YOUTH FOR CHRIST MINISTRY


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Engaged for Christ
TastE & SEE THE LORD IS GOOD
Come join us for an inspirational word from God. We are an imperfect people serving a perfect God! So, let’s exalt His name together and worship Him in the beautify of His holiness!
God loves you💝

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


"Goota Amantii Lubbuun jiru"
Obbo Raagaa Bayyanaa jedhamu.Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qilee ganda Billee Buubaa kan jiraatan obbo Raagaa Bayyanaa namoota Waaqayyo hojii gurguddaa ittiin hojjete keessa nama tookko yeroo ta'an nama amantiif Jecha Gidiraa hedduu arganii dha.Dinqii Waaqayyo godhe keessaa muraasa kunooti.
1. Maraatuu miilli sansalataan hidhamee harki funyoo dhaan mukatti hidhamee jiruuf osoo kadhatanii utuu namni irraa hin hiikin funyoonis ta'e sansalatni ofiin irraa hiikame
2. Mana hidhaa keessatti sansalataan hidhamanii halkan garee isaanii waliin faarfachaa osoo jiranii sansalatni ofiin irratti cabe, Isa Waaqayyo cabse akka waan isaan cabsaniitti gatii sansalataa kaffalta jennaan gaafa isaan didan namni biraan waliin hidhamee jiru irratti kaffalee ofii Isaa ammo waaqa sansalata nama irra hiiku kana amanuun qaba jedhee Gooftaa fudhate.
3. Aarii sansalatni isaan irraa bu'een nama biraa wajjin sansalata tokkoon torban sadiif akka walitti hidhaman ta'e
4. Sababa isaan torban sadii oliif sansalataan walitti hidhamaniif manni hidhaa sun halakaniin raafame, kana malees borumtaa Bonaan Amajjii gaafa 5 bara 1959 moota keessa tilmaamaan sa'aa 5:00 tti Qilleensi mana hidhaa qorqorroo baallee 120 diigee lagatti gate. Eegduun mana hidhaa sunis waan baqatee badeef jarri ni dhuman jedhanii magaalaan yeroo yaa'ee dhaqetti Ajajaan dhibba hamma kana gidirse harka isaan dhaqee sansalata irraa hiike.
Mudannoo fi muuxannoon isaanii hedduu waan ta'eef Isa kaan yeroo biraan itti deebi'a.
"Safuun kan waaqa keenyaati !"
Ani gama kootiin namoota Waaqayyo diinqii akkanaa ittiin hojjete keessaa nama tokko kan ta'an qaamaan argadhee haasofsiisuu koof guddaa gammadeera.
Kanneen hordoftoota hedduu qabdan namni Kun miidiyaa guddaa kan akka TV Mo'aa argatanii dubbisuun mudannoo fi muuxannoo isaanii dhaloota biraan akka ga'an osoo gootanii hawwii kooti.
Carraa kanaan nama kana qaamaan agree akkan dubbisuuf haala kan naaf mijeessan obbo Yaadaa Qana'aan galatoomaan jedha.
Maddi:- Tamana mangashaati


Seenaa goota wangeelaa kanaa dubbisaa


Caaffatootni qulqullaa'oon qajeelfama jireenyaaf nu barbaachisu hundumaa qabu. Garuu eenyu itti dhiyaatee irraa haa baraturee? Namni Waaqayyoo J.I. Packer
“Akka itti waaqeffattu baruuf Macaafa Faarfannaa dubbisi, akka itti qoramsa keessa hulluuqtu(darbitu) beekuuf Macaafa Iyyoob dubbisi, jireenya ogoome jiraachuuf Macaafa Lallabaa dubbisi,…” jechuun gorsa tiksoomaa amantootaaf dhiyeessaa ture.

Egaa yaa obboloota koo, tarii komee keenya garasitti Waaqayyo maaliin akka nu komachaa jiru haleellee haa ilaallannu. Sagalee isaatiif bakka haa qabaannu. Waaqayyo akka nutti dubbatuuf, akka nu qajeelfatuuf yeroo haa kenninuuf. Akka Abrahaam fuula isaa deddeebi'uu, akka Maariyaam miilla isaa jala taa'uu haa shaakallu. Yoos amantiidhaan gara teessoo ayyaana Waaqayyootti dhiyaachuu, ayyaanaa fi araara nu barbaachisu fudhachuu ni barra’oo.

