Barsiisaa tokkotu utuu cireesaa hin nyaatin sa'aatiin itti barfannaan, cireesaa mi'a laaqana itti qabatu keessa godhatee mana barumsaa deeme.
Baay'ee waan itti barfateef akkuma dareesaa jalqabaa seeneen barattootasaa fuuldura taa'ee mi'a laaqanasaa banatee nyaachuu eegale. Akkuma gaariitti dadachaasee afaan kaawwachaa, koddaa bishaansaatiis banee qomarraa buufate.
Yammuu inni kana hunda godhu barattoonnisaa callisanii ilaalu turan. Afaan kaa'aa isa xumuraa bishaaniin gadi buufatee yoo ol jedhu qindeessaan mana barumsichaa toora dudduubaarra barattoota gidduu taa'ee isa ilaalaa ture. Barsiisichis nahee maal gochuu akka qabu yaade.
"Barattootaa, amma utuun maal godhuu na argitan?"
Barattoota: Firfirii saahinii tokko guutuu utuu nyaattanii isin argine.
"Baayyee gaariidha barattootaa, itti aanseehoo maalan godhe?"
Barattoota: Bishaan litira walakkaa dhugdan.
Barsiisaa: Xiyyeeffannoon keessan baayyee namatti tola. Kanaafuu barsiisaan tokko qindeessaa mana barumsaasaa fuuldura taahee firfirii nyaatee bishaan dhuga taanaan, barsiisicha maal qaba jechuudha?
Barattoota: Ofitti amanamummaa!
Barsiisaa: Ofitti amanamummaan afaan Ingiliziitiin maal jedhama?
Barattoota: Self Confidence
Barsiisaa: Baayyee gaariidha barattootaa; amma dabtara Siiviksii keessanii baafadhaatii mata duree 'OFITTI AMANAMUMMAA' jedhamu waliin baranna.
Barsiisaadhaaf dhiyeessii nyaataa taasisuu caalmaa, mindaa dabaluun waan barbaachisu sitti hinfakkaatuu?
Kan barreesse: Tesfaye Hailemariam
Kan hiike: Gamachu Tsegaye Firisa !
@Qoosa430