Maaltu Na Galche?Maatii tokkotu turan jedhan. Hantuunni gurmuun itti yaatee rakkiste. Dhuma irra kiyyoo hantuutaa bituuf mari'atan. Ni bitanis. Yeroo kana hantuunni lukkuu bira deemtee, "Yaa lukkuu waan ta'e kana dhageessee?" jette. "Maal inni?" jedhee gaafate lukkuun. "Sila badne! Mana kanatti kiyyoon hantuutaa bitameera! Nuuf dhumate!" jette. Lukkuunis bitaa itti gallaan, "Kun maal isaatu na ilaallataree? Ani bar hantuuta miti. Kiyyoon bitame kan hantuutaati. Ana maaltu na galche?" jedhe miira aariin. "Haa ta'ukaa!" jette hantuunni.
Sana booda gara hoolaa deemtee waanuma lukkuudhaan jette ittiin jette. Hoolaanis deebiima lukkuu kenneef. "Ana maaltu na galcheree? Maaltu na ilaallata? Kiyyoo hantuutaaf qophaa'eef maaliifan dhiphadha. Ofii keef boo'i malee ana maaltu na galcha?" ittiin jedhe.
Hantuunni itti fuftee booyyee bira immoo deemte. "Kiyyoon hantuutaa mana kanatti akka bitame dhageessee? Bar sila badnee!" ittiin jette. Booyyeen ittumaayyuu itti kolfe. "Maaltu na galcheree? Ani hantuutaa? Kiyyoon hantuutaa maal na godha?" ittiin jedhe.
Dhuma irratti hantuunni sangaa bira deemtee kiyyoon hantuutaa akka bitame itti himte. "Nuuf dhumatee bar!" ittiin jette. Sangaanis, "Ana maaltu na galcheree? Kiyyoon kan hantuutaati. Animmoo hantuuta miti. Ofiif boo'i" ittiin jedhe.
Haala kanaan otoo jiranii kiyyoon sun sagalee dhageessise. Ni iyye. Waa qabuu isaati. Haati manaa hantuutatu qabame jettee fiigdee yoo deemtu kan qabame bofa ture. Bofti lubbuuf wixxisu sun otoo isheen hin argiin koomee ishee hidde. Achumaan dhukkubsatte. Haadha manaa isaa dhukkubsatte waldhaanuuf maallaqa ga'aa kan hin qabne abbaan manaa foon gurguree ittiin ishee waldhaansisuuf booyyee isaa qale. Booyyeen wareegama lubbuu kaffaluuf kan jalqabaa ta'e.
Maallaqa argateen haadha manaa waldhaansise. Ogeessi ishee waldhaanes, "Ittoon lukkuu waan ishee gargaaruuf haa fayyadamtu" ittiin jedhe. Achumaan abbaan manaa sun galee lukkuu sana qale. Lukkuun, "Maaltu na galche?" jedhes gaaga'ama sanaaf gatii lubbuu baase.
Haati manaa dhukkubni ishee itti hammaachaa dhufe. Maatii fi firoonnis yeroo murtaa'eef ishee dhukkubsachiisan. Namoota haadha manaa isaa dhukkubsachiisan sanaaf abbaan manaa hoolaa qale. Hoolaanis aarsaa lubbuu baase. "Maaltu na galche?" jedhee turus wantichi gatii isa baasise.
Dhuma irratti haati manaa ni duute. Sirna awwaalcha ishee irrattis sangaan qalamee namoonni ittiin keessumsiifaman. Gaaga'ama kiyyoo hantuutaa irraa dhufeen kan hin du'iin hafe hantuuta qofa ture.
Maal jechuufan jedhe? Gaaga'amni ati obboleessa kee irratti ilaaltee, "Ana maaltu na galcha?" jette sun si hin hankaaku. Ibiddi ati kan koo miti jette sun dursee eenyuun akka gubutu hin beekamu. "Maaltu na galche?" jechuun nu hin baasu. Dhukkubni obboleessa kee dhukkuba keeti. Miidhamni obboleettii kee miidhama keeti. Wal irratti ilaaluun kun hafuu qaba. "Maaltu na galche?"
@Miira_jaalalaa ❤️