Dhaloota dhugaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Искусство


Karaa sarara channel kanaa:
Dubbii Waaqayyoo waliin baranna.
◇Jechoota gorsaaf oolan,
◇Barreeffamoota bashannansiisoo,
◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Искусство
Статистика
Фильтр публикаций


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


HUB!
✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.
✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan si caalaa beeku jira.
✓ Hiyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'a.
✓ Lolaaf hin ariifatin, miidhamuu dandeessa.
✓ Karaa hin beekne irra hin adeemin.
✓ Nama hammeenya kee haasa'u hin jibbin, boru isumatu gaarummaa kee haasa'a.
✓ Kan koo qofti haa caalu hin jedhin, nama si dhaggeefatu dhabda.
✓ Seenaa hin dagatin, dhalootaaf dabarsita
✓ Beeka jettee hin taa'in, waan atii hin beekiin baay'eetu jira.
✓ Balleessuuf hin fiigin, kan si balleessuutti baata.
✓ Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasa'in dogoggora qabaachuu mala.
✓ Abdii hin kutatin turullee siif dabarti!
✓ Jal'ina namatti hin yaadiin, jal'aa taatee hafta.
✓ Hojii hin tuffatin, hiyyoomtee haftaa.
✓ Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumaa.
✓ Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gale daftee hammeenya isaa hin haasa'in, yoo walitti deebitan gaabbita.
✓ Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin, tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'uu mala!
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


#Hin_Jarjariin
***
Bara duriiti jedhan Gurbaa dargaggeessa tokkotu Durba isaaf taatu barbaadutti baay'ee dhiphachaa Waggoota dabarse. booda keessa #waa_himtuu biyya fagoo bira dhaquuf utuu karaa deemuu, Leenca tokkotti dhufe. Leenci sunis Gurbaa kanaan "Eessa dhaqxa ?" Jedheen. Gurbaanis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime, Leencichis "Anis Waanan nyaadhu dhabeen eenyuun akkan gaafadhu wallaaleetii adaraa anaafis naaf gaafadhu" jedheen. Gurbaanis "Tole " jedhee bira darbe.

Utuu deemuu Intala Muka jala teessee boossu arge. Isheenis "Eessa dhaqxa ?" Jetteen. Innis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime. Isheenis Adaraa anaafis naaf gaafadhu jetteen. Tole jedhee bira darbe.
Amma muka Bishaan guddaan jala Yaa'u garuu goggogee dhaabbatu arge, Mukni kunis "Eessa dhaqxa?" jedheen, Gurbaanis iddoo dhaquufi waan dhaquuf itti hime, Mukni kunis adaraa anaafis naaf gaafadhu, bishaan na jala yaa'a garuu Ani dheebuudhaan goggogee" jedheen. Gurbaanis "tole"Jedhee darbe.
Utuu deemuu #waa_himtuu bira ga'ee Erga nagaa Wal gaafatanii booda, Rakkoo isaa hunda itti himate. #waa_himtuunis Furmaata rakkoo isaatii Akka inni yeroo dhihoo keessatti argatu itti hime. Jarreen sadan Sanaafis gaafatee isaaniifis waa himtuun Furmaata isaanii itti hime. Gurbaanis dafee galee Abdii isaa kana mana isaatti eeggachuudhaaf Fiigaa sokke, Achii booda Muka sanatti dhufe mukichis "Anaaf hoo maal jedhe?" Jechuun gaafate. Gurbaanis "Ati wanti bishaan si dhowwe albuuda Baay'eetu, si marsee jira, kanaaf Bishaan karaa sitti goru dhabee, namni dhufee albuuda qotee baasu yoo argame Bishaan argatta" Jedhe, jechuun itti himee darbe,
Intalatti dhufe, Intallis "Kan ko maal jedhe?" Jetteen. "Kan kee Gurbaa jarjaraa tokkotu sitti dhufa inni si fuudha'" Jedhe, jechuun itti himee darbe.
Leenca sanattis dhufee.Leencichis "Kan koo hoo maal jedhe?" Jennaan .Ati gurbaa gowwaa tokkotu sitti dhufaa isuma nyaadhu" siin jedhe jennaan "Gowwaan sumaati jedhee isuma nyaate" Jedhama.


