafa qulqulluu dubbachuu keenya. Jecha macaafa jedhu yommuu ibsinu qabiyyee humna hojjetuu, sagalee jiraataa qabatee kan argamu macaafa madaalli fi gita hin qabne dha. Qabiyyee abdii fayyinaa, jireenya dhugaa dhala nama hammatee argamu, qabiyyee dhugaati jechuu dandeenya.
Jechi ―Qulqulluu” jedhu jecha Gi’iizii irraa kan dhufe yommuu ta‘u, hiikni isaas:-Qulqulleessuu, ulfeessuu, ol ol qabuu, qulleessuu, seecca‘uu, adda baasuu, Waaqayyo of kennuu, qabeenya Waaqayyoo gochuu jechuu yommuu ta‘u, jecha ―Qulqullaa’e‖ jedhuuf kallattiidhaan ―eebbifame, galateeffame, adda baafame, filame, ulfaate, muudame, bilisa, gaarii ta‘e‖ akka jechuu ti. Kanaaf ―Macaafa Qulqulluu‖ yommuu jennu, ―adda kan ta‘e, mudaa kan hin qabne, qulqulluu, dogoggoraa fi hammeenya hundumaa irraa kan qullaa‘e, badhaadhummaa Waaqayyo ofii isaa, qabeenya kan ta‘e‖ malee Macaafa nama dhuunfaa kamiiyyuu, fi macaafota biyya lafaa hunda irraa adda kan ta‘e, Macaafa tokkicha dhimma hafuuraa fi foonii kamirrattuu aangoo murteessuu kan qabu jechuu keenya dha. Kanaafuu Macaafa Qulqulluu yommuu jennu ―Macaafa filatame”, Macaafa addaa” jechuu keenya dha. Sababiiwwan itti Macaafni Qulqulluu “Qulqulluu” jedhames: A,Inni kenne Waaqayyo ofii isaatii Qulqulluu ta‘uu isaa B, Macaafota adda addaa lakkoofsa hin qabne addunyaa kanarra jiran irraa macaafa baay ‘ee adda ta ‘e waan ta‘ee fi kkf dha.
3.1 Macaafni Qulqulluun Maalinnii?
Macaafa Waaqayyo Waaqaa ti. Namni dhuunfaa, (gareen), amantaa (religion) kamiyyuu, barreeffamaan kan taa‘e sagalee Waaqayyoo irratti mirga dabaluu ykn hir‘isuu matumaa kan hin qabne sagalee waaqayyoo gooftaati (Isa 34:16, Mul’ata22:18-19).
Macaafni Qulqulluun ofii isaa sagalee Waaqayyoo jedhee of waama (Mar 7:13, Rom 10:17). kana jechuunis sagalee Waaqayyoo ta ‘uu isaa irraa kan ka ‘e, Waaqayyos qajeelaa ykn dhugaa ta‘uu isaatiin Macaafni isaa mudaa tokko illee kan hin qabne (innerant) fi raawwatee dogoggora kan hin qabne (Infallible) dha jechuu dha (Fak 30:5, Yoh 10:35, Far 19:7).
Macaafni jireenya bara baraaf ta‘u humni fayyisuu Waaqayyoo (Wangeelli) kan ittiin mul‘atu Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Rom 1:16). Addunyaa kana irratti miliyoona baay‘eetiin kan lakkaa‘aman macaafotni amantaa (religion) yoo jiraatan iyyuu, ilmaan namootaa hundaaf kan ta‘u sagalee misiraachoo (Wangeela) ifaa fi haala hin mamsiifneen macaafni tokkichi ibse Macaafa Qulqulluu qofaa dha.
Macaafni Qulqulluu lafa kana irratti jireenya fooniin yommuu jiraanutti macaafa eebba foon keenyaaf, lubbuu keenyaa fi hafuura keenyaaf kan ta‘u ittiin argannu dha (Yoh 15:7). Dhimmoota foonii fi hafuuraa keenyaa kamiifuu qajeelfamaa fi deebii qaba (2Xim 3:16).
