Kakuu Studio


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
» Barnoota Amantii Cimsannaa
» Dhugaa Wangeelaa
» Ergaa Ganamaa
» Leenjiilee Hafuuraa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kadhata Qulqullaa'aa
» Barnoota Gaa'elaa
Contact: @Megertu_Dhugasa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


✅ Shaayii Ganama dhuguun Faayidaa akka qabu beektuu?... See More

         👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


✍️ Faayidaan shaayii dhuguu 12 armaan gaditti ibsamanii jiru seenaa dubbisaa!... See More


🌲🎄🌲🎄🎄🎄🎄🎄

👋Hi!

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Afoola_Oromoo24 ✍️
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@timevalue24 🕖
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@hariiroo_jaalalaa ❤️
┃_
@BPEMBASSY 📖
┃_
@prophetamo
┃_
@Online_job724 💰
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@English_Oromoo 📕
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
Bible Quotes 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Diraamaa_Hirkoo99 📷
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
Beka Sport
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
Goal Tv 🔝
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@English_Oromoo 🧾
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@Dargaggootaaf1 👭
┃_
@Afoola_Oromoo24 🪶

┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 🛒

Contact: @Getu_Abera




🎁 Gaa'ela Umurii Guutuu  (Lifetime Marriage)

✍️ Gaa’elli umurii guutuu turu bu’uura jabaa yeroon hin mancaane, hin dhiqamne, qullaa hin taane irratti ijaaramuu qaba. Walitti dhufeenyi gaaʼelaa milkaaʼaa, gammachuu fi buʼaa qabeessa taʼe, seera buʼuuraa yeroodhaaf utuu hin taʼin, seera buʼuuraa dhaabbataa taʼe irratti hundaaʼuu qaba; wantoota badani osoon taane jiraatoo ta'an irraa bocamuu qaba.

1️⃣ ‎Hawwatamummaan qaamaa bu'uura jabaa miti.
‎Bareedinni alaa yeroon darbaa deemuun ni bada. Rifeensi ni diimata ykn ni addaata ykn ni caccaba, gogaan qaamaa ni shuntuura, maashaaleen ni lallaafu, sararri mudhii ni guddatu, ilkaan dadhabee ni hurra'a, iji ni dimimisa, dhageetiin ni hir’ata.
Hariiroo gaa’ela keessanii hawwatummaa qaamaa irratti kan ijaartan yoo ta’e, amaloonni qaamaa jalqaba walitti isin harkisan yeroo badan maal gootu?

2️⃣ ‎Fedhiin foonii bu'uura jabaa miti.
‎Miirrii fi ilaalchi ni jijjiirama, ni guddata. Umuriin dabalaa dhufuun dandeettiin saalqunnamtii raawwachuu fi fedhiin saalqunnamtii ni hir’ata. Gidduudhaan, fedhiin nyaataa dhibbeentaa 100 fiizikaalaa fi keemikaalaa ta’e hariiroo bu’uuraa fi  uumamaan hafuuraa ta’e sooruu fi itti fufsiisuuf ofumaan gahaa miti.

3️⃣ ‎Qarshiin bu'uura jabaa miti.
‎Sababa kufaatii dinagdee, hojii dhabuu, hir’ina qaamaa, dhukkuba yeroo dheeraa, ykn sababoota biroo hedduu irraa kan ka’e, haalli maallaqaa baay’ee dafee haalaan jijjiiramuu danda’a. Gaa’elli dhimmoota dinagdee ykn dandeettii galii argachuu qofa irratti hunda'e akka salphaatti kufuu danda'a.

4️⃣ Qabeenyi  bu'uura jabaa miti.
‎Wantoonni qabeenya hammam dhaabbataa fi qabatamaa ta’anii mul’atan, yeroodhaaf qofa waan ta’aniif qilleensa ganama waliin balali’anii baduu danda’u. Nama ibidda hamaa ykn obomboleettiidhaan akka tasaa qabeenyasaa hunda dhabe gaafadhu. Jireenya keenya ykn gaa’ela keenya kuufama qabeenyaatti giddu galeessa gochuun salphaatti beela dabalataa hin quufamne, hawwii gonkumaa guutuu hin dandeenye nutti uuma.

