Фильтр публикаций


✅ Jaalatamummaa guutuu jaalallee kee irraa argachuu kee karaalee ittiin beektu 5'n kana quba qabdaa?... See More

➡️ See More
See More


💔 Ergaalee Jaalalaa jaalalleen kee fayyadamu... See More


✔ Ofitti amanamummaa kee guddisuu gaafa jalqabdu, hariiroo gaarii ofii fi namoota waliin qabaatta kunis jalqaba.... See More
👇👇

🔵 See More
See More


🚩 Hariiroo gaarii cimsachuuf,... See More


Namni baranaa! 🙂

Hiree keetti inaafee
Si dhorkuu fedhee deemsa
Jiruukee keessa galuuf
Soqatee karra seensaa...
Akka bookee ija lixxuu
Fiigaa dhufa bararaa
Onneekee booji’achuuf
Fakkeessee si marara.

Irra keessa kokkolfee
Cinaan fakkaatee fira
Duubaan "qarxam" si gochuuf
Qopheessee kiyyoo shiraa
Arraba damma dibee
Mimmi’eeffatee afaan
Koodee fakkaatee dhufa
Malaan si ga’uuf lafaan.

Jireenyakee keessatti
Qabaachifattee qooda
Erga sitti firoomee
Siin amanamee booda...
Aarii isaatu eegala
Innaaffaadhaan finiinuu
Sabbata gootee hidhannaan
Jalqaba si ciniinuu...

Akka waan hireen kankee
Darbee kan isaa ta’uu
Rabbumaanuu sodaatee
Xiqqumallee sii-n na’u.
Si woliin oolee bulee
Ba’aa galakee baree
Iccitii diinaaf kennee
Si godha irbaata saree
Ati afaan guutattee
Osoo jettuunii "michuu"
Gara jabina hamaan
Xobbee si kuta kichuu!

Eeyyee.......!

Suma woliin nyaatee, dhugee
Onsee gumbiif okoleekee
Humna baasee suma cabsa
Dha’ee jilbaaf mogoleekee
Maaddii irraa nyaate dhiita
Ganaa irraa nyaate gana
Madda gammachuukee gogsee
Karra gaddaa sitti banaa
Nama baranaa eeggadhu
Utuma ta’eeyyuu ana!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


❤️ "Jaalalli madda nagaan irraa maddu kan ta'eef sababa walitti qabama wantoota gurguddoo afurii waan ta'eef... See More
👇👇

See More
See More


Situu...!

Gaafan sitti hiquu
Haqa natti haaltaa
Dhara ammayyeessitee
Nagoyyoomsuu yaalta

Jaalalakoof yaalaa
Ukkaamsita firaa
Gowwaa na taasistee
Abshaalomta cira

Ulaagaakee olfuutee
Bu'aan ijaarrattaa
Ormatti firoomtee
Waliin na cirattaa

Situu...!

Jaalala hiikasaa
Waliin wal wallaaltaa
Na gantaa eenyummaakoo
Bu'aan na jijjiirtaa

Osoon bu'ee ba'ee
Siif dafqa lolaasuu
Imimmaan jaalalaa
Lolaan dhangalaasuu

Osoon of ilaallee
Daawwitiikeen jiruu
Kaleekoo mummurtee
Gurguratta tiruu

Situu na jijjiira
Fayidaatti michaa
Waanan si jaalladhuuf
Iman sitti cichaa....✍️

SIN DHIISUU....!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


😁 Kolfitanii gammaduu fi bohaartii barbaadaa jirtuu?? Eeyyee akkas malee jireenyi ni ulfaata... 😀 See More
👇👇

See More
See More


😂 Nu waliin yoo turtan yeroo hundumaa akkuma gammaddanitti itti fuftu,... JOIN US


Gaaf gaaf.....

Duratti kan eegdu,
Dudduuba siqata,
Guddaadha kan jettu,
Hundarra xiqqata!

Gaaf gaaf.....

