Фильтр публикаций


Milkaa'inaa jechuun altakkan tarkaanfatani bakka barbaadan gahu osoo hin taane,dadhabbii guddaa boodaa waan dhufu dha.


Yeroo gaarii.


✉️ Namni ati baay'ee jaalattu akkasumas hariiroo cimaa fi turtii yeroo dheeraa waliin qabdu sababiilee kanneeniif yeroo hundumaa si yaadata,...➡️ Itti fufii dubbisi!

          👇👇👇👇
  👉✨See More✨👈
  👉✨See More ✨👈
           👆👆👆👆👆


Sodaa jechuun gochaa tokko raawwachuu ykn raawwachuu dhabuu keetiin miidhaa sirra gahuu danda'u yaadda'uu jechuu dha.

Hin sodaatiin sifana jiraa
#waaqni.


Amala namoota mul'ata hin qabne,

♤ Tilmaama gad aanaa ofiif kennu.
♤ Waan hundaa qajeelummaan hin yaadan.
♤ Nama birootti dubbii hirkisuu jaalatu.
♤ Itti gaafatamummaa fudhachuu hin barbaadani.






Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Video kana Dhaggefadha

Change need serious
💥Pain and Pleasure 💥


💗 Hundeen Jaalala dhugaa yaadota gurguddoo 5n kanneen... See More

✅ Amalootaa fi haasawa dubartiin tokko jaalala ittiin ibsattu keessaa muraasni,,..
      👇
   See More
   See More


"Egereen kee kan uumamu waan har'a hojjetteen malee boru miti."

~Roobert T Kiyoosaakii


Sagantaa addaati.

Namootni galmooftani jirtan itti fayyadamtuu.

Carraa kanan ammallee galmooftani itti fayyadamuu dandeessuu.
@JifaraChemeda
@Bacha1439


Abjuu guddaa abjoodhu, cimsii hojjedhu, xiyyeeffannaa qabaadhu, namoota gaarii ta'aniin of marsi!


KANA BEEKTUU LAATA ?

⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadota kanneen keessaa baay'een isaanii kan isa fayyadan osoo hin taane kaallattiidhaanis tahe al kallattiin kan isa miidhaniidha.
⚫Dandeettii yaaduu sammuu isaa 10%_12% qofa itti fayyadame dhalli namaa (Shiiv keeraa).
⚫Haaloo qabachuun kan inni miidhu namicha sitti balleesse sana osoo hin taane si isa haaloo qabateedha.
⚫Raawwatee namni dogoggora hin uumne isa du'e qofa akka tahe beektaa? Garuu dogoggora irra deddeebi'uun immoo balleessaadha.
⚫Namni gahumsa g/galeessa qaba jedhamu tokko yoo xiqqate dandeettiiwwan adda addaa 500_700 qaba. (Riik Waaren)
⚫Namoota addunyaa irra jiran hunda keessaa kan bakka si buhuu dandahu hin jiru.
⚫Toomaas A.Ediisen ampuulii hojjechuuf yeroo yaalaa ture, yoo xiqqate si'a 10,000 ol dogoggora hojjeteera. Yeroo yaalu kanas utuu mana keessaa hin bahin guyyoota 8_9 mana cufatee tura.
⚫Biyyi Neezerland ykn Hoolaand biyyoota ifa aduu haalaan hin arganne keessaa ishee tokkoodha. Garuu oomisha midhaan nyaataan beekamtuudha. Akkamitti? Teknooloojii ammayyaa kan Giriin Haawus jedhamutti fayyadamuun haala hin mijanne haala mijataatti jijjiiruun oomisha ishee milkeessiti.
⚫Jeesii Liivermoor sooressa beekamaa ture garuu of ajjeesee du'e.
⚫Liwoon Fireejer sooressa beekamaa ture innis of ajjeesee du'e.
⚫Namoonni ji'atti daqiiqaa 30f isport hojjetan namoota homaa sochii hin goone caalaa 43% umurii dheeraa jiraachuu danda'u.
⚫Onneen keenya yeroo 103,680 akka dhikkifattu ykn waggaa tokko keessatti yeroo 37,843,200 akka dhikkifattu.
⚫Onneen keenya dhiiga gaaloonii 4,300 akka raabsitu kan godhu yoo tahu kunis bara jireenya keenyaa keessatti baarmela biliyoona 13 guutuu danda'a.
⚫Dhiigni keenya kaappilaarota km 960,000 dheeratan keessa yeroo 1,450 akka naannawu godha.(kanan dubbiserraa)




Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
#Good_morning 🙏

Here is the video showcasing our journey in February/2025.


Barreeffama armaan olii kana dubbiiftanittuu?✌️✌️✌️


Mee yoo dhugumaa dubbiiftwn reaction dhan na beeksiisaa asirratti.


🌹Barataa fi Barsiisaa

Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.

Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu.

Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.

Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe.

Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti!

@JifaraChemeda




"Jiruufi amaatii hin tuffaatani" jedhu.

Garuu, #Amaatiin haadha.jiruuno maalidha?


Kanaaf,jireenya jiraannu nuf hin taane taanan tuffaachuu qabnan.


Yes March

Congratulations 👏👏👏👏 namoonni  leenjii ijaarsa dhuunfaa fudhachuun jireenya keessan irratti jijjirama guddaa fiduuf kutannoo qabdan magaalota kanaa gadiitti kennamuuf jira keessan na dubbisaa.

Personal development training qaaman fudhachuu barbaada.

MAGAALAA
#Shashamanee
#Asosa
#Shire
#Bule Hora
#Hawasa
qaaman kennama
March 7 8 9 siniif qophaa'eera
👇👇👇
@jifo26
@Bacha1439


"Waan xinnoo hin guddisin" yeroo tokko tokko wanti nuti dadhabnu waan baayyee xiqqaa ta'eedha. Waan tokko guddas ta'ee xiqqaa Kan godhu ilaalcha keenya. Yeroo saaykolojiin kee sirrii hin jirre guddaa xiqqaa ta'a xiqqaan guddaa sitti ta'a.

Kanaaf waan hundaa qixa sirriin ilaaluuf saaykolojiin ykn ilaalcha sireeeffachuun dirqama ta'a jechuudha. Kanaaf waan xinnaa hin guddisin!.

Dursa gatii kee beekuun wantoota gatii ati kennitu ni murteessa!


Leenjiisaa #Fikiru_Mengistu irraa.

Показано 20 последних публикаций.