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)

Ammuma join godhadhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇


Namoonni free promotion barbaaddan channaliin keessaan 3k,5k,10k, 15k,ta'e free promotion keenyatti dabalachuu feetan karaa username ko kanaan naaf barreessaa 👇
👉 @Daani28


AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBA (7)

1. Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti malee hir'ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu.

2. Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu.

3. Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu.

4. Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku.

5. Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.

6. Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni, dhiphinni fi rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.

7. Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu.

****
Mo'atoo isin haa taasisu rabbi!
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


Kutaa 113✍️
#Waan_Nuu_Kennameef_Osoo_Hin_Taane_Abbaa_Kennichaa_Sababii_Arganneef_Gammaduu_Qabna.

Jireenya keenya keessatti madda gammachuu keenyaa isa sirrii beekuun baayyee barbaachisaadha.Nama baayyeef maddi gammachuu isaa Yesuus isa Abbaa kennaa hundumaa osoo hin taane, wantoota xixiqqoo Yesuus akka itti jiraannuuf nuuf kenne irra dhaabatee jira.Ani garuu akka kiyya tti dhugaa gammachuu dhalli namaa hubachuu qabu tokko kanaan sinitti himuu barbaaduun qaba.
Innis Yesuus isa Abbaa kennaa hundumaa ta'e ta'uu isaa isiniif qooduun jaalladha.
✍️Namoonni baayyeen gammachuu isanii waan yeroo irra jira.Kana yeroon jedhu kanneen akka mana, konkolaataa, gaa'ila, hiriyyaa gaarii qabaachuu, sadarkaa barnootaan guddachuu,biyya gaarii ta'ee keessa jiraachuu fkk fdha.Kun garuu akka macaafa qulqulluutti madda gammachuu dhugaa kiristiyaanaa akka hin taane bareechinee beekuu qabna.
✍️Yesuus,nama waa uumuu danda'u uumee osoo jiruu, akkamitti namni waan uumaan akka ittiin jiraannuuf nuuf kenneef dursa akka kennu anaaf iyyuu hin galu.
Qalbii hafuuraatti deebi'uun keenya dirqama nama waaqayyoof jiraachuu barbaadu tokkooti.
✍️Hamma qalbii keenya haala keenya irraa hin kaafnetti Yesuusiin arguu hin dandeenyu.
Dursa argachuun kan maluuf Yesuus qofa akka ta'e beekuu fi gammachuu isa keessaa argameen immoo jireenya hiika qabu jiraachuu caalaatti wanti nama gammachiisu hin jiru.
Namoonni baayyeen madda gammachuu isaanii isa sirrii waan adda hin baafanneef gaafa wanta gaarii qofti ta'eef gammadu.
Fakkeenyaaf:Yeroo barumsa xumuran, yeroo mana ijaarratan, yeroo dhala godhatan, yeroo konkolaataa bitatan qofa gammadu.
Wanta guddaan nuti hubachuu qabnu, Waaqayyo sababii gammachuu keenyaa kana hundumaa irra hin caala.
Namni Yesuusiin of keessaa qabuu fi hafuuraa qulqulluutiin guutame yeroo hundumaa, danqiiqaa hundumaa gammachuu qaba.
✍️“Waaqayyo gammachuu garaa isaaf waan kennuuf, namni bara jireenya isaatii badhaadhuma iyyuu hin yaadatu.”
— Lal. 5:20
Namni Waaqayyo beekumsa dubbiisaa baayyiseef badhaadhummaa lafa irraaf dursa hin kennu, kan lubbuu isaaf dursa kenna.
✍️Namni lubbuu isaa dursa kennu immoo Waan Waaqayyoon gammachiisu hojjeta.

“Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.”
— Isa. 12:3
“Obboloonni tokko dhufanii, dhugaatti qabamtee akka jiraattu, dhugaadhaaf amanamuu kee mul'isanii yommuu dubbatan, guddaan gammade Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga'uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu.”
— 3Yoh. 1:3
Walumaagalatti namni Yesuusiin beekuu fi isaaf iddoo olaanaa kennu, gammachuu haalaan olii qaba.
Kanaafuu Waan Waaqayyo siif ittiin akka jiraattuuf siif kennetti gammaduu kan caaluu Waaqayyuma mataa isaa madda gammachuu kee godhadhu yeroo sana jireenya boqonnaa gaarii of keessaa qabu jiraatta.
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