Namni araarri ta'eef immoo komataa hin ta'u. Innis akkuma tola araara argatetti, akkasuma obboleessa torba si'a torbaatama isa miidheef dhiisuuf humna argata. Yoos nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuu barra. Fudhachuu irra kennuun akka nama gammachiisus Gooftaan ayyaana isaatiin waan nu leenjisuuf eeggattummaa jalaa baanee arjaa taana. Yoos Jireenyi hadhaa’e galata guutee irraa dhangala'uun bakka bu'a. Eeyyee Gooftaa wajjin lafti onaan iyyuu iddoo dhaabaa lalisaadha. Dhugaa dubbichaatti gaafa cichinu, obboloota dhugaadhaan Gooftaa jaallatanis argachuun keenya waan hin oolle. Hariiroon nuyi Waaqayyoo wajjin qabaannu wayita sirratu, eebbawwan kanneen biroon sana hordofanii toora galu.

“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama ”(Mat 6:33).

Gooftaan caalchifannaa (priority) jireenya keenyaa nuuf haa ta'u. Amanamummaa isaatti hirkachuun boqochuun nuuf haa ta'u.

“ Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne; isin gorsa koo hin barbaanne, ifata koo hundumaas in tuffattan; kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu. Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas ‘Giddii hin qabu’ jechuutu balleessa. Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus…” (Fak.. 1:29-33).
Kanan dubbisee irraa baradhe irraati!

t.me//Youth4Christ1


'Namatu waa’ee koo itti dhiise, kopha-galeessan ta'e, kan na hubatutu hin jiru, namni natti dhiyaatu hundinuus bu'aa mataa isaatiif malee, anaaf kan dhimmu miti' fi wkf jedhanii namootni yeroo quuqqaa garaa isaanii ibsatan, gariin immoo sababa kanaan abdii kutannaa hamaa keessa akka galan yeroo dubbatan ni dhageenya. Anis komii kanarraa walaba miti. Dhimma kana waliin wal'aansoo qabeera; bitintiree kufeera; copha abdii kootiitti mixixxadhee bakkan kufee ka'ees beeka.

Sana hundumaa booda dhimma kana gad fageenyaan yeroon xiinxalu, cabawwan keenya baay'eesaa duuba yookiis cabawwan nu eelchan kulkufachuu keenya duuba, gamuma keenyaan dogoggorootni kan biroon jiraachuu isaaniin hubadha.

Inni jalqabaa, eessa akka jirru dagachuu keenyadha. Addunyaa cubbuun kufte, kan namoota ofittoo ta'aniin guutte, sanuu namoota gad fageenya dhukkuba isaanii of irratti hin beekne gidduu jiraachaa kunuunsa eegganna. Sanaa ol kan nama ajaa'ibu immoo nuyi warri komannu kunis akkuma namoota qeeqnu sanaa, komee walfakkaataa jala jiraachuu keenya. Nuyis kunuunsa gahaa obboloota keenyaaf laachaa(kennaa) hin jirrukaa! Dagattoota gammachuu mataa isaanii qofa adamsan akka taane ofirratti hin beeknu’oo.

Inni lammaffaan, hariiroon nuyi Waaqayyoo wajjin qabnu utuu hin sirratin, hariiroon nuyi uumama biraa wajjin qabaannu tasuma iyyuu sirrachuu akka hin dandeenye dagachuu yookiis wallaaluu(beekuu dhabuu) keenyadha. Samii irrattis ta'ee lafa irratti kan nagaa buuse dhiiga Kiristoos qofa akka ta'e hin qalbeeffannu. Nagaan dhugaan, gammachuu dhugaan kan argamu harka Waaqayyoo keessa qofaadha. Hundeen rakkoo keenyaa as ta'innaa laata?

