OF-IJAARUU


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Психология


Jireenyi keenya akkuma ijaarsa manaati. ni ijaarama.
1️⃣ Self discovery
2️⃣ Spiritual mind set
3️⃣ we filter out anything we don't want to have show up by Gods word and Focus on what we Desire!
4️⃣ Waan jireenya fooniif Hafuura Ijaarutu dubbatama!

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Психология
Статистика
Фильтр публикаций


“Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?”
— Mar. 8:36

Greatest Achievement of all time 👏🏿


Akkam Jirtu?
Ergaan asii ol Walitti hidhee Jiru bareeffamaa Waggaa tokko duraati!

Har'a Garuu Ergaa sana Dudduuba deebi'ee akkan dubbisu waan na godhetu Jira!
Namni an Akka fakkeenyatti Fudhee barreeffama sana Keessa galchee Jiru Actor Denzel Washington Torbee dabarsine Keessa Gooftaa Yesuus OFITTI fudhate,yeroo sirni cuuphaa Isaa raawwatamu YouTube irraa daawwadhu Gammachuu guddaatu natti Dhagaa'ame!

Nama kana an personally actor ta'uu beekee osoo hin Taane Haasaa inni yeroo Tokko yuniversity Ameerikaa Keessatti Argamu tokko Irratti put God first jedhee Godhetu akkan Isa simadhu na Godhe!

Sana Booda actor beekamaa Akka ra'e. tony award,Academic Award,2016tti immoo life time Achievement , 2020tti immoo 21st Century Greatest Actor, bara2022 tti immoo the Presidential Medal of Freedom Award argate even Oscar award illee Nama Argate Akka ta'e bare!

Torbee dabarsine kana ammoo Achievement Guddaa,Award Guddaa Addunyaa Kun Wal+,tajjii Guddaa akkamii qopheessite irratti Namaaf Kennuu hin Dandeenye argateera!

Innis sirna Cuuphaa Isaa booda Akkan dubbisetti akkas jedhee dubbate "yeroo haa fudhatayyu malee Dhumatti as Gahuu Danda'eera, Waaqayyo inni Anaaf Gochuu Danda'e isiniif Gochuu hin danda'a" Jedhe!


Dubbiin Waaqayyo Qoricha tokkicha Dhibee Jireenya Namaa Keessa Jiru hundumaaf Furmaata ta'uu Danda'uudha!
Qoricha Qulqulluu ta'eedha waan hin barbaachisne Hundumaa Keessa Namati Baase Fayya buleessa Nama Godha!
Yaaddoodhaf Qorichadha!
Sodaadhaaf Qorichadha!
Dhiphinaaf Qorichadha!
waan Namatti Ulfaatu Hundumaaf Qorichadha! Furmaata Qabuudha!

Qoricha Namummaa namaa fayyaa Godhuudha!!

Challenge Kamiifu Furmaatadha!

God's word is a pure Medicine 💉💊


Men and women of purpose and goals have no time for drama. They are too busy adding value to their lives and the lives around them.


Addunyaa Akka barbaadde Nama Gochuuf,Gara Barbaadetti Nama Bocuuf asiif achi Nama oofu Keessatti Nama akkamii ta'uu Akka Qaban,Eenyummaa akkamii Qabaachuu Akka Qaban Adda baafachuun Milkaa'ina Guddaadha!


Jireenya Keenya Keessatti Waanti ta'u Hundumtuu akkaataa Yeroo Keenya osoo hin Akkaata yeroo Waaqayyo Hordofeeti!


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
❤️❤️❤️
Kanumafatu Channel Koo kanaaf Yeroon Qabaachuu Qabu na harkatti Xiqqeesse 🤗!

Situ Jaallate itti Na waame Naaf Caala Meetiif Warqee Jedhe Faarfataa Abraham!

Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


There's no Way I can get Disadvantaged! All things works for my Good!

Because I love God and I was called according to his Divine Purpose!“And we know that all things work together for good to them that love God, to them who are the called according to his purpose.”
— Romans 8:28 (KJV)


Gooftaan Akkuma Saamson Waan Si Balleessuuf Sitti Dhufu Keessa Waan Jireenya Kee Gargaaruu Keessaa Siif Baasu Danda'a!
Saamsonitti Leenci Saafelli aadaa isatti Dhufe Jedha Dubbiin Waaqayyo , Battaluma sanatti Hafuurri Waaqayyo isaaf Dhufnaan hin Kukkute Jedha Dubbiin Waaqayyoo!

