Magarsaa Qilxuu


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Политика


Hundumtuu guuteet miti
Irra keessa kolfinaa
Kan kaleessaayyu hin qoorre
Madaa keenya hin horfiinaa!
we love Our flag!🟥🟩🟥

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Политика
Статистика
Фильтр публикаций


Machii Mootummaa Ce'umsaa Ijaarra  Jedhan Ammas Eegalan

Murni maqaa ABOn  Guullallee ciisu, kan miseensota isaaf ofii fi uummata Oromoo alangaa Bilxiginnaan waadamaa jiru baraaruu hin dandeenye mootummaa ce'umsaa biyyoolessa  Oromiyaa hundeessina jechuun burjaajii isaanii eegalanii jiru.

Maraatummaa waggaa shan dura eegalan ammas bulchiinsa Bilxiginnaa raafamaa jira jedhamutti fayyadamnee mootummaa ijaarranna  jechuun abjuu hin dhugoomneen uummata afaanfaajjessaa jiru.
Waltajjiilee adda addaa Zoom'n geggeessuu
Uummata Oromoo bakkoota adda addaa bilbilaanii fi platform adda addaan quunnamuu
Finfinnee fi Shaggar Siitii keessatti ammoo namoota aanaalee irraa waamuun dhoksaa fakkeessanii mariisisuutti jiru.
Egaan qaamni Bilxiginnaa bakkaa kaasee Oromoof sirna waaraa fiduu ykn Bilxiginnaa dhiibee deebii Oromoo argamsiisu jiraannaan akka kootti rakkoo hin qabu. Haa ta'u malee waan maqaa ABOtiin gareen Daawud ibsaa dubbatuu fi gochaa jiru dhimma Oromoo furuuf ga'umsi inni irra jiru sirriidha kan jedhu gaaffii hedduu nama kaasisa. Dhaabichi maqaa malee namaan hin jiru. Sanuu gareen tokko ifatti Bilxiginnaa waliin garee Daawud ammoo dhoksaan.

Kana malees gareen kun namoota hundaa ijaarreerra, Waraanni Bilisummaa Oromoo nu harka jira jedhu. Yeroo namni waraana maalii qabdu ? WBOn Jaal Marroofaan hogganamaa jira mitii jedhamuun nama itti erginee mari'achaa jirra jedhu. WBOn isin hin beeknu jedheera, hoggantootni yeroo adda addaatti ibsa kennanii turani jedhan ammoo Jaal Marroon walakkaa qaba, nu harkas walakkaatu jira jedhuun. Kana Finfinnee keessa teessanii akkamiin dandeessan moo mootummaa waliin hojjechaa jirtu yeroo jedhan deebii hin qaban.
Kana irratti warreen Daawudiin bobbaafamanii jiran miseensota WBO Eertiraa irraa galanii Bilxiginnaan hiitee gadhiistee amma ba'anii jiran, miseensota WBO duranii karaa keenya malee, Bilisummaan Oromiyaa dhufuu hin qabu jedhan, nuun malee WBOn Zoonii Kibba Bahaa, Bahaa fi kanneen biroo ijaaramuu hin qabu jechuun dhaadachaa turaniidha.
Finfinnee keessatti barcaa fi shiishaan namoota simatanii dhimma qabsoo jechuun waan hin jirreen ololaa oolu.
Asi keessatti yeroo na mariisisan kanan arge inaaffaa milkii mooraa qabsoo ABO-WBO fi hoggantoota isaa  irraa qabaniidha. Maaliif akkas mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo firii argachuun namoota bakka sana keessa hin jirre gubaan nama dhiba. Garuu gadhummaa ta'uun irraa hubadhe.  Of malee akka sabaaf hin taaneen qalbeeffadhe.
Yeroo darbe warra Sanyiif waliin gale keessaa muraasa  diina hin fudhatinaa jedhanii Bilxiginnaa goyomsuun dirreetti hambifachuuf yaallaan dur sirnaan wal beektu har'a diina jettuu jettee hunda isaanii jalaa haxooftee mooraa haaromsaa galchite. Sanaanis sagalee WBOn maallaqa gaafachuun hongaa'e.

Daawud Zoom irra deemee waraanan qaba jedha  namni hin qaanofne. Har'ammoo Bilxiginnaa waltajjii mareenuu deebii Oromoo deebisuu hin feenu irratti mootummaa ce'umsaa Oromiyaa jedha waan Addunyaa irratti hin shaakalamne. Waraana kana waliin bara 2019 ifatti akka adda ba'an  ibsa kennan ni dagatan fakkaata. Bakka jiranii fi eenyu waliin akka hojjetan irranfatanii laata ? Natti hin fakkaatu. Beekaa diigumsaa fi burjaajiif ka'an malee.
Qaamni ykn hogganni ajjeechaa Jaal Batteef hiriira  balaaleffannaa tokko illee hin waamne qaanii hin qabu waan biraa lafa jalaan deema. Waan bu'aa hin qabne. Garuu mooraa qabsoo fi diddaa uummatichaa gidduutti burjaajii uumuuf.