Inni sadaffaan, Waaqayyo akka nu gargaaru ni hawwina, inumaayyuu afaaniin baasnee dubbachuu dhiisnus keessa keenyatti Waaqayyoon komachaa oolla. Baay'ee dhamaanee Waaqayyo nu gargaaruu waan dide nutti fakkaata. 'Erga na uumtee dirqama na gargaaruu qabda’ yaadni jedhu wayii diinqa yaada keenyaa keessa riphee jira. Kan nama gaddisiisu garuu qajeelfama sasalphaa Waaqayyo nuuf kenneef illee xiyyeeffannoo hin kenninu. Kadhachuuf yommuu jilbeenfannu illee kadhannaa Waaqayyo biratti fudhatama hin qabneen yeroo nuuf kenname qisaasessuu dandeenya. Waan nun fayyadne kan biraaf yeroo bal'aa qabaanna. Garuu yaada Waaqayyoo hubachuutti daagiidha.

Akkuma Yaaqoob ergaa isaa keessatti dubbatu,
“Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan. 3 Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu.” (Yaq 4:2-3). Kutaan kun kadhachuu keenya dura kaka'umsi nuyi ittiin kadhannu murteessaa ta'uusaa nu hubachiisa.
Namni tokko, ‘Bara baay'een Gooftaa eege, bara baay'een kadhadhe, bara baay'een dhama'e garuu homaa hin buufanne’ jechuu mala. Garuu immoo, ‘Kaka'umsa akkamiitiinan kadhadhe? Akka fedha isaatiittis kadhadheeraa laata?’ jedhee namni of ilaalu eenyu laata?

Kaka'umsa gaarii qabaachuuf immoo duraan dursee gargaarsa (humna) Waaqayyo biraa argachuu barbaachisa(Fil 2:13). Namni Waaqayyoo RC. Sproul jedhamu tokko kitaaba isaa “Kadhata Gooftaa” jedhamu keessatti akka barreessetti, Bara kana rakkoon ulfaataan inni amantoota irratti taajjabu yoo jiraate, namuu Waaqayyo biraa humna argachuu kan hawwu ta'us, Waaqayyo humna isaa caaffattoota qulqullaa'oo keessatti dhangalaasee akka jiru baay'oliin akka hin qalbeeffanne haalaan ibseera. Dhugumayyuu humna nu gargaaru barbaacha bakka baay'ee labna. Maddi humnichaa garuu nu biratti iddoo isaaf malu hin arganne. Akka fedha isaatti utuu hin taanee foormulaa mataa keenyaa bocnee ittiin Waaqayyo harkaa waa eegna. Bu'aan isaas joormaa akkasumaaniiti.


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
     👇👇


garuu sababii namootni dhunfaa kennaa ayyaanaa da'achuun fedhii dhuunfaa isaanii ittiin guuttachuuf yaalaniifiidha.

dadammaqiinsi kun rakkoo heedduus uumee jira.
yeroo kanaas kennaa qofa osoo hin ta’in fayyinni ayyaanaan qofa ta’uun yeroo itti barsiifameedha.

5. Yeroo fi bara sodaachisaa isa ammaa yeroon kun yeroo kam caalaa yeroo itti namoonni karaa jireenya isaanii jijjiiruun gara Jireenya isa dhugaatti deebi'uuf itti socho'aa jiran ta'uu argaa jirruu dha.

Barsiisa ayyaanaatiin wal qabatee yeroo ammaa kanatti Waldaa Kristiyaanaa keessaa balaawwan gurguddoo lamaatu jira;- isaaniis

A. Warra karaa naamusaa qabeessaa fi dhugaa fakkaatutti fayyadamuun dhalootni akka fayyinni seera eeguun ta'etti akka yaadu gochuu barbaadaniin Waldaan bifa Kristoos akka dhabdu godhaa dhufeedha. (warra dambii fi seera dhunfaa isaaniitiin dhaloota garbummaatti deebisan) kanneen amala Galaatiyummaa tiin guutaman.
warri kun eenyullee caalaa warra hojii fayyisuu Yesuus hojjate salphisaa jiranii dha.