Macaafni Qulqulluu maanguddootaaf, ijoollotaaf, beektotaaf, namoota hin baranneef, dhiirotaaf, dubartoota hundaaf kan ta‘u hundinuus dubbisuu kan danda‘u macaafa tokkicha dha. Akkasumas, macaafa aadaa kamiiniyyuu, nama dhuunfaa kamiiniyyuu fi kkf‘n dubbifamuu kan danda‘uu fi jijjiirama fiduu danda‘u (Revolutionary) dha.
3.2 Faayidaa beekumsi macaafa qulqulluu namaaf kennu
Waaqayyo irraa lammaffaa dhalachuuf (1Phex 1:23 – 25, Yaq 1:18)
Dhimma kam irrattiyyuu fedha Waaqayyoo beekuuf (HoE 17:11)
Daandiin keenya akka wal nuuf qixxaatuuf (Iya 1: 7 – 9, Far 1:2 - 3)
Waaqayyoon gammachiisuuf (1Sam 15:22)
Cubbuu gochuudhaan Waaqayyoon yakkuu irraa of eeggachuuf (Far 119:11, Yoh 8:31 - 35)
Daandii keenya qulqulleeffachuuf (Far 119:9,105)
Gammachuu fi galata argachuudhaaf (Far 119:62, Er 15:16, Isa 66:5)
Nama hubataa ta‘uudhaaf (Far 119:97 – 104,130)
Waaqayyoon sodaachuu fi ulfina kennuuf (Fak 2: 1 - 5)
Hafuura Qulqulluudhaan guutamuuf (Fak 1:23, HoE 10:44)


Phaawuloos, “… hawwa namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!”(Roomaa 13:14) inni jedhe biyyoota afaan ingiliffaa hedduu keessatti namoonni “ foon” isa jedhu foon namummaa wajjin wal qabsiisuun phaawuloos “wanta qaamni ykn namummaan namaa barbaadu jechuu isaati jedhanii yaadu. Haa ta’u malee, jechi phaawuloos bakka kanatti fayyadame qaama namaa irra kan jiru foon hin argisiisu. Guutummaa dubbisicha keessas wanti namummaa ibsu hin jiru. Macaafa qulqulluu afaan tokko irraa gara afaan tokkootti jijjiiruun hojii hiikuu isa guddaadha. Kan waan ta’eef, beektonni macaafa qulqulluu hiikan rakkina afaanii nuti qabnu ilaalcha keessa ni galchu.
2.2.2 Amala macaafa qulqulluu
Sababni macaafa qulqulluu hiikuu nu dandeessisu amala macaafa qulqulluuti. Macaafni qulqulluun seenaa keessatti dubbii waaqayyo kan jecha namootan ibsamedha. Macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoo waan ta’eef walitti firooma bara baraa ni qaba. Ergaa namoota umurii fi aadaa kam keessa iyyuu jiraatan hundaaf ta’u of keessa qaba. Dubbii waaqayyoo waan ta’eef, isa dhaga’uu, isaaf abbboomamuus qabna. Garuu seenaa keessatti waaqayyo dubbii isaa jecha namaan ibsuu waan jaalateef, macaafni macaaafa qulqulluu keessatti argamu tokko tokkoon isaa qabiyyee seenaa of keessaa qaba. Tokko tokkoon macaafichaa afaan jalqaba ittiin barreeffameen, yeroo fi aadaa (yeroo tokko tokkoo seenaa sirna jechoota kitaabichaa dura tureen) kan ilaalamudha. Kanaafuu, “dhiphinni” itti firooma bara baraa fi qabiyyee seenaa isaa gidduu jiru macaafa qulqulluu hiikuu barbaachisaa taasisa. Macaafni qulqulluun uumama namummaa qabaachuun isaa nu jajjabeessa. Kana duwwaa osoo hin taane inni dhugaa wallaansoo nu qabu waan ta’eef, hiikuuf ni yaalla.
Gama kanaan wantoota lama qo’achuun nu irraa eegama. Jalqaba irratti, dubbii namootni jalqaba ergichi isaaniif barreeffame dhaga’an dhagaa’uu qaba. Ergaan namoota yeroo Sanaa fi bakka sana turaniif darbe maal akka ta’e hubachuutu irra jira. Sadarkaa lammaffaa irratti immoo, ergaadhuma sana amma asitti dhaga’uu qaba.