Waanti dhugaan tokko Daawud Abiy Ahimediin socho'a.  Sochii isaa Abiyyitu murteessaaf. Gaardota jarri ramadaniifiin bobba'a. Jarri kun maaliif ramadamanii miti. Gaaffiin jiru garuu gaardotni kun nageenya Daawud qofa miti  jireenya isaa guutuu to'atu.
Akka fakkeenyaatti gaafa du'a ga'ii Jaal Battee Urgeessaa haati warraa isaa Maqiitti awwaalcha xumurtee guyyaa muraasa booda  Laga Xaafootti deebitu Daawud dhaqee daqiiqaa 5 odoo hin teenye eegdotni gurratti gadi jedhani ka'i ni deemna jedhan. Waan tokko osoo hin dubbanne waliin deeme.


"Karaa Siyaasaanis ta’e karaa mariitin karaa hundaan kan milkaa'uu dandeessu yoo waraana jabaa qabaatteedha. Nuti Oromoon immoo waraana jabaa ABO/WBO qabna waan ta'eef milkaa'uun keenya asumarraa jalqaba."

Dr Tseggaayee_Araarsaa.


Dhabbanni guddiichi America arjoomaa/keennaan beekamu USAID'n Itoophiyaa keessatti hojii deggersaa fi gargaarsaati turee akka addaan kutuu Donald Trump ajaja dabarsee jira.


"Ajaja isin nutti laattaniin dhii-gni keenya lol-aa jira. Kana booda nutis uummanni keenyas akka shororkaa'u, dhii-gni isaa akka dhangala'u, nutis aarsaa akka taanu hin barbaannu! Gadi taa'aa mari'adhaa. Kun sagalee tokkoo tokkoo waraa-naati" jedha qondaalli olaanaan waraa-na xoophiyaa kun!


Tikni waraa-naa ajajaa waraa-nan olidha. Seerri tikaa miseensaa fi ajajaa tiksuu irratti gaafatama guddaa qaba. Waraa-na jabaa qabda jechuun tiksee jabaa qabda jechuudha. Waraa-nni ija hin qabu, ijji isaa tika isaati. Eessatti akka lo-u, eessatti akka lo-lamu, eessatti akka injifatu, eessan akka injifatu dursee kan argu tiksee isaati. Gatiin tika fi lo-ltuu biyya tokkoo baay'ee qaaliidha. Lo-ltoonni tika isaanii tokko dhabuurra lolt-oota ofii isaanii kuma dhabuu filatu! Ija isaatu tika isaati waan ta'eef jechuudha. Lolt-oonni ofii isaanii irra tika isaanii baay'ee jaallatu, kanaaf tika ofii dhabuu baay'ee rifatu!


PPn Wal Waxalte.

Shawaa Kibba lixaa bakka WBOn hedduminaan keessa socho'uu PPn humna lafoon dadhabdee humna qilleensaan Helicopter 8tin yeroo itti bobbaatutti leencichi lola qinda'aan socho'uu bakkiicha dursee yeroo lakkiisu RIB'n shalaqaa tokko ol ta'u gammachuun yeroo bakkiicha dhuunfatutti Helicopter 8tanu WBO itti fakkaachun RIB hunda sa'aati 2 gidduuti tumuun fixxee deebite.

Lolli Kilaash Qofaan Miti Strategy Mataasa Qaba Kaa Jennuuf Kanaaf.
WBO Haa Waaru
IUOf


Faana Sinbiraa:
Ajajooni RIB Hojii Kaadire PPti Wan Dammaqan Fakkaata.

"Biyya Ormaa deemnee arginee jirra.
Huccuu Waraanaa uffannee yeroo cinaasaa Darbinu Ummaanni Keenyaa Ija dalgaan/hamtuun nu ilaala.
Amma duuni nu gaha."
  BirgaaderJeneraal Kebbedee Raggaasaa.

Atakaaron Guddiise K/Abiyyi(TPLF) fi TDF Haala Ho'aan Deemaa Jira🤝

Humni waranaa Tigiraayii (TDF) motummaa yeroo Tigiraayii kan amma Getachoo Raddan durfamuu akka Angoo irraa ka'uufi gareen TPLF Dr Dabireetsionin durfamuu akka deggeruufi akka walii galtee Pretoriattii TPLF 50+1 labsii jedhamuun akka angotti deebi'uu murtesse jira.
Haala amma jirun lolli karaa hundaan Impaayera kanatti wan qabachaa jiru.

👉Oromoon Nuffii Takka Malee  Kan Duriirra WBO Jabeeffachu Qaba.
👉QBO Iddoo Jirtuu Ka'i Wal Kakaasi Jaarmiya Guddiicha Oromoo ABO-WBO Jalatti Wal Ijaari.
Walabummaan Oromiyaaf Kanumaan Mirkana'aa.


Irbuun Erbee Miti.

Ijoollen Sanyii Nagaasa Kaleessa nagaa barbaanna jette qawwee lafa keenyerra galte harra WBO lolu dhufte Irbuun gantee galte dhuunfate.