B. Warra ayyaana da'oo godhachuun xuraa'ummaa fi seera maleessummaan dhaloota mancaasaa jiranii dha. qormaanni Waldaa bara kanaa inni guddaan isa kana.
- Waa'ee warra kanaa gabaabsinee ilaaluuf amala isaanii muraasa akka kanaan argina.
#Qulqullummaa_jibbuu;- "ayyaanaan fayyine waan ta'eef akka barbaadnetti yoo jiraannees hin badnu" jechuun warra ayyaana akka humna cubbuurraa fayyisuutti osoo hin ta'in akka eeyyama cubbuutti fudhatanii dha.

#Luqqifattummaa;- Kitaaba Qulqulluu guutuutti amanuu diduun kutaa isaan barbaadan qofa fudhachuun cubbuuf eeyyama godhachuuf yaaluu.

#Cabsattummaa;- dhaloota Waldaa keessa jiru irratti xiyyeeffachuun tokkummaa Waldaa diiguun dhaloota cubbuu jaallatu cabsanii baafachuun xuraa'ummaaf itti fayyadamuu.

#Seera_maleessummaa;- dhaloota gadhiisii godhuun warra naamusa jireenyaa tiif iddoo hin qabne godhuun bifa qulqullummaa dhalootarraa balleessuu.

#Barsiisa_miiraa;- baruumsa sammuu fi miira namaa qofa sochoosu kan jijjiirama jireenyaa hin eeyyamne fi of qabuu nama dadhabsiisu (fedha cubbuutiif dhaloota kakaasu).

#Faaltummaa;- dhaloota baadiyyaa fi magaaloota xixiqqoorraa gara magalaa guddoo fi mana baruumsa olaanoo dhufan leenjii barsiisa xuraa'ummaa kana fudhachiisuun dhaloota Waldaan duubaa abdattu akka xureessaniif caasaa isaanii diriirsuun kan hojjatanii dha.
fi kkf....

Warri kun ilmaan seexaanaa, haramaa abbaan isaanii daabiloos ittiin dhaloota jireenya maleeyyii gochuuf bara kana keessa kaafatee dha.

"Ayyaanaaniin fayye" jachaa xuraa'ummaa baballisuuf hojii hojjatamu fi manca'iinsa ilmaan seexanaa dhalootarraan ga'aa jiranii fi gahuuf karoorfatanii irratti hojjachaa jiran mormuuf yeroon amma.

Egaa xumurarratti;- Ani barsiisoota sobduu fi yeeyyota warra dhaloota xureessan fi raajoota sobduu yeyyoota warra dhaloota nyaatan mormuuf dirqamaan qaba, aarsaa inni na gaafatuus taanaan kafaluuf yoom illee qophiidha. Ani garee dhugichaati. Dhugaa lallabuufi dhugaa jiraachuun itti fufa!

t.me//Youth4Christ1


BARSIISA AYYAANAAN FAYYUU FI SEENAA WALDAA KRISTIYAANAA.

👉Namni hundi kan dubbisuun ta'u ergaa jabaa

❝ayyaanni Waaqayyo inni nama hundumaa fayyisu mullatee jira.❞ Tit. 2:11

Yeroo ammaa kanatti irra deddeebiin mata duree kana kaasuun maaliif barbaachise?
1) Waan Wangeelli nu harka jiru jallinaa fi sobdoota dhaloota karaarraa kaachisan irraa dhaloota akka eegnuu fi, jallinaan akka morminu nu ajajuuf.
2) Hojii itti waamamnen (tajaajilaa isa itti taane, aangoo fi muudama Gooftaa biraa fudhannee fi ergama Waldaan itti nu waamteen) dhaloota akka tiksinu dirqamni waan nurra jiruuf.
3) Callisuu keenyaan dhaloota baduuf waan itti gaafatamnuuf.
4) Balaan baruumsi kun fidu nama dhunfaa qofarratti osoo hin ta’in kan dhalootaa fi Waldaa Kristiyaanaa faalaa jiru waan ta’eef. fi kkf

Ayyaanaa fi fayyinaan walqabsiifnee yoo ilaalle seenaan Waldaa Kristiyaanaa iddoo hedduutti qoqqoodamti, harraaf garuu kanuma haa ilaalluu.