Maarree, hiriyoonni gaaʼelaa walitti dhufeenya gammachiisaa, tasgabbiifi yeroo dheeraadhaaf turu maal irratti ijaaruu dandaʼu? ‎Bu’uura akkamiitu qormaata yeroo akkasumas obomboleettii rakkinaa dandamataa?

✅ Gaa’ela umurii guutuuf bu’uurri/hundee mirkanaa’aan Jaalala Agape {jaalala of kennuu kan maddi fi ka’umsi isaa Waaqayyo qofa keessa ta'e } qofa akka ta’e barreeffama kana keessatti ifa godheera jedheen abdadha. Kan Waaqayyo ofii isaa irraa maddu qofatu jiraata; wanti biraa hundinuu kan darbudha.

🔴 Phaawuloos amantoota Qorontos keessa jiraniif yommuu barreessee waa’ee jabina Jaalala Agapee isa waaraa/jiraataa ta’ee akkas jedhe: "‎Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira. Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa; raawwatamuun isaa yeroo ga'u immoo, inni muraasi kun in hafa.....Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala." [1Qor.13:8-10,13]

👉 Dhumarratti amantiin, abdiin, jaalalli hafanii jiraatu. Isaan kun hundinuu ka’umsi isaanii Waaqayyo keessaa yoo ta'an iyyuu, jaalalli (Agape) sadan keessaa isa caaludha. Kunis amantii fi abdiin jaalala Waaqayyoo irraa kan ka’ee fi naannoo argamuu isaa qofa keessa jiraachuu kan danda’u waan ta’eef. Waaqayyo Waaqa bara baraa waan ta’eef Jaalalli (Agapeen) immoo uumama isaa waan ta’eef jaalalli isaa yoomiyyuu baduu hin danda’u. Raajii dubbachuu, afaan hin beekamneen dubbachuu, fi  beekumsi wantoonni akkasitti dhaabbataa nutti fakkaatan hundi gaaf tokko ni badu. Wantoonni kunniinis ka’umsi isaanii Waaqayyo biraa yoo ta’an iyyuu, garuu dizaayinii isaatiin uumama yeroodhaaf jiraatanidha. Gaafa kaayyoo isaanii raawwatan ni darbu. Jaalala waliin wal adda. Agapeen (Jaalalli) kan bara baraati; yoomiyyuu hin darbu.

❤ AGAPEE'n ( JAALALLI) kan bara baraa dha; yoomiyyuu hin darbu.

✅️ Gaa'elli qulqullaa'aan fedha Waaqayyoodha!

@Gaaela_Gaarii

Singer Megertu official
@Kakuu_Studio


"Fayyinni Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee kan biraatiin tokkollee hin jiru..." Hoe 4:12


BARA DARGAGGUMMAA KEENYAATTI MAAL GOONUU?
Dhaloota akkas jedhee of gaafatuuf yaada Xiqqoo armaan gadii kana katabeefiin jira.

1ffaa, Uumaa keenya yaadachuu. (Lalla. 12:1-2)
Waaqayyo hojii gaariidhaaf akeekee nu uume. (Efe. 2:10)

2ffaa, Bara beekuu qabna. (1Sen. 12:32, Rom. 13:11)
Bara wallaaluun waan nama miidhu baay'ee qaba.
*Bara yaadatamuu ofii nama wallaalchisa. (Luq. 19:44)
*Asumee /Kan hin guddanne/ nama taasisa. (Ibr.5:12)
*Bara nuuf kenname utuu hin dabarsiin itti hojjechuu qabna. (Efe. 5:16)

3ffaa, Kaayyoo qabaachuu qabna. (We.We. C. 6:10)
Namni kaayyoo qabu waa'ee isaa boriitiif waan har'a hojjetu beeka.
Dhaloonni kaayyoo qabu waan guddaa boru argachuuf akeeke sana bira haamma ga'utti waan hin hallen karaa dhaabachuu fi faayidaa yeroo xiqqootiif qofaa karaa dhaabachuu hin qabu.
Eebbifamaa!