Guyyaa Muraasa booda utuu achirra Darbuu Leenca Isa ajjeesee Darbe sana itti Goree Ilaalee Raqa Leencichaa Keessaa Gurmuu Kanniisaaf Damma argate Kutatee Nyaachaa adeeme Jedha Dubbiin Waaqayyoo!

Guyyaa Cidha Isaa iratti Hibboon isin Hibbifadha ittiin Jedhe saamsonAbo. 14

¹⁴ Innis, “Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba'e, isa jabaa keessaa wanta miyaa'utu ba'e” jedhe; isaanis guyyaa sadii keessatti hiikaa hibboo sanaa himuu hin dandeenye.

Waan ATI Jabaadha Jettee Ilaaltu Kana Keessaa Siifis Gooftaan Waan Miyaa'u siif Baasuuf amanamaadha!
Waan ATI Na Nyaata,na balleessa Jettuu kana Keessaas Gooftaan Waan Gaarii siif baasa!

Obboloota Koo Nuti warri Akka Akeekaaaf Yaada Waaqayyotti waamanme Karaa ittiin Miidhamnu /Disadvantaged/ taanu Tokkolle hin Qabnu! Gooftaan Waanti Hundumtuu Gaarummmadhaaf Akka Nuuf ta'u Godha!
ofcourse Waanti Hamaan Nutti Dhufuu Danda'a,Danqaan baayyachuu Danda'a Garuu Waan tokkoo Beekna Xumurri waan Kanaa Gaarummmadhaaf Nuuf ta'a!

Tarii Akka Ilaalcha Namatti Waan hamaa Keessaa waan Gaariin ni argatama Jedhanii yaaduun Ulfaachuu mala Garuu Gooftaan Biratti akkas miti!

“Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.”
— Rom. 8:28

karaa Meeqaa?? Karaa Hundumaa isaan Gargaaree!
Karaan Keessa Dabartuu Kun Waan Gaarii wayiyyu waan Keessa Argamu sitti Fakkaachuu Dhiisuu Danda'a? waanti Dubbiin Gooftaan Jedhu Garuu Dhumni Isaa Gaarii ta'a,Gaarummmadhaaf ta'a Jedha!
Namni karaa Yooseef Jireenya Isaa Keessatti Dabarse yaadan Qabee ilaaale Waan Gaarii maaliitu Keessa argama Jedhee tilmaamuu Danda'a?
Obboloota jibbame,Gurgurame,Hidhame, Xumura Irratti Garuu Gooftaan Mootii Isa Godhe!

Gooftaan Waan Akka Ilaalcha Namatti hamaa ta'e isatti Gahe Keessa Waan Gaarii isaaf Baase!

Gooftaan Waan ATI Na miidha,na balleessa Jettee Yaaddu sana Hundumaa keesssa waan ATI Dhamaatelle bira Gahuu hin Dandeenye Waan Gaarii siif Baasu hin Danda'a! Karaan ATI Ittiin miidhamaaa taate haftu Tokkolle hin Jiraatu, there's No way you can Get Disadvantaged! Sababiinsa Nuti Warra Akka Akeekaaaf Akka Yaada Waaqayyotti warra waamaneedha!


Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


Namni Hafuura Qulqulluu fudhatee Of+tuulummaa,anamoo,jibba of Keessatti Guddisaa hin Adeemu! Sababiinsa Kun Jireenya inni OFITTI fudhate miti! the same Life Yesuus Jiraate Gara Jiraachuutti Kan Nu Adeemsisuudha Hafuurri Qulqulluun!

Gaafa Waanti Waaqarraa Kun Keessa Keenyatti Hojii Jalqabuudha Kan Waanti Hin barbaachifne Hundumtuu nu Keessaa Guyyaadha Gara Guyyaatti Kan Qulqulleeffamaa Adeemu!
Kun yoo hin ta'u ta'e Humna Jireenyi Kun Of +Keessaaa Qabu Of+Keessatti arguu hin Dandeenyu!

Luq. 19
⁶ Zakewosis dafee gad bu'ee, gammachuudhaan Yesusin simate.
⁸ Zakewos garuu, ka'ee gooftichaan, "Yaa gooftaa walakkaa qabeenya kootii warra deegaadhaaf nan kenna, kana malees eenyu irraa illee waan tokko giddisiisee fudhadheera yoon ta'eef, dachaa afur nan baasaaf' jedheen.