1) Waldaa jalqabaa fi barsiisa fayyinaa;- Waldaa Kristiyaanaa isheen jalqabaa HoE 2 irratti humna Hafuura Qulqulluu tiin yeroo mullattetti barsiifni ture, "Fayyinni Yesuus Kristoos amanuu qofaan ayyaana Waaqayyoo tiin" kan jedhu yoo ta'u, guutummaan guutuutti seera, aadaa fi naamusa namaa irraa bilisa karaa ta'een fi seera Kristoos isa JAALALA qofaan ta'een kan jiraatamu ture.

2) Waldaa Kristiyaanaa fi bara dukkanaa (500-1500) tti;- baroonni kun Waldaa Kristiyaanaa tiif "bara dukkanaa" jedhamuun beekama. baroota kanatti ammoo Waldaan gaay'ila seeraan alaa moototaa fi gurguddoota biyya lafaa wajjiin raawwachuun aadaa, barsiifni fi naamusni namaa iddoo qabachuun guutummaan guututi Waldaan Kristiyaanaa kan Kristoos ta'uun hafee tan geggeessitoota biyya lafaa fi luboota kaatolikii taatee bara itti jiraattee dha.
Baroota kanati waa'een fayyinaa fi barsiifni ayyaanaa iddoo dhabuun amantiin Kristoos hin beeknee fi amantoonni Kristoositti adda ba'an baayachuun dhaloota amanti maleessaan biyyi lafaa guutamtee turte.

3) Bara Haaromsaa (Jaarraa 16ffaa---) ;- yeroon kun "yeroo itti Waaqayyo karaa Hafuura isaa fi gara barsiisa Kitaaba Qulqulluutti dhaloota deebisuun itti hojjatee dha" jannee amanna. seenaan haaroomsaas isuma kana kan mullisuu dha.
Yeroo kanatti amantiin gara hundee ishee jalqabaatti deebi'uun utubaawwan madaala Kristiyaanummaa harka namootaa, mootootaa fi lubootaatii fuudhamuun gara barsiisa fayyinaa isa dhugaatti bara itti deebitee dha.
-utubaan madaallii kuniis;-

a) Kitaaba Qulqulluun qofaa "karaa fayyinaa kan namatti himu, barsiisaa dhugaa, gaggeessaa, seera Waaqayyo, Hojii gaariif kan nama qopheessuu fi kkf" kan ta'uu macaafaqulqulluu qofaadha.

b) Amantiin qofaa:- karaan ittiin gara Waaqayyootti dhiyaannuu fi jireenya dhugaa ittiin jiraannuu amantii qofaa ta'uu.

c) Ayyaana qofaa;- kun karaa kophaa namni ittiin haa fayyuuf Waaqayyo inni fayyinni isa qofa biraa argamu karaa Kristoosiin namoota ittiin fayyisuuf kenneedha. Fayyina kanaas namoonni amanuu qofaan akkasumaan kan Waaqayyo biraa ayyaanaan fudhatan ta'uu tu barsiifame.

d) Kristoos qofaa;- inni kun karaa ittiin gidduu galeessummaa Kristoos qofaan gara Waaqayyoo dhiyaannuu fi Fayyisaan, Gaggeessaa, Mataan, Gooftaan, Firdii kennaan Yesuus qofaan ta'uu kan mullisuu dha.
e) Ulfinni Waaqayyoof qofaa;- inni kun utubaa naamusa jireenya amantootaa ta’uun isa mullatee dha. jireenyi amantootaa gochaa, deddeebii, dubbii fi akkaataan jireenya isaanii ulfina Waaqayyoof qofa ta’uu qaba kan jedhu karaa ittiin mullateedha.

Eegaa karaalee kanneeniin ture kan "Haaromsi" jaarraa 16ffaa ture, inni kun ammoo karaa ittiin namoonni hedduun gara Waaqayyootti deebi'an ta’uun ifaan ifatti mootummaan Kristoos nu dabalatee dhaloota hundaarrati akka iddoo qabattuu kan ta'eedha.

4) Jalqaba jaarraa 20ffaa yeroon kun yeroo itti dadammaaqiinsi hafuuraa guddaan ta'e yoo tahu, rakkinootaa fi hanqinoota gara garaa qabaatuus Waldaa Kristiyaanaa keessatti karaa humna Hafuura Qulqulluu kannaawwan ayyaanaa hojjachuun yeroo itti Waldaan gara amala muraasa Waldaa ishee jalqabaatti akka deebituuf sochiin muraasni godhamee dha.