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Dhimmi ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti qiyyaafate ka'uumsi isaa eessa akka ta'e hubadhaa.


Lolt-uun impaayeraa ajjee-chaa seera qabeessa akka si ajjee-su barbaaddee silaa? Kan jala jirtu impaayera. Sanuu impaayera akka addunyaatti qancara. Impaayeratti na ajjee-fte jettee itti wawwaatta osoo hin taane wal taatee wawwaachifta, of kabachiifta! Gurmaa'i, wal hin tuffatiin, kutaan wal hin qoodiin, ajandaa diin-onni kee siif bocan tuffadhu, waan isaan siif jibban waan baay'ee si barbaachisu ta'uu hubadhu. Hin sodaatiin, garaa jabeessa ta'i. Xiiqii qabadhu, xiiqii kaayyoo. Biyya kee irratti abbaa ta'uuf waree-gama seena qabeessa baasuun cubbuu miti.


Kanneen akka Dammaqaa Nagaasaafaa kana nama jadhanii komachuun mataamti isaa cubbuudha!
Namni komatamu,nama namummaan itti dhaga'amu fi itti gaafatamummaan maal akka ta'e beekudha.

Kaadiroota PP ija dunuunfatanii Murna aangoorra jiru yakkarraa qulqulleessuu fi olola sobaan cubbuu ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru haalan,komachuun hafuu qaba.

Jara kana dhimma garaa fi garaa qofatu akka Saree isaan duuchisa,akka Waraabessaa isaan yuusisaa jira.
Hojiin jara kanaa Geetaachoo Raddaa 2017 "Agaaniint" nun jadhe fi Aluulaa Salamoon "Alshabaab" nuun jadhe,akkasumas Abbooy Tsahaayyee "Kana caalaa raawwatama" nun jachaa ture sana nama yaadachiisu.

Akka muuxannootti waan arginee bira darbine waan ta'eef,jara kanatti mufachuu fi itti gadduun hin barbaachisu.
Galaanichi haafa fi kos'''ii akkasii walumatti haree sokkuun isaa hin hafu.
Abbaan garaachoo fi fakkaattoonni isaanii,dhimma garaa fi garaatu isaan yaaddessa.
Cubbuun ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru,guyyaan iyyatu fi dubbatatu dhihaateera.
Dhaddacha seeraa fi seenaatti,barri yakkamtoonni dhihaatanis fagoo miti.




Waraa-na itti abdannu waan qabnuuf waa'ee Biyyaas waa'ee WALABUMMAA OROMIYAAS lafa dhiitnee dubbanna! Siifan lol-la jedhee sobee hin beeku!


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Oromoo Ilmaan Ke Dhumee

Kan Arsiitti ta'eef utuu teesse gaddiitu kunoo Booranattis manaa gadii baasan haala sukkanneessaa kanaan Qeerroo kee galaafachaa jirti kaadiree fi ergamtooni impaayera.
👉Ka'i Falmadhu
👉Teesse Du'a Hin Eeggatin


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Oromoon Guddaan kee ergamtuu impaayeran akkasitti salphaate qe'ee isaa irratti haala sukkanneessaan ajjeefamuun akkuma itti fufeeti jira.


Garaa ishee  guutachuuf jecha dhiiga ilmaan hiyyeessa kan dhangalasiisa ooltu  Boojji Coqorsaati jiraatti Galii taatetti


Walagga Lixaattis
Daa'ima kanas rasaasa itti roobsanii ajjeessan Milishaatu ajjeesse 😢


WALLAGGA BAHAA

Wallaggaa bahaa aanaa WAAMAA hagalootti ji'a darbee keessa rasaasaa ja'an(6) itti roobsuun Ganda daakkoo keessatti kan ajjeefame


Wallagga Lixaa Gimbii
Galgala edaa sa'atii 2:00 tti Gimbii naannoo baddeessaa makkoo jedhamutti milishaan dargaggoo maqaan isaa Abbushe  jedhamu rasasa itti roobsitee ajjeeste jirti.
Mucaan kun konkolaachisaa dha


Namni Kun miseensa Paarlaamaati.
_✍️
Namni Kun miseensa paarlaamaati, miseensii paarlaamaa jechuun immoo bakka bu'aa Uummataa ykn sagalee sabaa isaati ilaaltee Oromoo? Eenyuu Akka si fixuuf murteeffatee ka'eef barruun Kun ragaadha.

Ajjeecha sukkanneessaa Uummataa nagaa irratti video guutuu miidiyaa hawaasarra naanna'a jiru kanaan soba jedhee! Argii namichii miseensaa paarlaamaa gaafa akkanaa jedhuu ati namni tokko Akka Hin qabne Bulchiinsaa sirnichaa Keessaa agarsiiftuu tokkodha

Paarlaamaa Keessaa nama hin qabddu paarlaamaa sagalee siif ta'uu utuu hin taane isaa si fixuuf humna ijaaramee qofa qabdda.

Показано 20 последних публикаций.