Mo'icha!

*****
Ani damee Yesuus keessa jiraatuudha, Isa keessattis waan hundumaa gochuu nan danda'a.
++++++++++++++++++++++
Maalifan jedhe beektaa?

1. Namni Yesuus keessa jiraatu waa'ee oolee buluu qofa osoo hin taane waa'ee darbee ija/bu'aa godhachuu karoorsa.

2. Namni Yesuus keessa jiraatu waan hamaa jibba,

3. Namni Yesuus keessa jiraatu humna isaa utuu hin taane humna Waaqayyoo amanee jiraata,

4. Namni Yesuus keessa jiraatu dhaabatee bona aduu fi obomboleettii; ganna cabbii fi lolaa gaaraa (rakkina haalota mijataa eeggatan) kan dabarsu #jabina hundee isa damee baatuu (Yesuus) ta'uu amana,

5. Yesuus yoo barbaade in qeexxa'a hamajaajiin garuu muruuf aboo hin qabu.
*********
"Waa'ee ilmaan kootii garuu,
anumatti dhiisaa!” Isa. 45:11

Qaawwaan sin buufne Yesuus qofaadha.






“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”
1Phe. 5:7


Namaa mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf maaltu godhama ?
--------------------------------------------------------------------------
Nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf

1.uffanni mootummaa inni mootichi uffatu.
2.fardi inni mootichi yaabbatu.
3.gonfoon mootummaa inni mataa fardichaatti kaa'amu haa dhi'eeffaman !

yommus mootichi ariifadhu akkuma jette ,uffatucha ,fardichas,fudhitti yihudicha isa karra kella mana mootummaa kooti duura jiruu sanaaf akkuma jetee godhii
wanta dubbate hunduma kessas tokko illee duraa hin hir'isin ! jedhe haamaanitti in dubbate kana irratti haamaan uffatuchaa fi fardicha fidee ,uffatuchaa mordekaayitti uffisee , Karaa mandaratti isa bekama irra adeemsisee , fuula isaa dura bu'ees ,"kunoo nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf kanatu godhama jedhee in labse

Asteer 6:6-11

Haamaan kan yaade ture anaa malee kan mootitii dhiyatu hin jiru jedhe ulfinnichi anafi se'ee ulfina kana hunduma dubbate garu mootichi dubbii galagalchee yihudicha balbala dura jiruf godhi jedhe isayu kan nama dhibuu tokko kessa hin hir'isin jedhee mootichii kanaf mordekayii waanuma mootichii itti hime hunda godhee.
Halleluyya
Obbolessa ko obboleeti ko waaqayyoo waa'ee ketif dubbii galagalchee
* du'a kee jirenyati
*gadda ke gammachutii
*salphina ke ulfinati
*ari'atama ke kabbajati
*bo'icha ke kolfati

siif jijjiiraa waaqayyoo inni waa'ee keef caalumma hin jennee

Ameen


akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.

Ameen


@Kakuu_Studio


ATI AMBAASADDARA KIRISTOOSII!
===================

“Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!" jennee qooda Kristoos taanee isin in kadhanna,” 2Qor. 5:20
" we are ambaassadors for Christ . 2 Cor 5:20 (KJV)
Ani Ambaasaddara Kiristoosii jechuun maalii jechuudha?