Mee namni na Hordofaa jirtu mallattoo ❤️ ykn 👍 tuqii natti argisiisi


Lallabaa Wangeelaa jaallatamaan ilmi Billy Graham kan Franklin Graham jedhamu sagantaa koonfiraansii guddaa "Yeroo yaadatamuu Itoophiyaa " jedhu geggeessuuf garee isaanii "Billy Graham Evangelical association" waliin guyyaa kaleessaa Finfinnee galaniiru. Guyyaa harraas Paastaroota 1200 oliif leenjii kennaa turaniiru. Sagantichi guyyaa borii jechuun 29 fi 30/6/2017 magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti ni geggeeffama.
Sagantichaan wal qabatee haalli geejjibaa imaltotaaf biliisan kan qophaa'e yoo ta'u, konkolaataan biroon hundumtuu garuu naannoo sanarra akka hin deemne dhorkamaniiru. Ibsa dabalataaf maxxansa itti aanu dubbisaa!

t.me//Youth4Christ1


==Hubachiisa‼️==
Lallaba Wangeelaa Finfinneetti guyyaa boorii irraa eegalee gaggeeffamuuf daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Lallaba Wangeelaa Manni Maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa fi Waldaan Wangeelaa Biilii Giraam waliin ta’uun Guraandhala 29 fi 30/2017 Addabaabaayii Masqalaatti gaggeessan hordofee Poolisiin Magaalaa Finfinnee Daandiiwwan Konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Haaluma Kanaan:-

👉Daandiin Olompiyaarraa Addabaabaayii Masqalaa geessu Addabaabaayii Olompiyaa irratti

👉Addabaabaayii Xilaahuunii gara Addabaabaayii Masqalaa Geessu Ibsaa Saanjiiseef irratti

.👉Ibsaa Lagahaar irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Lagahaar irratti

👉Teelee Maaquwaarecaarraa gara Isteediyeemii kan geessu Teelee Maaquwaarecaarratti

👉Ibsaa Harraambeerraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Harraambeerratti

👉Masaraa Biyyaalessaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Masaraa Biyyaalessaarratti

👉Addabaabaayii Uuraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Baambiisi marfata Hospitaala Maqraz irratti kan cufamu ta’uu ibsameera.

Daandiiwwan kunneen guyyoota lameenuu guyyaa guyyaa sa’aatii 5:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti kan cufamu ta’uu eerameera.

Odeeffannoo dabalataaf Telegram keenya hordofaa 👉 https://t.me//Youth4Christ1

Madda :FBC fi fuula fb https://www.facebook.com/share/14zssM1zEa/ ti


Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa! Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa! Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa! Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa!

Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa! Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa! Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa! Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, “Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa” jedhee dubbateera. Iddoo tokkotti immoo, “Diinni kee yoo beela'e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella'u in goota” jedhamee caafameera. Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!

Roomaa 12:9-21


t.me//Youth4Christ1


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Safuu yaa araara Waaqayyoo

“Abboonni keenya garuu of bokoksanii mataa jabaatan malee, abboommii keef tole hin jenne*. Isaan garuu abboomamuu in didan; mataa jabaatanii didanii ka'uu isaaniitiin gara mana garbummaatti deebi'uudhaaf dura-buutuu fo'atan malee, dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne; ati immoo Waaqayyo isa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf qophaa'ee dha, araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessas; dheekkamsaaf suuta jetta, gaarummaan kee guddaa waan ta'eefis ati isaan hin ganne*. Yommuu isaan dibicha tolfatanii, ‘Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana’ jechuu isaaniitiin arrabsoo guddaa hammamii si arrabsan*! Kana keessaa immoo araara kee isa guddaa irraa kan ka'e, lafa onaa keessatti isaan hin ganne; utubaa duumessaa isa guyyaa karaa isaanitti argisiisaa ture, utubaa ibiddaa isa halkan karaa isaan irra adeeman ibsaafii tures isaan duraa hin fuune.
Macaafa Nahimiiyaa 9:16-19

t.me//Youth4Christ1


💔 Hundeen Jaalala dhugaa yaadota gurguddoo 5n kanneen... See More

🗣️ Amalootaa fi haasawa dubartiin tokko jaalala ittiin ibsattu keessaa muraasni,,..
      👇
   See More
   See More


