Etv Afaan Oromoo


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Новости и СМИ


Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций


Godina Baaleetti daandiin kiiloomeetira 108 ol hojjetamaa jjira
****************
Riqaalee fi daandiin birri miiliyoona 147 oliin hojjatamaa jiran gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa jiddugaleessa kan godhataniidha.

Ittigaafatamaan waajjira Daandiiwwanii fi loojistikii godina Baalee Obbo Dheekkamaa Bokkolluu ijaarsa daandii km 108 hojjattamaa jiruu cinaatti riqaaleen rarra'aan 3 gandoota baadiyyaa haala mijataa hin qabne keessatti hojjataman rakkoo geejjibaa hawaasaa furuusaanii himan.

Daandiin baadiyyaa aanaalee fi gandoota walqunnamsiisan sararoonni 28 ijaaramaa jiran xumursiisuun tajaajila hawaasaatiif oolchuufi xiyyeeffannoon hojjatamaa jiras jedhan.

Sochii hojii waliingahiinsa daandii baadiyyaa bajata kaappitaalaa qofaan galmaan gahuun rakkisaa dha kan jedhan Obbo Dheekkaman፣ fandii daandii hirmaannaa ummataatin birriin miiliyoona 8 walitti qabamuus dubbatan.


https://web.facebook.com/share/p/14YNB5kCqC/




Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota To'annoo fi Bulchiinsa fi Baasii Mootummaa, kenna tajaajila paaspoortii irratti mari'ate
****

Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota To'annoo fi Bulchiinsa baasii mootummaa bu'a qabeessummaa kenna tajaajila paasportii ilaalchisee gabaasa odiitii ka'umsa godhachuun irratti mari'ateera.

Walitti qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota To’annoo fi Bulchiinsa Baasii Mootummaa Dr. Yashimmabeet Damisee kenna tajaajila si'ataa taasisuuf rakkoolee mul'atan hambisuuf hojjatamuu akka qabu hubachiisan.

Tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuun, tajaajila odiitii cimsuufi  hanna,  qisaasama qabeenyaa raawwatamu irratti  dameewwan isaa 14 qabu irratti hojiiwwan hojjataa jiraachuu eerera.


Hawwii Taaffasaatu gabaase






Magaalaa Ambootti ayyaanaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 19ffaa naannoo Oromiyaa magaalichatti kabajamu sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffame
*****

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Amboo Haacaaluu Gammachuu magaalli tokko qulqulluu fi miidhagduu ta'uu kan dandeessu balfa xuraawaa irraa qulqulleessuun yoo danda'ameedha jedhan.

Caffee Oromiyaatti walitti qabaan koree dhaabbii misooma baadiyyaa obbo Dirribsaa Waaqumaa, kaayyoon duula qulqullinaa aadaa tajaajila lammummaa cimsuu fi waliin jireenya saboota gara garaa magaalattii keessa jiran tokkummeessuuf kan deeggaruudha jedhan.

Jiraattonni magaalaa Amboos qulqullina dhuunfaa hanga naannoo isaanii eeggachuun nageenya qaban kan tikfatan ta'u dubbatan.

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaan 19ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti Sadaasa 22 magaalaa Ambootti sirnoota gara garaatiin kan kabajamu ta'uunis ibsameera.

Wasanee Amaareetu gabaase


Jilli Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Aaddee Sa'aadaa Abdurraahmaaniin durfamu magaalaa Ambootti inisheetiiviiwwan misooma gara garaa daawwate
*******

Jilli kun magaalaa Ambootti kilaastara horsiisa loon aannanii fi omisha nyaata beeyladaa dargaggoonni waldaan gurmaa'uun hojjachaa jiran daawwateera.

Kantiibaan magaalaa Amboo Haacaaluu Gammachuu, magalichatti hojiin hojjatamu dinagdee magaalattii caalaatti kan cimsu ta'uu dubbatan.

Kessattuu gama carraa hojii uumuutiin dargaggoota kuma 20 ol hojiitti galchuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu dubbatan.

Magaalichatti dhimmoota gurguddoo afur irratti xiyyeeffachuun hojjatamaa jiraachuu kan himan obbo Hacaaluun,waabii miidhaan nyaata mirkaneessuu, carraa hojii uumuu, intarpriinarshiippii uumuu fi kenna tajaajilaa ammayyessuu ta'uus himan.

Aadde Sa'aadaa, carraa hojii uumuun walqabatee rakkoowwan liqii mudatan furuuf kan hojjatamuu ta'uu himaaniiru.

Wasanee Amaareetu gabaase



Показано 8 последних публикаций.