Yesuus ATI Nama qaraxaa Fuudhuudha, Namoota Baayyee Durqisiisaa Turte,Kanaafuu Kana kana Gochuutu Sirra Jiraata ittiin Hin Jenne! Akkasumas ATI har'aa Kaaste Namoota Deegoo Qabeenya Keen Deggeruu Qabda ittiin Hin Jenne!

Zakkewoos Garuu Ka'ee Gooftaadhaan Jedha Dubbiin Waaqayyoo an Humnaan Kanaan Dura Namarra waa Fuudheera Yoon ta'e Dachaa 4 Nan baasa Ittiin Jedhe jedha! Even walakkaa Qabeenya Kootii Warra Deegaadhaaf Nan Kenna Jedhe!
Gammachuu Guddaadhaan Yesuusiin Keessa Isaatti Waan Fudhateef!

Gammachuu Zakewoos Yesuusiin ittiin simate Dhugaa ta'uu Kan Namatti Mul'isuu Akkaataa Jireenya inni Erga Yesuus Mana Isaa Seenee Agarsiisuu Jalqabeedha!

Yesuus Akka Fayyisaa Lubbuu Keenyatti Erga Fudhannee,Karaa Hafuura Qulqulluus Waayee n Jireenya kanaa Nuuf ifaa Erga dhufe Akkaataa Jireenya Qaqqajeelfamaa Adeemu hin Qabaannu yoo ta'e Dhaabbanne of+ilaaluun Dirqamadha!

Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


1Sam. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Waaqayyo nama in deegsa, in badhaasas; inni nama gad in deebisa, olis in qaba.
⁸ Inni hiyyeessota awwaara keessaa in kaasa, warra dhaboos tuullaa kosii keessaa ol in kaasa; gurguddootaa wajjin isaan in teessisa, teessoo ulfinaas akka isaan dhaalan in godha; utuboonni lafaa kan Waaqayyoo ti, inni utuboota sana irra biyya lafaa in kaa'e.


God is at work in me today and I’m conscious of it! I don’t function in my own ability or strength, for my sufficiency is of God. My strength is renewed daily and I’m divinely energized at all times!

Have a blessed day ❤️


Addunyaa n Kun Dhamaati Guddaarra Jirti Fuuldura Fooyya'aa ta'e Ijaaruuf, technology dhaan Guddachuu Lafarrayyu olkaate Addeessaa irraa Jiraachuun Akka Danda'amuuf Karoorsiti!
Homaa Dhumni waan Hundumaa Akka Gahe Quba hin Qabdu, Aduunyaan Kun baruma baraan Dhiyaa bar'iaa waan itti fufu itti Fakkaate!

Egaa Nuti Obboloota Koo warra Dhuma barichaa Keessa Jiraachaa Jirruuf MAAL Gochuutu Nuuf ta'a?
waayee Yeroo Keessa Jiraachaa Jirru Beekuudha! Dubbiin Sagalee Waaqayyo Guyyootni Kun Guyyoota Gadheedha Jedha! Tarii Namni Advancement Addunyaan Kun irra Gahaa jirtun waan tolu Wayiitti tokko isatti fakkaachuu Danda'a Dubbiin Waaqayyo Garuu Guyyootni Kun Guyyoota Gadheedha! Isa Kaan Yaaddoo Jireenyatiin Guyyootni Kun Gowwoomsu,warri kaan Entertainment Jiruun Gowwoomfamuu Seexanni Yeroonsa Akka Gahe Waan bareef Yoo Waaqayyo Waayee Yeroo kanaa Nama hin hubachiifne Dammaqsuuf hin danda'u!

Egaa kanaafuu Yeroo isiniif Kenname hin dabarsinaa jedha! Yesuus akkas Jedhe Hojii Abbaan Koo anatti Kenne Yeroodhan Hojjechuu anarra Jira Jedhe! Yeroon itti Namni Hojjechuu hin Dandeenye Hin Dhufa Jedhe! Agartanii Obboloota Koo Waayee Yeroo Keessa Jirruu Gara hubachuutti hin Dhufnu yoo ta'e MAAL Akka Gochuu qabnulle hin beeknu!
Namni Maal Akka Gochuu qabulle Kan Isa hubachiisu yerichi yeroo akkamii Akka ta'e yoo beekeedha! yeroon Waan Namni Gochuuu Qabu Nama Hubachiisa obboloota Koo!