🎆 Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!
🚩🚩 ➖➖🚩🚩

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@JCP_CHURCH 🛰
┃_
@marsiltvworldwide 📺
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@morning_tips 💐
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@gaggeessummaa24🕖
┃_
@feeling_love123 ❤️
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@revealjesus 📕
┃_
@shoppinggeni 🏷️
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@ethioacadamic ✍️
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@xinsammuu1 😀
┃_
Christian Living 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@kbdstyles 🎹
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@academic_research_center📕
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Dire_Sport ⚽️
┃_
@sportnews_724 🏐
┃_
@Lifetips30
┃_
Idea Creative🔝
┃_
@Cryptoanalysisofficial 🌐
┃_
Daily Quotes 🗣️
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
@kaayyoodhugaa 📩
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@gaggeessummaa_com 🔔
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@be_positive24
┃_
@youth_center1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️


┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 😀

Contact: @Getu_Abera


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇




7. Ilmaan namaa hundaaf “Abdii fayyinaa tokkicha” isa ta’e Masiihii Yesuus Kiristoos “qofaa” 
abdii kan hin godhatiinii fi kan hin amaniin hundi gara galaana ibiddaa isa Seexanaa fi 
ergamoota isaaf qophaa’etti akka gataman dursanii akeekkachiisuu dha.
4. Faayidaa Macaafa Qulqulluu
Macaafni Qulqulluun faayidaa eessumayyuu hin jirre ilmaan namootaaf in kenna. Macaafa 
guddaa namootni dhuunfaa, hawaasni, biyyootni jijjiirama ajaa’ibsiisaa akka fidan taasise dha. 
Sababiin isaas sagaleen isaa lubbuu kan qabu (the living word) fi kan hojjetu (operative) waan 
ta’eefi dha (Ibr 4:12). Faayidaa foonii fi hafuuraa beekumsi Macaafa Qulqulluu kennu keessaa
muraasni kanneen armaan gadii ti.
1. Waaqayyo irraa lammaffaa dhalachuuf (1Phex 1:23 – 25, Yaq 1:18)
2. Dhimma kamirrattiyyuu fedha Waaqayyoo beekuuf (HoE 17:11)
3. Daandiin keenya akka wal nuuf qixxaatuuf (Iya 1: 7 – 9, Far 1:2 - 3)
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#share #share gochuudhan hiriyaa kee afferi
Hiriyoota keessan #Add #Add gochuu dagaatiina. Barumsi itti fufa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

