“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.
2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni.
3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu.
4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.
5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.
6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa.
7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha.
8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektoonni.
9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni.
11) Jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha.
Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu.
12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu.
13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha.
14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu.
15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu.
16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin
17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu.
18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni.
19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/.
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu.
21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu.
22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni. Via Orooliyaanaa Margaa
@Barruu_Beektotaa 📔