•••••SIMALEE•••••
•••••KUTAA 12FFAA•••••
ISA XUMURAA
Utuun karaa deemuu gidduutti harki tokko dullaadhaan dudduubaan saggookoo dhayee na kuffise. Lafan kufee xiqqoo ol jedhee gaafan ilaalu dargaggoota sadii dhaabatanii achii gadi lafatti na ilaalantu natti mullate. Isaan keessaa inni tokko isa dullaa baatu sanaan "maaltu si ariifachiise? Maalif ariifattaa? Rukuti yooman siin jedhe?" Jennaaniin inni na rukute sunimmoo "erga diinakee ta'ee, maddiisaa akkan dhungadhu barbaaddeeree?" Jedheen. Anis yaada kootti namoota diina naan jechaa jiran kana lafan itti isaan beeku yaaduun jalqabe. Garuu fuulli isaanii naaf haaraadha. Mucaa inni maalif dhoofte jedheen sun mormakoo qabee lafaa ol na kaasee harka tokkoon uffata kootiin na hudhaa harka tokkoonimmoo quba isaa natti raasaa "iftuu jechuun naman lubbuu kootiin olitti jaalladhudha. Ishee irratti si'iin mitii ministeerri itiyoophiyaa yoo dhufeyyuu ofan wareega malee dabarsee namaaf hin kennu. Sababnisaas baayyeen jaalladha." Naan jedhee gad na dhiisee sokkan. Anis "yaa rabbi galatakee" jedheen utuu galagalee isaan hin ilaalin fiigichaan karaakoorra bu'een hoteelatti deebi'e. Akkuman jedhes abbaa iftuuf eegumsa barbaachisu gochisiiseefiin rafe. Ganama ka'ees fuulakoo dhiqadheen gadi bahaa utuun jiruu iftuun dhuftee "Abdii akkam bulte?" Naan jette. "Nagaa maal ganamaan dhufteewoo?"n jedheen "Abbaankoo hin kaanemoo?" naan jette. "Hin kaane taa'ii eegi ammasitti" jennaan teessee anis deemeen bira taa'ee haasaa jalqabne. Gaafuman haasaa jalqabu.
"Hiriyaa jaallattu qabdamoo?"
"Qaban ture. Maalif jette?"
"Ofumaati maalif adda baatanree mee seenicha na taphachiisi"
"Eebbaa jedhama. Baayyee wol jaallanna turre. Dur gaafan dhugus woliin dhugnee woliin caffarra turre. Garuu ergan jireenya kana dhiisee waaninni akkas na godhaa ture waan natti fakkaateef isas nan dhiise. Inni garuu sababakootiif dhugaatiis dhiisee kunoo dhiiseera akka ati feete nan ta'a naan jennaan calliseema dhiise."
"Mucichi dheeraa magaala irreefi qoma guddatu tokkoo?"
"Eeyyee nii beektamoo?"
"Eda galgala......."
"Ooo sorry. Turi gaafan argu likkiisaan itti himaa."
"Homaa miti" jennaaniin abbaanshee bahe. "Jedhigaan Abdii galgala asuman fidaa" naan jettee sokkite. Akkuma jettes galgalas wol agarree woliin haasa'aa turre. Utuuman jedhuu iftuu woliin baayyee wolitti siqaa dhufne. Wolii gadduus jalqabne. Utuuma jennuu gaafa wol hin argin oollu wol yaaduu jalqabne. Miirri nuti woliif qabnus woliinsaa hin beekamu.
Guyyaa tokko woliin oolla jennee beellama qabannees ganamaan dhuftee na waamtee woliin deemne. Iddoolee garaagaraa woliin daawwannee woliin nyaannee. Woliin taphachaa isa ganama baane sa'atii 12:00 geenye. Iftuunis "keessummaan qaba dafee galuun qaba " naan jette.
"Keessummaa akkamii?"
"Akkan jedhee sittimu hin beeku firadha baruu yoo barbaadde bor wolin isin barsiisa"
"Tole ha ta'u bor wol agarra jechuudhakaa"
"Eeyyee" jettee mana isaanii biraan gaheen haammadhee nagaa itti dhaamee sokke.
Keessikoo baayyees hin gammada baayyees na sossodaachisa. Ijikoo nii sirba. Maal akkan ta'aa jiru hin beeku. Sodaachaan jira ta'ee gammadaan jira ta'ee kamtu gaaffiidha kamtu deebiidha. Ganamaan ka'ee hojiilee garaagaraa hojjedheen sa'a 6 gaafa ta'u mucaan tokko na waamee kitaaba tokko fudhachuu deemeen achi jira. Gidduu kanatti iftuun bilbiltee.
"Hello... Akkam oolte"
"Nagaa...at akkam?"
"nagaa..eessa jirtaa?"
"Mucaa tokko biraan kitaaba fudhachuu deeme nagumaafii?"
"Dafii kottu hoteelan jiraa beellama qabnaam"
"Tole dhufe iftuuko" jedheen kitaaba koo fudhee gara hoteelaatti sokkee hoteela seeneen iftuu argee gara iftuutti adeemaa jira. ijikoo garuu mucaa iftuu bira teessu tokko eye glass gurraachaa fi dress adii uffattee mataashee gurguddaa kana ofirra ciibsitee Teessurra bu'e. Mucattiin bareedinashee an ajaayibsiifachaa jiru kun diingata gaafa na ilaaltu miira naasuutiin ijasheerraa eyeglass fuute. Gaafan ilaalu simaleedha. Ittuma siqee gaafan ilaalu simaleedhuma Uuuuuuuuu jedheen iyyee dhiisuu dide. "Abdiiii" naan jette.Gidduutti iftuun "wol beektumoo?" Jette...guutuuf
👉
@Asoosamaafiwalaloo ✅