📌 Namni uumama gatii jabeessa dachee kana irra jiraatu dha. Namni uumama Waaqni addatti aarsaa kaffaluufi dha.
📌 Namni dandeettii, cimina, qabeenya akka kennuuf uumaan uumamaan namummaa nama tokkoof kenname tokko irraa qooddachuu kan danda'u nama isa nama beeku qofa dha.
✍Namni kanniisa qabu tokko damma isheen dammeessitu kan argachuu danda'u yoo kanniisa sanaa haalaan qabuu/kunuunsuu danda'e dha.
✍Masaanqoon meeshaa muuziqaa sagaleewwan lakkoofsaan bira hin ga'amne uumuu/dhageessisuu dandeessu dha. Namnis uumama dinqii kennaa Waaqni kenneef hedduu qabu dha.
✍ Kompiitarri yookiin moobayilli itti fayyadamaa jirru faayidaa hedduu kennuu waan danda'u dha. Kompitarri barruu bareessuu irra kan darbe hojiiwwan gurguddoo hedduu ittiin hojjachuuf kan fayyadu dha. Faayidaan waan tokkoo kallattii lamaan ilaalamuun murteeffamuu danda'a. Innis kallattii fayyadamaa fi abbaa omishaatiin. Fayyadamaan meeshaa sana irraa hamma beeku qofaa fayyadamuun maalummaa fi hojii waan sanaa ibsuu danda'a.
📌 Wantootni har'a harka keenya irraa qabnu kanneen hojii isaan nuuf hojjachuu danda'an, wanta irraa ooluu dandeenyu kan daangessu abbaa fayyadamu sana dha. Fakkeenyaaf akka moobayilli bilbiluu fi bilbila bilbilame kaasuu qofaaf itti fayyadamuun tajaajila biroo nuuf kennuu danda'u utuu hin fayyadamin hafuu jechuu dha.
📌 Abbaan omishaa yookiin qaamni madda yaada waan sanaa ta'e garuu dhuma/ gahuumsa/dandeettii guddaa/hangafaa waan sanaa waan beekuuf waan hojjachuu danda'u hunda ibsuu fi ittiin fayyadamuu ni danda'a.
📌 Namni qabeenya Waaqni dhalootaaf/nama biraaf/ofii isaatii akka itti fayyadamu jedhee kenneef qabatee du'u hedduu dha. Dhiibbaa alaa fi keessaa irraa kan ka'e namni hamma tarkaanfachuu qabu, nama ta'uu qabu, hamma gahuu qabu, waan qabaachuu qabu nama daanga'aa ta'ee jiraatee dachee kana irraa akka darbu ta'a. Kuni immoo waan qabatee dhufe faayidaa irra utuu hin oolchin balleessuu fida.
Gitaarri iddoo fi haala ogeessi isaa qindeesseen sagalee dhageessisuu dandeessu dhageessisti.
Coba Yaadaa 💧✍️