1. Ani isaanan filatame ykn fo'ame jechuudha.
* Ambaasaddara geggeessaa biyyaatu fila malee dorgoomee sagalee caalmaan filama miti.
* Geggeessaan biyyaa sitti amanuun qofti gahaadha!!
* Ambaasaddarri sagalee caalmaan hin filamu.
* “Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.” Yoh. 15:16

2. Ergama qaba jechuudha.
* Ambaasaddarri biyya tokkootti yeroo ergamu ergamatu itti keenama.
* Hojii haa hojjetuuf ergama
* Ergamni kiristaanaa tokkoo sagalee misiraachoo labsuudha.
* Gooftaan Yesuus gara biyyaa lafaa yeroo dhufe ergama qaba ture.
* "Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera" kan jedhu ture. Luq 4:18-19

3. Bakka bu'aa isaatti jechuudha.
* Ambaasaddarri tokko biyyaa isaa bakka bu'e biyya birratti ergama.
* Waan inni godhu hundinuu motummaa isa erge sana bakka bu'a.
* Jalalaa isaa, isa waaqa irraa kan lafa irratti rawwachiisuu ana jechuudha.
* “Bartoota isaatiin immoo, "Namni isin dhaga'u, ana dhaga'a; namni isin dhaga'uu didu, ana dhaga'uu dida, namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida" jedhe.” Luq. 10:16
* “Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!" jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna,” 2Qor. 5:20

4. Walitti dhufeenyi koo isa na ergee wajjin jechuudha.
* Itti waamamni isaasi qama isa erge wajjini
* Qama isa ergeef ambaasaaddara gidduu homtuu hin galu.
* "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.” Er. 33:3
* “Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, "Abbaa, abbaa" jedhee waammatu garaa keenya keessatti erge.” Gal. 4:6

5. Waan na barbachiisu qaama na ergate biraa naaf guutama.
* Ambaasaddarri maalan nyaadha maalan dhuga jedhee hin yaadda'u
* Waan isa barbachisu kan guutuuf qaama isa ergateedha.
* Kan isa irraa eegamu ergama isaa rawwachuu qofaadha
* Mat. 6 25-26 Kanaafis ani isinittan himaa; waa'ee jireenya keessaniif, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif], yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?
* “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” Mat. 6:33

6. Qaama isa ergate biraa eegumsatu godhamaaf
* Ambaasaddaraaf eegumsa addaatu godhamaaf
* Motummaa lamaan eegumsa mootummaa isa ergeef motummaa biyya itti ergameen eegama.
* “Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma;” Far. 91:11
* “Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.” Far. 121:4

7. Ergaa isa yeroo xumuru ni deebi'a.
* Ambaasaddarri bara baraaf ergame hin jiru.
* Ergama isa yeroo xumuru bakka dhufetti deebi'a.
* Hojiiisaan badhaasa argachuu danda'a; dhabuus danda'a.
Yoh. 14:1-3 Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa! Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis


SI DURAN BA'E
Abbaatu Ilma isaatiin akkas jedhe. "Laga Uursaa Ce'iiti, namootatti ergaa kana itti himi" jedhee,ergaa sanas itti himee Ajaje, Gurbaanis laga sana namni qophaa isaa darbuu akka hin dandeemye namoonni baayyeenis bineensaan akka nyaataman waan dhaga'eef abbaa isaatiin, "yaa abbaa, laga sana kophaa darbuun hin dandaa'amu,bineensa nama nyaatutu jira,akkamittan dhaqa? " jedheen.Abbaanis, " Nan beeka garuu ergaan kun namoota sana bira ga'uu qaba,kanaaf immoo si malee naman ergadhuu kanin amanu si mucaa ko malee hin jiru,kanaafuu deemi" Jedheen.
Mucaanis Ajaja abbaa diduu ko irra yoon nyaatames haa nyaatamu jedhee, Ulee isaa fudhatee deeme, akkuma jedhe, Yeroo laga sana ga'u bineensi sodaachisaan namoota nyaachaa ture gurbaa argee Gara isaatti dhufe, gurbaanis bineensa argee, Sodaachuu irraan kan ka'e Ollatee,kan koo dhumeera harra'a abbaan kos garaa natti jabaatee bineensaaf dabarsee na kenne, jedhee isaaf nyaatamuu gidduu Tarkaanfiin lama yeroo hafu, Sagaleen Guddaan dhukaasaa tokko dhagaa'ame, Rifaachuun lama kan bineensichaa fi kan dhukaasa sanaa lama ta;uun gurbaa kuffisan,garuu yeroo xinnoo booda bayyaannatee yeroo ka'u, waan argu amanuu dadhabe, Bineensi guddaan sodaachisaan sun adda keedda rasaasaan rukutamee gonbifamee du'ee dhiigni keessaa dhangala'aa jira, gurbaanis maali raajiin dinqiin kun jedhee gaggalagalee naannoo isaa yeroo daawwatu, tulluu irra abbaan isaa qawwee qabatee ta'ee kolfa, gurbaanis Ajaa'ibee, " Abbaa Yoom dhufte,akkamittis dhuftee kana goote?" Jedheen.
Abbaan isaas, "Si duran ba'e " Jedheen.
Haalli ati keessa jirtu, Waamamuu ke irraa ta'uu danda'a, Karoora ke irraa ta'uu danda'a waanuma kam keessatti, Sitti Cimuu mala, Waan si fuuldura jiru sun Sodaachisaa ta'uu ni mala, karaa hundumaan doorsifamuu dandeessa,kana keessatti nama waan taateef abdii dhabdee Waaqayyoon komachaa kan jirtu yoo ta'e, Waaqayyo si dura ba'eera,inni ati sodaatte sun si hin nyaatu,sis hindhaalu, Dhuga bahinsaaf malee si balleessuuf miti, Waaqayyo gooftaan maccaa harra'a sagalee kanaan Isa si dura jiru,isa dabarsuu si dhowwe,isa si doorsisu, isa Gooliyaad sitti ta'e humna du'aa ka'uu Iyesusin Si duraa Haa gonbisu, Galgala kanaa kaasee gooftaan Waanjoo ke Cabsee, Seenaa ke jijjiiree Ulfina isaa akka ati dhugaa baatu si haa godhu. Kan Iyyesuisitti amane, hin qaana'u, Eebba kana fudhachuuf Amanuu qofatu sirraa eeggama.
yesus gooftaa dha.


@Kakuu_Studio
@Kakuu_Studio


Joobirri yeroo rakkinni dullumaa isa mudatu maal godha?
🛣 ICCIITII MILKAA'INA JOOBIRAA IRRAA MAAL BARANNA?

Uumamoota Rabbiin addunyaa kana irratti uume naannoo keenya gaafa ilaallu waa'ee jireenya keenyaa yoo nutti himuu baatanillee gaafa xiinxallee laallu nutti Mul'isuu akka danda'an quba qabdaa?
ICCIITII MILKAA'INA JOOBIRAA IRRAA MAAL BARANNA? Gaaffii jedhuuf bifa armaan gadiin gabaabsee ibsuuf yaaleera.

1. OL FAGAATEE BALALI'A :- Allaattota ol fageenya irra balali'an keessaa "JOOBIRRRI" isa duraati.
👉 Haalotaa fi Wantoota keessa jirtuu ol ta'ii jiraadhu.

2. MUL'ATA QABA:- Hanga fageenya KM 5tti haalaan arguu danda'a.
👉 Fagoo deemuu yoo barbaadde fageessii argi. Nama jijjiirama fidu ta'uuf fageessii argi. "EGEREE KEEF IMMOO MUL'ATA QABAADHU"!

3. DU'AA HIN NYAATU:- joobirri Nyaata barbaadus isa jiru fayyadama malee isa du'e hin fayyadamu.
👉 Galma milkaa'ina kee boruuf fuuldura ilaali malee abdii kutannaan gara booddee deebitee guyyaa kaleessaa hin fayyadamin.

4. BUBBEETTI FAYYADAMA:- Joobirri balali'ee iddoo barbaaduu fi akka barbaadutti imaluuf "bubbee" fayyadama.
👉 Rakkina si qunnamu kamuu tooftaa ittiin carraa gaariitti ittiin jijjiirtee fayyadamtu barbaadi malee rakkina si mudateef "RAAWWATTEE KAAYYOO KEE HIN DAANGESSIN"

5. LEENJII CIMAA GAGGEESSA:- Amaloota joobiraa keessaa inni kun karaa inni ittiin cuucota isaa ittiin leenjisu kan ibsuudha. Cuucota (ilmoolee) isaa qabatee gara samiitti balal'uun erga olfageessee qilleensa irratti gadi lakkisa; garuu osoo cuuciin sun lafa hin bu'in qabuun miidhama oolcha.
👉 Namootaaf ilaalcha gaarii qabaadhu; akka isaan moo'ataniifis aarsaa sirraa eegamu kafali. "ATI KOPHAA DHALACHUU DANDEESSA, GARUU KOPHAAF HIN DHALANNE".