1,-> Dubbachuun dura, Yaadi!
2, -> Mallatteesuun dura, dubbisi!
3, -> Barsiisuun dura, baradhu!
4, -> Gorsuun dura, hojiin agarsiisi!
5, -> Muruun dura, safari!
6, -> Ajjeessuun dura, bakka buusi!
7,-> Xiinxaluun dura, hubadhu!
8,-> Amanuun dura, mirkaneeffadhu!
9, -> Du'uun dura, qalbii geeddaradhu!
10,->Murteessuun dura, qoradhu!
11,->Hojjechuun dura, karoorsi!
12,->Dhukaasuun dura, ilaami!
13,->Deemun dura, abdii horadhu!
14,-> Qoosuun dura, adda baafadhu!
15, ->Nyaachun duraa hojjedhu!
16, ->Dhiibuun osoo hin taane malaan
hojjadhu!
17,->Taa'uun dura iddoo ilaalladhu!
18,->Yeroo dubbattu, waan ijoo qofa
dubbadhu!
19,->Yommuu aartu, dafii tasgabbaa'i!
20,Yommuu mariyattu, hubataa ta'i!
21,Yeroo murteessitu, gara kuteessa ta'i
22,->Yommuu, rakkattu, dafii mala barbaadi
23,->Yommuu fudhattu, lakkaa'i!


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


#Dubbisimee
🐰 illeettiitu suuqii dhaqee: "Kaarotii 🥕 qabduu?" jedhee gaafate. Isaanis "Lakkii hin qabnuu" jedhaniin. Guyyaa itti aanus illeettiin 🐇 kun dhufteetuma ammas "Kaarotii qabduu?" jetteen. Jarris aaranii " Kaarotii hin qabnu siin jenneerra; yoo itti deebitee nu gaafatte mataa keetti madooshaa dhaan 🔨 mismaara rukunna" jedhaniin.
Guyyaa 3ffaas illeettiin ammas deemtee "Madooshaa 🔨 qabduu?" jetteen. Jarri suuqiis "LAKKII" jedhaniin. 🐇 Tole "Mismaara hoo qabduu?" jetteen.
Jarris "LAKKII" jedhaniin.
Yeroo kana illeettiin 🐇 fataa jettee "Kaarootii qabduu?" jetteen.😅

Diinni kee akka si sodaachisuuf karaa hin baniniif. Inni homaa harkaa hin qabu. Kaayyoo kee qofa irratti xiyyeeffadhu. Qara Qarri Qare ta'i 🥰
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


❤️🥰Gaarummaan waaqayyoo nuuf godhe, dumeessotarra ol fagaata
Tullootarra in jabaata
Galaanota dachee kana dhuunfatanii jiran irra guddaa in caala.
Amanamummaansaa,araarrisaa gara laafinni isaa, jaalallisaammoo caalmaatti akka nuti isa dinqisiifannuuf nu gargaaru. Walumaa galatti waaqayyo dinqiidha!!!
Ulfinni baraaf barootaa isaaf ha ta'u.
Sisay Yadessa
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


✍️Kutaa 112✍️
#Dhibaa'ummaatti_Akka_Hin_Jiraanneef_Of_Eegi.

✍️Dhibaa'ummaatti akka hin jiraanneef of eeguun baay'ee barbaachisaadha.
Dhibaa'ummaa jechuun waan gochuu dandeenyu, akka waan hin dandeenyetti hojjechuu dhiisuudha. Dhibaa'ummaan jireenya keenya balleessuu keessatti gahee guddaa qaba. Namoonni baayyee jireenya gaarii ni hawwu, garuu dallaa dhibaa'ummaa keessaa bahuun baayyee itti ulfaata.
Osoo baayyee nutti dhaga'amuu jireenyi keenya rakkinaa fi dhiphina hedduun qabamee otoo jiruu, Waaqayyos osoo hin gammachiifne ofii keenyaas osoo hin gammanne Kellaa dhibaa'ummaa keessa jiraanna.
Inni nuti ta'uuf hawwinu kan biraa, kan nuti jiraannu kan biraa ta'ee jireenya keenya gammachuu malee xumurra.
✍️Sababii kanaaf yeroo baayyee nama komachaa jiraanna.
Dhibaa'ummaa irratti dammaquun kan inni fayyadu abbaadhuma.Dhibaa'ummaan harka duwwaa nama taasisa. Dhibaa'ummaan kaayyoo jiraannuuf nu hanqiseetu lafa onaa irratti kadhataa nu godha.
Namoonni jireenyi isaanii dhibaa'ummaan kuulame, yeroo hundumaa jireeya hawwii jiraatu.
Hawwiin immoo hin nyaatamu. Kanaafuu akkuma dubbiin Waaqayyoo jabaannee akka hojjennuuf fakkeenyummaa guddaa nuuf kennu nutis dammaqoo ta'uun keenya barbaachisaadha.
✍️Waanuma hojjennu hundumaaf dadhabbii tokko malee dhalootaaf fakkeenya sirrii taanee darbuutu nurraa eegama.

