Kitaaba gargaaraa piroofeesaraa miratuu shaanqoo Giddii SIIF GALEERAA jedhu irraati.
Waantota kitaabicha keessaa natti tolanii fi na quubsan keessaa ....Toom Joon namichi jedhamu dubbii cimaa tokko akkas jedhee dubbate......
# Adaraa yaa waaqayyo wantoota lama akkan sirriitti beekuuf na gargaari.Isaanis;tokkoffaa jireenya koo keessatti wantan gonkumaa jijjiiruu hin dandeenyeef obsa naaf kenni".
# "Lammaffaa immoo wantan jireenyakoo keessatti jijjiiru yoo jiraataniif jecha akkan jijjiiruuf onnee naaf kenni jedhe''.
# Lafan yaade hin geenye yoon ta'ellee lafan yaade ga'uuf hin teenye !
# jecha hin danda'amu jedhutti gonkumaa hin amaniin !
# Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo of amansiiste qofaadha !
# Ati of daangessitee teessa taanaan eenyu daangaa si ceesisaa ?
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu.
# Of beekuun beekumsa beekumsa caaluudha.
Barachuun beekuu hin ibsu.Beekuun garuu barachuu ibsa.
# Hirkattummaan diina of beekuuti.
Osoo of hin beekiin du'uun osoo hin dhalatiin du'uu wajjin tokkuma.
# Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati.
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru.Lakkofsa guutuu ta'ee dhalate malee.
# Dammaqi waan haaraa siin dalagamutu jiraam.
Waanti haaraan siin dalagamummoo gati si kanfalchiisu of keessaa qaba.
# Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa ?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattuudha.
* Nama jechuun bu'aa yaada isaati.
Namni waanuma nyaate fakkaata.
* Ilaalchi ati ofiif qabdu eenyummaa ati mul'ata kee dhugoomsuuf taasisaa jirtu mul'isa.
*Namoonni ofittoon summii mul'ataa qabu malee , sammuu mul'ataa hin qaban.
*Carraan amma qabdu kan guddinaati malee kan badiisaa miti.
*Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni.
📖
Kan bira argachuuf
➡️
see more👇
Join⬅️