6. WALIIN HOJJATA:- Joobirri isheen dhaltuun yommuu cuucota ishee hammattee kunuunsitu, joobirri inni kormaan immoo wantoota bu'uuraa fi iddoo jireenyaa tolchaafi.
👉 Nama kamuu ta'i, waan kamuu qabaadhu, eessayyuu jiraadhu, galma ga'uumsa kaayyoo kee isa dhugaaf nama dhugaa wajjiin hojjadhu.

1.Of haaromsa

2.Warra kaan irraa adda baha.

3.Gara kattaatti baqachuun qofaatti mana ijaarrata!

4.Huruusaa sana utuma dhukkubuu kattaatti rigee( kattaatti rurrukute) of irraa caccabsa.

√Ni madaa'a garuu yeroo muraasa booda biqilaaf!

√Yeroo kana barrisuu waaan hindandeenyeef godoo ( bakka qopheeffate ) tura.

5.Yeroo huuruun isaa biqilu immoo itti fufe qeensa dulloome of irraa bubuqqisa.

6.Yeroo qeensi isaa biqiluuf bakka Fincaa'a( water fall) deemuun jala lixee koochoo dullooma kana bishaaniin laaffisa, dhiqata.

√Kana booda koochoo kana of irraa bubuqqisa

√Koochoon ( Baalleen) haaraan deebi'ee biqilaaf.

✍Akkasitti Joobirri of haaresse,rakkina mo'ate itti fufee jiraata.
Gorsa gabaabaa!

✍Rakkina si qunnamu Osoo hin taane galma kee ilaali.

✍Faallaa kaayyoo keeti namoota adeeman irraa adda bahi.

✍Jireenya keessatti chaalenjiin akka baay'atu hindagatiin!

✍Jijjirama caaluuf of qopheessi( update your self )

✍Gatii kaffalamuu qabu,mullaata keef kaffali!

Namoonni irraa waa barattan like godha!
Seenaa joobiraa kanarraa waan hedduu akka barattan abdiin qaba


Namootni sababa malee si jibbu. Yesuus garuu sababa malee si jaallata!
#Jesus


🥰☕️ "Mudannoo barsiisoo ijoollee shamarranii kan baayee nama barsiisu keessaa muraasa,...➡️ See More
👇👇👇

See More
See More


"Yoo abdii hin kutanne, ammallee carraa of harkaa qabda. Abdii kutachuun jalqaba kufaatiiti.”

"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedheen carraa dhabe, har’a dhaabbata mataa koo kan akka addunyaatti beekamaa ta’e ‘Alibaba.com’ gaggeessa.

Jechoota Jack Man muraasa:
1. "Raawwattee abdii hin kutin. Har'i ulfaataadha. Bor immoo daran hammaata. Iftaan garuu ifa aduutu siif ba'a.
2. Wanti ati qabaachuu qabdu inni guddaan OBSA.
3. Nuti raawwannee maallaqa hin dhabne. Kan dhabne namoota abjuu qabanii fi abjuu isaaniif du'anidha malee..."

Jijjiiramni Sirriin Keessaa Eegala!

Jijjiiramni waan namni dhuunfaan tokko yookaan qaamni biraan wayii namaaf hiixatu yookaan namaaf bocu osoo hin taane, ifaajaa fi fedhii ofiitiin kan namaa argamudha. Akkanuma sababni jijjiiramaa dhiibbaa keessaafi alaa ta'uu danda'a. Garuu, jijjiiramni inni sirriin isa keessaa eegaludha. Jireenya kee keessatti namoota mul'ata kee deeggaranii si waliin fuula duratti deeman adda baafattee beekuun ogummaadha!