✍️Dhibaa'ummaa dhiisanii nama dhiibbaa uumu ta'uun baayyee barbaachisaadha
Bu'aan dhibaa'ummaa maali?
1) Hiyyummaadha.(Poverty)
“Namni dhibaa'ummaadhaan hojjetu in hiyyooma, namni cimsee hojjetu garuu in sooroma;”
— Fak. 10:4
2)Hirriba ulfaataa namatti fida.
“Dhibaa'ummaan hirriba ulfaataa namatti fida, hojii malee taa'uunis beela irra nama buusa;”
— Fak. 19:15
3) Mana duuffisa.
“Dhibaa'ummaan mana in duuffisa, harka dachaafatanii taa'uunis mana in dhimm'isiisa;”
— Lal. 10:18
4) Nama irraa adda nama fageessa.
“Nama tokkotti illee ba'aa akka hin taaneef halkanii fi guyyaa hojiitti dadhabnee hojjenne malee, utuu gatii hin baasiniif nama tokko irraa buddeena illee hin nyaanne.”
— 2Tas. 3:8

“Nuyi yommuu isin bira turre, hojjechuu dhiifnee dhibaa'ummaatti hin jiraanne; isinis fakkeenya keenya duukaa bu'uun hammam barbaachisaa akka ta'e ofii keessanii iyyuu in beektu.”
— 2Tas. 3:7
Waan dubbiftaniif ulfaadhaa.
#Share waliif godhaa.
@Sisay Yadessa.
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗲𝗲𝗸𝘁𝗼𝘁𝗮𝗮
✰ Nama tokkoo ol jaalatta taanaan keessa kee kan jiru memory cardii dha malee Onnee miti.
Roobart Mugaabee.
✰ “Mo’attoonni waan adda ta’e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta’een hojjetu.”
Shiiv keeraa.
✰ “Namni kamillee miilla dhoqqeedhaan sammuu koorra akka ejjetuuf hin eeyyamu.”
M. Gaandii.
✰ “Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari’u; jaalalatu jibba ari’a.”
Maartiin Luuter Kiingi.
✰ “Muka ija qabutti dhagaan darbatamu baayyeedha.”
Shiiv keeraa.
✰ “Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.”
N. Maandellaa.
✰"Dukkana guddaa keessa ifa xiqqoon darbuu dandeessa"
Abdii Taammanee.
✰ "Gaa'ela osoo qabduu barattoota dubaraatu si gammachiisa yoo ta'e haadha warraa keef yuunifoormii barataa bitiif."
Roobart Mugaabee.
✰ “Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta’uu qaba hin jedhin.”
Maartiin Luuter Kiingi.
✰ “Addunyaan kun bor ni baddi yoo naan jedhan illee har’a sanyii facaasuu hin dhiisu.”
Maartiin Luuter Kiingi.
✰ “Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama.”
Riichaard Niiksoon.
✰ "Of wallaaluun of awwaaluudha"
Miratuu Shaanqooo.
✰ "Namni waan siin jedhu hindhabu ofiinuu waa jedha waan ta'eef"
Abdii Taammanee.
✰ “Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha.”
Albeert Inistaayin.
✰ “Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu.”
Albeert Inistaayin.
✰ “Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda’e.”
Iyezak Niiwtan.
✰ "Of beekuuf murtoo hinqabdu taanaan of beektes murtoo hinmurteessitu"
Miratuu Shaanqoo.
✰ “Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora kee miti, carraadha. Hiyyeessa taatee du'uun garuu dogoggora keeti.”
Biil Geet.
✰ "Haasaa abbaan barbaade bulbulu ani hindhugu"
Abdii

https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk





Показано 20 последних публикаций.