Фильтр публикаций


Poolisiin Magaalaa Finfinne du'a Qananii Addunyaa Waaqoo qorataa jiraachuu akkasumas Weellisaa Andu’alemiin to’annaa jala oolchuu beeksise.

Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Gamoo Wuddaasee Manneen Sunshine Fuulduratti argamu keessa kan jiraachaa kan turte Qananiin, Bitootessa 1, 2017, halkan naannoo sa'aatii 10:00 tti, sababa hin beekamneen barandaa mana ishee gamoo 5ffaa irraa kuftee gara Hospitaala Yaaneet geeffamaa osoo jirtuu lubbuun ishee darbe.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee odeeffannoo kana akka argateen booda garee qorannoo ijaaruun bakka balaan kun itti dhaqqabe dhaquun odeeffannoo teeknikaa fi tooftaa barbaachisaa ta’een walitti qabuun reeffa nama du’ee kanaa gara Hospitaala Minilik IItti erguun qorannoo dabalataa akka ta’u taasifameera.

Poolisiin magaalaa Finfinnee kaadhima Weellisaa Andualem Goosaa kan taate Qananii Addunyaa Waaqoo yeroo isheen barandaa irraa kufte Andualemiin mana keessa ture sababa ta’eef , to'annoo jala oolchee qorachaa jira.

Poolisiin magaalattii bu'aa qorannoo xumuraa ummataaf akka ifa godhus beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

45.9k 1 30 67 1.2k

#Oduu_Gaddaa
Haati manaa Artistii jaallatamaa Oromoo Andu’alam Goosaa, Moodel Qananii Addunyaa akka tasaa boqotte,

Haati warraa Artist Andu’alem Goosaa, Moodeel Qananii Addunyaa du’aan addunyaa kanarraa boqattee jirti.

Haati manaa Artist Andu’alem Goosaa Gamoo darbii shanaffaa irraa kufuun boqochuu ishee maddeen keenya irraa odeeffanneerra.

Moodeelaa Ol adeemtuu, abdii guddaan eegamaa jirtu Qananiin haala kanaan lubbuun darbuu ishee maatii, hiriyyoota, dinqisiifattoota isheefi kan abbaa warraa ishee hedduu gaddisiiseera.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa lubbuun darbuu haadha warraa Andu’alem Goosaaf gadda guddaa itti dhaga’ame ibsaa maraaf jajjabina hawwa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

67k 1 121 237 2.3k

Qarshii 10,00 injifadhaa!

Asbeks sagantaa badhaasa qarshii 10,000 marsaa haaraa eegalee jira. Click gochuufi Taaskii walitti qabachuun tokkoffaa baanaan qarshii 10,000 kan injifattan ta’a.

Tokkoffaa ba’uu qofaan osoo hin taane top 50 keessa seenuun ulaagaa guunnaan akkaataa ulaagaa kaawwameetiin qarshii kan argattan ta’a.

Asbeks badhaasa qofaaf osoo hin taane yeroo boqonnaa keessanii haga dandeessan walitti qabachuun faayidaawwan Asbeks fuulduratti fidee dhufaa jiru mara kan hirmaattan ta’a!

Maarree ammumaa eegaluun tokkoffaa ba’aa! Qarshii 10,000 cinatti faayidaawwan Asbeks fidee dhufaa jiru maraaf dursa argadhaa!

Eegaluuf @AsbeksPlatform hordofaa!

Asbeks Waliin Fuulduratti 🥰.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Barattoonni Musliimaa Hanqina Nyaataa fi Bishaanii Irratti Sagalee Dhageessisan, Bulchiinsii Magaalaa Roobee Furmaata Kenuuf Waadaa Gale

Barattoonni Musliimaa Yuunivarsitii Madda Walaabuu keessatti hanqina nyaataa, bishaan dhugaatii , shoorbaa dhabuu, qulqullina kaaffee, iddoo shaawarii fi mana fincaanii irratti rakkoo keessa jiraachuu isaanii magaalaatti ba’uun hiriira nagaa geggeessuun sagalee isaanii dhageessisanii turan.

Itti aansuun, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee fi itti gaafatamtoonni head department hunda irraa dhufanii barattoota waliin mari’achuun tasgabbeessanii mooraatti akka deebi’an taasifameera.

Rakkinooti kunniin akka furamuufis akka hojjetamu barattootaaf ibsuun barattoonni nagaan kara barnoota idilee isaaniitti deebi’anii jiru.

Moorichatti rakkoon walfakkaataan irra deddeebiin kan ka’u yommuu ta’u kanaan dura dhimma walfakkaataa gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Suuraan fi viidiyoo taatee ture mullisu armaan olitti maxxanfameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

91.4k 1 59 55 792

Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Asbeks Qarshii 10,000 eenyutu injifate!

Haala ho’aan eegamaa ka ture, waldorgommii Asbeks, injifataan marsaa kanaa barameera!

Waldorgommii Asbeks geggeeffamaa ka ture hojjetaan Mulugeetaa Darajjee Roobaa qabxii 6,122,571 galmeessuun qarshii 10,000 injifateera.

Mulugeetaan injifachuu isaatti kan gammade yommuu ta’u, viidiyoo armaan olii irratti ergaa isaa dabarfateera.

Dabalataan injifattoonni sadarkaa keessa ba’uun yeroo kennameefitti Withdraw ajajatan yeroo ammaatti marti isaanii qarshii isaanii karaa Waleetii Bilookcheenii TON isaan qaqqabuu gareen @AsbeksPlatform beeksiseera.

Asbeks yeroo yeroo sagantaa garaa garaan hojjettoota isaa badhaasaa kan jiru yommuu ta’u marsaa itti aanuufis badhaasa addaa qopheesseera.

