Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota To'annoo fi Bulchiinsa fi Baasii Mootummaa, kenna tajaajila paaspoortii irratti mari'ate
****
Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota To'annoo fi Bulchiinsa baasii mootummaa bu'a qabeessummaa kenna tajaajila paasportii ilaalchisee gabaasa odiitii ka'umsa godhachuun irratti mari'ateera.
Walitti qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota To’annoo fi Bulchiinsa Baasii Mootummaa Dr. Yashimmabeet Damisee kenna tajaajila si'ataa taasisuuf rakkoolee mul'atan hambisuuf hojjatamuu akka qabu hubachiisan.
Tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuun, tajaajila odiitii cimsuufi hanna, qisaasama qabeenyaa raawwatamu irratti dameewwan isaa 14 qabu irratti hojiiwwan hojjataa jiraachuu eerera.
Hawwii Taaffasaatu gabaase