1Sen12:32 irratti Ilmaan yisaakor yericha Kan hubatan Israelis Maal Gochuun Akka isheerra Jiraatu warra Beekan turan jedha! Ilmaan yisaakor Kun Akka warra Kaaniin Fiiganii loluu miti,Xiyyaa darbachuu duwwaa miti Garuu Waan adda isaan Godhu Qabu Turan! innis yeroo Hubachuu Danda'u!

Gooftaan Hafuura Kanaan Nu haa Gootu! Namni waayee Guyyoota Keessa Jiraachaa Jirru kanaa Yoo Hafuurri Qulqulluun Nama Hubachiise malee beekuun hin Danda'amu!

Atleetonni Keenya Gaafa Fiiganii Xumura irra gahanii ittuu Humna Qaban Hundumaa gargaaramanii Gara Fuulduratti of+Tarkaanfachiisu sababiinsa Waanti Gara dhumaa irratti ta'uuf Deemuu Murteessaadha waan ta'eef obboloota Koo!

yeroon Kun Yeroo itti Mana Waaqayyorra fagaatan? yeroo Itti Dubbii Waaqayyo dhaga'uu irraa fagaatan miti! yeroo Akkasii Keessa Hin Jiru, Guyyootni Kun Gadheedha obboloota Koo!
Deddeebii kaleessa dhiisi Obboleessa/tti Koo? mandara Kaleessa Keessa bahi ,dhiis Akkaataa kaleessa!
Dhumni waan Hundumaa Dhiyaateera!

Bara Dhufa ilma Namatti akkuma Isa Bara Nohi sana ta'a Jedhe Yesuus Bara Nohi sanatti Namootni hin Dhugu, hin nyaatu,hin Fuudhuu hin heerumus Turan! Hamma bishaan badiisaa sun dhufuuttille!

Egaa isuma kana Jabeessaa Namni Waaqayyo Phaawoloos
“Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame.”
— 1Qor. 10:11

Nuyi Warra Dhumni Barichaa irra Gaheef Barumsa Akka Nuuf ta'uuf caafame jedha Namni Waaqayyo Kun seenaa Saba Israa'eliin Yaadachiisuun!
Akkamitti Waayee Biyya Kakuu Sanaa Akka dhaga'an , Akkamitti Adeemsa Akka Jalqaban Garuu Isaan Didoo waan ta'aniif Gooftaan Biyya sana Akka isaan argatan hin Goone!

Namni dogoggora Seenarraa hin baranne Dogoggora irra Deebi'e Godha Jedhu mitii hayyoonni?
Egaa Seenaan Kun Hundumtuu Nu warra Guyyaa Gooftaan Irra gahe kanaaf Barumsa Akka Nuuf ta'uuf Nuuf caafaaman!


Waanti Seexanni Akka Namni hin yaadanne barbaaduu,Kan Waaqayyoo ammoo Yeroo tokkoofille Akka Namni hin daganne barbaadu waaayee Dhuma barichaati!

“Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!”
— 1Phe. 4:7


Ayyaanni Waaqayyoo hanqina Namaa Hin haguuga! Qaawwaa Jiru Cufee irra Namaaf dhaaabbata! Dadhabina ATI Qabdu Hundaafuu Baayyina Ayyaana isaan Waaqayyoo Akkanni Mul'achuu hin Dandeenye Godha!

Galgala Nagaa isiniif haa Ta'u!


Na ofkalchaa Isin Jalaa Fagaachuu Koof!

Maatii Of+ Ijaaruuf

✨𝗚𝗮𝗮𝗳𝗮 𝗚𝗮𝗿𝗮 #𝗞𝗶𝗿𝗶𝘀𝘁𝗼𝗼𝘀 𝗗𝗵𝘂𝗳𝗻𝘂 𝗖𝘂𝗯𝗯𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗧𝗮'𝘂𝘂𝗻 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 ; 𝗖𝘂𝗯𝗯𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗜𝘀𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗚𝗼𝗱𝗵𝘂 ,𝗫𝘂𝗿𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗧𝗮'𝘂𝘂 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝘀 𝗜𝘀𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗫𝘂𝗿𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂! #𝗚𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗮 𝗚𝗮𝗿𝗮 𝗜𝘀𝗮𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗳𝗻𝘂 #𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝘂𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻  𝗜𝘀𝗮𝗮 𝗡𝘂 𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮!! 𝗤𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗜𝘀𝗮𝗮𝘀 𝗤𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗼𝗼 𝗡𝘂 𝗚𝗼𝗱𝗵𝗮!!
Ebbifamaa!!

