ASOOSAMA GABAABAA
💋 DHUNGOO💋
KUTAA 3FFAA
qabadhee..Boquukoo yoon olqabadhu cinakoo hin jirtu. Gaabbiinan mataakoo
ofirraa cire; afuuratu na hanqate muddamnikoo kan duraa caale! maal
abjudhaa? jedheen of gaafadhe garuu wantichi miti. Imaltonni taaksii
sana keessa turan hunduu kan fuuldura taa'es kan duubas garumakoo
ilaalu. "Feestala siif keennu?" nan jedhe, gargaaraan konkolatichaa
muddamakoo hubatee ta'uu hin hafu. Anis ol jedhee isa ilaaleen, ati
maal balleesite aadaa saba Xoophiyaa maraati, guyyaa mataan si
dhukkube marfee tafatti si cabsanii, yoo garaan si ciniinemmoo bunni
siif haa danfu jechuun jedheen callise.
Imaaltonni hunduu afaan qabatan; kan natti cininaterree hin dhibu.
Eenyu inni jettaa laata tarii? mooji abbasaa isa hojiin isaa akkasiiti.
Muddamakoo kanaan bakkan deemuyyuu dagadhee metira dhibbaa ol
darbee yoon of baru qaata Amboo keessaa baanee Magaalaa Meexxiitti
dhihaneerra. Naasuun na buusi ! na buusin! jedhe; konkolachisaan sun
garuu, caalliseema konkolachisa. Dubartiin tokko afaan abaramaa
sanaan, "Waraj ale," jete namni bu'u jira akkawaan jechuu sanaati osoo
isheen dubbattee afaan ishee keessaa hin xumuriin konkolataan qax
jennaan dhaabbate! Anis takka konkolachisaa kana taajjabee bu'e. Faanakoo gara
dudduubaan qajeelche, naan fiige, dafqa ofirran kutaa Yunversitii
Amboo Kaampasii Awwaaroo iddoo amma KAAMPAASII
HAACAALUU HUNDEESSAA jedhamuufi bakkan sirna eebba
kitaaba 'ILAALCHA DHALOOTAA' jedhuuf deemaa turen gahe.
Keessummoonni hunduu bakka qabataniiru, ol seenen teessoo duwwaa
barbaaddadheeman taa'e. Silaa ergan mucittii taaksii keessatti argee
ijjikoo lafa hin argu, gurriikoo nama hin dhaga'u; akkuman taa'een gara
waltajjii yoon ilaalu Baandiin Hora Amboo sangataa sha shanbaa
godhee ho‟isaa jira. Mucaan ani dura taaksii kessatti arges uffata aadaa
Oromoo Gujiin fayyaamtee baandii fuula dura dhaabbattee,
"Baleho, balehoo karaan balehoo
Wayyaane addaan baanehoo
Afuuftu addaan banehoo
Ya gantuu addaan banehoo "jechaa sirbaa jirti! Ani ammoo
teessumnikoo teessoorra waan jiru haa fakkaatuyyuu malee bakkuman
jiru taa‟ee qalbiikoo keessatti,
“ Magaaleeko eenyuu maqankee
Magaalleeko eenyu maqaankee
An rafeen eda abjuun si arge kotu kotu,” jedha ...itti fufaa
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!!
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
yaadaaf👇👇👇
@Abbulaabot
qunnamuuf👇👇