Akeekkadhu! ⚖️
Waan si jaalatu fakkaata kutaa 2ffaa, ammas shamarraniif
Hariiroo jaalala jalqabuuf yeroo jettu dhiira:1. Yeroo kan siif hin laanne, akkuma siin wal bareen yookiin gaaffii jaalalaa siif dhiyeessen ariifatee si mudda yoo ta'e, miiraan hogganamaa jira yookiin hinaaffaa yookiin na darbuu hin qabdu yaada jedhu keessa jira ta'a. kanaafuu yeroo tasgabbaa'uu fi harka keessa si galfatu si dagachuu fi filannoo biraa deemuu waan danda'uuf daftee hin kufiin! Namni akkasii suusii shamarran haasofsiisuu qabaachuu danda'a. Adda baafadhu!
2. Yeroo hundumaa ol of kaasuudhaan qabeenya isaa, maati isaa fi hiriyoota isaa sitti dhaadata yoo ta'e, maatiin koo waadaa naaf galaniiru, waan akkasii naaf kennuuf, waan akkasii immoo naaf bituuf jechaa jiru jechuu jaalata yoo ta'e, akka waan si bitachaa jiruutti yookiin kana irraa hin haftu jedhuutti yaada jira ta'uu danda'a.
3. Gaaffii jaalalaa si gaafateef da'ootti wal agarree waa raawwachuutin deebii waliif laanna jedha yoo ta'e, deemsa gaa'ela isa sirrii irraa waan maqeef akeekkadhu. Da'oon daana'oo shamarraniiti.
4. Amma adeemsa jaalalaa jalqabne adeemsa keessa gara gaa'elaatti dhufna jedha taanan akeekkadhu, gaa'elli yaalii keessa milkaa'a utuu hin taane mirkaneeffattee akkasumallee milkeeffattee itti galta. Ati nama yaalii jaalalaa irratti gaggeessan miti.
5. Tajaajilaa yookiin nama Waaqayyoo fakkaatee raajummaa fi lallaba sitti baay'isaa dhufa yoo ta'e, adda baafadhu, gaa'elli raajummaan hundeeffame baay'een hin jiru. Waaqayyo jalqabatti wantoota baay'ee "kun haa ta'u" jedhee uume. Fakkeenyaaf ifni haa ta'u jedhe. Kun sagalee raajummaati, garuu nama itti yaadee harkaan hojjete. Hewaanin gaafa tolches sagalee itti baasuu wallaalee Addaamin raffisee irraa tolche miti. Gaa'elli adeemsa mataa isaa danda'e qaba.
6. Irra deddeebi'ee waan ati hin qabneen si jajuu yookiin ol si kaasuu baay'isa yoo ta'e, saayikoolojii jaalalaatin si bituu yaadee ta'uu danda'a, itti yaadi! Manni ashawaa fi simmintoo qulqulluu hin taaneen ijaarame dafee jiga. Biyyoon ashawaa keessaa kanaaf miicama. Namichi miicamuu qaba.
7. Waa'ee waan tokkoo irratti kan har'a sitti haasa'e yeroo biraa immoo irraanfatees haa ta'u bareechuuf jedhee jijjiiree yoo sitti haasa'e sobaan si burjaajessuu barbaadeeti, akeekkadhu!
@haadha_manaa_ogeettii 💡