Hantuutaan firooma,
Adurreen manakee,
Diina sitti ta'a,
Guddisni harkakee

Gaaf gaaf......

Harki gabaabbateet,
Hiixachuun sitti cima,
Korojoo hormaatti,
Hawwiinkee dhidhima.

Gaaf gaaf.....

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


A k k a s 📱 A k k a s i i n

Fuula jireenyaa irratti,
Tibba siqiqiin namatti gamu
Daddaqama le'ii jireenyaan,
Ergeramee hamileen samu

Ofiif uumamaan ganamanii,
Si'a keessi ofii saakamu
Gaadiin mogolee rigamanii,
Ala dhadhaabbati ofii daakamu

Abdiin dagalee jireenyaa,
Dagalfata gidiraatti yeroo si gatu
Firiin milkii quuqee ifa labse
Cillima summaa'een si'a gatatu

Kun murtii labsii waaqaa
Seemaa diriirfame miti
Yoos gabaa jireenyaatti bahii
Obsa ittiin keessa hulluuqxu biti!

Jireenyi:-
Takka sabbata siif hiikkataa
Takka milkooma si jala lufa
Takka fulla'aa, takka gufachaa
Jireenya jiraachuun itti fufa!

Beeki,
Sirna leetoo keessatti hiraaruun
Kitaaba jireenya keenyaa, miti azala
Akkas akkasiin jireenya jiraachuutti
Hadhooftuu dhudha'aa dhaqqabu ajala!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


🥇"Gammachuun waan barbaaddu hunda argachuu miti Waan qabdutti gammadi, sababni isaas qarshiin gammachuu hin bitu. Naannoo kee baay’eetu jiru akkasumas isaan keessaa muraasa qofa argatta, yeroo dadhabbii kee keessatti... See More
👆👇👇👇💘

See More
See More


Haalota jirtu keessatti madda gammachuu qlqulluu 4 kanneen hin dagatin....☑️ See More


Cocorrisee korrisee
Hidda dhiigaa labee
Furtuu onnee fudhatee
Lugamee afaan qabee

Kayyoo kee siif raawwataa
Mana gammachuu na onsee
Nan falmadha ijibbaata
Jibbi jaalala doomse

Dhaddacha dhaapheen falmaa
Haqa hanqaaqame galchuuf
Kanan karoorsee ture galma
Akka utubuuf nu lachuu

Onnee kootti hin bu'in
Yoo tiruu ta'e malee
Kana caala nan miidhin
Yoo jiruun koo siif galee!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Oduu gammachiisa
Project paws badhaasa paws 10k qopheesse jira
Warri hin eegalin eegala ammuma
👇🚶‍♂️👇
https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=9xf4mE5B


Na jaallatta, anatti aanta.
Naaf obsita, naaf dhossita.
Suuta jettee na gorsita.

Na gargaarta, ofitti qabdee
Iccitii koo diidatti baastee
yoom lallabde!

Jettee fi jechaan, na tuttuqxee
nan waraantu
fuula guurtees na ifattee,
narraa in siiqxu

Jaalataakoo abbaa sirrii,
Hunda caalu
Waa’ela koo, warraa fi firrii,
Sin madaalu!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Ati haala
mildhuu keetu naf dawwaadha
Dhibee koorra na fooyyeessa
Si argiinaan suusiin ba'a
Si'in dhabnaan na jonjjeessaa
...na raateessa

At na waamnaan nagaan buusa
Nan siihaa waa maraafuu
At callisanaan gooliin kaasa
Harkaa hin laadhu waan baraafu

Dhokachuu kee na maraacha
Naaf boo'icha guyyaan chidhaa
Muldhachuu kee na araada
Susii hamaan kankoo sidhaa.

