Oduu jijjiirraa Kamisa waaree duraa itti dhiyaadhaa dubbisaa
Oduun jijjiirraa erga baname har'a guyyaa 2ffaa dha
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
📌Maanchistar Yunaayitid bara dorgommii isaanii baraaruuf jecha taphataa sarara fuulduraa Siwiidin Viktor Gyokeres, ganna 26, Ispoortiin irraa fudhachuuf ji'a kana ni yaalu, garuu gatiin £80m akka baasu eegama. (mirror)..
📌 Riyaal Maadriid ganna kana jijjiirraa bilisaatiin Tireent Aleeksaandar-Arnoold mallatteessisuuf daandii irra kan jiru yoo ta'u, taphataa ganna 26 kun Liivarpuul gadhiisuu barbaada. Kilabiin Laaligaa kun taphataa sarara ittisaa Ingilaand kun yaada isaa jijjiiruu akka hin dandeenyeef waliigaltee kontiraata duraa dafee akka mallatteessuu barbaada. (Relevo - afaan Ispeeniin)
📌Riyaal madrid Aleeksaandar-Arnoold fudhachuuf paawundii miliyoona 20 dhiyeessee jira.
📌Daarektarri ispoortii Baarseloonaa Deekoo taphataa sarara fuulduraa Liivarpuul lammii Kolombiyaa Luwiis Diyaaz mallatteessisuuf fedhii guddaa kan qabu yoo ta'u, taphataa ganna 27 kun kontiraata fooyya'aan Anfiild turuuf mariin jalqabuu dhabuu isaatti hin gammadne. (Ispoortii - afaan Ispeeniin)
📌Arsenaal taphataa sarara fuulduraa Eintracht Frankfurt lammii Masrii Omar Marmoush ganna 25 mallatteessisuuf dursaa jira,kilaboonni akka Liivarpuul, Paaris Seent Jarmain fi AC Miilaan mucaa kana barbaadaa jiru... (GiveMeSport), kan alaa
📌 Gaanaars taphataa sarara fuulduraa Maanchistar Yunaayitid Maarkus Raashfoordi fudhachuuf yaadaniiru, garuu taphataa lammii Ingilaand ganna 27 kanaaf paawundii miiliyoona 25 ol kaffaluuf fedhii hin qaban. (Jijjiirraa Kubbaa Miilaa)
📌Raashfoord ji'a kana keessa Maanchistar Yunaayitid gad dhiisuuf dhaabbata tokko waliin marii taasisuu isaa haaleera. (MEN).
📌DEAL DONE: Stade Rennes Seko Fofana Al-Nassr irraa €20M mallatteesise. (Source:
@staderennais)
📌Real Betis Antony ergisaan fudhachuuf gaafii dhiyeesse..
📌Arsenal biriyaan Imboomoo Brentford irraa fudhachuuf sochii jalqabe.(Football london).
📌 kilabni Faransaay Maarseel taphataa sarara gidduu Biraazil Andirees Pereeraa, ganna 29 fulham irraa fudhachuuf gaafii dhiyeesse..(times)..
📌Bireenfoordi, Weestihaam fi Fuulhaam haala kontiraata taphataa sarara gidduu Ingiliiz ganna 29 Wiil Hiyuuz Kiristaal Paalaasitti hordofaa jiru. (Football Insider)
📌Baayermuunik fi Paaris Seent Jarmaniin kilaboota Piriimiyerliigii Ingiliiz jaha waliin wal dorgomuun taphataa sarara fuulduraa Ispeen Daani Olmoo jijjiirraa bilisaatiin ni mallatteessuu, haa ta'u malee Baarseloonaan taphataa ganna 26 kana walakkaa lammaffaa bara kanaa irratti galmeessuuf abdii hin kutanne. (mirror)..
📌Maanchistar Yunaayitid baatii kana keessa taphataa lammii Biraazil Kaaseemiroo akkasumas taphataa sarara gidduu Deenmaark Kiristaan Eriksen, lamaan isaanii iyyuu ganna 32 fi taphataa sarara ittisaa Siwiidin ganna 30 Victor Lindelof gurguruuf murteesse (Fabrizio Romano)
📌Atileetik Biilbaawoo taphataa sarara fuulduraa Ispeen Niikoo Wiiliyams ganna 22 kilabii Laaligaa gadhiisee yoo ba'e urjii dhalootaan Baaskii Noorwiich Siitii Borjaa Saayinz ganna 23 bakka buusuuf jira. (Ispoortii karaa Football Espana), alaa
📌Nottingham Forest taphataa sarara fuulduraa Naayijeeriyaa Taiwo Awoniyi, 27, baatii kana keessa gurguruuf jira (mail)..
📌Maanchistar Yunaayitid Piriimiyerliigii Ingiliiz irraa yoo gadi bu'e walii galtee uffannaa £ miiliyoona 900 Adidas waliin qabu dhaabbatichi uffata ispoortii Jarmaniin addaan kutuu danda'a. (Telegiraafii - maallaqa galchuu barbaachisa)
📌Leenjisaan Ruuben Amorim taphataa sarara ittisaa bitaa Ingilizii ganna 17 Haarii Amaas fi taphataa sarara gidduu Ingilizii Daan Goor ganna 20 baatii kana keessa ergisaan Maanchistar Yunaayitid akka gadhiisan ni hayyama. (mirror)..
📌 Kiristaal Paalaas jijjiirraa baatii amajjii irratti taphataa sarara ittisaa bitaa Ingilizii ganna 25 Taayirik Miicheel maallaqaan argachuuf ilaaluu danda'a, osoo walii galteen isaa dhuma bara dorgommii kanaatti hin xumuramin dura. (Football Insider)