Kutaawwan namummaa macaafa qulqulluu baay’ee barbaachisaa ta’an keessaa inni tokko haala ilmaan namootaa isa walii gala kan dubbatu ta’uu isaati. Waaqayyo tooftaawwan ittiin walii galan kanneen jiru jedhaman hunda fayyadameera. Isaanis: seenaa seenessuu, hidda dhalootaa, oduu, seerota, walaloowwan gosa hundaa, fakkeeenyawwan, ergaawwan, lallaboota fi ibsawwan raajii fa’i. dubbisawwan macaafa qulqulluu yeroo sana bakka sanatti dubbataman hiikuu namni barbaadu tokko, seerawwan walii gala jechoota macaafa qulqulluuf garagaaran tokko tokko qofaa otuu hin taane, seerota bifa barreeffamoota hundaaf kennaman fayyadamuu qaba.
Hojiin macaafa qulqulluu hiikuu inni jalqabaaa, dubbisichi namoota jalqaba ergaa sana fudhataniif hiika attamii akka kenne hubachuu yaalu dha. Inni kun ergaa barbaadame isa jalqabaa hubachuu macaafa qulqulluu of eeggannaa fi tooftaadhaan qo’achuu jechuu dha. Kun seenaa irratti hundaa’e dha. Kanaaf, kun yaalii dubbisaan kaayyoo jechoota macaafa qulqulluu argachuuf akka dhaggeeffattoota dubbisa warra jalqabaatti dubbisicha dhaga’uuf yaalii inni taasisuu dha. Gaaffiin ka’u, “ haala gaariidhaan ergaa warra jalqabaaf ture hubachuu (exegesis) ni dandeessaa?” fakkeenyaaf, “ yesuus yommuu kana jedhu….” Yookiin “ yeroo sana……” ibsawwan akka kanaa yeroo meeqa dhageesseettaa? Isaan kun ibsa ergaa jalqabaa ibsa ni dha.
Yeroo hedduu addaddummaa “ isaanii” fi “ nu” gidduu jiru ibsuuf gargaaru. Fakkeenyaaf, 1Tasalonqee 5:22” waan hamaa hundumatti fagaa dhaa” phaawuloos “ raajii hin tuffatinaa” erga jedhee booda, “ waan hundumaa qoraa, isa gaari ta’e qaba dhaa, waan hamaa hunduma irraa fagaa dhaa” jechuun ibsa kenna. Irraa “ fagaachuun” kan barbaachisu sagaleewwan jaarii warra qoratamanii waaqayyo biraa akka isaan hin taane beekame irraa ti.


E.g when paul writes in Titus “ our great God and savior, Jesus Christ” in titus 2:13 the rules of grammar state that God and savior are parallet terms and they are both in a position to Jesus Christ. in other words, paul clearly calls Jesus “ our great God” ( “Yesuus Kristoos, Waaqayyo keenya is guddaa, Fayyisaa keenyas” ibsi seera qooqaa kan argisiisuu Waaqayyoo fi Fayyisaan termoota wal fakkaatoo dha. Lamaan isaani iyyuu Kristoos bakka bu’uu argisiisu. Jechan biraan phaawuloos iftummaadhaanYesuus yommuu waamu” waaqayyo keenya isa guddaa dha”. Interpreting a passage contextually involves considering the context of verse or passage when trying to determining the meaning (keeyyata qabiyyee isaatiin hiikuudhaan hiika barbaaddame addaan baafachuuf qabiyyee luqqisii yaadan qabanii ilaaluu dha.
The context inludes the verses that immediately preceding and following, the chaper, the book, and most broadly, the entiring bible (qabiyyeen kan of keessatti qabatu duraa duuba luqqisiiwwanii, boqqonnaa, kitaaba, fi bal’inaan ilaaluu, fi guutummaa macaafa qulqulluu ti). Kaayyoon sirna hiika macaafa qulqulluu jireenyaan sagalee waaqayyoo mul’isuu dadhabuu irraa nu eega (the purpose of biblical hermeneutics is to protect us from misapplying scripture). God’s word is truth (yoh 17:17), we want to see the truth, know the truth, we want to live for the truth as best we can, and that why biblical hermeneutics is vital (“sagaleen waaqayyoo dhugaa dha”, dhugaa arguu barbaannaa, dhugaa beeku bira ga’uu barbaannaa, amma dandeenyu dhugaadhaaf jiraachuu barbaanna, kun maaliif sirni hiika macaafa qulqulluu bu’uura waan ta’ee fi dha).