Harra sa’a 12:00 tti ka eegalu marsaan itti aanu, reward clicks nama maraa 0 irraa akka eegalu gareen Asbeks beeksiseera.

Namoonni ulaagaa guutan yeroo yerootti maallaqa isaanii Asbeks irraa baafachaa jiru. Marsaa kana garuu adda ka taassisu ulaagaa tokko malee namni dhuma marsaa kanaatti 1ffaa ba’e qarshii 10,000 kan injifata ta’a.

Mulugeetaan baga gammadde jechaa, waldorgommii sa’a 12:00 harra eegaluuf hojjettotta Asbeks maraaf carraa gaarii hawwina!

Asbeks carraawwan hedduu fidee dhufaa kan jiru yommuu ta’u, yeroo dhihootti Asbeks shop eegalchiisuun namoonni Asbeks isaanii fayyadamuun meeshaalee dhihaatan bitachuun lafa jiranitti akka ergamuuf hojjetamaa jira!

@asbeksplatform Ammuma hordofaa !
Asbeks Waliin Fuulduratti!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Asbeks Waliin Fuulduratti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

92.3k 1 13 17 286

Piroofesar Birhaanuu Naggaan Gimbiitti Mana barumsaa moodeela 'Biiftuu Gimbii' jedhamu ijaarsa eegalchiisan .

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbiitti Mana barumsaa moodeela sadarkaa 2ffaa 'Biiftuu Gimbii' jedhamu ijaarsa eegalchiisaniiru.

Piroofesar Birhaanuu dabalatee hoggantoonni olaanoon Mootummaa naannoo Oromiyaa fi hoggansi godinichaa hojiilee misoomaa daawwataa jiru.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

117.1k 1 19 50 748

NGAT

Galmeen Qormaata Digirii Lammaffaa Biyyaalessaa (NGAT) Gurraandhala 27 hanga Bitootessa 1, 2017, hanga sa’aatii 12:00 halkaniitti karaa liinkii galmee https://ngat.ethernet.edu.et/registration qofa banaa ta’uu ministeerri barnootaa beeksise.

Gaaffii galmee waliin walqabatu yoo qabaattan sa'aatii hojiitti ngat@ethernet.edu.et ykn 0920157474 (Enatnesh Gebeyehu) fi 0911335683 (Fasil Tsegaye) irratti nu qunnamaa jechuun beeksisi ministeerichaa eereera.

Guyyaan qormaataa boodatti kan beeksifamu ta’a.

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

100.8k 1 209 12 280

Qormaanni Madaallii Gahumsa Ogeessota Fayyaa Bitootessa 2017 keessa ni gaggeeffama.

Galmeen qoramtoota qormaata kana fudhataniif har’a ….. @Abdii_Sabaa_University

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

126.5k 1 47 31 602

#MoE

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa Waxabajjii 2017 fudhachuuf jiran waraqaa eenyummaa(National Id ) baafachuu qabu. - Ministeera Barnootaa

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa WAXABAJJII 2017 fudhachuuf jiran qormaata kana fudhachuuf waraqaa eenyummaa Dijaataa seera qabeessa ta’e (Faayidaa) qabaachuu akka qaban ministeerri barnootaa seekulaarii dhaabbile barnoota Olaanoof ergeen beeksiseera.

Kunis odeeffannoo barattoota bifa seera qabeessa ta’eefi qindaa’aa ta’een walitti qabuufi kuusuuf kan tajaajilu ta’uu ibsa Seekulaariin kun.

Haaluma kanaan barattoonni qormaata fuula dura jiruuf Waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana dhaabbilee kennan adeemuun fudhachuufi of qopheessuun barbaachisaadha.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

137.4k 1 137 53 698

Guyyaan Injifannoo Adwaa 129ffaan kabajamuu eegale

Guyyaan Injifannoo Adwaa 129ffaan Magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamuu eegaleera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Yaadannoon Injifannoo Adwaa 129ffaan kabajamuuf.

‘Adwaa Injifannoo Ummattoota Guraachaa’ mata duree jedhuun Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa129ffaan boru kabajama.

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa 129ffaan guyyaa boruu Muuziyeemii Yaadannoo Injifannoo Adwaa Birbirsa Gooroo (Piyaassa) keessatti ni kabajama. Injifannoon Adwaa gootummaa fi murannoon ummata Itophiyaan argame.

Uummanni Oromoo injifannoo kana keessatti gahee olaanaa taphataniiru. Loltoonni Oromoo, kan akka Jeneraal Tufaa, Fitawrarii Gabayyoo fi Fitawrarii Gammadaa, qabsoo kana keessatti shoora guddaa gumaachaniiru. Oromoonni beeylada, nyaata fi meeshaa waraanaa akkasumas humna waraanaa guddaa gumaachuun injifannoo kana keessatti adda durummaan seenaa dalaganiiru.

Guyyaan kun Finfinnee keessatti yeroo kabajamu, seenaa Oromoo fi Itophiyaa waliin yaadachuun, gootota Oromoo fi shoora isaanii ibsuuf carraa guddaa dha.

“Adwaa, injifannoo ummattoota Gurraachaa”

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

117k 1 33 38 539

#Ramadaana

Soomni guddaan Ji’a Ramadaanaa guyyaa boruu Sanbata duraa eegala.

Ji'i ji’a Ramadaanaa mul'ateera. Jechuun haramayin gabaaseera.

Salaanni Taraweeh har’a galgala eegala, soomni Ramadaanaa boru, eegala.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa hordoftoota amantii Islaamaa maraan baga geessan jechaa ji’a soomanaa gaarii isiniif hawwa.

Ramadan Kariim!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

149k 1 83 128 1.3k


Показано 13 последних публикаций.