Qoosa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский


Kolfa qofaan umurii keessan dheereffadhaa! Koottaa miira keessan nu biratti haareffadhaa. Qirqirsinees ta'u inuma sin kofalchiisna. 😂😂😂
I blog about marketing and sales
Buy ads: https://telega.io/c/qoosa430

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Статистика
Фильтр публикаций




"'Qarshiif jettee na dhiistee deemte' jedheetu boo'aa jira. Jalqabumayyuu qarshii otuu hin qabaatin maaltu ol utaalchisaan? Bro bara kana qabaachuu qofa otuu hin taane sirritti qabaachuu qabda. Warri durii kan akkaa jedhan lafa gaasha tokko qabaatanii qotiyyoo cimdii tokko qofaan qotuu waan hin dandeenyef namni akkaasii hiyyeessa jedhama ture. Hiyyeessi barasii yoo xinnaate lafa qaba. Atihoo miindaa mana kiraa hin kaffalleen sanuu amma yoo hin hir'ifamin maal abdattee teessi." Jedhaanimmoo hiriyaan isaa biraan.

@Qoosa430


Eenyutu dura du'a

Dhugaa gaaffii kanaaf science'n deebii kenneera. Mee isinhoo maal jettu?

https://vm.tiktok.com/ZMk8vGDCq/


"Hiriyaan koo tokko...

Jaalalleesaa gaafa yaadu nan yaadeeni jedhee natti himee boo'a. "Anatti maaf boossaree dhaqi bilbilii argadhuunii" gaafan jedhuun, "Si biratti boo'ee fixadhee achitti #qofxan jechuufi" naan jedha" jettee natti himte

😂
@Qoosa430


Maatiin mucaa tokko qananii addaan guddisaa otuu jiranii daa'ima lammataa godhatan. Mucaan jalqabaa daa'ima lammataatti inaafuu eegale. Xiyyeeffannoo fi jaalala isa qofaaaf kennamaa ture waan jalaa qooddateef aarii keessa galee waan tokko gochuuf murteesse. Galgala tokko Waan taphatu fakkaatee Harma haadha isaa qoricha hantuutaa dibe. Ganama yemmuu ka'an Abbaan isaa du'eera.

😂
@Qoosa430




Amalli al tokko nama bare nama hin lakkisu. Tokko guard turetu booddeerra itti gaafatamaa waajjira wa'ii ta'e. kunooti maamiltoota hundaa balbala irratti keessummeessaa jira.

😂
@Qoosa430


Репост из: Finfinnee Post
#Anaa_fi_kondominiyeemii 🏢
Namoonni tokko tokko kaffaltii kondominiyeemii kaffaluuf garakoo dhufu. Warri isaaniif bahe 'mee qarshii kana account kondominiyeemii koo irra naaf galchi' jedhanii kokkolfaa dhufanii kokkolfaa deemu. Gammachuu qabu. Sababni isaayyuu mana isaanii keessa jiraatu. Mana fincaanii tokko nama 30 ta'anii hin fayyadaman. Firrikoo dhufe jedhanii hin dhiphatan. Sagalee TV gad qabaa jedhee namni isaanitti dubbatu hin jiru. Yoom asii baana jedhanii hin dhiphatan...

Warri kondominiyeemiin sun utuu isaaniif hin ba'iin kaffalaa jiran ammoo fuulli isaaniiyyuu nama sodaachisa. Qarshii natti kennanii deemu utuu hin taane natti darbatanii deemu yoon jedhe wayya. "Ayi Adaanech...manichi silaa nuuf hin ba'u callisnee qarshii keenya as keenya" jedhanii dalga na ilaalu. Ani akka waan ofiikoo manicha isaan dhowwadheettin ol jedhee isaan ilaaluu sodaadha😭 Kaanimmoo dhufanii "Yookaan mana hin argannu, yookaan qarshiin keenya hin dhalu..." jedhu. Ani ammas akka waan ofiikoo dhala isaa isaan dhowwadhee ofii fudhachaa jirutti natti dhaga'ameen callisee gad jedhee hojiikoo hojjedha.