@Kakuu_Studio
@Kakuu_Studio


1.2 FAARFANNAAN EENYUUN JALQABE?
Faarfannaan Baroota fi Dhaloota hedduu keessa darbuudhan kan nu bira ga'e dha.
Faarfannaan durumaa jalqabee Ergamoota Waaqayyoon faarfatamaa tureera. Innis umamuu lafaa fi samiin dura, uumamuu lubbuu qabeeyyii fi foon qabeeyyiin dura ture.
-Sababiin Isaa :-
Waaqayyoo waan hundumaa dura turaeera.
Faarfannaanis kan barbaachuseefii Waaqayyoof qofaaf  malee kan biraaf miti.

1.2.1 ERGAMOOTA WAAQAYYOOTIN
-jalqabbiin faarfannaa guyyaa akkanaa, sa'aati akkana fi bakka akkanatti jalqabe kan jedhuuf ragaan argame yoo hin jirreellee,ERGAMOONNI Waaqa irraa kan lakkoofsi isaanii hedduu osoo lafaa fi samiin hin uumamiin durayyuu utuu wol irraa hin kutin fuula Waaqayyoo duratti argamuudhan ULFINAA FI GUDDINA WAAQAYYOO jajachaa fi faarfachaa turaniiru.
Fakkeenyaaf Sabni Israa'el akkana jedhanii Waaqayyoon faarfataniiru.  Nah 9: 6
Isa 6:2-3
Mul 5:11-14
Luqqisiiwan Armaan Olii kan nutti mul'isan Ergamoonni Waaqayyoo akka faarfachaa turanii fi farfaataas jirani dha. NUS QOODA KANA KEESSAA AKKA HIRMAANNU WAAQAYYO NU HAA GARGAARU.
-lafa duwwarratti faarfachuun bu'aa nuuf hin qabu.
-Akkasuma Har'a faarfannee bor kan dhibamnu yoo taane,tajaajilli keenya har'aa jireecha keenya boriif Wabii miti.
Kanaaf Gooftaan hamma dhumatti worra dhaabbatan nu haa taasisu.
Darbee faarfachuu qofanis mootummaa Waaqayyootti hin galamu. Murteessaan jireenya keenya dha.
-Worri mootummaa Waaqayyootti galu jedhamanii hin yaadamne lubbuu dhabeeyyiinuu Waaqayyoon ni faarfatu.
" Yeroo sanatti urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa 'Ilmaan Waaqayyoo' jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan."
(Macaafa Iyoob 38: 7)
Akkuma Iyob 38:3-7 keessatti dubbatu Uumama garaagaraaf gammaduu isaanii faarfannan UUMAMNI WAAQA irraa dhageessisaa Akkuma turan.
Faarfannaan sana qofaan kan dhaabbate osoo hin taane biyya lafaa irrattis itti fufee faarfatamaa tureera, faarfatamas jira...

   1.2.2 FAARFANNAA NAMOOTAA.
.. Faarfannaan namaan ala  kallatti garaagaraan  faarfatamaa kan ture, Uumama namaa boodas, namootan itti fufee faarfaatamaa tureera, faarfatamaas jira. Uma 4:21
....Macaafa qulqulluu kakuu Moofaa keessatti Namoonni kiraaraan, masinqoo, haaluullee, fi kkf fakkataniin faarfachaa akka turan, Macaafa kakuu haaraa caalaa bal'inan kakuun Moofaa ni ibsa.
Kanumaanis hammumma namni baay'aata deemu guddinni faarfannaas, baay'inni isaa baay'inni isaas dabalaa deema.
#namoonni haalota garaa garaa keessatti faarfachaa turaniiru.
Fknf:-
*,Yeroo Waaqayyoo galaana diimma gargar hiree isaan ceesise fi diinoota isaanii immo galanaan nyaachisetti Sabni Israa'el Waaqayyoon faarfataniiru. Ba'uu 15:20:21

*biyya Gibxii keessaa ba'anii, lafa onaa keessa yeroo adeemaa turanitti faarfatanuru.. Ab 5:1.