✍🏿Via Inbox 📥


Iyyaasuun Dargaggeessa Bold ta'eef Full of Confidence ta'eedha! Inni Nama waan Waaqayyo Yaadee Jiru Dubbatu,Waan Waaqayyo Jedhee Nama Dubbatu,Waan Argamu Nama Dubbatu osoo hin Taane Nama Waan Waaqayyo Argee Jiru Argaa Deddeebi'uudha!

Waayee Sodaa hin haasa'u sababiinsa Biyyicha Humna isaaniin Qabaachuuf Deemaa Akka hin Jirre beeka! Waanti Waaqayyoo Waayee Gara Biyya isaan Itti Adeemaa Jiran Dubbatee sun Keessa isaatti Dhugaa ta'eera Isa Kanaaf Iyyaasuun Gaafa Ilaaltu Hin jajjabaatta,Mo'ichi Akka Jiru Amanta Sababiinsa inni yeroo Hundumaa Waanta Waaqayyo Jedhee yaadachaa Adeema malee Dagachaa hin Adeemu!

#BOLDNESSS

waaree Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️


#Daily@ofijaaruu


#Daily@ofijaaruu


Har'i Guyyaa Kan biraadha, Har'as Garuu Lubbuudhaan Jirra!
Haa ta'u iyyuu Malee Namootni Kan Biraa Heedduuf Du'aan Bari'eera! Utuu Karoora Heedduu Qabaniif,Utuu Bakka Gahuu Barbaadan Utuu Qabaniif Guyyaan Kun isaaniif Kan Xumuraa ta'e!

Akka world Death Clock Gabaasutti Yoo ta'e Addunyaa Keenya Har'aa Keessatti Guyyaattti Namoota 150,000 oltu Du'a! Saatii tokko Keessatti Nama 6000 , Daqiiqaa tokko Keessatti Gara Nama 106, Second Keessatti Nama 2tu Du'a!
Karoora utuu Qabu,waan Yaadu utuu Qabuu,Bakka Gahuu Fedhu utuu Qabu,inni Kaan Ammoo Dhiphinaaf Yaaddoon Ciisee ykn Rafe Achumaan galgalli sun Guyyaasa Isa Xumuraa isaaf ta'a!

Waaqayyo sodaadhaan Akka Jiraatnuuf,yaaddoodhaan Akka Jiraatnuuf,Dhiphachaa Akka Jiraatnuuf Guyyoota Nuuf Dabalaa??
wayyaa maalii qabaatas Kun Kan warra Guyyaa isaanii Xumurataniirra!

Akkuma kaleessa Utuun Waldaan Mana Keessan Bira jiruu Mana Keessa Ooluu akkati filachaa itti fuftuufi?
Har'as yeroo Kee DS tv tti, Social media irratti,Fiilmii irratti Dunuunfattee akkati fixxuufidhaa?? Yoo Akkas ta'e Waaqayyo Guyyoota Jireenya siif Dabaluu isaatti Dogoggoreera!

Kaayyoomti ATI Har'as Carraa Jiraachuu argatteef maaliif Jettee yaadda?

Namni Tokko Gidduu Galeessaan Guyyoota Jireenyaa inni Qabu Guyyoota Kuma 30 hin Caalan!
Yoo Waggoota 80 jiraate Naannoo Guyyoota Kuma 29 Qabaata Jechuudha!
Kana Jechuun Guyyaa tokkittiinille Hammam Gatii Akka Qabu Nu Hubachiisa! Guyyootni Akka malee Dabarsine eessaa Deebifnee Fiduu Dandeenya??
haa ta'u innimmoo Darbeera Har'as Guyyaa Kan Biraa Argaa Jirra hammam Gatii Qabaachaa Jira Nu bukkeetti!

Jireenyi Keenya Tapha Kubbaa miillaa miti saatii Dabalataan Wayii Waaqayyoon Biraa Eeggachuun hin jiru!

KANUMA Keessayyu Namni Guyyoota Jireenya isaati Waan Isa Gargaaruu Danda'u irratti Dabarsuu Muraasadha!

Agartanii Jireenya Keenya Keessatti Guyyaan Tokkolle Gatii Guddaa akkamii Akka Qabu ?
Waanti nuti yeroo hin laanneef Jireenya Nuuf hin laatu!

Показано 20 последних публикаций.