Kakuu baay’ee Abdii meeqa utuu qabduu
Eegdee eegdee yoo dadhabduu…
“Hin abdadhu” jettee diddaa?
Abdii kutteemmoo maal fiddaa?
Eelaan garaa - bowwuun mataa
Abdii kutnaan siif salphataa?
Yoos hiibboon kee hiika argataa?
Kana beeki Hagam turus karaan haqaa
Bakka abdatan namaan dhaqa…
Si dhukkubus imimmaan kee coccobsitee
Rakkoo har’aa ciniinnattee yoo obsite,
Ni argita Bara aduun siifis baatu
Fagaatullee Kakuu kan kee ormi hin nyaatu!
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 @Walaloo_Jaalalaa24 💔。/|\。⏺
#share
#join