Репост из: Seenaa Jaalalaa
Eelaa Simboo
Kutaa 4ffaa
Guyyaan guyyaa Dilbataa, halkan keessaa sa'a 4:00 ta'eera. Namnis iddoo hojii oolee manatti galuudhaan, kaan irbaata nyaatee rafeera, kaan immoo taa'ee ijoolleesaa waliin taphachaa jira.
Huseenis "har'a gumaa hin baafadhu taanaan dhiignikoo akka dhiiga obboleessakootii dhangala'ee haa hafu" jechaa ofitti gungumaa fi dhaadachaa mana Simboofaa bira gahe.
Asii fi achi ilaalee mooraa Obbo Kariimitti olseenuuf karaa balbalaa sussuke. Garuu akkanni yaade mijataa hin turre. Manni Simboofaa mooraa poolisii federaalaa cinatti argama. Poolisoonni gariin eegumsarra, kaan immoo mooraan ala ta'anii haasa'u turan. Xiqqoo dhaabbatee nama manaa gadi bahu eeguu jalqabe.
Sochiin tokkollee hin turre. Mana Simboofaatii waan rafan fakkaatu. Konkolaataan obbo Kariimis mooraa keessa hin jiru.
Huseenos yoo baay'ee dhaabbatee ture poolisoonni isa gaafachuu waan danda'aniif, suuta jedhee of-duubatti deebi'e. Shugguxii heyyama hin qabne qabatee waan tureef, iddoo sana gadhiisee deemuuf dirqame.
Wiixata ganama sa'a 4:00 keessa yeroo awwaalli obbo Taliilaa raawwachaa turetti, Huseen immoo obboleessa Simboo adamsee hiriyoota isaa gidduutti waraanee miliqe. Hiriyoonni Sanyiis rifatanii maatii birmachiisuudhaan gara mana yaalaatti geessan.
~~
~~
Simboo fi Adam Dirree-Dawaa gahanii mana konkolaachisaan sun mijeesseef keessa boqotan. Guyyaa sana yeroo jalqabaaf Siree tokkorra waliin ciisan. Bifa kanaan manaa baatee Adamiif wareegama kaffaluu yaaddee hin beektu yoo ta'ellee, dubbiin faallaa taatee kabajnishees halkanuma sana fudhatame.
Lameenuu wal haammatanii 'du'a lubbuu malee wanti gargar nu baasu hin jiru' jedhanii irra deebiin waadaa waliif galan. 'Irree nuuf ta'i yaa rabbi' jechaa gargaarsa Waaqaa abdachaa, takkammoo muuziqaa dhaggeeffachaa halkan bareedaa waliin dabarsan.
Konkolaachisichis nama hojii isaan jalqabsiisu wajjin wal-barsiisee gara Finfinneetti deebi'e.
Simboofaan guyyaa lamaaf bilbilasaanii cufatanii waan turaniif, du'a obbo Taliilaa dafanii hin dhageenye.
Gaafa guyyaa sadaffaa hiriyaan Adam bilbilee waan Uumame itti hime. Innis baay'ee gadde. Battaluma miirri isaa jijjiiramee of abaaruu eegale. "Abbaankoo sababakootiin du'e" jedhee of-yakkuu jalqabe. Ni boo'e, ni caraane, imimmaansaas dhaabbachuu dide.
Manatti ol seenee Simboottis fuulasaa jijjiirrate. 'Maaltu Uumame?' jettee yammuusheen gaafattu, 'si dhiisee Finfinneetti deebi'uukooti, Abbaankee gara jabeessichi abbaakoo galaafateera' jedhee deebiseef.
Isheenis ni boosse, qabaatu dadhabe. Baay'ees waan dhiphatteef 'maaloo na dhiistee hin deemin' jettee kadhatte.
Adam garuu "hamma gumaan abbaakoo bahutti nagaa hin argadhu" jedheen.
Waadaan waliif seenanis turtii sa'a muraasaa gidduutti cabe. Nama kaleessa ofitti-amanamummaadhaan "anaaf jedhii maatiikee dhiisii bahi " jedhee dhaadachaa turetu, har'a nyaara guuree "sii waliin jiraachuun natti ulfaata, gumaa abbaakoo baasuun qaba" jedhee Aariidhaan akka maraatuu godhachaa jira.
Simboon waan baay'ee isa jaallattuuf bifa kanaan jijjiiramuunsaa ishee yaaddesse.
"yoo inni na dhiisee bade akkamin ta'a? An isa dhabuu mannaa jedheen wareegama kaffalaa jira, inni garuu nu warra gumaati jedhee na dhiisee deemuufi" jettee imimmaanshee coccophsaa ofitti haasa'uu jalqabde.
Baay'ee waan dhiphattee turteef, hiriyaashee Leensaatti bilbilte. Akka carraa ta'ee Leensaan immoo harmee Simboo waliin, kiliinika Sanyiin keessatti yaalamaa jiru keessa turte.
Akka Simboon bilbilte kan dursee arge Aadde Suutumee ture. Garuu "sagaleekoo yoo dhageesse cufachuu dandeessi waan ta'eef atumti kaasi" jettee Leensaatti himte.
Leensaanis Bilbila kaastee erga nagaa gaafattee booda, waan Uumame hunda itti himte. Obbo Kariim hidhamuu fi obboleessi ishee Sanyiin immoo, nama Eenyummaansaa hin baramneen waraanamee mana yaalaa jiraachuu itti himte.
Simboon isa duraan rifatte caalaa amma naatee ofirra gad-teesse. Itti fuftee "yoon bor dhufe rakkoo qabaa laata?" jettee Leensaa gaafatte.
Itti fufa.......
#Share
#join
#lookoojalaala
#Jaalala_dhugaa
#seenaajaalalaa