*Haannaanis yeroo Saamu'eelin deessette faarfatteeti. 1Sam 2:1

*Saa'ol yeroo mootii ta'etti raajonni faarfataniiru.
-kanneen Armaan Olii akka fakkeenyatti kaasnullee hedduun waan Waaqayyoo godheefi irratti hunda'uudhan gochaa Waaqayyoo faarfannaa dhan galata Waaqayyoo himaa kan turan heddudha.
Haaluma kanaan faarfannaan saba Israa'el gidduutti bal'achaa, bifa qindaa'aa ta'en guddachaa adeemuun Bara Mooticha Daawwit immoo Haalaa gaariin toora qabatee saba biraan ga'a akka ture Macaafni Qulqulluun dhugaa ba'a.
1Sen 15:16,1Sen 25:1......

Singer Megertu official

@Kakuu_Studio
@Yerusaalem_Haaraa
@Megertu_Dhugasaa


Waaqayyo namoota isatti Qoosan hin qusatu!
==============≈==============
1. John Lennon (Singer)
Afgaaffii Gaazexaa Ameerikaa (American magazine) wajjiin taasise irratti "Kiristaanummaa amantiin jedhamu ni hafa. Sirumas lafarraa ni bada. Kana immoo jala mureen beeka. Anis, baandiin sirba keenyaa "Beatles" jedhamnus Yesus Kiristoos caalaa beekamtii qabna" jedhe. Kana dubbatee osoo hin turiin rasaasa jahaan rukutamee du'e.

2. Tancredo Neves (President of Brazil )
Yeroo duula filannoo pirezedaantummaa dorgomaa jirutti qoosaa fokkisaa dubbate."Anumti sagalee 500,000 haa argadhu malee, nama mitii Waaqayyo mataan isaa barcuma kana irraa na kaasuu hin danda'u" jedhe. Akkuma jedhe sagalicha ni argate.Garuu guyyaa tokko guyyaa inni pirezeedaantummaaf mudamuuf jedhu dursee ni dhukkubsate. Birumtaa isaas ni du'e.

3. Cazuza (Brazilian composer, singer and poet)
Sigaaraa xuuxee asii ol samitti erga aara isaa afuufeen booda "Waaqayyo, kun si'iifi" situ kana jibba jedhe. Umurii waggaa 32tti kaansarii sombaan qabamee haala garmalee nama naasisuun du'e.

4. Marilyn Monroe (Actress)
Hojjetaa wangeelaa Billy Graham waliin erga af-gaaffii gaggeesiteen booda ergaa yoo qabaate akka dabarfatuuf gaafatte. Gooftaa Yesus fayyisa lubbuu kee godhii fudhadhu jedhee wangeela dhugaa baheef. Isheen garuu "Ani Yesus kee hin barbaadu" ittiin jette. Torbaan tokkoon booda mana jireenya ishee keessatti duutee argamte.

5. Thomas Andrews (Titanic Shipbuilder)
Bidiruu galaanaa Titanic jedhamtu erga hojjeteen booda gazexeessaan tokko Tomaasiin "Akkam bidiruun kun hagam amansiisti?" ittiin jedhe. Sagalee jabaan "Waaqayyo mataan isaa bidiruu kana akka bishaaniin liqimfamu gochuu hin danda'u " jedhe. Guyyaa muraasa booda lubbuu kumaatamaa ol fudhattee bishaanitti dhidhimte.
#Obboloota koo! maqaa Waaqayyoo isa qulqulluuf of haa eeggannu. Qoosaa hin taane waan ulfina Waaqayyootti bu'u irraa of haa ittisnu. Jireenya Waaqayyoon sodaatuun eebbifamaa!!
(Gara warra Galaatiyaa 6:7)
7 waaqayyo kan itti ga'isan miti'o, hin gowwoomina! Namni immoo waanuma facaase in galfata.

Показано 20 последних публикаций.