FOON UFFATEE AMALA NAMUMMAATIIN DHUFE.
✍️Dhoksaan foon uffatee dhufuusaa kun:
➊. cubbuu isaa namni foonii hojjete balleessuudhaaf foon uffatee dhufe.
📖 Rom 8:3 “Sababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe, Waaqayyo ilma ofii isaatii ergee, cubbuu isa nama foonii keessaatti farade; ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee, cubbuu balleessuu dhufe.”
⓶. Obbolootasaa (ilmaan namaa) fakkaatee fayyisuu waan dhufeef foon uffate.
✍️ Namni tokko kan nama oolchuu danda’u yoo nama sana fakkaatee jireenyasaaarra hirmaate male nama sana oolchuu hin danda’u.
✍️ Ergamoonniif raajionni gaafa dhufan nu fakkaatanii hin dhufne kanaaf nu oolchuu hin dandeenye.
📖 Ibr 2:17 “Kanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.”
❸ Aangoo seexanaa isa biyya lafaa irratti mo’e kana du’asaatiin cabsuudhaaf foon uffatee mul’ate.
📖 Ibr. 2:14 “Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni "Obboloota koo" jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.”
✍️Kanaaf nuti kiristaanonni kiristoos nama dhugaa akka ta’e foon uffatee akka dhufe amanna.
✍️ Kanatti kan hin amanne hundinuu hafuura isa dhugaa utuu hin taane Inni morma ykn kiristoosiin mormuu isaati.
✍️ Macaafni qulqulluun yesuus fooniin dhufuusaa amanee kan hin beeksisne hundinuu kan Waaqayyoo miti jedha.
📖1yoh 4:2-3 ² Hafuurri, Yesus Kiristos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu. ³ Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
@Jaala_Dhugaa