2.1 Barbaachisummaa sirna hiika macaafa qulqulluu
Yeroo hedduu miira ho’adhaan macaafa qulqulluu hiikun hin barbaachisu. Kiristaanonni macaafa qulqulluu dubbisuu, itti amanuu fi abboomamuufii akka qaban walii galla. Keessumaa macaafni qulqulluun haala gaariin yoo dubbifamee fi qo’atame ulfaata akka hin taane ni hubanna. Ittumaa macaafa qulqulluu ilaalchisee rakkinni guddaan rakkina hubannaa otoo hin taane, wantoota hedduu hubachuu isaanii ta’uu ni hubanna. Fakkeenyaaf, “ otoo hin gumgumin… waan hundumaa raawwadhaa”( filp 2:14-15) caqasa jedhu ilaalchisee rakkinni jiru hubachuu dhabuu otoo hin taane, rakkina abboomamuu fi hojii irra oolchuti. Akkasumas lallabaan (barsiisaan) yeroo baay’ee hiika isa gararraa jiru ilaaluu isaa dura akka inni qotu walii galla. Kaayyoon hiika gaarii icciitii addaa barbaaduu akka hin taane jalqaba hamma dhumaatti hubachuun barbaachisaadha. Namni macaafa qulkqulluu hiiku yaalu tokko kan dhama’u icciitii namni duraan hin argin arguuf miti. Hiikni icciitii haaraa barbaaduu irratti hundaa’e yeroo hedduu of tuulummaa irraa, hubannaa hafuura dogoggoraa irraa, ykn ejjennoo dhuunfaa ofii eeggachuu irraa ykn ejjennoo waaqummaa dogoggora ta’e deeggaruu yaali taasifami irraa kan maddudha. Hiikuun haala addaan taasifamu yeroo hedduu dogoggoradha. Kun garuu hubannaa macaafa qulqulluu sirriin baay’inaan nama yeroo jalqabaaf dhaga’uuf adda hin ta’u jechuu otoo hin taane, wanta adda ta’e barbaadun kaayyoo hojii keenyaa akka hin taane hubachuufidha. Kaayyoo hiika sirrii salphaa dha kunis “hiika dubbisichaa ifaa ta’e argachuu” dha. Hiikni gaariin kan iittiin qoramu dubbisicha mi’eessee dhiyeessuu isaati. Kanaafuu, hiikni sirriin sammuu fi yaada namaa boqochiisa.
Garuu yeroo hiiknu kaayyoon keenya hiika ifaa ta’e argachuuf yoo ta’e, hiikun maaliif barbaachisee? Maali cal jennee hin dubbifnuu? Hiika isa ifaa san kallattiidhaan dubbisnee argachuu ni dandeenya mitii? Yaadni akkanaa kun garuu haala dhugaa ta’een sababoota lamaaf wallaalummaa dhugaa irraas fagaachuudha.
2.2.1 amala namicha dubbisuuti
Namni tokko akkami macaafa qulqulluu hiikuu akka danda’u barachuun kan barbaachiif, dubbisa macaafa qulqulluu yeroo walfakkaatutti hojii hiikuu waan hojjetuufi. Itti dabalees yaadni nuti dubbifnee hubannu hafuurri qulqulluun ykn barreessan kitaabichaa kan inni barbaade ta’uu ni yaadna.


Seensa Sirna hiika Macaafa Qulqulluu
Kitaabonni macaafa qulqulluu akkamitti hubachuun akka danda’amu ibsa hedduutu jira. Isaan keessa gaariin tokkodha. Beektota macaafa qulqulluu hiikan ta’uuf duwwaa otoo hin taane karaa ittiin macaafni qulqulluun jireenya keenya wajjin walitti firoomu barbaadufis waamamneerra. Sirni hiikuu macaafa qulqulluu (hermeneutics) rakkoowwan macaafa qulqulluu keessatti nama quunnaman hiikuuf faayidaa guddaa qaba. Kun immoo hojii garaagarummaa beektotaa fi amantoota gidduu jiru dhiphisuufi yaalu dha. Dhiphinni beektotaa inni guddaan warra jalqaba turaniif hiika attamii qaba ture? Kan jedhudha. Sagaleen waaqayyoo jalqabatti haala seenaa sirrii keessatti kan kenname ta’u illee, sagaleen kun yeroo hundumaa jiraataa ta’ee akka hojjetuu fi amala addaa akka qabu hubachuu qabna.