Jarana na dhiisaa🤲 Anaa fi kondominiyeemii keessan waanti walitti fidu hin jiru. Tarii suufii uffadhee fuldura keessan teenyaan #baala_gizee sinitti fakkaadhee laata? Ani baala-gizee miti, akkuma keessan taa'een #gizee eeggachaa jira😂 Mammaaksa "Jarjaraan re'ee hin horu" jedhu sana siniif jennee jijjiirree jirra. "Jarjaraan kondominiyeemii hin argatu!" 😁

@waaqooF


Galagala tokko Niitiin Haadha ishee faana Dhirsa faana taa'anii otuu taphatanii ishee barbaachisee jennaan ijaan Dhirsa isheef mallattoo kennitee.

Niitii:- Nagaan bulaa Harmee xinnoo mataa na dhukkuba nan rafa.

Jettee galatti ol seenti. Dhirsi xinnoo turee "Ilaaleen deebi'a" jedhee ol seene. Marsaa tokko erga qoricha kenneefii booda xinnoo turee deebi'a. Akka tasaa ziipiin isaa banaa ture

Harmee:- Akkami akkam taate
Dhirsa:- Itti fureera qoricha kenneefin dhufe.
Harmee:- Maaliree mana qorichaa banaatti dhiistehoo?
Dhirsa:- 😳

😂
@Qoosa430


Waggaa Darbe
Isa:- Damma koo anaafi si'i maaltu adda nu baasuu danda'a?
Ishee:- Du'a qofatu gargaar nu baasa

Barana
Isa:- Du'a qofa kan gargar nu baasu hin jennee maalif na dhiistee deemte?
Ishee:- Du'a eenyuu akka ta'e waan hin murteessiniif Adaadoon kiyya duuteetti sanaaf adda baane.

😂
@Qoosa430


Namichatu "Lubbuun jirtiif Udduun xiixxi" jennaan dhuufuu isaa lakkisee, Hiriyaan isaa funyaan qabatee "Deemibboo ajaa'a kee qabadhuutii. Balbala kee seeran hin cufattuu?" Jedheen

@Qoosa430


Haati Manaako Isheen Bareedina Ishee Illaalee Fuudhe Marqaa Hojjettee Daabboo Waliin Moo Buddeenaan Sii Fiduu Naan Jette 😁

@Qoosa430


#JusticeforSalaalee
#JusticeforHorroguduruu
#JusticeforOromoo

Challenge accepted!


Namichatu firaashii galabaa irraa hojjatame irra bulee abjuu isaan sangaan isa reebaa bulee nama abjuu hiiku bira deemee gaafa gaafatu, Hiiktun deebisee "Nyaata isaarra raftee si ariyuu qofaan hafuu keefuu galata galchi" jedheen.

🤭
@Qoosa430


Giiftiikoo?!

Si fuudhuullee
sin fuudha
amalakoo sanammoo
akkam aabba koon godha!?

Amalakoo

Amalakoo suusii hewwaanotaa
Yoon si fudhe akkam goota?!

Ni jiraattaa na qooddattee
masaanuu keen walii galtee?!

Daadhii Taammiruu
@Qoosa430


Interviewer:- Saani kee aannan hagam siif kenniti?
Farmer:- Sa'a ishee kami, sa'a ishee gurraattii moo ishee adii?

Interviewer:- Ishee gurraattii?
Farmer:- Guyyaatti liitira lama.

Interviewer:- Ishee adiin hoo?
Farmer:- Isheenis guyyaatti liitira lamuma elmamti.

Interviewer:- Eessa bulu saawwan kee kun?
Farmer:- Ishee gurraattii moo ishee adii?

Interviewer:- Ishee gurraattii?
Farmer:- Mooraa loonii keessa.

Interviewer:- Ishee adiin hoo eessa bulti?
Farmer:- Isheenis mooraadhuma loonii keessuma bulti.