t.me//Youth4Christ1


keenyaaf, lubbuu keenyaa fi hafuura keenyaaf kan ta’u ittiin argannu dha (Yoh 15:7).
Dhimmoota foonii fi hafuuraa keenyaa kamiifuu qajeelfamaa fi deebii qaba (2Xim 3:16).
5. Macaafni Qulqulluu maanguddootaaf, ijoollotaaf, beektotaaf, namoota hin baranneef,
dhiirotaaf, dubartoota hundaaf kan ta’u hundis dubbisuu kan danda’u macaafa tokkicha dha.
Akkasumas, macaafa aadaa kamiiniyyuu, nama dhuunfaa kamiiniyyuu fi kkf’n dubbifamuu kan
danda’uu fi jijjiirama fiduu danda’u (Revolutionary) dha.
Yaadannoo: Mootii gudduttiin Ingilizii kan turte Viiktooriyaan albuuda baay’ee xiqqoo kan
qabdu Ingiliziin akkamitti yeroo tokkotti addunyaa hunda bituu akka dandeesse yommuu
dubbattu “Icciitii guddaan Ingilizii Macaafa Qulqulluu dha” jettee turte. Sababiin isaas
uummanni Ingilizii hundi afaan dhaloota isaaniitiin Macaafa Qulqulluu akka dubbisan kan
taasifame waggaa 500 har’aa irraa eegalee madda guddaa jijjiirama yaadaa fi teekinooloojii ta’ee
ture.
6. Dhugummaan seenaa keessa isaa jiru caalaadhumatti immoo macaafa amantaa (religion) kam
irraa adda isa taasiseera. Namootni dhuunfaa isa keessa jiran, hojiilee gurguddoo Waaqayyoo fi
kkf dhugaa waan ta’aniif nama kamiifiyyuu qajeelfama jireenya dhugaa fi qabatamaa kennuufii
danda’eera. Kana irra darbees, waa’ee jireenya gara fuula duraatti dhufuufis dhugumatti
ittigaafatamummaa kennuufii danda’eera (Yoh 3:16).
7. Macaafni tokkichi kallattiidhaan yaada Waaqayyoo namootaaf ibsuu danda’es isa dha. Kana
guutuu kan danda’us macaafni amantaa (religion) addunyaa kana irra tasumaa hin jiran. Dhimma
kamiyyuu irratti fedhiiwwanii fi eeyyamni Waaqayyoo kallattiidhaan kan argaman Macaafa
Qulqulluu keessatti qofaa dha.
8. Yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu in ol aanaan /guddaan/(grand theme) Gooftaa Yesuus qofaa
dha. Jalqabaa hanga dhuma Macaafichaatti namummaa fi eenyummaa guddaa inni mul’isuu
barbaade Gooftaa Yesuus Kiristoos dha. Namni macaaficha dubbisee gara Yesuus yoo dhufuu
dhaabaate, Macaafa Qulqulluu qu’achuun isaa galmaan hin ga’amne jechuu dha (Yoh 5:39).
9. Jalqaba addunyaa, seenaa dabarsite, amma kan dabarsite, haala jiru, seenaa addunyaa gara
fuula duraatti dhufuuf jiru, dhuma addunyaa samii fi dachee haaraa dhufuuf jirtu macaafni
mul’isuu danda’es Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Efe 1:9).

10. Macaafa umurii baay’ee baay’ee dheeraa qabu yommuu ta’u gama tamsa’inaanis hamma
Macaafa Qulqulluu tamsaasa kan qabu kan amantaas (religion) haa ta’u, macaafni gosa biraa
addunyaa kana irra gonkumaa hin jiru. Kana duwwaas otoo hin ta’iin afaanota addunyaa kanaa
hundatti macaafni hiikame Macaafa Qulqulluu qofa ta’uu isaatiin adda isa taasisa.
Yaadannoo: Macaafni Qulqulluun afaanotaa 2000 ol ta’anitti kan hiikame yommuu ta’u,
guutummaa addunyaa kanaa hundatti biyya inni hin geenye gonkumaa hin jiru

3. Kaayyoo Gurguddoo Macaafa Qulqulluu
1. Uumamni ijaan argamuu fi ijaan hin argamne hundi eenyuunii fi akkamitti akka uumame (gara 
jiraachuutti akka dhufe) mul’isuu fi beeksisuu
2. Dhugaa fi tokkicha isa ta’e Waaqayyoon ilmaan namootaa hundaa wajjin wal barsiisuu
3. Ilmaan namaa hundi sababii cubbuu isaaf Waaqa qulqulluu wajjin kan wal lole ta’uun, murtiin 
qajeelinaa Waaqayyoo akka isa eeggatu akeekkachiisuu
4. Karaa namootni gara Waaqayyootti dhiyaatanii fi itti araaraman, daandii ittiin fayyuu 
danda’an itti agarsiisuu (Yoh 14:6, Ibr 7:25). 
5. Warri Waaqayyotti araaraman kun immoo jireenya foonii fi hafuuraa akkamii jiraachuu akka 
qaban qajeelfamaa fi gorsa kennuu (2Xim 3:14 - 17).
6. Dacheen amma irra jiraannuu fi samiin nuyi beeknu kun gara fuul duraatti sirna isaanii wajjin 
akka badanii fi daandii Waaqayyo qopheesseef Yesuus Kiristoos qofatti kan amanan Waaqayyo 
wajjin bara baraan samii fi dachee haaraa keessa waliin akka jiraatan mul’isuu

Показано 20 последних публикаций.