Ati jiraanan an lafadha
Nama hundaaf nagaa waaraa
Alala irraa gaafa ibsituu
Ilkaan keettan an bohaaraa
... Ati haalaa
... Ati miira

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


(Ta'innaa jaalalaa)
-
Si yaadaan manaa ba'e
Of nyaataan mana ga'e!
🤔
Aannannooftuu - jiistuu garaa
Tasgabbooftuu - beektuu baraa
Murtii-toltuu haadha haqaa
Gammachiistuu akka maqaa
Ka Uumaan barii naa mure,
Natti fakkaattee ture.
-
Dhugumammoo,
Aannannooftuudha
Qabbanooftuudha
Tasgabbooftuudha,
Dhugumammoo,
Bara beekta
Murtii tolta
Maqaaf bulta!
Dhugumammoo,
Arrabnikee qajeelina himti
Qalbiinkee gaarummaa hirti
Akka kootti!
-
Garuu natu,
Si yaadaa manaa ba'ee
Of nyaataa mana ga'e!
Suma situ,
Keessakee na agarsiisee
Eessakeeyyuu na dhabsiise!
...
Kan durse hin maaru
Durfamaan haa aaru 🥺
* * *

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Kamtuu wayya?

Afaan sukkummadhe
Garaatti qabadhee
Haa haftuu jedhee dhiisu
Moo dubbadhe duchisiisu

Kamtuu wayya? Isa kam?
Dubbadhe digdiguu
Daaratti gadii dikuu

Kamtuu wayya? Isa kam?
Itti dhiise bulfadhuu
Bar tokko dubbadhu

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Ee...
Akka waaqa arfaasaaf birraa
Balaqqeessi ba'u sirraa
Naasisee laphee na eelcha
Na feesisa boraatii gudeelchaa
Gudeecha keerra ciibsachuu mataa
Araadeen qalbii koo gataa
Atoo dagatte'yyuu waan maraa
Baruun natti ulfaate kee garaa
Kaleessatu har'a caalee
Kanaafan duuba ilaalee
Maal ta'a harki kee yoo na yaalee
Sinsinnii keenya buusee raaree
Silaa...
Nan boqodha akka sirrii
Nan dirmammaa'u sammuuf dirri

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha

Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Of siif laadheera tiruu koo
Kee qofan ta'ee hafaa
Si qofaafan jiraadha
Dhugaa waaqaaf lafaa

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne


✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Bitaan cufan mirgaan baana
Lukkuu jedhan risaa taana
Dhugaa irbuu isa kaleessaa
Tumaan ittuu nu jabeessa!
Hidda tolla - suuta loona
Nutti duulu- duula moona
Nu tuttuqu ni obsina
Nu dhukkubus ni kolfina!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join


Learning englsih very well Join Us Now
😃👇👇
https://t.me/Now_Speak_English
https://t.me/Now_Speak_English


Dhiirri dhokatee boo'a 👌

Wanta yaadu tibba dhabe
Hamileen'saa yennaa cabe
Qamaacaan sammuutti ba'ee
Ba'aa laphees itti ta'ee
Dararamee yoo hadoode
Hirqinfatee yoo gadoode
Dhiirri...
Rakkinni rakkoo dhalchatee
jireenya'saa yennaa goobu
Yeroo namni ilaalu miti
imimmaan dhiiraa kan roobu 👌
Eee...
Guyyaa kolfee sobee seeqee
Inuma simata sammuu qeeqee
garuu...
Galgala dukkana keessa
Argaa namaa dafee dheessa
Ibsaa dhaamsa ifa seessa
Holqa boo'ichaa of geessa

Miirasaa boqochiisuuf kophaa taa'ee
Imimmaanni morma jala isa yaa'ee
Nama dhokseetu of kiisa
Imimmaantu laphee jiisa
Malee dhiira garaatu boo'aan sobadha
Dhiirri kan boo'u gaafa qobaadha
Harka ol qabata
Waaqasaa kadhata 👌
sanuu..
"Imimmaanni dhiiraa
bishaan miti dhiigaa
Mogoleetu laafnaan
hadhooftuu diddigaa..."

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
       #share
         #join

Показано 20 последних публикаций.