Interviewer:- Saawwan kee baay'ee babbareedu, maal soorta akkasitti?
Farmer:- Ishee gurraattii moo ishee adii?

Interviewer:- Ishee gurraattii.
Farmer:- margaa fi qoricha (talaallii) yeroo yeroottin kennaaf.

Interviewer:- Ishee adiif hoo?
Farmer:- Ishee adiifis akkasuma margaa fi qoricha (talaallii) yeroo yeroottin kennaaf.

Interviewer:- (baay'ee aaruun) deebiin saawwan lameeniifuu kennitu wal-fakkaataa ta'ee osoo jiruu maalif wa'ee ishee adii moo ishee gurraattii na gaafatta jettaa?

Farmer:- Sababni isaas ishee gurraattiin kan kiyya waan taateef.

Interviewer:- Saawwi isheen adiin hoo kan eenyuuti?

Farmer:- Ishee adiinis kiyyuma 😁

@Qoosa430




Lammii Ameerikaatu akkas jedhe

“Biyyi keenya baay'ee dimookiraatiidha. Amma otoo 'white house bira dhaabbattee ‘Donaald Tiraamp biyyeen si haa nyaatu!’ jetteeyyuu namni sitti bu'u hinjiru”

Lammiin Itiyoophiyaas jalaa qabee,

“Biyyi keenyas akkasuma, dimookiraatiidha. Amma otoo 'arat kiiloo' dhuftee dhaabbattee, ‘Donaald Tiraamp biyyeen si haa nyaatu!’ jettee namni tisiisa sirraa kaasu hinjiru” jedheen

@Qoosa430


Barsiisaa tokkotu utuu cireesaa hin nyaatin sa'aatiin itti barfannaan, cireesaa mi'a laaqana itti qabatu keessa godhatee mana barumsaa deeme.

Baay'ee waan itti barfateef akkuma dareesaa jalqabaa seeneen barattootasaa fuuldura taa'ee mi'a laaqanasaa banatee nyaachuu eegale. Akkuma gaariitti dadachaasee afaan kaawwachaa, koddaa bishaansaatiis banee qomarraa buufate.

Yammuu inni kana hunda godhu barattoonnisaa callisanii ilaalu turan. Afaan kaa'aa isa xumuraa bishaaniin gadi buufatee yoo ol jedhu qindeessaan mana barumsichaa toora dudduubaarra barattoota gidduu taa'ee isa ilaalaa ture. Barsiisichis nahee maal gochuu akka qabu yaade.

"Barattootaa, amma utuun maal godhuu na argitan?"

Barattoota: Firfirii saahinii tokko guutuu utuu nyaattanii isin argine.

"Baayyee gaariidha barattootaa, itti aanseehoo maalan godhe?"

Barattoota: Bishaan litira walakkaa dhugdan.

Barsiisaa: Xiyyeeffannoon keessan baayyee namatti tola. Kanaafuu barsiisaan tokko qindeessaa mana barumsaasaa fuuldura taahee firfirii nyaatee bishaan dhuga taanaan, barsiisicha maal qaba jechuudha?

Barattoota: Ofitti amanamummaa!

Barsiisaa: Ofitti amanamummaan afaan Ingiliziitiin maal jedhama?

Barattoota: Self Confidence

Barsiisaa: Baayyee gaariidha barattootaa; amma dabtara Siiviksii keessanii baafadhaatii mata duree 'OFITTI AMANAMUMMAA' jedhamu waliin baranna.

Barsiisaadhaaf dhiyeessii nyaataa taasisuu caalmaa, mindaa dabaluun waan barbaachisu sitti hinfakkaatuu?

Kan barreesse: Tesfaye Hailemariam
Kan hiike: Gamachu Tsegaye Firisa !
@Qoosa430


Paws

Airdrop ajaa'ibaa Waan notcoin, Hamster, dogs hojjattaniif qofa qabxii siniif laatu kana akka of hin dabarsine

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=77xLZECw
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾

Показано 20 последних публикаций.