Beekaan macaafa qulqulluutti amanu tokko dubbisi macaafa qulqulluu tokko hiikni inni nuuf kennu hiika duraan kenne akka ta’e ni hubata. Kun immoo hojiiwwan lama akka hojjennu nu taasisa: -1ffaa, dubbisichi dubbiftoota warra jalqabaaf hiika maali akka kennu hubachuun barbaachisaa ta’uu isaa argisiisa. Kunis isa durii qo’achuu (excegesis) jedhama. 2ffaa, haala adda addaa har’a keessa jirru keessatti ergaa walfakkaatu dhaga’uu qabna. Hiikoon lammaffaa kun immoo sirna hiikuu(Hermeneutics) jedhama. Kaayyoon qo’annaa macaafa qulqulluu hojiiwwan kana lamaan haala gaariin raawwachuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoo kan bara baraa waan ta’eef, dubbisuu, hubachuu fi isaaf abboomamuu qabna.
Barnoota 1ffaa
Sirna hiika macaafa qulqulluu beekuu
Biblical hermeneutics is the study of the principles and methods of interpreting the text of bible (sirni hiika macaafa qulqulluu qaleelfamootaa fi tooftaalee ittiin macaafa qulqulluu hiikan qo’achuu dha (1Tim 2:15)). Sirni hiikoo macaafa qulqulluu yeroo hundaa macaafa qulqulluu haala gaariidhaan hiikame dha. Walumaagalatti sirni hiikoo hiika sirrii macaafa qulqulluu barbaadu dha. Namni dhugaa macaafa qulqulluu hubachuudhaaf bu’uura jireenyaa dhala namaa kan ta’e hubannaa sirna hiika macaafa qulqulluu barbaachisaa ta’e qabaachuu qaba.
Beekumsa dhugaa sagalee waaqayyoo kanaa, hubannaa, abboomamuufi qabaachuun dirqama dha sababiin isaas “dhugaan birmaduu nama baasa.”(yoh8:32). tooftaa qo’annaa macaafa qulqulluu guddifachuudhaan sagalee waaqayyoo barataan kamiyyuu akka abbuuru abdii qaban. Barbaacha gooftaa hubachuun wallaalummaadhaa nama basa. Fedha sagalee waaqayyoo kan nama hubachiisu, jireenya namaa kan jijjiiru fi eebba isaa kan nama hirmaachisu kadhata godhachuun immoo murteessa dha.
The pursose of biblical hermeneutics is help us to know how to properly interpret, understand, and apply the bible (sirni hiika macaafa qulqulluu bu’aan inni nuuf qabu akkatti macafa qulqulluu sirriidhaan hiikne beeknuu, hubannee jireenya keenyaaf akka oolchinufi dha). Biblical hermeneutics keeps us to intended meaning of scripture and away from allegorizing bible verses that should be understood literaly (sirni hiika macaafa qulqulluu yaada hiika macaafa nu eegsisa, akka hubannaa sirna barreeffama luqqisiiwwan macaafa qulqulluu irraa kaanne nu eega).
The passage must be interpreted historically, grammatically, and contextually (seenaan keeyyata macaafa qulqulluu, seer-luga fi qabiyyeen keeyyataa dirqama hiikamuu qaba). Interprating historically means we must seek to understand the culture, background, situation propted the text (keeyyata seenaadhaan hiikuu jechuun dirqama aadaa hubachuudhaaf, seenaa dugduubee fi haala caafatichaaf ka’umsa ta’e qo’achuu dha). Interpratng a passge grammatically requires one ti follow the rules of grammar and recognize the nuances of Hebrew and Greek (keeyyata seer-luga isaan hiikuuf namni tokko seeraaf hint afaan Ibrootaa fi Giriikii ordofuu barbaachisa).







Показано 20 последних публикаций.